Itoophiyaan guddina diinagdee %8.4 galmeessuuf hojjechaa jirti- MM Abiy

MM Abiy Ahmad (PhD)

Madda suuraa, OBN

Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa Itoophiyaa yaa'ii idilee Bitootessa 20, 2025 gaggeesserratti Ministirri Muummee Abiy Ahmad gaaffilee miseensonni kaasaniif deebii kennaniiru.

Gaaifileen dhihaatan dhimmoota diinagdee, nageenyaa fi siyaasaa irratti xiyyeeffatu.

''Itoophiyaan guddina diinagdee 8.1% galmeessistee jirti. Bara itti aanu ammoo harka 8.4 guddachuuf hojjechaa jirti,'' jedhan Ministirri Muummee Abiyyi.

Bara kana Itoophiyaan lafa hektaara miliyoona 7.7 qamadii facaafatee oom misha eegaa jirti jedhan.

''Kanaanis ammatti Itoophiyaan Afrikaarraa biyya qamadii oomishuun sadarkaa tokkoffaarra jirtu,'' ta'uu eeran.

Kana malees Itoophiyaan alergii bunaatiin ji'oota saddeet darbetti qofa sharafa alaa doolaara biliyoona 1.2 argachuu himan.

''Ji'oota hafan afranitti hojiin kuni haaluma kanaan yoo itti fufe waggaatti alergii bunaa irraa doolaara biliyoona lama argachuun seenaa haaraatu galmaa'a,'' jedhan.

"Buna irratti jijjiirama amansiisatu dhufe. Dachaa lamaa oliin oomisha tokkorratti alergii dabaluu jechuun hojii guddaan hojjetamuu ibsa. Gama shaayitiinis hamma bunaa gahuu baatus hojii gaariin hojjetamaa jira.''

Gama kaaniin Daandiin Qilleensa Itoophiyaa buufata daandii qilleensaa Afrikaatti isa guddaa ta'ee, fi maallaqa hidha Haaromsaa ijaarsisuuf bahe caalu akka gaafatu eegamu, ijaarsisuuf haalduree xumuraa jiraachuu eeran.

Qaala'iinsa Jireenyaa…

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhimmoota ijoo miseensonni Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa kaasan keessaa tokko waa'ee qaala'iinsa jireenyaati.

Qaala'iinsi Jireenyaa akka biyyaatti bara darbe harka 29 ture irraa bara kana gara 15tti gadi bu'uu himan MM Abiy.

"Guddinni omishaa waan jiruuf, walitti hidhamiinsi gabaa waan uumameef jijjiiramni akka dhufu ta'eera. Namoota harka qalleeyyiif maaddii qooduunis gahee qaba," jedhan.

Yeroo hojjetaan mootummaa fi kutaaleen hawaasaa biroo qaala'iinsa jireenyaatiin rakkachaa jiranitti gabaasni mootummaan baase garuu qaala'iinsi jireenyaa akka biyyaatti gadi bu'eera jedha.

Kuni ''haala qabatamaa hawaasni keessa jiru waliin waldhiita'' kan jedhu gaaffii miseensota mana marii keessaa ture.

''Qaala'iinsi jireenyaa hir'ate jechuun olka'iinsi gatii hin jiru jechuu miti,'' kan jedhan MM Abiyyi, ''hammeentaan meeshaaleen bu'uuraa gatiin isaanii ittiin dabalu hir'achaa deemuu agarsiisa" jedhan

"Xaa'oo fi Boba'a irratti mootummaan ba'aa uummatarra jiru gargaaruuf jecha waggaa waggaan birrii guddaa tumsaa jiraachuu,'' eeran.

Boba'a irratti qofas waggaa tokko keessatti mootummaan birrii Biliyoona 72 tumseera jedhan.

"Boba'a gabaa addunyaa irraa birrii 129n binnee birrii 101 gurgurra. Liitira tokkorratti birrii 28 gargaaraa jirra. Birriin 28 kuni hiyyeessa qofa osoo hin taane dureessaa fi imbaasotas tumsina jechuudha," jedhan.

Gama biraatiin xaa'oo lakkoofsa hedduu qabu kana buufata galaanaa irraa fe'uu dabalatee erga biyya keessa seenee boodas raayyaa ittisa biyyaatiin eegumsi godhameefii kutaalee biyyaa adda addaatti akka rabsamu eeran.

Bara darbe qofa konkolaattonni xaa'oo fe'an kuma torba ta'an eegumsa raayyaa ittisaatiin kutaalee adda addaatti geejjibsiifamuu himan.

''Fedhii Itoophiyaa guutuuf xaa'oo alaa galchuu caalaa xaa'oo biyya keessatti omishuun filannoo osoo hin taane dirqama waan ta'uuf waggoota itti aananitti dhimma xiyyeeffannaa guddaan itti kennamee hojjetamu,'' ta'uus eeran.

Misooma Koridarii ilaalchisuun hojii kanaaf beenyaan birrii Biliyoona 17 kaffalamuu kan eeran MM Abiyyi "Namni tokko osoo mana ykn lafa hin argatin sababa koridariin buqqa'e hin jiru," jedhan.