Dureen Kooriyaa Kaabaa yaalii jalqabaa 'diroonii balleessitee baddu, Al'n hojjattuu' doowwatan

Madda suuraa, KCNA
Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Un, diroonii haleellaa raawwattee achumaan ofiis baddu kan hubannoo nam-tolchee (Al)n hojjattu haaraa wayita dowwataa jiranii suuraan kaafame miidiyaaleen mootummaan gadhiifameera.
Suuraalee guyyaan itti kaafaman hin eeramne kun Ejensiin Oduu Giddugaleessaa Kooriyaa (KCNA) kan mootummaan buluun gadhiifame.
Suuraaleen kunniin Kiim bakka balaliitti qondaaltota waliin diroonii osoo dowwataa jiran agarsiisu.
Kiim karoora oomisha meeshaalee kanaa babal'isuuf waliigaluu isaanii KCNAn dabaluun ibseera.
Xiinxaltoonni akka jedhanitti, guddinni teeknooloojii amma mul'ate kanaa tarii kan gargaarsa Raashiyaan argame ta'uu hin oolu.
Kooriyaan Kaabaa yeroo dhiyoo asitti loltootashee Raashiyaaf erguun Yukireen keessatti Mooskoo gargaaruun lolaa akka jiraan gabaasaaleen ni agarsiisu.
Daarektarri olaanaa Dhaabbata Imaammata Teeknooloojii Korneel Biruuks fi oggeessi diroonii, Jeems Paatoon Roojars, dirooniin waraanaa kun "firii" walitti dhufeenya cimaa hoggantoota biyyoota lamaanii jidduutti waggoota dhiyoo asitti uumamee ta'uusaaf ragaa ta'uurratti waliigalu.
Kooriyaan Kaabaa jalqabarratti dirooniin jiraachuu isaanii kan ibsite turte yoo ta'u, Hagayya 2024 keessa bakka qiyyeeffannaa isaatti kufuun caccabee ture.
Yeroo sanatti KCNAn Piyoongiyaang ''teknooloojii hubannoo nam-tolchee'' meeshaalee waraanaa keessatti tajaajila irra oolchudhaaf ''cimsanii'' hojjetu jedhee ture.
Paatoon Roojars amma Piyoongiyaang dandeettii akkasii guddifachaa jiraachuun ishee ''Kooriyaa Kibbaa fi hawaasa addunyaatiif yaaddessaa ta'uu qaba'' jedhan.
''Kooriyaan Kaabaa ifatti eegeere waraana isheetiif diroonii irratti cimsitee hojjataa jirti'' jechuun BBCtti himan.
''Dhimmi cimaa garuu algorizimiinwwan kunneen hangam cimoodha, naga qabeeyyiidhaa, akkasumas haala nageenyaa laaffataa handaara galaana Kooriyaa akka hin harbeessinee murtee nageenyaa micciiramaa taasisuudhaaf hangam gahumsa qabu kan jedhuudha."
Dirooniin kun gargaarsa Raashiyaatiin misoomsamunsaa hin oolu jedheera.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Diroonii kanaan alattis, Kiim xiyyaara biyyattii keessatti qilleensarraan dursee akeekkachiisu isa jalqabaa kan ta'a jedhamee yaadamus ifoomseera.
Xiyyaaronni kunnennis caalaatti kan xiyyaara daldalaa fakkaatan siʼa taʼu, raadaarii fayyadamuun naannoo lolaa qilleensa irraan ilaaluu dandaʼu.
Qondaaltonni Kooriyaa Kibbaa, milkaa'in xiyyaarota Piyoongiyaang qilleensarraan dursanii akeekkachiisan kanneenii madaaluuf yeroo dabalataa akka barbaachisu himaniiru.
Meeshaaleen keessoo fi qaamoleen isaa Raashiyaa waliin walitti dhufeenya qabaachuu akka danda'an daayreektarri dhimma ummataa Hoggantoota Waliinii, Lii Suung-jun ibsa Kamisa darbe kennaniin himaniiru.
Kiim Joong Un Raashiyaadhaaf meeshaa waraanaa dhiyeessuudhaan kan himataman yoo ta'u, Vilaadmiir Puutiin ammoo Kooriyaa Kaabaaf teeknooloojii hawaa sagantaa misaa'ela isaanii gargaaruu danda'u kennan jedhamee yaadama.
Waxabajjii bara darbee keessa, Puutiiniifi Kiim waraanni kamiiyyuu yeroo biyyootasaanii mudateetti Raashiyaafi Kooriyaan Kaabaa wal tumsuudhaaf waliigaltee walii mallatteessanii turan.
Baatii darbe ammoo, dhaabbanni basaasa Kooriyaa Kaabaa, biyyiisaanii loltoota sabalataa gara Raashiyaatti reguu beeksiise ture. Kanneen biroo ammoo irra deebiin gara adda waraana naannoo lixa Kurskii bakka Yukireen halallee tasaa itti eegaltetti bobbaasuu himee ture.












