Bakka fedhe seenee namoota dhuunfaatii hanga biyyaatti kan basaasu Mossad eenyu?

Mossad haleellaa fi shira basaasaa hojjachuun beekamu

Madda suuraa, Getty Images

Dho’iinsa xixiqqoo kumaatamaan lakkaa’aman garuu heddu balaafamaa ta’e, kan tibbana Libaanos keessatti lubbuu namaa hedduu galaafate duuba harki Israa’el akka jiru ni amanama.

Sababni isaa ammo addunyaa kana irraatti kan haleellaa walxaxaa fi qindaa'aa akkasii raawwatu dhaabbata basaasa Israa’el yoo ta’e malee kan biraa waan hin yaadamneefi.

Dho'insi sun irra caalaa kan kaayyeffate Hizbollah kan Iraanin deeggaramani fi hooggantootaa fi miseensota isaa Israa’el adamsee ajjeesuu barbaadu irratti yoo ta’u, dhohinsi kun meeshaalee qunnamtiitin kan raawwatamedha.

Haleellaa fi tarkaanfiin akkasii kun ammo taatewwaan kanaan dura hin baramnee fi dhabbata basaasa Israa'el Mossadin ala kan hin yaadamneedha.

Biyyoota Baha Giddu Galeessaa keessaatti diina baay’ee kan qabdu Israa’el, biyyoonni naannoo ishee jiran ifatti yoo waraana itti banuu baatanillee , carraa argatan hundaan gareewwan hidhattoota Baha Giddugaleessaa keessa socho’an Israa’el irratti kaasurraa duubatti jedhanii hin beekan.

Kanaafis biyattiin dhabbata basaasaa cimaa hundeeffachuun gola tokko tokko biyypootaa seentee hanga sakatta’uttutti darbees haleellaa fi tarkaanfii ajjechaa fudhachuu hojii ishee idilee godhatteetti

Hojii kan hundaa keessatti taatoo cimtuu ta’uun kan tajaajiltu fi itti gaafatamummaa hundaa qabu dhabbata basaasa Israa'el Mossadi.

Dhaabbanni basaasaa kun human waraanaa Israa’el gad kan hin taane nageenya biyyattii eeguu keessatti gahee olaanaa kan qabudha.

Mossad yoom hundeeffame? Humni isaas hangami? Maaliif dhaabbata addunyaa guutuu, keessattuu Baha Giddu Galeessaa keessatti sodaatamaa ta'e?

Israa'el waliin kan uumame Mossad

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhaabbanni basaasaa addunyaa ‘Mossad’ jedhamuun beekamu kun kan hundeeffame Israa'el akka biyyatti Baha Giddu Galeessaatti erga hundeeffamtee ji'oota muraasa booda akka lakkoofsa Awurooppaa bara 1949 tti ture.

Mossad, ifatti 'Ejensii Basaasaa fi Ergama Addaa' jedhamuun kan beekamu yoo ta'u, kutaa basaasaa waraana Yihudootaa 'Haganah' irratti hundaa'uun hogganaa Israa'el yeroo sanaa Deeviid Ben-Guriyooniin hundeeffame.

Kaayyoon ijoo dhaabbata basaasaa kun"Odeeffannoo funaanuu,sodaa fashaleessuu akkasumas nageenya Israa’elii fi saba Yihudootaa mirkaneessuu.” ta’uu Weebsaayitiin dhabbatichaa kan mul’isu.

Kana galmaan gahuuf Mossad miseensota filatamoo kanneen iccitiidhan , ija jabinaafi basaasummaan biyyoota alaa keessatti hojii dhoksaa raawwachuu danda'an akka qabutu eerama.

Mossad irree cimaa basaasaa Israa'el addunyaa irratti beekamaa ta'us, garuu biyyattiin dhaabbata nageenyaa kan qofa miti kan qabdu.

Mossad ergama idil-addunyaa kan raawwatu, yoo ta’u, Waajjirri 'Shim Bet' jedhamu ammoo addatti dhimma nageenya Israa'el irratti hojjeta. Kana malees, qaamni basaasaa 'Amaan' jedhamu dhimmota garee tika waraanaa irratti basaasa.

Miseensonni Mossad fi sochiin isaa hundi dhoksaa kan turan yoo ta'u, hanga bara faranjootaa bara 1990tti eenyummaan namoota dhaabbaticha geggeessanii ifatti hin beekamu ture. Boodarra garuu eenyummaan gaggeessitoota dhaabbatichaa miidiyaa irratti waan ifa ta'eef addunyaatu beeka.

Dhaabbilee waraanaa fi nageenyaa olaanoo Israa'el biroo irraa haala adda ta'een, hogganaan Mossad hayyama mootummaa ykn qaama olaanaa biyyattii irraa osoo hin barbaachisin kallattiin Muummicha Ministeeraatiin kan muudamu.

Faallaa kanaa, Hogganaan Olaanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Israa’el akkasumas, qondaaltonni Shim Bet Mana Maree Biyyaalessaatiin raggaasifamu.

Muummichi Ministeeraa Israa’el isa jalqabaa kan ta’an Deeviid Ben-Guriyoon, Israa’el balaa biyya alaa irraa eeguuf jecha, Mossad kan hundeessan.

Madda suuraa, Getty Images

Mossad akkamiin beekamuu danda’e?

Hundeeffama Israa’el duras ta’e booda, hojiiwwan iccitii fi walxaxaa ta’an, kanneen nageenya Yihudootaaf balaa ta’an akkasumallee nageenya biyyatti irratti xiyyeeffatan akka ba’an gochuu qofaa utuu hin taane hojii basaasummaan addunyaa irratti akka dubbatamu taasiseera.

Dhabbatichi qondaala waraanaa dhumaatii Yihudoota hedduudhaaf sababa ta’ee fi barbaadamaa ture Naazii Adoolfi Ekman, Arjentiinaa bakka waggootaaf dhokatee ture keessaa baasuun, murtiif kan dhiyeesse duula dhokataaa miseensota Mossadi

Dorgommii Olompikii Jarmanii Muuniik keessatti gaggeeffame irratti, atileetota Israa’el ukkamsanii ajjeesuu keessaa harka qabu kan jedhaman yoo xiqqaate miseensonni garee Filisxeem torba biyyoota Awurooppaa adda addaa keessatti adamsitee tokko tokkoon dhabamsiifte.

Kana malees, maqaan Mossad kan kaafamu hoggantoota gareewwan hidhattoota Filisxeem fi Baha Giddugaleessaa biroo, kanneen erga hundeeffamee kaasee diina Israa’el ijoo ta’anii ilaalaman irratti raawwatameen walqabateeti.

Hojiiwwan kunniin kan walxaxaa ta’an naannoo Israa’eliin ala Awurooppaa, Baha Giddugaleessaa fi Afrikaa keessatti raawwatamuu isaaniiti.

Akkasumas, mootummaan Israa’ees ta’e dhaabbileen basaasaa kun tarkaanfiiwwan fudhataman ilaalchisee wayita dhimmicha irratti mirkaneessas ta’ee mormii kennan hin mul’atu.

"Ejensiin basaasa biyyoota biroo kanneen Mossaad Israa'el waliin wal gitan CIA Ameerikaa fi MI6 Yunaayitid Kingidam yoo ta'an; garuu aangoo mootummaan biyyattii kenneef kan lammaniyyuu caalaa bal'aa dha jedha rippoortarri dhimma nageenyaa BBC Firaanki Gaardner.

Haala kanaan, CIA fi MI6 irraa adda ta’ee, Moosaad basaasummaa idil-addunyaa fi hojii dhoksaa isheetiin alatti biyyattiif gahee dippilomaasii olaanaa taphata.

Keessattuu, hariiroo Israa’el biyyoota Musliimaa waliin qabdu fooyyessuuf waggoota darban keessatti tattaaffii taasifamaa ture keessatti gaheen dhaabbatichi qabu eerameera.

Akka hayyuun siyaasaa Israa'el Daani Yaatoom jedhutti, "hariiroo Israa'el Morookoo fi biyyoota Kaaba Afrikaa biroo waliin qabdu fooyyessuuf carraaqqiin taasifamu Mossadiin hoogganame."

Hogganaan Moosaad kallattiin Muummicha ministeeraatiin muudama

Madda suuraa, Getty Images

Basaasa, Shira fi Ajjeechaa

Baajata mootummaan Israa’el waggaatti tilmaamaan doolaara biiliyoona 3 ramaduu fi yeroo ammaa hojjettoota kuma 7 ta'an akka qabu kan tilmaamamu Mossad ga'uumsa hojii tikaa fi basaasaa irratti qabuun CIA Ameerikaatti aanee dhaabbata basaasaa addunyaa isa lammaffaadha.

Miseensota 80'n hojii isaa kan eegale Mossad haala ajaa'ibsiisaa ta'een ergama cimaa raawwachuu isaatiin dinqisiifannaa kan argate yoo ta'u, ergamoonni fi seenaan garee kanaa hedduun gara kitaabaa fi fiilmiitti jijjiiramaniiru.

Kana malees, fiilmiiwwan basaasaa fi kitaabonni Mossad irratti hundaa’an hedduun hojjatamaniiru.Mossad namoota dhuunfaa fi garee qofa osoo hin taane, biyyoota irrattillee ni xiyyeeffata.

Keessattuu biyyoota Arabaa Israa’el marsanii jiran keessatti sochiiwwan yaddessoo ta’an hordofuun yoo barbaachisaa ta'es tarkaanfii fudhachuun maqaan isaa ka'a.

Haala kanaan egaa, waggoota kurnan darban muraasa keessatti, dhabbatichi biyyoota ollaa "diina" Israa'el jedhaman keessatti hojii basaasummaa adda addaa raawwateera.

Biyyattii keessatti hoggantoota gareewwan Israa'el "shororkeessaa" jettee waamtu irratti ajjeechaa raawwachuu,dhaabbilee saayinsawaa fi waraanaa isaanii akka gufatan shira xaxuu, saba ykn garee siyaasaa mootummaa mormu waliin hariiroo uumee daba hojjachuu dabalatee dantaa fi nageenya Israa’el eeguuf hojiiwwan adda addaa raawwateera.

"Bakka dandeenyu hundatti hiriyoota horachuuf yaalla" kan jedhu miseensi Mossad duraanii Eliyaas Saafriyaan, humnoota Kurdoota Iraaq Saadaam Huseen lolan deeggaruuf hojjechaa akka turan waggoota dura BBC'tti himee ture.

Daayreektarri duraanii Mossad Yossi Kochi waggaa sadii dura ajjeechaa fi malaammaltummaa ilaalchisuun, dhaabbatichi bara 2018tti sanadoota sagantaa niwukilaraa Iraan waliin walqabatan kumaatamaan lakkaa'aman hatuu duuba Mossad akka ture amaneera.

Dabalataanis, haleellaa saayibarii wiirtuu niwukilaraa Iraan Nataanzi jedhamu irratti raawwatame, akkasumas, ajjeechaa saayintistii niwukilaraa biyyattii keessatti adda duree Mohsin Fakhrizadeh irratti bara 2020tti raawwatame keessa qondaaltootni Mossad akka harka keessaa qaban darekteerichi eerera.

Amma immoo mootummaan Iraan ajjeechaa dhiheenya kana hogganaa Hamaas Ismaa’il Haaniyeeh magaalaa guddoo Teehiraan keessatti raawwatameef Mossad himattus, Israa'el garuu itti gaafatamummaa hin fudhanne.

Haleellaa kanaa fi kanneen biroo kanaan dura raawwataman irratti hundaa’uun, haleellaa tibbana Libaanos keessatti meeshaaleen qunnamtii kumaatamaan lakkaa’aman karaa adda ta'een dhodhoosun waliin maqaan Mossad heddu biratti ka'aa jira.

Mootummaan Libaanos fi Hizbollaah dhohinsa raadiyoo qunnamtii kana kan qindeesse Mossad ta’uu himu.

Madda suuraa, Getty Images

Mossad wanti isa daangessu hin jirre

Nageenyaafi faayidaa Israa’el bu’uura godhachuun aangoo daangaa hin qabne isaaf kenname fayyadamuun Mossad tarkaanfii inni biyyoota garagaraa keeessatti fudhatu mootummaa biyyattiirratti dhiibbaan dippilomaasii akka jiraatuufi akka abaaramullee taaiseera; kun ammoo hariiroo biyyoota waliin qabu akka badaa ta’u taasisa.

Fakkeenyaaf, beekamtii aanga’ootaa Arjentiinaa malee qondaalli waraanaa Naazii Adolfi Eekiman biyyattii keessaa akka baafamu taasisuun Israa’eliifi biyya Ameerikaa Kibbaa kana gidduutti atakaaroo dippilomaasii uumee ture.

Mossad Olompikii Muniikitti ajjeechaa atileetota Israa’el haaloo ba’uuf duula gaggeesseen hojjetaa hoteelaa tokko dogongoraan miseensa garee Filisxeem jechuun Noorwey keessatti ajjeefamuu isaatiin hariiroo Israa’el biyyoota warra Lixaa waliin qabdurratti rakkoo uumeera.

Israa’el ifatti duula basaasaafi tarkaanfii erga dhaabbata dhimma nageenyaa kooti jechuu fudhatte birootiinis biyyoonni dheekkamanis, akkasumas mormii qaban ibsanis Mossad garuu kaayyoo itti kenname raawwachuurraa duubatti hin jenne.

Dabalataanis tarkaanfiiwwan isaa mormii fi dheekkamsa gosa kamiyyu hordofsiisuyyuu bu’aan isaa faayidaa Israa’elootaa fi Yihudootaa, akkasumas nageenya isaanii waan eegisuuf hedduu xiyyeeffannaan itti hin kennamne. “Bu’aan isaa adeemsa isa ani murteessa,” akkuma jedhamu haala kamiiniyyu ta’u taanaan bu’aa kamiyyu fiduun galma ijoo Mosaadidha.

Mossad humni daangessu akka hin jirre kan dubbatu lammiin Israa’el Yoosii Meelmaan, “hanga qarqara samiitti deemuu danda’a,” jechuun BBC'f ibsa.

Itti-dabaluun Mossad “biyya michoota ta’an yoo tuqe, daangaa bulchiinsa isaanii keessatti yakka yoo raawwate ykn seera idil-addunyaa ykn kan biyyaalessaa yoo cabse nageenyia Israa’el eegsisuuf akka ta’etti amanama,” jedha.

Kitaaba waa’ee Mossad ibsurratti”Spy of the Holocaust” jedhamu kan barreesse Yoosiin akka jedhutti dhaabbanni basaasaa kun gocha biyyootaafi mootummoota dheekkamsiisu daangaa bulchiinsa isaanii keessatti raawwatus biyyoonni kunneen dhimmicha cimsanii itti hin fufan.

“Sababa dhumaatii sanyii Ayiwudootaa Naaziin raawwateen gaddi uumameefi Israa’el biyya xiqqoo waan taateef tarkaanfiin Mosaad daangaa hin qabne hedduu itti gaafatamummaa osoo hin qaqqabsiisiin achumaan hafa,” jedha.

Haata’u malee, duulawwan Mosaad murtaa’aniin alatti dho’insawwan Libaanos, ajjeechaa hogganaa Hamaas Iraan dabalatee oppereeshinii gurguddoo dhaabbata basaasaa Israa’eliin hanga bara kanaatti raawwataman ilaalchisee aanga’oonni Israa’el mirkaneessuus ta’e waakkachuuf hayyamamoo miti.

Kanaaf, ogeessonni nageenyaa, akkasumas qaamoleen miidhaan irra gahe Israa’eliifi Mossadiin itti-gaafatamoo taasisuurra taateewwan mudatan akkasumaan irra dibanii darbuu filatu.