Hogganaa ittaanaan Hamaas haleellaa Onk. 7 ilaalchisuun BBC waliin af-gaaffii falmii taasisan

Hogganaa Itaanaan Hamaas Kaliil al-Hayaa gaazexessaa BBC Jarmii Boween waliin af-gaaffi taasian
Ibsa waa'ee suuraa, Hogganaa Itaanaan Hamaas Kaliil al-Hayaa gaazexessaa BBC Jarmii Boween waliin af-gaaffi taasian

Hoggantoota Hamaas buleeyyii keessaa tokko kan ta'an Kaliil al-Hayaa BBC waliin af-gaaffii taasisan. Bara darbe keessa Onkololeessa 7, 2023 sababii gareensaanii eegalchiiseetiin waraanni ummamee sababa qabeessaadha jechuun falmu.

Hogganaa Ittaanaan garee Hamaas Kaliil al-Hayaa gabaasaa BBC Jeremii Boween waliin turtii taasiisaniin, gareensaanii waggaa tokkoon dura lammiilee nagaa Israa'el hin ajjeefne jechuun haalu. Haata'u malee ragaaleen kan himan addadha.

Onkololeessa 7, 2023 haleellaa Hamaas kibba Israa'el keessatti raawwateen, irra caalaan namoota nagaa kan ta'an 1,200 ajjeeffamniiru. Garichi namoota 250 ol ammoo butee gara Gaazaatti fudhate.

Hamaas UK fi biyyoota kaan keessatti dhaabbata shororkeessaa jedhamun ramadameera.

Af-gaaffiin kunis kan gaggeeffame magaala guddoo Kaataar, Dohaa kan aanga'oonni siyaasa Hamaas baayyee keessa jiraatanitti.

Kaliil al-Hayaan erga Israa’el nama isa dura ture, Ismaa’il Haaniyaah baatii Adoleessaa keessa ajjeestee booda Gaazaan alatti hogganaa olaanaa Hamaas ta’e.

Iraan gaaffiifi deebii erga waraabamee naannoo sa'aatii tokkoo booda misaa'ela balistikiitiin Israa'el haleelte.

JB (Jeremii Boween)፡ Mee waggaa tokko Onkololeessa 7tti booddeetti haa deebiinuuti. Hamaas maaliif Israa'el irratti haleellaa bane?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

KAH (Kaliil al-Hayaaa): Sagalee keenya addunyaatti dhaggeeffachu qabna turre. Addunyaan akka sababa qabnu, gaaffii akka qabnu nuuf baruu qaba ture. Haleellichi diina warra Tsiyooni Israa'eliif kasaaraa ture. Hawaasa addunyaatiif ammoo bilbiltuu dammaqiinsaati. Ummanni waggoota hedduuf to'annoo Israa'el jala jiruu jiraachu ummata addunyaatti beeksiisuu qabna turre.

JB: Miseensoonni keessan maaliif daa'imman dabalatee namoota nagaa hedduu ajjeesan?

KAH: Loltoota keenyaaf namoota nagaa hin ajjeesinaa jennee ajaja kenniineera. Keessattuu dubartootaafi daa'imman. Qiyyeeffannaa keenya kan turan loltoota ture. Yeroo hunda Gaazaa keessatti kan nama ajjeesan, kan boombii darbatanii fi kanneen Gaazaa balleessan isaani. Namoota nagaa ajjeessuun sirriidha jennee hin amannu.

Haata'u malee lafarratti namoota dhuunfaan dogongora hojjanneera. Tarii loltoonni keenya lubbuunsaanii balaarra akka bu'e itti dhagahame ta'a.

JB: Loltoonni keessan hin turre, loltoonni keessan naoota sodaatanii lafarra taa'aniifi hidhannoo hin qabne waliin turan. Sun adda waraanaa miti.

KAH: Hundi keenyayyuu loltoonni keenya attamiin akka mana namaa seenan agarreerra. Yoo maatii waliin haasa'an, kan isaan nyaatan nyaatanii kan dhugan dhugaaa turan.

JB: Dhiifama garuu dhukaasaa turan. Viidiyoowwan kana agarsiisan turan.

KAH: Yeroo mana namoota tokko tokkoo seenan daa'immaniifi dubartoonni sodaa omaatu hin qaban ture. Viidiyoon ati jettu kan Israa'eliin qindaa'edha. Viidiyoo nuti bafne miti.

Kaliil Al-Hayaa, ittaanaa dursaa Hamaas
Ibsa waa'ee suuraa, Kaliil Al-Hayaa, ittaanaa dursaa Hamaas

JB፡ Mee waan erga Onkololeessa 7 booda ta'eetti haa dabarru. Kunoo waggaa tokkoon booda Gaazaan diigamtee jirti. Namoonni kuma 40 ol ajjeeffamaniiru. Irra jiraan isaanii ammoo namoota nagaati. Gareen keessan ammoo Israa'eliin loluudhaaf dandeettiinsaa dadhabeera. Walitti bu'insicha kaasuun keessan sirriidhaa? Kun ni ta'a jettanii eegdaniis ture?

KAN: Badii kana hundaaf itti gaafatamaan eenyuudha? Humna weeraraafi loltoota isaati. Gaazaa eenyutuu diige? Ummatashee kan ajjeese eenyu? Ammas namoota nagaa dahannoo, manneen barnootaafi hospitaaloota keessa jiran ajjeesaa kan jiru eenyuudha?

Kan hafe Addunyaa gaafadhu. Kannen seera idil-addunyaa baafneerra jedhan gaafadhu. Nuti ofii keenya ittisaa jirra. Humna weeraraa jalaa namoonni 1,200 yoo ajjeefaman attamin Israa'el namoota kuma 50 ajjeesuun sababa qabeessa kan ta'u? Gaazaa diigunis kan sababa qabeessa ta'u? Isaan hin gahu jechuudhaa? Isaan dheebuu ajjeessanii nu fixuuf qabanii kakaafaman, dheebuu weeraraa fi balleessu.

JB: Israa'eloonni seera waraanaa ni eegna jedhu. Namoonni nagaa hedduun kan ajjeeffaman waan Hamaas namoota jidduu dhokatee loluufiidha. Namoota nagaatti akka dahootti fayyadama jedhu.

KAH: Kun gonumaa soba. Masiijiida barbadeessan. Keessa loltoonni hin turre. Manneen jireenyaa barbadeessaniiru. Gamoowwan diiganiiru. Isaan keessa eenyumtu hin turre. Manneen irratti yoo boombii darbatan keessa loltoonni hin turre. Kun holola Israa'el.

JB: Waa'ee namoota butamanii haasa'u dandeenyaa? Daa'imaaniifi dubartoota dabalatee namoonni 250 ol butanii fudhachuun sirrii ture?

KAH: Kaayyoon haleelichaa tokko loltoota Israa'el muraata butuudhaan Filisxeemoota hidhaarra jiran ittiin gadhiisiisuuf oolchuu ture. Haata'u malee yoo Kutaaleen Gaazaa ija loltoota keenyaa duratti daaraa ta'u, namoota hedduu bunnee fudhanne. Daa'immaniifi dubartoota dabalatee namoota naga butuun kaayyoo keenya hin turre.

JB: Namoota butaman keessaa dubartoonni muraasni miidhaan saal-quunnamtii irra gahu dubbatu.

KAH: Naamuusni loltoota keenyaafi Filisxeemoota hundaa namoomaadha. Kan guddanees amantaa Islaamaafi aadaa akkasumas qarooma biyyaalee baraneeti. Akkuma ofii keenya eegnutti eegnaan. Miidhaan saal-qunnamtii ta'aniifi saal-qunnamtii hin taane jedhaman kan bishaan hin kaafneedha.

JB: Lakkii, dubartoonni muraasni miidhaan quunnamtii saalaa nurratti raawwatameera jedhaniiru. Keessattuu dubartoonni feestivaala muuziqaa Noovaa irratti hirmaatan. Lakkoofsi dubartoota guyyaa haleellichaafi isaan booda miidhaan saalaa nurratti raawwatameera jedhan baayyeedha. Ragaanis jira.

KAH: Akkuma siin jedhe qajeelfamichi ifaadha. Namoota ittigaafatamummaa hin qabnee tokko tokkoon gochaa =n badii raawwatamee ta'u mala. Garuu hin mirkannoofne.

JB: Dhimmi dhukaasa dhaabuu hoo? Israa'el yoo karaa sirriidhaan deemame dhukaasa dhaabuuf walii nan gala jettetti. Namoota butaman deebiiftanii, dhukaasa dhaabuun mallattaa'ee waraanni yoo dhaabbate,kan fudhattuu? Dhimma kanarratti amriin akka ture nan beeka.

KAH: Gaaffiin Neetaniyaahuun waraana kan dhaabu? kan jedhuudha. hawaasni addnyaa yoomiidha kan waraana akka dhaabuuf dirqisiisu? Dhimmi waraana dhaabuu dhimma Neetaaniyaahuufi murtee Israa'el weerartuuti.

JB: Isin gochuu dandeessu turtan. Harka keessan kennachuu dandeessa turte.

KAH: Akkamitti harka kennachuu dandeenya? Namoonni weeraraan morman abdii hin kutatan. Gonkumaa kan hin taanee ta'ulleen, osuma nuti harka kennine, ijoolleen keenyas ta’e ummanni keenya abdii hin kutatu.

Maaliif harka keenya kennannaa? Weeraraan ajjeechaa dhaabuu qaba. Adooleessa 2 waliigaltee dhukaasa dhaabuurra gahuun ture. Eenyuutu haal-duree haaraa kan baasee? Neetaaniyaahuun! Kanaafidha waliigalteerra kan hin gahamneef.

Kaliil al-Hayaa
Ibsa waa'ee suuraa, Miilli Kaliil al-Hayaa kan haleellaa Israa'el baatii Adoolessaa keessa raawwateen cabe ammallee bootii wallaansa baqaqsanii hodhuu kaawwate jira

JB: Waraanaan ijifatamaa jirtu. Gaazaan diigamte jirti. Kanneen kuma 10n lakkaa'aman ajjeeffamaniiru. israa'el ammoo gara Libanositti qajeelaa jirti. Cimtuu taatee jirti. Waraanicha injifataa hin jirtan. Mitii?

KAH: Ijooleenkoo, maatiinkoo, firoonnikoo fi olloonkoo Gaazaa jiru. Kan isaan argan ni agarra. Dararamni isaani nutti dhagahama. Madaansaani nu dhukkuba. Kan isaan dhukkubu nutis nu dhukkuba.

Addunyaa osoo mirga seera qabeessa ta'e keenya nu deebiise walitti bu'insii ni dhaabbata ture. Haata'u malee Israa'el kana hin barbaaddu. Dhimmi addunyaan hubachu qabu, Israa'el qaxanicha barbadeessuu akka barbaadduudha.

Mirga Filisxeemoonni biyya hundeeffachu keenya yoo nu hin kabajne, mirgi baqattoonni deebii yoo hin kabajamnee fi yoo eegeeree keenye ofii keenyaan murteeffachu hin dandeenye, qaxanichi nagaa hin ta'u. Ajjeechaafi duutii kamu kana hin dhorku.

JB: Isiniif biyyi Israa'el jedhamtu gara fuulduraatti ni jiraatti? Qajeelfamni hamaas biyyi Tsiiyoon baduu qabdi jedha.

KAH: Nuti kan jennu Israa'el Hamaas fi ummata Filisxeem balleessuu barbaaddiidha.

Israa'el hamaasiifi ummanni Filisxeem na balleessuuf jechuun boo'icha dhageessiifti. Mee Israa'eloonni waa'ee ummata Filisxeem maal akka yaadan haa gaafannuun. Mirga keenya nu kennaa. Biyya of dandeessu Filisxeem haa taanu.

JB: Israa'eloonni furmaata biyya lama ta'u kan hin fudhanneef namoonni akka keessanii nu balleessu, ummata keenya ajjeessuu danda'u jechuudhaan.

KAH: Haala amma ammaa jiruutiin Israa'el biyyi kamuu akka umamu hin barbaaddu. Israa'el yaada kamuu kufiifteetti. Furmaatoota addunyaa, seeroota idil-addunyaa fi mirga keenyas kufaa gootee jirti.

JB: Israa'eloonni shororkeessaadha isiniin jedhu. Ofiin ani shororokeessaadha jettanii yaadduu?

KAH : Ani bilisummaan barbaada. Ummatakoo eeguun barbaada. Humna weeraraadhaaf hundi keenyaa shororkeessaadha. Hoganootas ta'e dubartootaafi daa'imman, hunduu shororkeessaadha. Hoggantoonni Israa'el maal jedhanii akka nu waaman dhaggeessee jirta. Isaan looniidha jedhaniiru.