Barattoota Kooriyaa Kaabaa akka Kiim Jong Unitti rifeensa sirreeffachuuf dirqisiifamaa turan

Kiim Jon Un waraana biyyattii waliin

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo tokko barattootni dhiiraa yuunvarsiitii Kooriyaa Kaabaa hundi rifeensa isaanii akka dursaa Kooriyaa Kaabaa Kiim Joon Unitti akka sirreeffatan ajaji darbe.

Boci fuula isaanii kan Kiim fakkaachuu dhiisuu mala. Irra bareedes dhiises ajaja fudhatanii akka kan hogganaa isaaniitti sirreeffachuu akka qaban ajajamaniiru.

Halli Kiim Jon Un rifeensa itti sirreeffatan kaaniif carraa jireenyaa gaariis uumeera.

kaan ammoo lubbuu isaaniifuu sodaa keessa galcheera. Yoo gara ajaja barattoota irratti darbeetti deebinu qajeelfamichi bara 2014 kan darbe yoo tahu, jalqaba magaalaa Piyoongiyaangi keessatti akka hojiirra oolu ajajamuu ‘Radio Free Asia’ kan jedhamutu jalqaba gabaase.

Booda garuu guutummaa biyyattii keessatti akka hojiirra oola jedhame.

Namootni hedduun garuu 'istaayiliin' rifeensa isaaniis tahe boci fuulaa fi mataa isaanii akka kan Kiim Jong Un waan hin taaneef nurraa hin bareedu jechuun mormanii ture.

Garuu ajaja mootummaa waan taheef biyyattii keessatti waan takkaa murtaa’e hojiirra ooluun dirqama tahe.

‘’Akkatti bulchaan keenya rifeensa sirreeffatu addadha. Yoo akkas nan godhadha jette kun waan namoota hunda waliin deemu miti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sababni isaa ammo namni kamiyyuu boca fuulaa adda addaa waan qabuufi’’ jechuun ‘Radio Free Asia’ jedhamutti hime.

Lammiileen Kooriyaa Kaabaa Chaayinaa keessa jiraatan ammoo yeroo sana biyya keenya keessattiyyuu ''akkatti hogganaan keenya rifeensa sirreeffatan hin bareedu'' jedhamee amanama.

Sababni isaa kan namoota Chaayinaa keessatti ‘’namoota seeraan ala daddabarsanii fakkaata jedhamu’’ jechuun yaada isaanii kennan.

Korean Times akka gabaasetti ammoo ‘’akkaataan Kiim rifeensa itti sirreeffatan hanga walakkaa bara 2000 keessatti kan namoota seeraan ala addadabrsanii fakkaata’’ jedhamuun beekama.

Waggoota 17’f Kooriyaa Kaabaa kan bulchan abbaan Kiim Jong Un nama dheeraa fakkaachuuf rifeensa isaanii irra keessaa ol kaasanii muratu ture jedhama.

Haa tahu malee bara 2014 keessa namootni gara Piyoongiyaangi deeman namoota hedduu irratti jijjiirama sirreefama rifeensaa akka hin argine himanii ture.

Hogganaan Kooriyaa Kaabaa dhiirri hunduu na fakkaachuu qaba jedhan araara godhaniif tahee maaliif akka ajaja sana irratti akka callisan garuu waanti jedhame hin jiru.

Beeksisa sirreefama rifeensaa dubbii kaase

Landan keessatti ture. Manni rifeensaa M@M Hair Academy jedhamu tokko yeroo hojii isaa poostera irratti beeksisu suuraa Kiim Jon Un fayyadamuun maxxanse. Suuraa Kiim jalatti waan barreeffame "Bad Hair Day?" jedha ture.

Osoo hin turiin qondaalonni imbaasii Kooriyaa Kaabaa mana rifeensaa kana barbaaduun poolisii qabatanii deeman.

Namni achii rifeensa sirreessaa ture Kaarim Nabaach jedhamu poolisii qabatanii dhufanii manichaa fi hogganaa mana hojichaa poolisiitti agarsiisan jedhe.

Poolisiin ammoo ‘’qaama dhimmi ilaallatu hundatti dubbanneerra. Garuu balleessaa irratti hin arganne’’ jechuun akka deebiseef BBCtti hime.

Beeksisi sun Eebla 9 bara 2014 ammas deebi’ee maxxanfame. Qondaalota imbaasii Kooriyaa Kaabaati kan jedhan namootni lama deemuun hogganaa mana hojichaa Mo Nabaach barbaanna jedhan.

Karim Nabaach ammoo ‘’nuyi poosterii kana kan maxxansineef ji’a Eeblaa kana keessa qofa haala Kanaan dhiirotaaf rifeensa sirreesina, jechuuf malee balleessaaf miti jedhee akka deebiseef dubbata.

Yeroo sanatti ammo dhiirotni Kooriyaa Kaabaa akkaataa Kiim sirreeffataniin qofa akak sirreeffatan yeroo murtaa’e ture.

Tarii lammiileen Kooriyaa Kaabaa biyyicha jiraatan beeksisa kana arganii akka deemanii sirreeffataniif taha.

’’Nutu hin beekne malee imbaasiin Kooriyaa Kaabaa lafa hojii keenyarraa deemsa daqiiqaa kudhanii qofa fagaata. Kanaaf odeeffannoo guutuu qabu kan jedhe Kaarim guyyaa itti aanu qondaalonni imbaasichaa baay’atanii dhufuun hogganaa manichaa ira deebiin gaafatan jedhe.

"Elaamee, kun Kooriyaa Kaabaa miti. Kun Ingilaandi biyya dimokiraasiin bultu keessadha jiraanna. Lafa hojiikoo gadhiisaatii naa bahaa’’ jedhee akka deebiseef BBCtti himeera.

Poolisi magaalittiittis haala kana akka beeksise hime.

Dubbiin kun dhagahamuun isaa garuu bu’aa tokko buuseef. ‘’Guyyaa Sanaa jalqabee namootni hedduun poosterii keenya dubbii kaase daawwachuu dhufaa turan’’ jedhe Kaariim Nabaach.

Maamilootni keenya dhaabbatoon dhufanii yoo kana dhagahan baay’ee dinqisiifataa turan.

Namootni daandiirraa nutti goran hundi nu dinqisiifatanii nuufis carraa hojii bal’aa nuuf bane. Garuu akka kan Kiim sanatti nuuf sirreessii namni jedhee nu gaafate hin jiru jedhan.

‘’Nuyis siyaasa wayiif jennee osoo hin taane ittiin gabaa argachuuf qofa suuraa sana fayyadamne.’’

Kiim Joong Un fakkaachuun aarsaas kaffalchiise jireenyas jijjiireef

Kiim Jon Un isa sobaa dorgommii Olompikii irratti nama bashannsiisaa ture

Madda suuraa, Getty Images

Bara 2018 yeroo hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joon Un pirezidaantii US yeroo Sanaa Doonaaldi Tiraampi waliin dubbii jabaa walitti adrbachaa turan sana namootni maqaan isaanii waliin ka’u biros jiru.

Tokko Howaard X kan jedhamu yoo tahu komediyaanii Hongi Kongi keessa jiraatudha.

Tokko ammoo Kooriyaa Kibbaa Sehul keessa kan jiraatu Minyong Kiim nama jedhamu yoo tahu lameen isaanii Kiim Jong Un fakkeessuu fi akkeessuun beekamu.

Isaan guyyaatti galii guddaa argataa turan. Waldaa Akkeessitoota Kiim Jon Un jechuunis akka hundeessan himu. Kun viiidyoo hojjetan irrattidha.

Namootni kunneen lamaan Kiim akkeessuu fi fakkeessuun hedduu waan beekamaniif bakka hedduutti bashannanaaf barbaadamaa oolu.

Qaamaanis Kiim fakkaatu. Rifeensa isaanii akka kan Kiim sanatti sirreeffatu.

Guyyaa guyyaatti Viidiyoo Geemii taphatan keessatti, iddoowan gurgurtaa gurguddoo [mall] keessatti, guyyaa dhaloota biliyeenerootaa arratti argamuun baacoodhaan bashannansiisuun guyyaatti tokkoon tokkoon isaanii hanga doolaara 10,000 argachaa turaniiru.

Kiim Joon Un misaa’ela wayii yoo furgageessuu dhagahame ykn Tiraampi waliin bilbilaan dubbatan jedhamu baacoof jecha bilbillikoo guyyaa guutuu qaba’’ jedhe Howaard X.

Howaard namoota Tiraampii fi Putin fakkeessuun beekaman waliin saganataa gurguddaa irratti baacoo hojjechuun beekama.

Minyongi ammo KFC waliin hojii beeksisaa waliigaltee mallatteessun galii guddaa irraa argataa ture.

Yeroo Kiim Jon Un gara aangootti dhufe anaaf yeroo dhiphinaa ture kan jedhu Minyong, Kiim waa dubbanaan ykn waa goonaan hoggantootni koo dhufanii har’a sababakeetti nuu dhumateera na jedhu jedhe.

Yeroo sana Kooriyaa Kibbaa keessatt tajaajila loltummaa kennaa ture.

Garuu Kiim Jon Un fakkaachuun isaa akka tarii namootni isa sehanii tarkaanfii irratti hin fudhanneef yaaddoo uumaa ture.

Erga tajaajila loltummaa isaa sana xumuratee bahee garuu rifeensa isaas akka kan Kiim sanatti sirreeffachuun hojii baacoo jalqabe.

Namoota hedduun isa hordofuu jalqaban. Kanaan namoota bashannansiisaa madda galii guddaa godhachuun guutummaa biyyichaatti ittiin beekame.

‘’Karaarra namootni hedduun suuraa na waliin ka’aa turan. Guyyaa itti aanu miidiyaa irratti afeerameen dubbachuu jalqabe. Ji’a tokko keessatti kaampaanotni adda addaa hojii beeksisaa na waliin mallatteessuuf bilbiluu jalqaban jechuun akkaataatti beekamtii isaa jalqabe dubbata.

Howaardi ammo gaafa Ebla tokkoo ‘’Guyyaa Sobaa’’ jechuun namootni itti yaadatanii Feesbuukii irratti Kiim jechuun suuraa isaa maxxanse. Howaard Kiim waliin waan baay’ee wal fakkaatuuf namoota hedduun Fesbuukii irratti qoodan.

Beekamtiin isaa asirraa jalqabe madda galii guddaa taheefii ittiin jiraachaa ture.

Ofii deebi’anii kaampaanii mataa isanaii bananiiru. Minyong akka Kiim Jon Unitti uffachuun magaala bahajedhe.

Namni na arge hundiwaan na afeeruuf maallaqa qabadhee bahuun narraa hin eegamu jedhe.

Haa tahu malee Kooriyaan Kaabaa namni Kiim Jon UN akkeesse ni adabama jechuun ibsa baaste.

Namoota kanneen lamaanis doorsisaa turan.

Oosoo hin turiin ‚Email‘ Minyon butame. Qaamni tikaa Kooriyaa Kaabaa yoo ilaalu basaastota Kooriyaa Kaabaan tahuu bira gahame.

Hojii kana akka dhaabu maatiin isa gaafatanis maallaqa guddaa waan itti argataa tureef hin dhaabne.

Namootni lameen hojii Kanaan ofiif tujaara tahaniiru. Adunyaa irra Putinii fi Obaamaa dabalatee namootni gaggeessitoota bebbekamoo akkeessuun baacanii jiraatan jiru.