Kooriyaan Kabaa loltoota kuma heddu Raashiyaaf akka lolaniif erguu eegalte- See'ul

Loltoota Kooriyaa Kaabaa

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Kooriyaan Kaabaa loltoota kuma kudhanii ol Raashiyaatti erguuf akka jirtu See'ul beeksifte

Kooriyaan Kaabaa Raashiyaaf Yukireen keessatti akka lolaniif loltootashee kuma heeddu erguuf akka jirtu dhaabbanni tikaa Koriyaa Kibbaa beeksise.

Akka tikni Kooriyaa Kibbaa ibsetti, Kooriyaan Kaabaa loltoota hanga 12,000 ta'an Raashiyaatti erguuf jirti.

Tarkaanfii Kooriyaa Kaabaa kana "yaaddoo nageenyaa cimaa" jechuun ibsite See'ul.

Pirezidaantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskii loltoonni Piyoongyaang 10,000 ta'an waraana kanatti makamuu akka danda'an odeeffannoon tikaa isaan qaqqabuu kanaan dura dubbatanii ture.

Pirezidaantin Kooriyaa Kibbaa Yoon Suuk har'a walgahii nageenyaa waamun hawaasi idil-addunyaa "karaa danda'ame hundaan" Kooriyaa Kaabaa irratti dhiibbaa akka godhu gaafatan.

Kanaan dura Kooriyaan Kaabaa meeshaalee waraanaa Raashiyaaf ergaa turte jedhamuun hamatamaa turte.

Amma ammoo loltoota Raahsiyaaf erguun michummaashee Mooskoo waliin jabeeffataa jirti jedhame.

Pirezidaantiin Kooriyaa Kibbaa har'a qondaalota tikaafi waraanaa biyyasaanii waliin marii gaggeessaniiru.

Tajajila Tika Biyyalessaa Kooriyaa Kibbaa loltoonni Kooriyaa Kaabaa kumaatamaan lakkaa'aman Raashiyaa waliin hiriiruun Yukireen loluuf akka jiran kan beeksise, tikni Yukireen Raashiyaa garee waraanaa loltoota Kooriyaa Kaabaa hundeessaa akka jirtu erga ibsee guyyaa tokko booda.

Jalqaba torban kanaa pirezidaant Puutiin waliigaltee waraanaa Kooriyaa Kaabaafi Raashiyaa gidduutti taasifame kaabineensaanii akka raggaasisu dhiyeessanii ture.

Walta'iinsi waraanaa Piyoongyaang fi Mooskoon, isaan lamaan keessaa tokko humna biraan yoo haleellan irratti gaggeeffame waliif birmachuu kan jedhuudha.

Maddeen waraanaa BBC Raashiyaatti akka himanitti, loltoonni Kooriyaa Kaabaa hedduun Raashiyaa keessa qubsiifamanii jiru.

Xinxaaltonni waraanaa tokko tokko ammoo gareen waraanaa Raashiyaa tokko tokko loltoota Kooriyaa Kaabaa kana ofitti makuurratti rakkoon akka isaan mudatu kaasu.

Rakkoo garaa garummaa afaanii qofa osoo hin taane, loltoonni Kooriyaa Kaabaa yeroo dhiyyootti muuuxannoo waraanaa akka hin qabne himu xinxaaltonni kun.

Loltoonni Kooriyaa Kaabaa kun daangaa Raashiyaafi Yukireen bakka muraasa qubsiifamanii daangaa eegun ala adda waraanaa deemanii loluuf muuxannoon akka isaan hanqatutu himama