Chaayinaa fi Raashiyaan Israa’el fi Filisxeemiif maaliif jaarsummaa deemuu barbaadan?

Madda suuraa, Getty Images
Chaayinaa fi Raashiyaan yeroo dheeraf deeggartoota dhimma Filisxeemoota turan.
Haata'u malee, dhiheenya keessa Beejiingii fi Moskoon gahee haaraa fi hin baratamne fudhachaa jiru. Waraanni Gaazaatti eegalee waggaa tokko ta'e keessatti, wal-dhabdee Israa’elii fi Filisxeemota gidduu jiru keessatti gahee jaarsummaa taphachuuf yaalaa jiru.
Adooleessa keessa, Hamaas, Faataah fi gareewwan Filisxeemoota hedduun biraa magaalaa guddoo Chaayinaa Beejiingi keessatti waliigaltee yeroo walii mallatteessuun, ''motummaa yeroo araaraa biyyaaleessa'' hundeessuun erga waraanni Gaazaa xumurameen booda naannicha bulchuuf waliigalan.
Gareedhumti walfakkaatan kunneen baatii Guraandhalaa keessa Moskootti walga’uun waliigaltee walfakkaataa taasisan.

Madda suuraa, Getty Images
Chaayinaa fi Raashiyaan lamaansaaniiyyuu biyyoota naannichaa kanneen akka Iraan, Sooriyaafi Turkii waliin hariiroo qabu.
Akkasa US fa'aa Beejingiifi Moskoon Hamaas akka dhaabbata shororkeessaatti hin ilaalan. Kanaaf marii'achiisuuf affeeruuf rakkina hin qaban.
Jaarsummaan akkasii kun bu’aa qabatamaa ni fidaa? Ogeeyyiin BBCn mariisise akka hin milkoofneetti ilaalu. Akkasumas gaaffiin cimaan biraa namoonni hedduun gaafachaa jiran, Chaayinaa fi Raashiyaan jaarsummaa kanaan maal barbaadaa jiru? kan jedhuudha.
Kaayyoon gurguddoon lamatu jira: tokko idil-addunyaa irratti dhiibbaa gochuu fi lammaaffaan dhiibbaa Ameerikaa fi warra dhihaa addunyaa kanarra jiru ofirraa ittisuu.
Maa'oo irraa kaasee hanga Xi Jinpingitti

Madda suuraa, Getty Images
Erga Rippabilikni Ummata Chaayinaa ammayyaa bara 1949tti hundeeffamee as, dhaabbanni guddaan Eeshiyaa kun yeroo hunda dhimma Filisxeemiif ni quuqama.
Hundeessaansaa, Moo Zedong, haala ittii Taayiwaan ilaalutti Israa'el ilaale: akka buufata impaayeraalizimii warra dhihaa fi qeequumsawwan sirna idil-addunyaa kan Waashingitan to'annooshee jalatti keessuu eeguuf hundeeffamteedha jedhu.
Ilaalchi seenaan farra warra dhihaa fi farra koloneeffataa Chaayinaa haaraa kanaas “muuxannoo mataasaa gidiraa Filisxeem keessatti calaqqisuu arge,” jechuun qorataan Chatham House kan ta’an Ahmad Abuudo'uh BBC Mundotti himan.
Deeggarsi sun, haata'u malee, dubbii qofa irratti hin dhaabbanne. Sochii bilisummaa addunyaa guutuu kan deeggaran Maa’oon, Dhaabbata Bilisummaa Filisxeem (PLO)f karaa meeshaa waraanaa erguutiin yaadasaanii irratti dhiibbaa olaanaa taasisa ture.

Madda suuraa, Getty Images
Imaammanni alaa Chaayinaa garuu bara 1978 Deeng Shaa'oping gara aangootti dhufuufi dhaadannoosaa “duroomuun ulfina qaba” jedhuutiin jijjiirame.
Mul’atasaa dinagdee gabaa sooshaalistii hojiirra oolchuufis, Chaayinaan haaromsuudhaan addunyaaf banaa ta'u barbaachisa turte. Kana gochuufis ilaalcha irraa gara hojiirra ooluutti ce’uu qaba turte.
Chaayinaan qooda fudhattoota mootummaa hin taane deeggaruurra, hariiroo dippilomaasii humnoota gurguddoofi giddu galeessaa addunyaa waliin qabdu babal’isuuf fedhii horatte.
Shii Jinping bara 2012tti pirezidaantii ta'usaa haalawwan jijjiire, jedhu Aab Abuudouh.
Shii imaammata alaasaa keessa ilaalchaa tokko deebisee galchaa jira, kunis yeroo hunda kan dantaa qabatamaa Chaayinaa tajaajiluudha. Akkasumas waldhabdeen Israa’el fi Filisxeem adeemsa kana haala gaariin of keessaa qaba.
Istaaliin irraa hanga Puutiinitti

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hariiroon Raashiyaan Filisxeemoota waliin qabdu xiqqoo haala adda ta'ee jalqaba. Bara 1948 Israa’el walabummaashee yeroo labsiteetti, Gamtaan Sooviyeet, kan Jooseef Istaaliin jalaa, biyyoota addunyaa beekamtii kennaniif keessaa tokko turan.
“Yeroo sanatti, biyyoonni ollaa hundi ammoo kolonii Awurooppaa yeroo ta’aniitti, Israa’el sooshaalistii kan hawwite fakkaata” jechuun Yunivarsiitii Joorji Meeson keessatti piroofeesara mootummaa fi siyaasaa Emeritus kan ta'an, Maark Katz BBC Mundotti himan.
Haa ta'u malee Israa'el biyya sooshaalistii taatee kan hin beekne yoo ta'u, walakkeessa bara 1950moota keessa ammoo hogganaan duraanii Sooviyeet Nikitaa Kiruushchev sabboonummaa Arabaa waliin hiriiree ture.
“Dhimmi Filisxeemootaa Moskoodhaaf baay’ee faayidaa qaba ture, sababiinsaas Ameerikaan Israa’el yoo deeggartu, Sooviyeetonni ammoo Filisxeemoota deeggaruun ishee biyyoota Arabaa biratti caalaatti akka jaallataman taasiseera,” jedhu Piroofeesar Katz.
Garuu kaayyoon Filisxeem Araboota hedduudhaaf dhimma qajeeltoo (principle) yoo ta'u, Moskootiif garuu dhimma haalaa ittiin mijefachuu qofa ture.

Madda suuraa, Getty Images
“Isaanis keessattuu hanga US waliin waldhabdee uumuuf balaadhaaf saaxilutti deeggaruuf hin turre, gonkumaa farra Israa’el hin turres”, jechuun dabalanii ibsan Aab Katz.
Kufaatii Gamtaa Sooviyeetiin waliin, diinummaan Raashaan Israa’el irratti qabdu laafuu kan jalqabe yoo ta’u, Raashiyaan Yihudoonni gara biyyattiitti akka hin goddaanne taasisaa ture ka’e.
Bara 2000tti wayita Vilaadmiir Puutiin pirezidaantii Raashaa ta’anitti, lammiileen Israa’el miliyoona tokkoo ol ta'an hambaa Sooviyeet duraanii hanga tokko kan qaban yoo ta’u, baay’eensaaniis afaan Raashaa kan dubbatan turan.
Ergasii kaaftee, Kiremliin hariiroo Israa’el waliin qabduu fi deeggarsa Filisxeemootaaf gootu gidduutti madaallii kaa’uuf yaaltus, hariiroon mootummaa Israa’el waliin qaban garuu yeroo dhiyoo asitti qabbanaa’eera.
Kana erga bara darbe Onkoloolessa 7, yeroo Hamaas haleellaa tasa Israa’el irratti banuun, namoota 1,200 ol ajjeesee, namoota 251 ammoo booji’ee fudhatee booda, Israa’el deebii kennuuf waraana Gaazaa irratti banteen lammiilee Filisxeem kuma 40 ol ajjeeffamanii booda itti caale.
Tartiiba addunyaa filannoo ta’e

Madda suuraa, Getty Images
Chaayinaan addunyaa irratti biyya boba'aa baayyee galchituudha. Isa keessaayis wallakkaan bittaa ishee kan biyyoota Baha Giddugaleessaa fi Galoo Galaana Peershiyaa irraa akka ta'e tilmaamama.
Kana jechuunis yaaliin jaarsummaa waldhabdee Israa’elii fi Filisxeem kun kan dantaa dinagdee ishee waliin walqabateedha jechuudhaa? Akka Ahmad Abuudouh, gargaaraanaa waahila Chatham House kun jedhutti deebiin isaa lakkiii kan jedhuudha.
''Biyyoonni Arabaa hedduun hariiroo isaanii Israa'el waliin qaban idileessaniiru, warri hanga ammaatti kana hin goone kan akka Saa'ud Arabiyaa fa'is yeroo waraanni Gaazaa keessaa dhaabbatuutti mariitti deebii'uuf qophaa'aniiru. Chaayinaan kana waan hubatteef dhimmoota kanneen lamaan walitti hin hiitu,'' jedha.
Kana jechuunis, ejjennoo waldhabdicharratti qabdu irraa kan ka’e, kan boba’aa Chaayinaatti gurguruu dhiisu hin jiraatu.

Madda suuraa, Getty Images
Kaka’umsi Chaayinaa kun irra caalaatti kan dorgommii US waliin qabduu fi sadarkaa idil-addunyaatti humna addunyaa guddaa haaraa qabduun walqabatee of mul'isuu mullisuu ta'u mala.
“Chaayinaan akka humna guddaa madaaloftuufi itti gaafatamummaa kan qabuu fi jaarsuummaa fi nagaa buusuudhaaf fedhii qabdutti ilaalamuu barbaaddi,” jedhu Aab Abuudouh.
Akkasumas Beejiing keessumaa kibba addunyaa, bakka biyyoonni baay’een Filisxeem deeggaran keessatti, “ilaalcha sirna addunyaa kan Ameerikaa caalaa ta’e fuulduratti oofuu” barbaaddi jechuun falma.
“Chaayinaan akkamitti Filisxeemoota tokkoomsuu akka dandeessu ykn waldhabdee walxaxaa Filsxiinotaa fi Israa’el gidduu jiru akka itti furtu irratti hubannoo omaatu hin qabdu jedheen yaada. Akkasumas furmaata waldhabdee kanaa waliin walqabatu fedhii guddaa hin qabu,'' jedhu Obbo Aboudouh.
Xiyyeeffannaa Yukireen irraa kaasuuf

Madda suuraa, Getty Images
Raashiyaadhaaf waldhabdeen Hamaas fi Israa’el gidduu jiru xiyyeeffannoo waraana Yukireen irraa fageessuu keessatti faayidaa guddaa qaba jedhu Piroofeesar Katz.
Waldhabdeen Awurooppaa Onkoloolessa 7 irraa eegalee baay’inaan ajandaa oduu irraa dhiibamuu qofas osoo hin taane, gargaarsi meeshaa waraanaa michoonni Yukireen keessattuu US gara Kiivitti ergaa turan muraasni erga waldhabdeen kun ka’ee gara Israa’elitti naanneefamee jira.
''Kiremliin biyyoonni lixaa waan Israa'el Filisxeem irratti raawwachaa jirtu irratti callisuudhaan, Raashiyaan Yukireen qabattee jirti jedhanii himachuun ulaagaa dabaa (double standard) hojiirra oolchaa jiru jechuun amanti,'' jedhu Piroofeesar Katz.
Itti dabaluudhaanis Ahmad Abuudouh, Raashiyaan gaheen jaarsummaa kunis erga Yukireen weerarteen booda biyyoota dhiyaatiin “qofummaa looggeeffamuu idil-addunyaa keessaa baatuuf jecha” araarsuudhaangargaaruu kan yaadamedha jedhan.
“Akkasumas biyyoota Galoo Galaanaa keessattis waliin hojjachuuf michoonni fedhii qaban waan jiraniif akkasumas Raashiyaa waliin daldala itti fufuuf fakkaata,” jedhu Obbo Aboudouh.

Hamaas kan bara 2007tti Gaazaa to’ate, sababa ilaalcha Islaamummaa isaatiin gonkumaa michuu Raashiyaan Filisxeem filatamte ta’ee hin beeku. Haata'u malee, haallu kunis Raashiyaaan garee kana waliin hojjechuufi hariiroo isaaniittis fayyadamrraa ishee hin dhorkine.
Piroofeesar Katz akka jedhanitti, wantoota Puutiin Hamaas waliin hariiroo akka uumuuf isa kakaasan keessaa tokko “gareewwan jihaadistoota Raashiyaa keessa jiran, keessumaa kan Cheecheniyaa keessaa akka hin deeggarre mirkaneessuu ture.”
Tarsiimoon sun bu'aa buuseeraaf. Bara 2008 yeroo Raashiyaan Joorjiyaa weerarteetti, “Hamaas fi Hezbollaan lamaan isaaniiyyuu ejjennoo Raashiyaan Joorjiyaarratti qabdu deeggaraa turan. Sun waan guddaadha jechuu miti, garuu dhimma Muslimoota Raashiyaa keessaa gonkumaa fudhatanii hin beekan,'' jechuun ibsu Piroofeesar Katz dabalataan.
Ogeeyyiin garuu, Hamaas waliin hariiroo qabaattus, Kiremliin garee kanaaf meeshaa waraanaa kan ergtuuf hin fakkaatu jedhanii amanu. Kanaaf sababnisaa tokko ammoo, Moskoo Israa’el Yukireen waliin waan wal fakkaatu akka raawwattu gochuun balaadhaaf saaxilamuu hin barbaaddu jedhu qorattoonni.
Tooftaalee jijjiruu

Madda suuraa, Getty Images
Kaayyoonsaanii tokko tokko wal fakkaatuu danda’a, keessumaa gama dhiibbaa Ameerikaan Baha Giddugaleessaa fi kibba addunyaa irratti qabduu xiqqeessuutiin. Haata'u malee, Chaayinaa fi Raashiyaan malawwan baayyee adda ta'e qabu.
Tokkoffaa, Raashiyaan akkuma waraana Siiriyaa keessatti goote sana naannicha keessatti waraanaan hirmaatteetti, kana ammoo Chaayinaan waan gochuuf yaada hin qabnedha.
Chaayinaan sirna naannoo Baha Giddu Galeessaa keessatti sirreeffama dantaashee wajjin walsimu tokko tokkoo gochuun eeguuf yoo barbaaddu, Raashiyaan garuu “guutumaan guututti dhoosuu fi haala dantaa Raashiyaa fayyadutti irra deebitee gurmeessuu” barbaaddi, akka Obbo Aboudouh jedhanitti.
Itti dabaluudhaanis, Beejiing mootummaa Filisxeem kan Chaayinaan irratti dhiibbaa guddaa qabdu, hundeessuudhaan waldhabdeen kun akka furamu arguu akka barbaaddu dubbata.
Kiremliin garuu kaardiiwwan biroo taphataa jirti. Moskoo dhugaatti waldhabdee Israa’elii fi Filisxeem gidduu jiru furuu hin barbaaddu. Kanaan mannaa furmaata barbaadduu fakkaachuun barbaaddi jechuun ibsu Obbo Aboudouh.
“Yoomiyyuu yoo furmaata argate, gama kamiinuu [Israa’eloonni fi Filisxeemonni] dhimma kamiif Raashiyaa ni barbaadu; lamaan isaaniiyyuu misooma dinagdee irratti kan hojjetan yoo ta ́u, kanaafuu gara warra dhihaa ykn gara Chaayinaa ykn gara lamaan isaaniitti garagaluu qabu.”
“Raashiyaan tasgabbii dhabiinsarraa fayyadamti, garuu ammoo tasgabbii dhabbiinsa garmalee irraa hin fayyadamtu,” jechuun, itti dabaluudhaan, “Okkoteen sun akka ho'iitu malee akka baayyeen bilchaattu hin barbaadan,” jedhan oggeessi kun.















