Dippilomaatonni Kooriyaa Kaabaa maaliif biyya ganu?

Madda suuraa, Getty Images
Dippilomaatiin beekamaan Imbaasii Kooriyaa Kaabaa biyya Kuubaa ture Sadaasa keessa gara Kooriyaa Kibbaatti baqachuu dhaabbanni basaasaa Kooriyaa Kibbaal Kibxata BBCf mirkaneesse.
Yeroo baayyee waa’ee lammiilee Kooriyaa Kaabaa gara Kibbaatti baqatanii dhaga’uun ji’oota fudhata.
Sababiin isaas namoonni Kooriyaa Kaabaa irraa baqatan osoo uumataatti hin makamin dura hawaasa Kooriyaa Kibbaa irratti koorsii fudhachuu waan qabaniifiidha.
Akka miidiyaaleen Kooriyaa Kibbaa jedhanitti, namni biyyaa bahe kun gorsaa dhimma siyaasaa Imbaasii Kooriyaa Kaabaa Kuubaa jirutti itti gaafatamummaa qabu ture.
Gaazexaan Chosuun Ilboo dippilomaatii kun nama Rii Il Kiyuu jedhamu kan umriinsaa ganna 52 ta’u adda baasuusaa ibseera.
Akka Ministeerri Tokkummaa jedhutti, dippilomaatota, namoota biyyoota alaa jiraatan fi barattoota dabalatee lammiileen Kooriyaa Kaabaa 10 ta’an bara darbe biyyaa bahaniiru. Kunis erga bara 2017 as lakkoofsa olaanaadha.
Dippilomaatonni Kooriyaa Kaabaa akka miseensota beekamoo Piyoongiyaangitti waan ilaalamaniif, aangoo gadhiisuunsaanii tasgabbii fi nageenya biyyattii irratti gaaffii kaaseera.
Imbaasiiwwan cufamuu
Namoonni kunneen aangoo gadhiisun alaatti waggaa darbe Kooriyaa Kaabaa Imbaasiiwwan hedduu cufte.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hanga Guraandhalaatti Kooriyaa Kaabaa ergamoota dippilomaasii 44 (imbaasii jiraattota 39, qoonsilaa waliigalaa lama, fi bakka bu’oota ergamoota sadii) biyya alaatii qabdi.
Kunis bara 2022 irraa 53 gadi bu’eera. Dhiheenya kana Neppaal, Ispeen, Angoolaa, Yugaandaa, Hoong Koong fi Liibiyaa keessatti cufameera.
Ministeerri Tokkummaa Kooriyaa Kibbaa cufiinsa kanaaf qoqqobbii idil-addunyaa Kooriyaa Kaabaa irratti kaa’ame akka sababaatti ilaala.
Imbaasiiwwan dhiheenya kana cufaman bara 1960 fi 1970 keessa yeroo Kooriyaan Kaabaa fi Kibbaa UN keessatti sagalee argachuuf wal dorgomaa turan hundeeffamaniiru,” jechuun Yunivarsiitii Kooriyaa keessatti daayreektarri Inistiitiyuutii Tokkummaa Biyyaalessaa fi Walitti Dhufeenya Biyyaalessaa Naam Sung-wook BBCtti himan.
“Amma garuu kana booda akkas miti, Kooriyaan Kaabaa tattaaffii dippilomaasii ishee gara biyyoota ejjennoo farra Ameerikaa qabanitti qajeelchaa jirti, bakka isaan maallaqa argachuu fi qoqqobbii UN jalaa miliquu danda’anitti.”
Akka Naam jedhanitti dippilomaatonni Kooriyaa Kaabaa hojii isaaniif kaffaltii walakkaa of danda’anii gargaaruu qabu , garuu qoqqobbiin UN maallaqa biyya alaa akka hin arganne taasiseera .
Kanaaf dhiibbaan Piyoongiyaang irraa dhufu dabaluun akka aangoo gadhiisan taasiseera”.
Rakkoon dinagdee dippilomaatoota Kooriyaa Kaabaa mudate ragaa namoota gara Kooriyaa Kibbaatti baqatan irraa akka gaariitti galmaa’ee jira.
Gaaffii fi deebii gaazexaa Kooriyaa Kibbaa The Chosuun Ilboo waliin taasisaniin, Ri iIl-Kiyuu hojjettoonni Ministeera Dhimma Alaa Kooriyaa Kaabaa ''kadhattoota karabaatii godhatan'' jechuun ibsaniiru.
Fakkeenyi kun garaagarummaa guddaa sadarkaa olaanaa dippilomaatotaa fi beenyaa xiqqaa isaan argatan gidduu jiru kan hubachiisudha.

Madda suuraa, Getty Images
Sodaa adabbii
Qormaanni maallaqaa kun osoo jiruu itti gaafatamummaa dippilomaatotaa cimee jira.
Pirezidaantiin One Korea Center kan kanaan dura NIS keessatti xiinxalaa Kooriyaa Kaabaa ta’uun tajaajilaa turan Kuwaak Giil-suup “Kim Jong Un imaammata Kooriyaa lamaa leellisuu isaatiin” qorannoo fi sakatta’iinsi naamusaa dabalaa dhufeera jedhu.
Dippilomaatonni amma doorsifamuu fi egeree maatii isaaniis caalaatti yaadda'u,'' jedha.
Jalqaba bara kanaa Kuubaa fi Kooriyaa Kibbaa waggoota 65 booda yeroo jalqabaaf hariiroon dippilomaasii uumuun isaas dippilomaatota Kooriyaa Kaabaa Kuubaa keessa buufatan irratti dhiibbaa dabaluu mala.
Waliigaltee kanaan dura Kuubaa fi Piyoongiyaang yeroo dheeraaf michoota turan.
UK keessatti itti aanaan ambaasaaddara Kooriyaa Kaabaa kan ture Thae Yong-ho kan bara 2016 aangoo gadhiise Rii Il-Kiyuu waliin michuu dhiyoo ta’uu isaanii Feesbuukii irratti ibseera.
“Hojiin Rii inni guddaan hariiroo dippilomaasii Kuubaa fi Kooriyaa Kibbaa dhaabuu ture,” jechuun barreessaniiru.
Qajeelfama Piyoongiyaang hojiirra oolchuuf yaale, garuu fedhiin Kuubaa gara Kooriyaa Kibbaatti guddachaa dhufuun carraa akka hin qabne dubbateera.”
Dippilomaatota walgahii Ameerikaa fi Kooriyaa Kaabaa bara 2019 hin milkaa’in irratti hirmaatan irrattis, biyyaa ari’uu fi ajjeechaa dabalatee miidhaa hamaan akka irra gahe gabaafameera.
Dhiibbaa dippilomaatoonni ganuun qabu
Dippilomaatoonni Kooriyaa Kaabaa baqachuun bara 1990 keessa kan eegalee yoo ta’u, lakkoofsi dhugaa sababa hin gabaafamneef dabaluu hin oolu.
Akka Dr Kuwaak yaadutti, warri jalqaba biyyaa baqatan kan akka Ko Young-hwan (barreessaa jalqabaa duraanii Imbaasii Kooriyaa Kaabaa Koongootti argamu, kan bara 1991 gara Kooriyaa Kibbaatti baqate) dippilomaatota booda dhufan irratti dhiibbaa guddaa geessisaniiru.
Dippilomaatota Kooriyaa Kaabaa, kanneen duraanuu biyya alaa buufataniif, carraan biyyaa bahuu kan lammiilee biyyattii keessa jiraatanii i wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu akka saalphaa ta’etti ilaalama.
Haa ta'u malee, akkuma namoota biroo ammallee nageenya maatii isaanii Kooriyaa Kaabaa jiraatan mirkaneessuu waan hin dandeenyef yaadda’u.












