Lola Israa'eliifi Hezbollaa keessatti gahee waraana Libaanos maaliidha?

Madda suuraa, Getty Images
Waldhabdeen amma Israa’elii fi garee milishoota Hezbollaa gidduu jirus kan ejjennoowwan ifatti ibsaman lamarratti bu'urreeffate yoo ta’u, kunis kan waggoota 40 oliif hidda gadi fageeffateedha.
Israa’el yaaddoo Hezbollaa biyya ollaa Libaanos irraa isheerra ga’u dhabamsiisuuf kutannoo akka qabdu kan himtu yoo ta’u, Hezbollaan ammoo bulchiinsa Israa’el jedhamtu balleessuuf eddoowwan adda addaa irratti xiyyeeffachuun haleellaa itti fufeera.
Ji'oota 11 darbaniif diinummaan daangaa qaxxaamuraa guyyaa guyyaan gama lachuunu uumamu haalicha daran jabeessee jira.
Amma erga bara 2006 as yeroo jalqabaaf weerarri Israa’el Libaanos irratti geggeeffamaa waan jiruuf, kana hunda keesatti waraanni Libaanos eessa akka jiru, akkasumas kun akka hin mudanneef maal akka godhe namoonni hedduun gaafachaa jiru.

Madda suuraa, Getty Images
Waraana Libaanos ykn Hezbollaatu biyya ittisaa?
Yeroo wal dhabdeen Israa’elii fi Hezboollaa kan US, UK fi biyyoota birootiin akka dhaabbata shororkeessaatti farrajame jidduutti hammaate kanatti, waraanni Libaanos hin mul'atu.
Akka yaadaatti, diina biyya tokkoo loluun hojii waraanaa biyya sanaa yoo ta'u, Israa’el ammoo ifatti diina Libaanositi.
Haata'u malee, waraanni Libaanos waldhabdee akkasii fuldura dhaabbachuuf meeshaalee waraanaafi hidhannoo barbaachisu hin qabu.
Waraanni Israa'el hidhannoo cimaa kan qabuu fi maallaqaanis ta'e gama meeshaa waraanaa sadarkaa olaanaa qabuun, kan deeggarsa guddaa humnoota warra dhihaa kan qabuudha.
Dabalataanis, amantaa bal’aan ragaa qondaaltota duraanii sadarkaa olaanaa hedduurraa argameen deeggaramuun, US walitti aansiite biyyoonni akka meeshaa waraanaa hammayyaa kan Israa'el irratti yaaddoo uumuu danda'u akka hin qabaanne dhorkiti jechuun himatamti.
Rakkoon dinagdee hundee gadi fageefatees, dhohinsa mana kuusaa xaa'oo Beerut bara 2020 mudateen booda haalli hundi ni hammaate. Kunis waraana biyyatiitti baayyee haala hammeessee jira.
Hanqinni maallaqaa ammoo hojjettootasaa fi fedhiiwwan oppareshiinii bu'uuraasaa kan akka boba’aa irratti dhiibbaa uumeera.

Madda suuraa, Getty Images
Deeggara US waraana Libaanosiif
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhimmicha caalaatti walxaxaa taasisuuf ammoo, USn kan Hezbollaadhaan akka diina guddaatti ilaalamtu, waraana Libaanosiif arjoomtuu guddaadha. Yeroo muraasaaf Waashingitan mindaa waraana Libaanosiif gumaacha gootee turte.
Haata'u malee, gargaarsi US taasiftuufis kan konkolaataa, meeshaalee gargaarsaa fi meeshaa waraanaa dhuunfaa qofa irratti daangeffame yoo ta'u, gargaarsa Israa'eliif kennitu kan wal hin madaalleedha.
Gama biraatiin ammoo, taajjabdoonni tokko tokkos waraanni Libaanos Israa’el irratti milkaa'ina dhabuunsaa kan waraana biyyoota naannichaa hunda waliin wal fakkaataadha jechuun akeeku.
''Waraana Libaanosis ta’e waraana biyya Arabaa kamiyyuu dandeettii diina kan taa'e Israa’el fuuldura ittiin dhaabbachuu danda’an hin qaban,” jedhu, humna yeroo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Libaanos (Unifil) keessatti, qindeessaan mootummaa Libaanos duraanii Jeneraal Mounir Shehaade.
"Waraanni Israa'el waliin lola riphee loltummaa kan akka Gaazaa keessaa yoo ta'en alatti, lola kamiyyuu hin mijatu."
Loltoonni waraana Libaanos seensa hospitaala Beerut Adoolessa 17, 2024 irratti waardiyyaa dhaabbatanii osoo jiranii haasa'an (AFP via Getty Images)
Lebanese army soldiers talk while standing guard at the entrance of a hospital in Beirut on 17 September 2024 (AFP via Getty Images)

Madda suuraa, (AFP via Getty Images)
Waraana Libaanos keessatti jeneraalli soorama ba’an, Khaliil El Heluu, “gaheen gaheen waraana Libaanos tasgabbii keessoo eeguudha. Sababiin isaas har’a haalli keessoo badeera waan ta'eefiidha.
Deeggartoonni Hezbollaa lammii Libaanos walakkaa miliyoonaa ta'an gara naannoolee Hezbollaan mormanitti buqqaasuun, waldhabdee gara jeequmsa nageenyaa fi tarii wal waraansaatti guddachuu danda’a," jedha.
Ajjeechaa Hogganaa Hezbollaa, Hassan Nasrallah Israa’el raawwattee hordofuun, waraanni Libaanos naannoolee “of eeggannoo barbaachisa” jedhaman hedduu bakka gareewwan biyyattii adda addaa gidduutti waldhabdeen uumamuu danda’a jedhame baayyeetti bobbaafamaniiru.
Akkasumas, Dilbata darbe waraanichi ibsa baaseen, “lammiileen tokkummaa biyyaalessaa akka eeganiif” gaafate. Itti dabalunis, biyyattii keessatti nageenya siiviilii eeguuf tarkaanfii fudhachuu cimsee itti fufuusaa ibse.

Madda suuraa, Getty Images
Waraanni Libaanos Israa'el waraanaa?
Ofii waraanni Libaanos wal dhabdee amma mudate keessatti gahee qabaa? Qabatamaadhaan, lakkii gahee hin qabu.
Kanas ta’e sana, waraanni Libaanos kibbaa fi baay’inaan mul'ataa jira. Dhiyeenya kana loltuun lammii Libaanos tokko, osoo buufata sakatta’iinsaa bira darbuu, diroonii Israa’el bishikiliitii irratti xiyyeeffachuun dhukaafteen ajjeeffamusaa beeksiiseera.
Akkasumas, gara fuulduraatti dhukaasa dhaabuun kamiyyuu waraana guddaa kibbatti bobbaasuu kan of keessaa qabu ta’uu hin oolu. Kunis waan ministirri mummee Libaanos yeroo dhiyoo asi akeekaniidha.
Kun hundi garuu qormaata mataasaa kan of keessaa qabu ta’a. Loltoonni dabalataa ni barbaachisu. Kanaaf ammoo maallaqni dabalataa ni barbaachisa. Maallaqa ammoo waraannichi duraanu hin qabu.












