'Ulaa Galaana Diimaaf jennee Ertiraa waliin lola hin seennu' - MM Abiy

Madda suuraa, Office of the Prime Minister-Ethiopia
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad Galaana Diimaaf jecha Ertiraa waliin lolatti akka hin seenne yaa'ii paarlaamaa biyyattiirratti dubbatan.
Dubbiin isaanii kuni yeroo biyyoonni lamaan walitti bu'iinsatti qajeeluu malu jedhamee sodaatamutti dhagahame.
Yaa'ii Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa Kamisa taa'ame irratti dhimmoota Ministirri Muummee Abiy Ahmad bal'inaan irratti dubbatan keessaa tokko dhimma waliigaltee Piriitooriyaa fi haala naannoo Tigraayi.
Waliigalteen Piriitooriyaa ''waliigaltee seena qabeessa,'' kan jedhan MM Abiy, ''lola moo'aanne mariidhaan xumurre,'' jechuun waliigaltechaa ibsan.
"Waliigaltee seena qabeessaa fi muuxannoo kan ta'eedha. Waraana dhume, waraana moo'anne dhaabneeti nagaa kan buusne. Nagaadhaaf fedhii nuti qabnu agarsiisa. Seenaa Itoophiyaa keessatti mootummaan lolee osoo moo'achaa jiruu mariidhaaf yoo taa'u waan hin jirre."
"Kuni maalif ta'e yoo jenne nagaaf dursa kennuudha. Waliigalteen sunimmoo bu'aa fideera. Waggoota lamaan darban lolli hin turre. Kuni waan guddadha. Tajaajilli mootummaa hundi dhaabbate sun akka deebi'ee jalqabu ta'eera," jedhan.
Ta'us hojiiwwan waliigaltee kanarratti eeramanii qixa sirriin osoo hin raawwatamin hafan keessaa tokko loltoota hiikachiisanii gara nagaatti deebisuu akka ta'e eeran.
"Loltoonni akkaataa waliigaltee sanaatiin deebi'uu hafuun dursa kan miidhu uummata Tigraayi. Dargaggeessi hojjetee baratee biyya gargaaruu malu maqaa loltuutin taa'ee gargaarsa uummataaf deemu nyaata. Isaaniif waggaatti birrii biliyoona hedduutu baha," jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Namoota qe'eerraa buqqa'an deebisuu kan ilaaleenis kutaalee akka Raayyaa fi Tsallamtitti hojii gaariin hojjetamuu eeruun, Walqaayititti garuu akka yaadametti akka hin raawwatamne himan.
Gama naannichaatiin deeggarsi gahaan yoo taasifame mootummaan Federaalaa namoota buqqa'an kana saffisaan qe'ee isaaniitti deebisuuf fedhii guddaa qabaachuus eeran.
"Siyaasni namoota buqqa'aniin hojjetamu balaa qaba. Dhimma kana siyaasarraa adda baasnee namooman ilaaluu barbaachisa. Eegasii dhimmoota hafan mariidhaan furuun ni danda'ama," jedhan.
Waggoota lamaan darban Bulchiinsi Yeroo naannoo Tigraay, gaaffiin uummataa nagaan akka deebi'u, lolli dabalataa akka hin jiraanne dhama'aniiru kan jedhan MM Abiy kanaafis galateeffamuu qabu jedhan.
"Obbo Getaachoo Raddaa fi Itti aantonni isaa waggaa lama lolli dabalataa akka hin uumamne, mariin akka jiraatu godhaniiru. Lola waggaa lama ture irratti isaan qeeqnus hojii wagoota lamaan darban hojjetaniif galata qabna," jedhan.
Dhimma Tigraay
Akkaataa waliigaltee Piriitooriyaatiin yeroon Bulchiinsa yeroo Obbo Getaachoo Raddaa fi Itti aantota isaatiif kenname waggootni lama waan dhumeef amma gamaaggama raawwachuun kallattii itti aanutti deemuuf qoratamaa jiraachuus eeran.
"Yeroon waggaa lamaa waan dhumeef sirreeffamni seeraa ni barbaachisa. Kanaaf ammoo waggaan lamaan darban qoratamuun sirreeffamni taasifama. Sirreeffama kana booda bulchiinsi yeroo hanga filannoo itti aanuutti uummata akka bulchu filannoof akka qopheessu qoratamaa jira."
"Bulchiinsa yeroo Obbo Getaachoon durfamu fi hoggantoota siyaasaa akka TPLF waliin marii gochaa jirra. Akkaataa marii kanaatiin waggaa tokko dhufu kana sirreeffamni taasifamee bulchiinsi yeroo kan itti fufu ta'a," jedhan.
Marii fi qorannoo taasifamaa jiru kanaan boodas jijjiiramni hoggansaa taasifamuu akka danda'us eeran.
Gama kaaniin gareewwan naannoo Tigraay keessa jiran tokko tokko ''Raayyaan ittisaa lola naannoo Amaaraa fi Oromiyaatti qoodamee waan jiruuf yeroon lolamuu qabu amma'' kan jedhu olola deemu quba qabaachuus himan MM Abiy.
"Akka kiyyatti kanin gorsu 'inni kuni sirrii natti hin fakkaatu dhiisaa' kan jedhudha. 'Lolli kana duras hin baasne ammas hin baasu, falli marii qofa' kan jedhudha," jedhan.
Akka mootummaatti, lolaaf fedhii osoo qabaannee haalli naanichatti ta'u ''lola jalqabuuf sababa gahaa ture,'' kan jedhan ministirri Muummee, mootummaan ammatti kan tattaafatu nagaa qofaafi jedhan.
Qorannoo taasifamu booda mootummaan yeroo naannichatti ramadamu hojiilee loltootaan walqabatanii fi namoota buqqa'an qe'eetti deebisuu akka hojjetu eeruun ''kanaaf mariin taasifamaa jiraachuu,'' ibsan MM Abiy.
''Hidhattoota 'mootii wallaalummaa' ta'an faana lolaa jirra''
MM Abiy dhimma nageenyaa fi sochii hidhattootaa naannolee adda addaa keessatti taasifamu ilaalchisuun gaaffii miseensota mana marii irraa ka'an irrattis ibsa kennaniiru.
Ibsa kennan kanaanis bakka adda addaatti lolaa kan jirru 'Warra mooti wallaalummaa ta'an faana,'' jechuun ibsan.
"Kan lolaa jirru mootota wallaalummaa waliini. Namootni kuni hin baratinaa, hin yaalaminaa, hin qotinaa warra jedhani. Naannoo tokkotti qorichoota busaa, sukkaaraa fi HIV mana qorichaatii baasanii gadi naqan. Garuu warra uumataaf qabsoofna jedhu."
"Gogaa waraabessaa harkatti kaa'atanii rasaasni nun dhahu jechaa barnoonni maal isinii godha warra jedhani. Tibba kana ilmoo waraabessaa osoo baatanii deemanii qabne. Maal isniif godha jennaan 'rasaasni akka nun dhoofnefi' jedhan" jechuun ibsan.
''Shiftoonni duriilleen naannoo isaaniitti bakka ijoolleen itti baratan hin tuqan ture,'' kan jedhan MM Abiy, ''warri ammaa warra isaanii gadiiti,'' jedhan.
Mootummaan warra hidhatee fi rakkoo jiru karaa nagaatiin furuuf fedhii qaban faana dubbachuuf qophii akka ta'es eeran.
"Yeroo adda addaatti hidhattoonni mootummaa waliin mari'achuu akka barbaadan mootummaatti jaarsummaa ergu. Ta'ulleen mariin jalqabameera jedhee yeroo mootummaan ibsutti ammoo 'Lakkii ana miti garee ebeluuti' kan jedhu quba walitti qabu," jedhan.
''Itoophiyaan tasumaa yaaddoo weeraramuu hin qabdu''
Hariiroo Itoophiyaa fi Ertiraa gidduu jiruu fi ololli biyyoonni lamaan gara wal waraansaatti seenuu malu jedhu bal'inaan deemaa jiraachuu quba akka qabanii fi gama Itoophiyaatin fedhiin waraanaa akka hin jiraannes yaa'ii kanarratti eeran MM Abiy.
"Himata baayyeetu dhagahama. Baayyeen isaa fudhatama hin qabu. Uummanni Ertiraa Obbolaa keenya. Akka uummata Itoophiyaa guddachuu kan barbaadu. Waraanni karoora keenya miti."
"Karaa biraatiin ammoo Itoophiyaarratti biyyi weerara gaggeessuu fi abjuu qabannerraa nu dhaabu hin jiru. Yaaddoo akkanaa tasumaa hin qabnu. Namuu onnatee nun yaalu. Qophii gahaa waan qabnuuf. Kan qophoofnu ammoo lola hambisuufi," jedhan.
Tuttuqqaan waraanaa qaama kamirraayyuu jiraachuu hin qabu kan jedhan MM Abiy, ''tuttuqqaan nurratti yoo jiraate garuu deebiin keenya hammaataa waan ta'uuf gama keenyaan namuu lolatti seensisuuf fedhii hin qabnu,'' jedhan.
Fedhii nageenyaaf qabnu jechuunis "seenaa waggoota 100 darbanii yoo ilaalle waggaa torba guutuu biyya ollaa tokko waliinuu lola osoo hin gaggeessin mootummaan jiraate mootummaa keenya qofa," jedhan.
Gama kaaniin dhimma Ulaa galaanaa ilaaluun ''dhimmi ulaa galaanaa argachuu dhimma jiraachuuf dhiisuu'' akka ta'ee fi ''uummanni miliyoona 130 ta'u karri itti cufamee taa'uu hin qabu,'' jedhan.
"Kana gareen nagaa jaalatu, mootummoonni alaa hundi yaada keenya deeggaraniiru. Karaa seeraa fi mariidhaan furmaata akka argannu barbaanna. Garuu gaaffiin kuni gaaffii sirrii ta'uu hunduu hubateera. Kuni injifannoo guddaadha" jedhan.
Dhimma hidha haaromsaa kan ilaaleenis hidhi haaromsaa Itoophiyaa ji'oota ja'a hin caalle keessati xumuramuun akka eebbifamu yaa'ii kanarratti eeran.












