Rakkoon Yukireenii fi Raashiyaa gidduutti nagaa waaraa buusuuf danqan maal fa'i?

Madda suuraa, Getty Images
Erga Yukireen fi Ameerikaan guyyaa dheeraaf Sa'udii Arabiyaa keessatti marii taasisuun waliigaltee dhukaasa dhaabuu irra ga'uun isaanii dhagahameen booda amma iji hunduu gara Moskootti garagalee ture.
Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo dubbiin gara Raashiyaatti hafe jedhanii turan.
Deebiin eegamaa tures amma Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin irraa argameera.
Innis yaada waraana Yukireen keessaa yeroodhaaf dhukaasa dhaabuu jedhuuf deeggarsa kan kennan yoo ta'u, haata'u malee walduraa duubaan Ameerikaa waliin mari'achuu qabna jechuun gaaffilee kaasaniiru.
Dhukaasa dhaabuun kamiyyuu gara nagaa yeroo dheeraa geessuu akka qabuu akkasumas 'hundee' walitti bu'iinsaa kan inni jedhee waamu waliin wal'aansoo qabachuu akka qabu cimsee dubbateera.
Waliigalteen dhukaasa dhaabuu amma waan danda'amu fakkaatus, ammallee nagaa dhugoomsuuf gufuuwwan hedduutu jiru.
Dhukaasa dhaabuun Yukireeniif maal buusa?
Walgahii abdii kutachiisaa Pirezidantii Yukireen Volodmiir Zeleniskii fi prezidantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp gidduutti taasifameen torban lama booda, Kiiv Waashingitan waliin marii ijaaraa taasisuuf deebisuu kan dandeesse fakkaata.
Yukireen dhukaasaa dhaabuu guyyoota 30'f waligaluun ishee, dhiyeessii meeshaa waraanaa Ameerikaa fi odeeffannoo basaasaa Kiiv waliin qoodduu deebitee akka eegaltuuf karaa saaqe.

Madda suuraa, Salah Malkawi/Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kiiv mataanshee ilaalcha lolli akka xumuramne kan hin barbaanne Yukireen jedhu sana jijjiiruu danda'usheetti gammaddeetti. Waan kun irra deddeebi'amee Kirmiilii fi dhiheenya kana ammoo Waayit Haawusin ibsamaa ture.
Gama biraatiin, adda waraanaa guutuurratti dhukaasa dhaabuuf waliigaluun, seera bu'uuraa Kiiv waggoota lamaan jalqabaa waraana sanaa keessatti hordofte irratti hundee irraa fagaachuu ture.
Yukireen hanga Raashiyaan loltootashee daangaa Yukireen kan sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii qabu keessaa baaftutti dhukaasa dhaabuu irra deddeebitee mormtee turte.
Dhukaasa dhaabbachuun kamiyyuu Moskoo haleellaa haaraadhaaf akka deebitee of gurmeessituuf qofa kan gargaaru ta'uu falmaa turte.
Kanaafidha jilli Yukireen yaada dhukaasa dhaabuu lafarraa osoo hin taanee kan "qilleensaa fi galaana irratti" qofa qabatanii Jiddaa kan gahe.
Gaaffiin wabii nageenyaa, bu'uuraan eegumsa bifa tokkoon Raashiyaan boqonnaa kanatti fayyadamuun haleellaa haaraa banuu irraa ittisuu, furmaata hin arganne.
Haata'u malee, hoggansi Ameerikaa mariin waa'ee wabii kamiyyuu dhukaasa dhaabuun booda qofa eegaluu akka danda'u cimsanii dhiibbaa taasisuu isaaniitiin Kiiv sana dhiisuu qabdi turte.
Waliigaltee nagaa Raashiyaaf maal argamsiisa?
Yeroo darbe Vilaadmiir Puutiin yeroodhaaf dhukaasa dhaabuu jiraachuun akka danda'u kan kan dubbate yoo ta'u, Kiiv garuu kana akka waan guddaatti hin ilaalle.
Haata'u malee, Puutiin lolli kun yeroo dheeraaf dhaabbachuu irrattis shakkii qabaachuu ibsan.
Akka maddi BBC Kiremlinitti dhihoo ta'e ibsutti, loltoonni Raashiyaa, haal-duree tokko malee dhukaasa dhaabuun adda durummaan Kiiv fayyada jedhanii amanu turan. Sababiin isaas, naannoo Donbas fi bulchiinsa Raashiyaa Kursk lamaan keessatti gara fulduraatti tarkaanfachaa waan turaniif kasaaraa guddaa qabaata.

Madda suuraa, Getty Images
Waraanni kun Kiiv irraa yoo dhaabbate, Puutiin kaayyoosaa galmaan ga'uuf diinummaa deebisee jalqabuu hin oolu jechuun falmu. Kunis yaada 'Raashiyaan amanamuu hin dandeessu' jedhu kan cimsuudha jechuun falmeera.
Ibsa Yuri Ushakov hordofuun waliigaltee dhukaasa dhaabuu ifatti diduun sirrii ta'uu fi dhiisuu isaa ifa miti. Garuu sun marii Raashiyaa fi US gidduu jiru, kan bara aangoo Doonaald Tiraamp fooyya'uu jalqabe, walxaxaa taasisuu danda'a.
Baatii Waxabajjii bara 2024 keessa Vilaadmiir Puutiin haal-duree dhukaasa dhaabuuf qaban ijoo tarreessee ture.
Isaan keessaa loltoonni Yukireen naannoolee Luhansk, Donetsk, Khersonii fi Zaporizhzhiyaa guutuu keessaa bahuu isaanii, amma kutaaleen isaanii qofti Raashiyaan qabamaniiru, Yukireen NATO'tti akka hin makamne dhorkamuufi qoqqobbii Moskoo irratti kaa'ame kaasuun isaanii ni yaadatama.

Kanneen keessaa tokkollee qaama waliigaltee dhukaasa dhaabuu Sa'uudii Arabiyaatti irra ga'amee hin turre.
Faallaa kanaatiin, dhiyeessiin meeshaa waraanaa Ameerikaafi odeeffannoo basaasaa Kiiv waliin qooduun deebitee eegaluunshee Puutiin mufachiisuu hin oolu, isaanis irra deddeebiin gargaarsi waraanaa Yukireenif kennitu sababa diinummaan kun itti fufeef keessaa tokko ta'uu isaa falmeera.
Waliigalteen daangaa karoorfame jiraa?
Raashiyaa fi Yukireenlamaanuu waldhabdee kanaaf furmaata dhaabbataa argachuuf fedhii akka qaban malee yeroo gabaabaaf lola dhaabuu qofa akka hin taane dubbatu.
Kanaafuu, qaamoolee kanneen waliigaltee nagaa dhaabbataa irratti hojjechuu akka hin jalqabne maaltu dhorkarree?
Maddi BBC Kiremlinitti dhihoo ta'e tokko akka hubateetti, sababa mariin kallattiin Moskoo fi Kiiv gidduutti taasifamuu dhabamusaa irraa kan ka'e, ammatti namni yaada karoora addaa kan ejjennoo qaamolee wal waraanaa jiran lamaan ilaalu dhiyeessu hin jiru.
"Sanada qopheessuu qabna, iini ammoo yeroo fudhata. Lammiilee Yukireen waliin taa'uun [wabii nageenyaa Yukireen] irratti mari'achuu qabna, akkasumas 'sarara diimaan' Puutiin maal akka ta'e hubachuuf yaalu qabna," jedha maddi kun.
Raashiyaas ta'e Yukireen marii nagaaf bakka bu'aa addaa muuduudhaafis haalli isaa walxaxaa ta'eera.
Awurooppaan karoora qabattan galmaan gahuuf dammaqinaan socho'aa kan jiran yoo ta'u, ji'a darbe keessa michoonni Yukireen dhimma kanarratti walgahii hatattamaa hedduu geggeessaniiru.
Haata'u malee, dhimmoota akka wabii hanqina nageenyaa Kiiv irratti waliigalteen hin jiru.

Madda suuraa, Getty Images
"Kun dhimmoota haala nama ajaa'ibuun rakkisaafi siyaasaan kan guutamanidha," jedhu Saamu'eel Chaaraap, qorataan olaanaa dhaabbata yaada imaammata addunyaa bu'aaf hin dhaabanne Ameerikaa 'RAND Corporation' jedhamutti.
"Biyyoonni lama waraana gara jabinaa sadarkaa hin amanneen waraana hamaa irratti bobba'an araarama rakkisaa taasisuu barbaachisa. Sunis baayyee ulfaataadha," jechuun, Raashiyaa fi Yukireen gara nagaa qaqabuudhaaf kallattiin marii gochuu qabu jechuun falma.
Giddugala Tarsiimoo Yureeshiyaa Haaraa (NEST) keessatti ogeessa olaanaa kan ta'anii fi bakka bu'aa NATO duraanii Moskootti kan turan Joon Loof qormaanni ulfaataa fuuldura jiru akka jiru waliigalu.
"Dhimmoonni beenyaa, kan qabeenya qabbanaa'e jiru. Kun furuuf waggoota yoo ta'uu baate ji'oota fudhachuuf deema," jechuun BBCtti hima.
Araaramni taasifamu qabu maal fakkaachuu qabaata?
Ejjennoon paartilee hangam akka addaan ba'u fakkeenyi gaariin marii waa'ee bobba'iinsa nagaa eegdota gara Yukireenitti taasifamuu danda'uudha.
Faransaayii fi Biriteen yaada kana leelliftoota ciccimoodha. Tiyooriidhaan biyyoonni biroo kan akka Deenmaark fi Awustiraaliyaas itti makamuuf qophiidha.
Haata'u malee, akka dippilomaatiin Awurooppaa tokko marii walgahii Landan bara 2025 Yukireen irratti gaggeeffame irratti gaggeeffame, kan ifatti mata duree 'Securing Our Future London Summit' jedhuun gaggeeffame jedhutti, biyyoonni baay'een hirmaachuuf quuqama hin qaban.

Madda suuraa, Getty Images
Landan yaada waraana nagaa erguuf qabdu biyyoonni biroos ni simatu jettee abdatte ta'a, garuu biyyoonni Awurooppaa hedduun ammatti haala siyaasaa biyya keessaa rakkisaa ta'e waan isaan mudateef sun hin taane jedha maddi kun.
Akkasumas, aangawoonni Ameerikaa nagaa eegdoota Awurooppaatiif deeggarsa ykn wabii kamiyyuu kennuudhaaf fedhii qabaachuu fi dhiisuu isaanii ifa miti.
Ministirri Muummee UK Kiir Istaarmar deeggarsa Ameerikaa malee ergamni nagaa eeguu akka hin danda'amne ibsaniiru.
Angawoonni Raashiyaa yaada nagaa eegdota Awurooppaa kana cimsanii kan morman yoo ta'u, Moskoo loltoota NATO naannoo daangaa isheetti arguu akka hin barbaanne irra deddeebitee ibsiteetti.
Akka Saamu'eel Chaaraap jedhutti, wabiin nageenyaa dhugaa waliigaltee qophii US fi Israa'el gidduutti bara 1975 marii nagaa Masrii waliin taasisan yaadachiisu ta'uu danda'a.
Yeroo sanatti Waashingitan dhukaasa dhaabuu galmaan ga'uuf gargaartee, Kaayiroon yoo dhukaasa dhaabuu cabsite Israa'el ''tarkaanfii sirreeffamaa'' akka fudhattuuf akka gargaartuu waadaa galte.
Ilaalchi kun maddi BBC Kiremlinitti dhiheenya qabuun kan qooddatamu yoo ta'u, yaadni kunis humni Awurooppaa hidhate Yukireen keessatti argamuu danda'un caalaa Puutiinif waan baay'ee mijata jechuun falmeera.
Hoggantoonni Awurooppaa ejjennoo Ameerikaan qabdu akkuma jiruutti ta'e deeggarsa waraanaa Kiiviif itti fufuuf waadaa seenan.
Haata'u malee, Kiremliin yoo xiqqaate jalqaba weerara kanaarratti baay'inni waraana Yukireen haalaan akka hir'atu kan gaafatte yoo ta'u, "waraana irraa bilisa" gochuun akka galma ishee isa guddaa tokkootti moggaasteetti.
Raashiyaan Yukireen keessatti maal dhiisuuf fedhii qabdi kan jedhus ammalleen banaadha. Puutiin torban darbe maatii loltoota Raashiyaatiin, ''Waan keenya ta'e hin dhiifnu'' jechuun waadaa seenee ture.
Doonaald Tiraamp Mooskoon yoo deebii kennuu baattee qoqopphii dabalataa irra kaa'uuf doorsiseera. Haata'u malee dhukaasa dhaabuun alatti deebii addaa Waashingitan akka Kiremiiliin irraa eegdu hin beekamu..
Kunis gartokkoon bulchiinsi Ameerikaa haaraan akka waliigalaatti hariiroo Moskoo waliin qabu irraa maal akka eegu mirkanaa'uu dhabuu irraa kan ka'edha.
"Raashiyaa waliin walitti dhufeenyasaanii sirreeffamuu akka kaayyootti ilaaluun dhumarratti dhukaasa dhaabuu mirkanneessuu barbaaduu? Ykn dhukaasa dhaabuu akka kaayyootti ilaaluun, adeemsa achirra gahuutiin hariiroo isaanii idileessuubarbaaduu? Nuti hin beeknu," jedha Saamu'eel Chaaraap.












