ABOn 'Finxaaleyyiin Faannoo Wallaggatti Iziin akka of ijaaraan kan aanjesse mootummaadha' jechuun himate

Hidhattoota Faannoo

Madda suuraa, Miidiyaa hawaasaa

Dhaabni Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)n ''hidhattoonni Faannoo Wallaggatti Izii akka ijaaran kan aanjesse dhaaba Badhaadhinaatii,'' jechuun himate.

Dhaabichi ibsa Jimaata Mudde 20, 2024 baaseen, ''finxaaleyyiin Faannoo akka Wallaggatti iziin of ijaartuuf kan aanjesseef qaama mootummaa ofiin jedhu Partii Biltsiginnaati jennee amanna'' jehuun mootummaa biyya bulchu himate.

Naannoo Amaaraa keessatti waggoota muraasa darban hidhannoon mootummaa federaalaa lolaa kan jiru gareen Faannoo, kutaalee Oromiyaa akka Shawaa Kaabaafi Wallaggaa keessatti haleellaa banuun ajjeechaafi miidhaawwan biroo geessisu jiraattoonnii fi aanga'oonni Oromiyaa erga himachuu eegalanii bubbuleera.

Torbanoota muraasa duras Godina Shaawaa Kaabaa aanaa Darraatti hidhattoonni Faannoo ola adeemaa tokko haala sukkaneessaan aalbeedhaan yoo ajjeesan viidiyoon agarsiisuu miidiyaa hawaasaa gubbaa qoodamee dheekkamsa kaasuun ni yaadatama.

Godinaalee Wallaggaa naannoo Amaaraan waldaangeessan kan akka Horroo Guduruu Wallaggaa fi Wallagga Bahaa keessatti aanaaalee Abee Dongoo, Kiiramuu, Amuruufi kaan keessattis lubbuu namoota nagaa galaafachuun qe'eefi qabeenya guddoo mancaasun gareen kun himatamuu BBCn amma dura gabaasee ture.

Tibba kana ammoo hidhattoonni Faannoo Izii Kutaa biyya Wallaggaa (Biizaamoo) hundeessuun miidiyaa hawaasaa gubbaatti viidiyoo qoodameen ibsameera.

ABO ibsa isaa keessatti, ''tibba kana gaafa muddee 17, 2024 Lixa Oromiyaa Wallaggatti, "Iizii Wallaggaa" jechuun humni Faannooo ofiin jedhu of ijaare dura taa'aa godhatee nama Nugusee Waaleliny jedhamuun ibsa kennee of labsuu isaa tamsaasa miidiyaa hawaasaa irratti darbeen dhageenyee argineerra'' jedhe.

Dhaabni ABO ibsa isaa keessatti, ''Oromiyaa keessatti Faannoo aynaa (quality) fi baay'innaan hidda gadi fageeffatee humna jabaa tahee akka ijaaramuuf bara 2019 irraa kaasee mootummaan loojistikiifi maallaqaan deeggaraa turee jedheera.

Hidhattoota WBO balleessuuf duula "Qurxummii Balleessuuf Madda Bishaanii Gogsuu" jedhuun eegale akka deeggaran hidhattoonni Faannoo daangaa Oromiyaa keessa akka socho'an godhamuu hime.

''Ammas ijibbaata qurxummii balleesuutiif jecha finxaaleyyiin faannoo akka Iziin Wallaggatti of ijaartuuf haala kan aanjesseef qaama mootummaa ofiin jedhu Partii Biltsiginnaati jennee amanna.''

Raayyaan Ittisa Biyyaa hidhattoota kanaaf tumsa gosa hundaa taasisuun loojistkaan gargaaraa akka jiru Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n karaa caasaa isaa mirkaneeffatee yeroo adda addatti ummata hubachiisaa ture jedha ibsichi.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhaabbichi uummanni mootummaa fi hidhattoota irratti of ijaaran kana dura akka dhaabatu dhaameera.

Gama kaaniin mootummaan naannoo Oromiyaa hidhattoonni Faannoo kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti raawwataniif Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) himata.

Waraanichi uummtarraa meeshaa ''saamee'' harka duwwaa hambisuuf haleellaa hidhattootaaf saaxileera jedha.

Pireezidantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Adoolessa darbe yaa'ii Caffee irratti wayita dubbatti, uummanni hidhattootaan akka miidhamu kan hiree uume ''Shaneedha'' jedhan.

"Humni kun uummata keenya hiikkachiisa. Sodaa itti naqa. Humni finxaaleyyi ammoo dhufee uummata harka duwwaa jiru ajjeesaa bahe. Shaneen galgala hiikkachiisee haala mijeessa, Finxaaleyyiin ammoo ganama dhufanii ajjeesu. Uummanni keenya kana keessa bahe," jedhanii ture.

Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Darraatti ajjeeechaa gara jabiinaa raawwatameen walqabatee ibsa kan kennan Hogganaan Kominikeeshinii naannoo Oromiya Obbo Haayiluu Addunyaa, ''mootummaan nageenya lammilee tiksuuf finxaalessaa uummata nagaa irraa adda baasee tarkaanfii barbaachisaa ni fudhata,'' jedhan.

Viidiyoo tibba kana miidiyaa hawaasaa gubbaa qoodameen hidhattoonni Faannoo amma dura sochiin Wallagga keessatti taasisan bittinnaa'aa waan ta'eef Izii ijaaruun akka barbaachise ajajaa damee kanaa ta'uun kan filatame Nugusee Waaleliny yeroo dubbatu dhagahameera.

Godinaalee wallaggaa keessatti sababii hidhattoota finxaaleeyyii Faannootiinis ta'e kan mootummaan ABO-Shanee jedhee waamuun sababii Waraana Bilisummaa Oromootiin wal qabatee bakka jireenyasaarraa buqqaafamuun miidhaa garaagaraatiif saaxilamaa jiraachu gabaafamaa ture.

Dhiheenya kana ammoo Mootummaan Naannoo Oromiyaa fi qondaaltota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan Obbo Sanyii Nagaasaatiin durfame jidduutti mallatteeffamuun ibsameera.

Haalli kunis keessattuu godinaalee Wallagga Bahaa keessatti nagaa deebiisiinnaa jedhamee kan abdatamee ture yoo ta'u, amma ammoo finxaaleeyyiin Faannoo naannawichatti izii haaraa hundeessuu himan.