Waraqaan ololaafi doorsisni dirooniin facaasu muddama Kooriyaa Kaabaafi Kibbaa hammeesse

Madda suuraa, Getty Images
Kooriyaan Kaabaa gara magaalaa guddoo isheetti Kooriyaan Kibbaa diroonii ergiteetti jechuun himannaan muddamni ji’ootaaf ture ittuu hammaateera.
Dirooniiwwan garas balali’an magaalaa Piyoongiyaang waraqaawwan ololaa facaasuun akka Kooriyaan Kaabaa jettutti ‘’lola ykn waraanatti waamaa jiru.’’
Mootummaan Kooriyaan Kaabaa loltooti daangaa akka dhukaasaaf qophaa’an ajajeera.
Kooriyaa Kibbaas gamasheen deebii kennuuf qophii dha jettee jirti. ‘’Nageenya lammiileeshee balaa irra buunaan ''dhuma mootummaa Kooriyaa Kaabaa'' akka tahu akka agarsiistu himte.
Gaafa Kibxataa Kooriyaan Kaabaa daandii Kooriyaa Kibbaatti qunnamsiisu barbadeessiteetti.
Kiim Joong Uun Amajji darbe mootummaan Kooriyaa Kibbaa diina tokkoffaa jechuun labsuun booda muddamni miilanaa kuni isa guddaa dha.
Maaltu tahaa jira?
Gaafa Onkololeessa 11 ministeerri hajaa alaa Kooriyaa Kaabaa torbanoota lamaan darbaniif halkan dirooniin Kooriyaa Kibbaa irraa erga turte. Kanaanis waraqaawwan ‘’ololaafi waan waa’ee hin baasne,’’ Piyoongyaang keessa facaasaa turte jedhe.
Obboleettiin hogganaa Kooriyaa Kaabaa, Kiim Yoo-Joong Kooriyaa Kibbaatiin gochaan kuni irra deebiinaan ''gatii baastaa'' jetteen. Boodarras ''gareen waraanaa yakkamtootaa,'' dubbii kana duuba akka jiru ''ragaa ifa'' tahe arganneerra jette.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kooriyaan Kaabaa dirooniiwwan daangaa samii isheerra balalii’an jetteefi waraqaawwan ololaa bittifaman suuraa sirriitti hin mula’nneen qooddus qaama walabaan mirkaneessuun hin danda’amne.
Kooriyaa Kibbaa jalqabrraa diroonii gara Kaabaatti erguu waakkattus, boodarra garuu qondaallii olaanoo biyyattii himannaa Piyoongyaang kana haaluus tahe mirkaneessuu hin feene.
Rogeeyyii Kooriyaa Kibbaa kanaan duras afuuffee fayyadamuun waraqaa qabiyyee wal-fakkaataa qabu ergantu ammas erge yaadoti jedhanis ni ka’u.
Paark Saang-haak hogganaan Warraaqsa Qindoominaa Bilisummaa Kooriyaa Kibbaa isa Kooriyaan Kaabaa ‘’rogeeyyii dha,’’ jechuun himattu ‘’nuti diroonii tokkoyyuu hin ergine,’’ jedha.
Gaafa Wiixataa Kiim hogganaa waraanaa fi ministeerota nageenyaa akkasumas ittisaa waliin wal arguu maddi oduu Kooriyaa Kaabaa KCNA gabaaseera.
Kiim, ‘’tarkaanfii waraanaa hatattamaafis qajeelfama kaa’eera akkasumas qondaaloti kunneen mirga ofirraa ittsuu akka fayyadaman garuu waraanni akka hin dhalannee imaammata humna ofii agarsiisuu akka fayyadaman,’’ jechuun ajajeera.
Dubbii- himaan Waajira Waraana Waloo Kooriyaa Kibbaa Lii Saang-Joon warra Kaabaa daandii biyoota lameen quunnamsiisu barbadeessuun ‘’dubbii barbaaduu hamma xiqqoo,’’ raawwachaa jiru jedhan.
Daandii kana barbadeessuu Kiim Kooriyaa Kibbaa wajjin marii tokkoyyuu akka hin barbaanne agarsiisa jedhu xiinxaltoonni.
Daandiin kuni barbadaa’uu hordofee Kooriyaa Kibbaa daangaa ofirraa meeshaa waraanaa dhukaasuun humna ofii agarsiisaa, Kooriyaan Kaabaa immoo eegumsa akka jabeessitu taheera.
Sa’atii murasaan booda Bulchiinsi Giyoongii kan daandiin keessatti caccabe kuni kan magaalaa guddoo Kooriyaa Kibbaa Seewuliitti naanna’ee jiru dha. Iddoowwan daangaarra jiran 11 ‘’naannoowwan balaa’’ jedhamuun adda baafamanii namoonni waraqaawwan ergaa farra Kooriyaa-Kaabaa qabatan akka hin ergamne taasifamaniiru.
‘’Bulchiinsi kuni gara Kooryaa Kibbaatti waraqaawwan kunneen erguun akkaan balaa kan qabu tahuufi waraanatti waamicha dhiyeessuu dha,’’ jechuun bulchaan miidiyaaletti himaniiru.
Waraqaalee kuunneen gamas erguun ‘’nageenya jiraattota keenyaa balaarra buusa,’’ jechuun hariiroon biyyoota lameen gidduu jiru akkaan hammaachaa dhufus eeran.
Kuni maal agarsiisa?
Akka xiinxaltoonni jedhanitti Kooriyaan Kaabaa carraa kana fayyadamuun biyyattiin yaaddoon akka jiru dhiyeesuun deeggarsa biyya keessaa walitti qabaa jirti.
Piroofeesarrii saaynisii siyaasaafi dippiloomaasii Doong Kaang Yunivarsiitii Busaan irraa, ‘’mootummaan Kooriyaa Kaabaa siyaasa sodaafi diina alaa qabaachuu irratti hirkata,’’ jedhu. ‘’Yeroo muddamni jiraatu mootummaan biyyattii amanamummaa argachuuf jecha yaaddoo alaa irratti xiyyeefata,’’ jedhan.
Akka xiinxalaan kuni jedhanitti biyyooti lameen kunneen ‘’tapha dabeessaa’’ keessa waan jiraniif qaamni lameenuu ‘’dursanii waa gochuuf,’’ eeyyamamoo miti.
‘’Gamni lamaanuu kennanii, fudhchuu hin barbaadan,’’ jedhan Piroofeesar Kiim Doong Yaap Yunivarsiitii Qorannoo Kooriyaa Kaabaa Sewuul irraa.
Rakkoon wal-amantee waan jiruuf Sewuul ‘’ haala walxaxaa kana akkatti to’attu itti yaaduu qabdi,’’ jedhu Kiim
Kooriyaa Kaabaafi Kibbaa waraanatti galuuf jiru?
Ammatti, lakki jedhu xiinxaltoonni.
‘’Haalli amma jiru gara waraanaatti ce’a yaada jedhu hin qabu. Kooriyaan Kaabaa deeggarsa keessoo jabeessuuf jecha muddama kana fayyadamaa jirti,’’ jedhu Pirofeesar Kaang.
‘’Kooriyaan Kaabaa waraana jalqabuuf humna qabaachuun nan shakka jedhu.
Dirooniin gara Kooriyaa Kaabaatti balali’uun kuni ‘’loluma ololaa tahee hafa,’’ jedhu Piroofeesara Maam Saang-Wuuk.
Biyyooti lameen gatii waraanaa guutuutti galuun baasuu malan baachuu waan hin dandeenyeef, ‘’carraan meeshaa waraanaa niwukileeraa fayyadamuun baayyee gad-aanaa dha.’’
Seen-duubeen maali?
Biyyooti lameen kunneen bara 1953tti yeroo Waraanni Kooriyaa goolabamu waliigaltee nagaa waan hin mallatteessineef akka waraanatti akka jiran lakkaa'ama.
Kooriyaa Kibbaatti makamuun dhimma ijoo tahus boodana garuu waan fiixaan bahu tahaa hin jiru. Amajji darbe ammoo Kiim yaada Kooriyaa Kibbaa waliin deebi'anii walitti makamuu itti dhiisuu ibsaniiru.
Kiim Raashiyaa waliin walitti dhiyaachuun Ameerikaa fi warra Lixaa deeggartoota Kooriyaa Kibbaa tahan waliin hariiroo ittuu hammeessa.
Kana malees Kooriyaan Kaabaa michoomni Chaayinaa waliin qabdu akkaan murteessaa kan tahe dha.
Taatee diroonii kanaan dubbii himaan ministeera hajaa alaa Chaayinaa qaamoti hundi, ''wal-dhibdee hammeessuun lolatti ceesisuu dhiisuu qabu,'' jedhan.












