Biyyoota kam fa'aatu Raashiyaaf meeshaalee waraanaa dhiyeessa?

Rashiyaan waraanaa waggaa lamaaf Yukireen waliin gaggeessituuf waggaa waggaadhaan meeshaalee waraanaa gosa hedduu miliyoona hedduun lakkaa'aman gara adda waraanaatti ergiti.
Dhukaatuwwaniifi rasaasni kunneen hedduunsaanii kan biyyoota michuushee ta'an irraa argaman ta'utu himama.
Biyyoonni lixaa dandeettii waraanaa Raashiyaa dadhabsiisuuf yaaluudhaan Raashiyaarra qoqqobbii kaa'anis, Chaayinaa, Iraaniifi Kooriyaan Kaabaa fa'i Raashiyaaf deeggara meeshaa waraanaa taasisuun deeggaraa akka jiran himama.

Dirooniiiwwan fi misaa'eloota Iraan
Iraan dhiheenya kana misaa'ela bilaastikii 200 ol ta'u Raashiyaaf dhiyeessuf Mooskoo wajjin walii galtee mallateessiteetti jedhamuun hamatamti.
Misaa'elli Iraan Fath-360 kan jedhamu yoo ta'u, innis fageenya km120 deemuu kan danda'uu fi dhootuu kg150 kan baatudha.
Loltoonni Raashiyaa heddu Iraan deemuun akkaataa itti misaa'ela kana dhukaasan leenji'uusaanii tikni US bira gahee ture. Loltoonni kunneenis naannawa Sadaasa dhufaatti Yukireen keessatti akka bobbaafaman Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilikan ibsaniiru.
Misaa'elli "Fath-360 qiyyaafannoo waraanaa dhiyeenyarra jiran haleeluuf filatamaaadha. Raashiyaan misaa'ela akkasii hin qabdu" jedhu dhimma waraanaa kan qorattu Dr. Mariinaa Miiron.
Bakka misaa'ela kanaa Raashiyaan teeknoojii nikularaa dabalatee teeknolojii waraanaa Iraanif kennuu akka dandeessu kaasti Dr. Mariinan.
Iraan misaa'elotashee Raashiyaaf dhiyeessuu isheetin biyyoonni akka US, UK, Faransaayifi Jarman fa'aa Iraanirra qoqqobbii kaa'aniiru.
Daandin Qilleensa Iraan gara qilleensa UK fi Awurooppaa akka hin seennefi qabeenyi akka hin sochoone gochuun qoqqobbiiwwan Iraanirra kaa'aman keessayi.
Iraan gamasheen misaa'ela Fath-360 Raashiyaaf hin dhiyeessine jechuun waakkata turte.

Iraan misaa'ela qofa osoo hin taane bara 2022 irraa kaastee dirooniwwan Shahed-136 jedhaman Raashiyaaf dhiyeessaa akka turte tikni Yukireenifi biyyoota lixaa ibsaa turan.
Raashiyaan dirooniwwan kanneen heddu gara Yukireenitti erguun sirna ittisaa biyyattii dhiphisuun haleellaa gaggeessiti.
Raashiyaan diroooniwwan kana erguun sirna ittisaa Yukireen erga dhiphistee booda misaa'elaan haleellaa gaggeessiti.
Iraan dirooniwwan lakkoofsan xiqqaa ta'an waraanni Yukireen osoo hin eegalin dura Raashiyaaf erguu amanteetti.
Haa ta'u garuu USfi Gamtaan Awurooppaa, Iraan dhaabbataadhan dirooniwwan Raahsiyaaf ergiti jechuun qoqqobbii irra kaa'aniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Rasaasawwanii fi misaa'eloota Kooriyaa Kaabaa
Ejansiin Tika USA (DIA) gabaasa Caamsaa, 2024 dhiyeesse irratti Kooriyaan Kaabaa rasaasa artilarii (madfii) miliyeena sadi Raashiyaaf dhiyeessuu ibse.
Yukireenis ta'ee Raashiyaan adda waraanaa irratti meeshan waraanaa harka caalu itti fayyadaman 'madfiidha'. Meeshan waranaa kun loltoonni lafoo akka garaasaanii akka hin sochoone gochuuf heddu gargaara.
Raashiyaan gama kanaan Yukireen irratti olaantummaa guddaa qabdi.

Rasaasa 'madfii' qofa osoo hin taane Kooriyaan Kaabaa misaa'ela bilaastikii fageenya gabaabaa imalu akka Raashiyaaf akka dhiyeessitu tikni Yukireen bira gahuu beeksise.
Misaa'eloonni Kooriyaa Kaabaa kunneen Hwasong-11 ykn KN-23 jedhamuun akka beekamu ibsite Yukireen.
Misaa'elli Kooriyaa Kaabaa kun fageenya 400km hanga 690km imaluu kan danda'uufi dhootuu 500km kan baachuu danda'uudha.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii bara 2006 irraa kaasun bilaastik misaa'eliin wal-qabatee Kooriyaa Kaabaa irra qoqqobbii daldalaa kaa'unsaa ni yaadatama.
Tikni Yukireen akka jedhetti, Kooriyaan Kaabaa bilaastik misaa'elii 50 Raashiyaaf erguushee ibsee ture.
Ejansiin Tikaa US akka beeksisetti Raashiyaafi Kooriyaan Kaabaa bara 2022 daldala meeshaalee waraanaa eegaluun bara 2023tti Kooriyaan Kaabaa misaa'eloota jalqabaa Raashiyaaf dhiyeessite.
Raashiyaan ammoo Amajjii bara 2024 irraa kaasee misaa'eloota kanaYukireen irratti dhukaasuu akka eegaltes ibsa.
"Misaa'eloonni [Kooriyaa Kaabaa] Hwasong-11 gatiinsaanii Raashiyaaf salphaadha. Misaa'eloota Raashiyaa fageenya gabaabaa kanneen akka Iskaandar caala gatiinsaanii gadi aanadha," jetti Dr. Mariinan.

Madda suuraa, Getty Images
Biyyoonni akka Kooriyaa Kaabafi Iraan meeshaalee waraanaa Raashiyaaf dhiyeessun Raashiyaan qophashee akka hin taane biyyoota lixaatti agarsiisuu akka barbaadan kaasti Dr. Mariinan.
Misaa'eloonni bilaastikaa Kooriyaan Kaabaa Raashiyaaf kennite kunneen saffisa guddaan kan imalan waan ta'aniif rukutanii kuffisuun ulfaataa akka ta'e himti qorattun saayinsii waraanaa kun.
Kooriyaan Kaabaa gamasheen misaa'eloota kanneen Raashiyaaf hin ergine jechuun waakkaatte. Raashiyaanis hin fudhanne jechuun haalte.
Gama biraan ammoo loltoonni Kooriyaa Kaabas Raashiyaarra goranii osoo lolanii dirree lolaatti du'anii argamuu Yukireen beeksifte.
Dhiyeessii wantoota omisha meeshaa waraanaf oolan Chaayinaa irraa ergaman

Madda suuraa, Getty Images
Chaayinaan wantoota omisha meeshaalee waranaa Raashiyaa cimsan ergiti jechuun biyyoonni miseensota NATO komachaa turan.
Chaayinaan kallattiidhan meeshaa waraanaa Raashiyaaf dhiyeessiti osoo hin taane wantoota akka chiipsii kompiitaraa fa'aa akka ergitu hamatu biyyooni lixaa.

Madda suuraa, Getty Images
Dhaabbanni xinxaalaa Carnegie Endowment for International Peace (CEIP) akka beeksisetti, Chaayinaan ji'aan wantoota omisha meeshaalee waraanaaf olan (dual-use products) dolaara miliyeena 300tti herreegamu Raashiyaatti ergiti.
Omishaalen kun meeshaalee waraanafis akkasumas omisha meeshaalee siviliif kan oolaniidha.
Dhaabbanni CEIP akka jedhetti, Raashiyaan bara 2023 keessa wantoota meeshaa waraanaa omishuuf gargaaran 89% Chaayinaa irraa galchite.
Chaayinaan himannaa biyyooni lixaa irratti dhiyeessan kana hin fudhattu.












