Kaaba Gojjamitti hidhattoonni 'maaliif barsiistu?' jechuun barsiiftota ajjeesan

Hidhataa

Madda suuraa, Getty Images

Naannoo Amaaraa Godina Kaaba Gojjam, aanaa Kaaba Meencaatti hidhattoonni Faannoo magaalaa Meraawwii seenuun ''maaliif barsiiftu?'' jechuun barsiiftota afur butanii ajjeesuu bulchaan aanichaa beeksisan.

Bulchaan aanichaa yaada BBC'f kennaniin, barsiiftonni kunneen kan irratti xiyyeeffatame ''maaliif barsiiftan?'' yaada jedhuun ta'uu himan.

Ajjeechan kun ALI Bitootessa 11, 2017 hidhattoonni naannicha keessa socha'an kunneen magaala Meraawwiitti raawwataniin barsiisotaafi hojjetoota mootummaarratti miidhaa geessisaniiru jedhan aanga'aan kun.

''Namoonni ajjeefaman kunneen kan siyaasaa looganiif hin qabne, barattoota doofummaa keessaa baasuuf barsiiftota daree seenanii barsiisaniifi hojjettoota tajaajila mootummaa kennaniidha.''

Aanga'aan kunis haala itti ajjeefaman yoo himan, ''kaan daandiirraa qabuun akkasumas kaan ammoo mana manaa fuudhuun ajjeesan,'' jedhan.

Gaaffii barsiisota irratti maaliif xiyyeefatame jedhuuf deebii kan kennan bulchaan aanichaa kun, ''maaliif barsiiftan jedhaniitikaa'' jechuun deebisan.

''Maaliif caasaan mootummaa hojii hojjeta? kan jedhu malee sababni biraan hin jiru'' jedhan.

Waldaan Barsiisotaa Itoophiyaas ajjeechaa barsiisota kana irratti raawwate ilaalchisee gabaasni isa qaqqabuufi gochaan kunis kan balaaleffatu ta'uu beeksiseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Pirezidnatiin Waldichaa Dr Yohaannis Bantii gochaa kana balaaleffachuun walitti bu'iinsi kamuu baruufi barsiisuurraa fagaachuu qaba jedhan.

''Barsiisotaaf barsiisuun hojiisaaniiti. Barsiisonni boronqii qabatu. Dhaloota qaruun gaafatama oogummaa isaanii waan ta'eef hojiisaanii kana hojjetu. Kanaaf gochichi gaddisiisaadha,'' jedhan.

Itti dabaluunis, ''manneen barnootaa qaxanaa walitti bu'iinsaa ta'uu hin qaban,'' jedhaniiru.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad dhiyeenya Paarlaamaa Itoopihyaatti dhiyaatanii wayita gaaffii miseensaaf deebii kennan naannoo Amaaraa keessa hidhattoonni sosso'an ''manneen barnootaa cufuun doofummaan akka babal'atu gochaa jiru jedhanii ture.

"Kan lolaa jirru mootota wallaalummaa waliini. Namoonni kun hin baratinaa, hin yaalaminaa, hin qotinaa warra jedhan. Naannoo tokkotti qorichoota busaa, sukkaaraa fi qoricha HIV mana qorichaatii baasanii gadi naqan. Garuu warra uumataaf qabsoofna jedhaniidha."

''Shiftoonni duriilleen naannoo isaaniitti bakka ijoolleen itti baratan hin tuqan ture,'' kan jedhan MM Abiy, ''warri ammaa garuu warra isaanii gadiiti,'' jedhan.

Himannaa kana ilaalchisee hidhattoota Faannoorraa ifatti wanti jedhame hin jiru.

Bulchana aanaa Kaaba Meencaa hidhattoonni tasa lo'anii galuun ajjeechaa kana raawwachuu mirkaneessaniiru.

Ajjeechaan kun raawwachuu dura hidhattoonni naannicha keessa socho'uun mootummaa lolan kun baruufi barsiisuun akka hin gaggeefamne yeroo adda addaa akeekkachiisa dabarsaa turuu himaniiru.

''Amma dura barsiisota hedduu qabanii akeekkachiisanii beeku'' kan jedhan bulchaan aanichaa, bulchiinsa magaalaa Meraawwii keessatti barsiisota Darajjee Admaasuu, Yesewzer Daanyaaw fi Obbo Kindee namni jedhaman mana barnootaa Maraawwii Koorneel Taaddesee barsiisaa akka turan himaniiru.

Barsiisaan kan biraan, Gadafaaw jedhamu ammoo mana barnootaa Meraawwii Arshaayyaa Sadarkaa Lammaffaa akka barsiisu himan.

Dabalataan, namni hojjetaa mootummaa ta'aniifi waggoota 10 dura kantiibaa magaalichaa turan tokkoofi hojjetaan mana suuraa kaameraa ''fidi jennaan dide'' ajjeefamaniiru jedhan.

Akka bulchaan aanaa kun jedhanitti namootni guyyaa sana bakka adda addaatti ajjeefaman walumatti jaha ta'u.

''Barsiisonni irra deddeebiin qabamanii akeekkachiifni kennamaafi turee'' kan jedhan namni kun, ''Caasaan mootummaa hojii yeroo eegalus aariidhaan guutamanii qabanii ajjeesan.''

Magaalaa Meraawwii bakka barsiiftootni ajjeefaman kana ammatti manneen banootaa cufamanii akka jiran bulchaan kun mirkaneessaniiru.

''Amma naannoo keenyatti barnootni adda citeera. Amma abooda waltajjii qopheessinee hubannoo uumuuf hojjenna.''

Hojjettoota mootummaa, barsiisotaafi hawaasa kaan waliin marii gochuun barnootni akka banamu akka hojjetanis himaniiru.