Puutin bu'uuraalee annisaa Yukireen haleeluu dhaabuu fudhatee, guutummaatti dhukaasa dhaabuu garuu dide

Doonaald Tiraamii fi Puutiin

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Doonaald Tiraampii fi Vilaadmiir Puutiin

Pirezdant Viladimir Puutin Yukireen keessatti dhukaasa hatattamaa fi guutuu ta'e dhaabuu didee, garuu ammoo haleellaa bu'uuraalee anniisaa irratti raawwatamu dhaabuuf qofa waliigaluusaa haasaa bilbilaan Doonaald Tiraamp waliin taasiseen beeksiisan.

Hogganaan Raashiyaa kun dhukaasa dhaabuu bal'aa ji'a tokkoof turu kan gareen Tiraamp dhiheenya kanabakka bu'oota Yukireen waliin Sa'ud Arabiyaatti dhiyeessanii turan mallatteessuu dide.

Waraanni hunda galeessa ta'e hojjiirra ooluu kan danda'u yoo gargaarsi waraanaa biyya alaa fi odeeffannoo basaasaa Yukireen waliin qooduun dhaabbate qofa jedhan. Michoonni Yukireen Awurooppaa kanaan dura haal-duree akkasii didanii ture.

Mariin Ameerikaan waa'ee Yukireen irratti taasiftu Dilbata dhufu Sa'uud Arabiyaa Jiddaa keessatti akka itti fufuu ergamaan Ameerikaa Baha Giddu Galeessaa Istiiv Wiitkoof ibsaniiru.

Waraana waggoota sadiif gaggeeffamaa turen, Raashiyaan dhiheenya keessa daangaa naannooshee Kursk kan ji'a jaha dura waraanniYukireen qabame deebiftee fudhachaa jirti.

Hoggantoonni lamaan mariin nagaa dabalataa saffiisan Baha Giddu Galeessaa keessatti akka gaggeeffamu waliigalan illeen, bu'aan marii bilbila Tiraamp fi Puutiin Kibxata kaleessaa taasisanii ejjennoo Ameerikaan torban tokko dura ture irraa duubatti deebi'ee ta'u agarsiis.

Jilli Ameerikaa Kibxata darbe Jiddaatti gita Yukireen waliin yeroo wal arganiitti, Kiiv yaada dhukaasa dhaabuu guyyoota 30f ''hatattamaa'' lafa, qilleensaa fi galaanaa guutuu akka waliigaltu amansiisanii ture.

Mariin bilbilaa Tiraamp fi Puutiin akkuma xumurameen yeroo muraasa booda Kibxata darbe daawwannaadhaaf Finlaandi Helsinki kan qaqaban pirezidantiin Yukireen Volodymiir Zeleniskiin yaada dhukaasa dhaabuu bu'uuraalee anniisaa jedhuuf banaa ta'uu ibsuun, garuu dursa dhimmicharratti bal'insaa dabalataan akka barbaadan himan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Boodarra haleellaa diroonii Raashiyaa hedduu hordofuun Puutiin dhukaasa dhaabuu dide jechuun himate.

Eddoowwan haleellaa diroonitiin irratti xiyyeeffataman keessaa hospitaala Sumii fi dhiyeessii anniisaa Slovyansk keessatti kan argamu akka ta'e hogganaan Yukireen himaniiru.

"Wanti nama dhibu, keessumaa bu'uuraalee misoomaa siiviilii irratti haleellaan raawwatameera,'' jechuun Zeleniskiin fuula X irratti dubbatan. "Har'a Puutiin yaada dhukaasa guutuummaan dhaabuuf dhihaate dideera."

Tiraamp jalqabarratti karaa miidiyaa hawaasaa irratti mariin bilbilaa hogganaa Raashiyaa waliin taasisaniin ''baay'ee gaarii fi bu'a qabeessa'' ta'uu himuudhaan, ''qaamonni Waliigaltee Nagaa hedduu irratti mari'atameera'' jechuun maxxansee ture.

"Dhukaasa dhaabuu Guutuufi dhumarratti, Waraana baay'ee suukaneessaa Raashiyaafi Yukireen gidduu jiru kana dhaabuuf saffisaan akka hojjennu hubachuudhaan, Annisaafi Bu'uuraalee misoomaa hunda irratti hatattamaan dhukaasa dhaabuuf waliigallerra," jechuun pirezidantiin Ameerikaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii Truth Social irratti.

Bu'uuraaleen anniisaa Yukireen gara %80 boombii Raashiyaan barbadaa'uu isaanii Zeleniskiin baatii Fulbaana darbe ibseera.

Kiiv gamasheetiin gadi fageenyaan naannoo Raashiyaa keessa, dhaabbilee boba'aa fi gaazii irratti haleellaa diroonii fi misaa'elaa raawwatteetti.

Puutiin bu'uuraalee anniisaa haleeluu dhaabuudhaaf erga waliigalan sa'aatiiwwan muraasaan booda Raashiyaa fi Yukireen haleellaa qilleensaa raawwachuudhaan wal himatan.

Zeleniskiin Raashiyaan marii bilbilaa Tiraampiin waliin taasifameen sa'aatiiwwaniin booda haleellaa diroonii 40 Yukireen irratti raawwachuu dubbatan.

Gama biraatiin ammoo, qondaaltoonni bulchiinsa kibba Raashiyaa Kiraasniidaar keessaa, haleellaan diroonii Yukireen raawwattee kuusaa boba'aa irratti ibidda muraasa kaasee akka ture himan.