Puutiin karoora Tiraamp Giriinlaand dhuunfachuuf fuula bulchan

Puutiin Kamisa darbe Arktiik Raashiyaa keessatti haasawa taasisaniin, dorgommiin naannicha keessatti cimee akka jiru dubbataniiru

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Puutiin Kamisa darbe Arktiik Raashiyaa keessatti haasawa taasisaniin, dorgommiin naannicha keessatti cimee akka jiru dubbataniiru

Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmir Puutiin, magaalaa guddittii kaaba geengoo Arktiik kan taate Murmaansk keessatti, ''dorgommiin ji'oopoolitikaa naannichaa'' cimee akka jiru akeekkachiisuun, ''hoggansa addunyaa Raashiyaan Arktiik keessatti qabdu cimsuudhaaf'' dhaadatan.

Fakkeenyi inni jalqabaa Puutiin eeran yaada Doonaald Tiraamp Giriinlaandii dhunfachuuf qaban ture. Haata'u malee hogganaan Kiremlin gita isaa Ameerikaa irratti qeequumsa omaatuu hin dubbanne.

Sunis kan agarsiisuu, yeroo ammaatti Waayit Haawusii fi Kiremliin hariiroo deebisanii ijaaruuf yaalaa akka jiraniidha.

"Gabaabumatti, karoorri Ameerikaan Giriinlaandiin walqabatee qabdu cimaadha," jedhan Puutiin haasawa Fooramii Arktiik Raashiyaa Murmaanskitti taa'ame irratti taasisaniin.

"Karoorri kun hundee seenaa gadi fagoo qaba. Akkasumas Ameerikaan fedhii ji'oo-tarsiimoo, waraanaa-siyaasaa fi dinagdee Аrkitikii keessatti qabdu sirnaan hordofuu akka itti fuftu ifaadha."

"Giriinlaandi yoo ilaalle kun dhimma biyyoota addaa lamaati. Nu waliin waan wal qabatu hin qabu."

Akkas jedhan pirezidaantiin biyya ollaa walabummaa qabdu irratti weerara guutuu jalqabee fi guutuu Yukireen ofitti makuuf yaadu.

Yeroo Joo Baayiden Waayit Haawus keessa ture, Moskoo fi Waashingitan wal qeequu irratti sagalee guddaa dhageessisaa turan. Akkamitti haalli jijjiirame?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Har'a Raashiyaan Ameerikaa waliin naannoo Arktiik kan qabeenya uumamaatiin guutame keessatti yaada tumsa dinagdee tarkaanfachaa jirti.

"Dameewwan murtaa'oo mootummaan Raashiyaan mirkanaa'an keessatti carraa invastimantii adda addaa US waliin ta'uun hojjechuu dandeenyu ilaaluuf banaadha,'' jedhu ergamaan Pirezidantii Puutiin invastimantii alaa fi tumsa dinagdee Kirill Dimitriev.

Hojii gaggeessaa olaanaa Fandii Invastimantii Kallatti Raashiyaa, Mr Dimitriyeev, kanaan dura qondaaltota Ameerikaa waliin marii taasisaa turaniiru.

"Arktikii keessatti tumsi invastimantiif banaadha. Sunis karaa loojistikii ykn naannoowwan biroo Raashiyaa fi US'f faayidaa qaban ta'uu danda'a," jedhan Mr Dimitriev dabaluudhaan.

"Haata'u malee, waliigalteewwan osoo hin taasifamiin dura waraanni Yukireen xumuramuu qaba," jechuun yaada dhiyeessan.

"Namoonni biyyoota lixaa hedduun Raashiyaan adeemsashee harkiftee, araara ykn dhiifama hin agarsiifne, haal-duree kaa'uu qofaa himate," jdhu.

"Ani garuu dinagdee fi invastimantii irratti xiyyeeffadhee waanan jiruuf dhimma siyaasaa irratti yaada hin kennu," jechuun Mr Dimitriev deebii kennu.

"Wanti ani jechuu danda'u tokko, marii baayyee gaarii taasifne, US ejjennoo Raashiyaa hubachuuf yaaluunshee baayyee barbaachisaa natti fakkaata."

Dimitirii gabaasaa BBC Istiivan waliin wayita mari'ataniitti

Moskoo waliigaltee Arktiik fi guutuu Raashiyaa keessaatiin bu'aa guddaa argamsiisu waadaa galuun Waashingitan hawwachuu akka dandeessu ofitti amanamummaa waan qabdu fakkaata.

Qondaaltonni olaanoo Ameerikaa waa'ee waraana Yukireen fi waa'ee Awurooppaa qabxiilee Kiremliin irra deddeebi'anii dubbatan yoo ilaalle, ofitti amanamummaan sun hubatamaadha.

Gaaffii fi deebii dhiheenya kana xinxalaa 'Fox News' duraanii Takar Kaarlisoon waliin taasisaniin, ergamaan addaa Doonaald Tiraamp, Istiiv Wiitkoof, bu'aa rifarandamii Moskootiin qindaa'ee fi naannoo Yukireen Raashiyaan qabamtee fi dhuunfatte keessatti gaggeeffame kan fudhatan fakkaata.

Kenniisnii sagalee sun garuu hawaasa addunyaa biratti beekamtii hin arganne ture.

Hima mata duree gaazexaa Raashiyaa dhiheenya kanaa tokkoo jedheetti: "Amma qondaaltonni Ameerikaa fi Raashiyaa afaan tokko dubbataa jiru."

Aanga'oonni Raashiyaa jijjiirama imaamma galaanaa Ameerikaa Raashiyaa keessatti mul'ate kanaan tasumaa ajaa'ibsiifataniiru?

"[Ameerikaatti] paartileen lama wal dorgoman jiru," jedha Nikolaayi Paatrushev, itti gaafatamaa tajaajila nageenya biyya keessaa FSB Raashiyaa duraanii.

Amma gargaaraa Pirezidaantii Puutiin kan ta'an Mr Paatrushev namoota Raashiyaa keessatti dhiibbaa olaanaa qaban keessaa tokko.

Fooramii Arktiik sana maddiin gaazexessaa BBCtti akka himaniitti: "Dimookiraatonni yoo aangoo irra jiran ilaalcha ta'e qabatu. Rippabilikaanonni ammoo ilaalcha gara biraa qabu."

"Kana jechuuni ammoo ejjennoo Raashiyaa irratti waliigalu jechuu miti. Isaan ejjanii mataasaanii qabu, isaas tarkaanfachiisu, nutis isaan tumsuu dandeenya."

Gabaasaan BBC Mr Paatrushev akkas jedheen gaafate: "Sirni addunyaa haaraan bocamaa akka jiru sitti dhagahamaa?"

"Duraan sirna humnoonni lama addunyaa kana irratti ol'aantummaa qabaataa jiruutti turre. Sana boodas tokko qofaatu ture. Amma addunyaa baayyee sub daneettii taatee ijaaraa jirra. Garuu adda addummaa mataa isaanii qabu," jedhu Mr Paatrushev.

Nikolai Patrushev Waltajjii Arktiik irratti gabaasaa BBC Istivan waliin
Ibsa waa'ee suuraa, Nikolai Patrushev Waltajjii foramii Arktiikii irratti

Giddugala magaalaa Murmaansk keessatti, afuuffeen qurxummii guddaan tokko addabaabayii magaalattii keessaa tokko keessa kaa'ameera.

Fakkiin qurxummii kunis shiiboowwaniin kan hidhame yoo ta'u, galaana baalooneewwa dagaa meetiidhaan fakkeeffamuun qophaa'e irratti bolalii'aa jira. Baaluuniiwwanis qirummicha jalaa qilleensaan waan shubbisaa jiran fakkaatu.

Innis ijaarsa baayyee guddaadha. Garuu Raashiyaan Arktikiifi hariiroo biyyattiin Ameerikaa waliin qabduuf hawwii guddaa qabdi.

Fakkiin qurxummii sunis maatiiwwan hedduun suuraa waliin akka ka'aniif haalaan hawwataa jira.

Hojiin aartii qurxummii guddaa giddugala magaala Murmaansk keessatti argamu
Ibsa waa'ee suuraa, Hojiin aartii qurxummii guddaa giddugala magaala Murmaansk keessatti argamu

Lammiileen Raashiyaa yaada tumsa dinagdee Ameerikaa waliin Arktiik keessatti taasisan akka deeggaranii fi yeroo Waashingitan Moskoo maddii dhaabbachuun mul'attu arguun isaa kan ajaa'ibsiisuudha? jechuun gaafataman.

Eliinaan akkas miti jetti.

''Raashiyaan cimtuudha,'' jetti. "Yeroo hunda warra ciccimoo ta'an deeggaruufi isaan waliin deemuu qabda."

Eliinaan namoota naannichaa giddugala Murmaansk keessatti walitti qabaman keessaa tokko turte
Ibsa waa'ee suuraa, Eliinaan namoota naannichaa giddugala Murmaansk keessatti walitti qabaman keessaa tokko turte

"Arktikii misoomsuu qabna," jechuun Olgaan natti himti. "'Biyyoota michoota' waliin tumsi qabaachuunis waan gaariidha."

"Ameerikaa akka 'biyya michuutti' ilaaltaa?" jechuun gaafataman. "Maal beektaa? Ani murteessuu hin danda'u," jettee deebisteef Olgaan.

Gama biraatiin ergamaan pirezidaantii Raashiyaa Mr Dimitriev, faaruu Ameerikaa addaa tokkoo - Ilon Maask - faarsaa tumsa isaa leellisaa jiru.

"Ilon Maask nama mul'ata guddaa qabu, hogganaa guddaa fi nama baayyee milkaa'aa ta'uu ni amanna," jechuun Mr Dimitriev BBCtti himan.

"Raashiyaan ergama gara Maarsiitti taasifamu keessatti waan baay'ee gummaattuu qabdi. Sababiin isaas teeknooloojiiwwan niwukilaraa tokko tokko kan hojiirra ooluu danda'an qabna."

"Konfaransiwwan karaa viidiyootiin gaggeeffaman tokko tokkos ni jiraatu jennee amanne, garee Maask waliin," jedhan.