Lammiileen Itoophiyaa Libaanos jiraatan maal keessa jiru?

Madda suuraa, EPA
Lammiileen Itoophiyaa Libaanos keessa jiraatan waraanni Hezbollaa fi Israa'el hammaachaa dhufuu isaatiin yaaddoon itti cimuun ibsame.
Dhaabbatni tola oolaa lammiilee Itoophiyaa tokko ''lolichi daangarraa gara giddu galeessatti dhufaa jira'' jechuun yaaddoon hammaachuu ibseera.
Israa’elifi Hezbollaa gidduutti waraanni gaggeeffamu ji'oota kan lakkoofsise ta'us, guyyoota muraasaa as hammaatee jira. Israa’el bakkeewwan qubsuma Hezbollaa, keessumaa Kibba Libaanos irratti xiyyeeffachuun haleellaa walirraa hin cinne gaggeessa jirti.
Israa’el haleelllaa qilleensaa Libaanos keessatti gaggeessaa jirtuun hanga ammaa namoonni 500 ol du’uu Ministeerri Fayyaa Libanoos beeksiseera.
Hedduun miidhamaniiru kumoota hedduun kan lakkaa'aman ammoo qe'eesaaniirraa buqqa'uuf dirqamaniiru.
Biyyootni hedduun lolli kun kana caala akka hin hammaanne yaaddoo yoo ibsan, lammiilee isaanii qaata baasan. Itoophiyaan lammiileeshee Libaanosii hin baafne.
Libaanositti dhaabbata tola ooltotaa Itoophiyaa “Inyaa Le Inyaa Besidet” jedhamutti daayireektara kan taatefi magaala Libaanos keessa kan jiraattu Innuun haleellan gaggeeffamu hammaataa dhufuu BBCtti himte.
''Lolichi daangarraa gara giddu galeessatti dhufaa jira. Ammuma kanayyuu magaala Berut nannoo Gubaayer jedhamutti halleellan gaggeeffamee namoonni 6 du’anii namoonni 15 ammoo akka madaa’na odeeffannoon nu qaqqabeera'' jechuun Kibxata Fulbaana 24/2024 waaree booda yaada kenniteen.
Wiixata darbe ammoo bakkeewwan daangaatti dhiyoo jiran kanneen akka Saayidaa, Nabateefi gara giddu galeessaarraa namootni qe'ee isaanii gadhiisanii baqataa turan jetti.
''Waraanni ifatti banamee jira. Namoonni du’aa jiru. Haalli jiru baay’ee hammaatee sadarakaa sodaachisaa irra gahee jira'' jetti Innuun.
Kora dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Niiwyoorkitti gaggeefamaa jiru irratti dureewwan biyyoota garagaraa balaa mudatuuf jiru irratti cimsanii dubbataniiru.
Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez ''Libanoos fiixeerra jirti'' jedhan.
''Uummatni addunyaa Libanoos Gaazaa kan biraa akka taatu hin eegu'' jedhan Gutareez.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waamichi muddamni akka tasgabbaa'u godhamu gamaa fi gamanaa osoo dhagaahamuutti jiruu Ministirri Muummee Israa'el Biniyaamiin Netaaniyaahuu haleellaan Hezbolaarratti xiyyeeffachuun godhamu akka itti fufu Kibxata darbe beeksisaniiru.
''Waraanni keenya isan waliin miti'' jechuun lammiilee Libaanosiif dhaamsa dhaaman keessatti warra misaayelaafi rookkeettii manaa qaban akeekkachiisaniiru.
Haleellaa Israa'el Libaanos keessatti raawwachaa jirtuun midhaan lammiilee Itoophiyaarra gahe yoo jiraate hubachuuf Qontsiilaa Itoophiyaa Beerut jirurraa deebii argachuuf yaaliin goone hin milkoofne.
Dayireekatarri dhaabbata tola oolaa Itoophiyaa kan taate Innuun lammiilee Itoophiyaa bakka Israa'el uummatni akka gadhiisu ajaje keessaa baqatan muraasni jiraatanis deeggarsi homaatuu lammiilee Itoophiyaaf godhamaa akka hin jirre himti.
''Fakkeenyaf guyyaa kaleessaa Dahaayyee bakka jedhamurraa namoonni nu bira dhufanii ture. Bakkan dhaqu hin qabu nuun jettee turte mucayyoon tokko. Kanaaf Qonsiilaa akka qunnamtu goonee turre.
Garuu yeroo sana deebin kenname gaarii hin turre. Hiriyoota kee barbaadii isaan bira dhaqi deebii jedhutu kennameef. Dhimmicha ofiidhumashee akka to’attuudha kan itti himame.''
Gama dhaabbata isaanii garuu baqattootaaf odeeffannoo iddoowwan dahannoo qophaa'anii qoodaa jiraachuu ibsiteetti.












