Hezboollaan Libaanos keessatti deeggarsa ykn mormii hangam qaba?

Madda suuraa, Getty Images
Waraanni Hezboollaa fi Israa'el jiddutti gaggeeffamaa jiru, yeroo gahee paartiin Shii'aan Liibaanos keessatti qaburratti qoodiinsi cimaa umameetti kan eegalamedha.
Kunis murtee isaan Gaazaa deeggaruudhaaf jecha haleellaa waraanni Israa'el Onkoloolessa 8 fudhachuuf labseen dura dhaabbachuuf ejjannoo fudhatte dura kan ta’an dhaabbatanidha.
Haata’u malee, qoqqoodinsi kunis kan salphaatti gara qoodinsa warra Libaanos keessatti Hezboollaa deggeranii fi kanneen Hezboollaa morman gidduutti ifa ta’etti kan gadi bu'u danda'u miti.
Biyyattii keessatti waa’ee Hezboollaa ilaalchisee waggaa waggaadhaan yaadonni garaa garaa haalaa ijoo mariiwwan siyaasa biyyattii hunda jechuun danda’amutti ka'aa ture.
Biyyoota naaannichaa kaaniin yoo wal bira qabamee ilaalamu, Libaanos biyya yaada bilisummaa yaada ibsachuu fi bilisaan haasa'uun olaanaa qabdu keessatti, Hezboollaa waliin dhaabbachuu ykn mormuun kan jedhu mataduree haasawa ummataa fi dhuunfaati.
Akka lammii Libaanositti, waa'ee Hezboollaa, dhiibbaa siyaasaa isaa fi waa'ee meeshaa wraanaa isaa ilaalchisee yoo falmii ho’aa taasifamu waggoota darban keessa yoo gaggeeffamu arguukoo hin yaadadhu jetti gabaastuun BBC Arabic, Kaariin Torbeeu Beeruuti irraa.
Adeemsa marsaa sab-daneessaa

Madda suuraa, Getty Images
Waa'ee sadarkaa namoota garee waraanaa biyyattii humna guddaa qabuu fi qaama siyaasaa beekamoo ta'an keessaa kan tokko ta’e kanaa ibsuuf dhimoota hedduutu ilaalamuu qabu.
Libaanos biyya kutaa - danuuu kan qabduufi biyya eenyummaan amantii ilaalcha siyaasa namootaa irratti dhiibbaa cimaa itti qabudha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Deeggartoonni Hezbollaa hedduunsaanii hordoftoota amantaa Muslima Shi’aa yoo ta’an, qeeqxonnii fi mormitoonni isaa baay’een ammoo, Kiristaanoota fi hodoftota amantaa Musliima Sunnii dabalatee, warra Shi’aa hin taanedha.
Haata'u malee yaadni kunis hanga ta'e qofaa sirriidha.
Gareen amantaa gurguddoonii fi ilaalcha adda addaa qaban kanneen guutummaatti Hezboollaadhaan morman jiru.
Irra caalaan isaanii garee kana akka bakka bu’aa Iraan, kan waraana Libaanos keessa galuu ykn nagaan jiraachuushee murteessuu fi mootummaa biyyattiif ilaalcha gadaanaa qabuutti ilaalu. Isaanis waraanni Hezboollaa humna cimaa ta'e akka hiikkatu gaafatu.
Haata'u malee, kanneen biroo ammoo kan Hezboollaa waliin dhimmoota hedduu irratti walii hin galle, haata'u malee dhimma meeshaa waraanaa isaa deeggaraa turanis jiru.
Hanga yeroo dhiyootti, michoota siyaasaa isaa gurguddoo keessaa tokko dhaaba Kiristaanaa yeroo sanaa guddaa, Sochii Sabboonummaa Walabaa (Free Patriotic Movement (FPM)) ture. Waggootaaf gareewwan kunneen waliigaltee wal deeggaruu qabu turan.
FPMn michuu siyaasaa Shi’aa kabaja guddaa kan argate yoo ta’u, Hezboollaan ammoo deeggaraa Kiristaana kan hatattamaan hidhannoo hiikkachuu isaa hin gaafanne argate.
Erga waliigalteen diigamee asi ammoo, gareewwan adda addaa Libaanos keessatti akkamitti kallattii sarara amantiitiin gamtaa uumuu akka danda’an agarsiisa.
Waraana qabeenya gahaa hin qabne
Garii muraasni Hezboollaan hidhannoo akka hiikkatuuf yoo gaafatan, kaan ammoo sababii loltoonni garichaa humna cimaa qabuuf jecha dhaabicha caalaatti deeggaru.
Humna waraanaa Hezboollaa cimuufi waraanni biyyoolessaa Libaanos ammoo dadhabuu jechuun, namoonni kaan- kanneen buufatasaa ijootiin ala ta’anillee – gariichi hidhannoo itti fufuun barbaachisaa ta’uu amanu jechuudha.
Israa'el bara 1982tti Libaanos weeraruudhaan hanga bara 2000tti kibba biyyattii kan qabattee yoo ta'u, ammas wallakkaasaa akkuma qabateetti jirti.
Waraanni Hezboollaa Libaanos keessatti humna cimaa humnoota Israa'el dura dhaabbachu danda'eedha.

Waraanni Libaanos hidhannoo gaarii kan hin qabnee fi meeshaa waraanaa fi rasaasa Ameerikaa fi biyyoota lixaa kan yeroonsaanii darbe irratti baay’ee kan hirkatudha.
Haala kanaan walqabatee Libaanos keessatti namoonni baayyeen waliigalaatti dhaabicha mararfachu baatanis Hezoollaa humna lolaa isaa akka eegu deggeruu itti fufan.
‘Adda waliin dhaabbachuu’
Dambaliin mararfannaa, mormii fi gamtaa Libaanos keessaa duraanuu walxaxaa ture, yeroo rakkoo ammaa, kan erga guyyoota muraasaa as daangaa qaxxaamuuruun walitti dhukaasuun itti cimee kanaatti, daran jijjiiramuu danda’a.
Haala akkanaa keessatti namoonni baayyeen garaagarummaa saanii gara cimaatti dhiisu.
Kanneen hedduun murtee Hezboollaa deeggarsa Gaazaatiif jecha Israa'el irratti haleellaa banuudhaan biyyattii rakkoo keessa galchaa jira jechuun morman dabalatee, miidhamtoota haleellaa meeshaalee quunnamtii tibbana miseensoota Hezboollaa irratti xiyyeeffachuun qaqqabe bira dhaabbataniiru.
Haleellaa jumlaa kan ittiin namoonni kumaatamni sababii dhohinsa meeshaalee quunnamtii sarara maleeyyiitiin kaan madaa'anii, kaan ittiin du'an, bal'inaan Israa'elitu ittiin komatame. Israa'el garuu dhimmicharratti yaada hin kennine.
Walbira dhaabbannaa kun kan cime duula qilleensaa guddaa Israa’el kibba Libaanos fi gammoojjii Bekaa irratti eegaluushee, Daahiyeh, naannawa kibbaa Beerut kan ummanni baay’een guutame irratti xiyyeeffachuudhaan raawwatameen hordofee ture.
Kunis ajjeechaan lammiilee nagaa, kan baayyeensaanii daa'imman ta'an yoo tahu namoonni hedduun qe'eesaanii irraa buqqa'aniiru.
Yunivarsiitii Ameerikaa Beerut keessatti piroofeesara saayinsii siyaasaa kan ta'an Dr Jamil Muu'aawad, ''tokkummaan uumamaa ture,'' jedhan.
“Gareewwan farra Hezboollaa ta'an birattillee biyyattii keessatti miirrii farra Israa’el bal’inaan akka jiru ifaadha.”
Itti dabaluudhaanis, “Namoonni baay’een yeroodhaaf qoqqoodinsi g hafuu qaba jechaa jiru. Kun ammoo qabxii ejjannoo ilaalchaa ykn siyaasaa osoo hin taane, hammeenya Israa’el raawwachaa turte ilaalchisee dha,” jedhan.
Haata'u malee, qoqqoodinsi Hezboollaa irratti mul’atu ammallee guddaa waan ta’eef Israa’el kan itti fayyadamuf yaaltu fakkaata.
Jeettiiwwan Israa’el magaalota Libaanos kibbaa fi gammoojjii Bekaa keessaa boombii yeroo darbatan, MM Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun ergaa ummata Libaanosiif dabarsan keessatti akkas jedhan: “Waraanni Israa’el isin irratti hin xiyyeeffatu. Hezboollaadhaaf'' jedhan.
Hang deeggarsa Heboollaan Libaanos keessatti qabaachuu danda’u, rakkoon daangaa qaxxaamuree hammaachuu ykn dhaabbachuuf dhimma murteessaa ta’uu danda’a.













