Yaaddoo waraanaan biyyoonni lammiileen isaanii Libaanosii akka atattamaan bahan dhaaman

Dilbata ganama Hizbollaafi Israa'el walitti dhukaasaniiru

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Dilbata ganama Hizbollaafi Israa'el walitti dhukaasaniiru

Yaaddoo waraanni ka'uu mala jedhuun biyyoonni hedduu lammiileen isaanii Libaanosii akka atattamaan gadhiisanii bahan dhaamsa dabarsan.

Ajjeechaa hogganaa siyaasaa Hamaas hordofee Iraan haaloo bahuuf dhaadatteetti, Israa'el immoo waan hundaafuu qophii ta'u ibsite.

Hanga ammaa US, UK, Siwiidin, Faransaay, Kanaadaafi Yordaanos fa’i lammiileen isaanii hanga danda’ameen atattamaan akka bahan jedhaniiru.

Haa ta’u malee, balaliin baay’ee buufata xiyyaaraa Beerutii ka’u haqameera yookiin adda citeera.

Imbasiin US Beeruut jiru lammiileen Ameerikaa carraa tikeetii jiru hunda fayyadamuun Libaanos keessaa akka ba'an akeekkachiise.

US ajaja kana kan dabarsite yeroo dhiphinni Baha Giddugaleessaatti hammaachaa jirutti.

Akeekkachiisa US dura Ministirri Dhimma Alaa UK Deeviid Lamii haalli naannawa kana keessa jiru akkaan hammaachaa jiraachuu ibsanii ture.

Iraan haleellaa Roobii darbe Tehraan keessatti raawwachuun qondaala olaanaa Hamaas Ismaa'il Haaniyaa ajjeese hordofee Israa'el haleeluun haaloo ba'uuf dhaadatte.

Ajjeefamuu Ismaa'il Haniyaa duras Israa'el ajajaa waraanaa olaanaa Hezboollaa Fu'aad Shukir Beeruut keessatti ajjeeste.

Kanaafuu Iraan haaloo ba'uuf haleellaa dhaadattuun wayita raawwattu, Libaanos keessa kan jiruu fi deeggarsa Iraan kan qabu, Hezboollaanis Iraan cina hiriiruu danda'a sodaan jedhu jira.

Israa'el ammoo wayita haleellaa kanaaf deebii laattu waraanni hamaan dhalachuu danda'a.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hezboollaan eda galgala (Dilbata barii) toora sa'aatii 6:30 irratti kaaba Israa'el magaalaa Beit Hillel irratti rookeetii hedduu dhukaaseera.

Sirni ittisaa humna qilleensaa Israa'el Iron Dome air defence system jedhamu wayita rookeetii kunneen qilleensarratti kashafsiisu suuraa fi viidiyoon agarsiisan miidiyaa hawaasummaarra qoodamaa turan.

Haleellaa kanaan hanga yoonaa lubbuun namaa darbuun hin ibsamne.

Ministeerri Dhimma Alaa Jordaan gamasaan lammiileensaanii Libaanos keessaa akka ba'an ajajuun, kanneen garas imaluu yaadanis akka dhaaban akeekkachiiseera.

Kanaadaanis akkasuma lammiileenshee gara Libaanos akka hin imalle dhorkite. Haalli naannawa sana jiru osoo akeekkachiisi tokkollee hin kennamin ''tasa hammaatee balaa hamaan dhalachuu mala,'' jechuun sodaa qabdu ibsite Kanaadaan.

Imbasiin Ameerikaa Sambata kaleessaa ibsa baaseen kanneen Libaanos turuu fedhaniif karoora yeroo hatattamaa baasuun akka iddoo nageenyisaa fooyyee qabu qubatan hojjechuuf akka jiru ibseera.

Xiyyaara

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Xiyyaaronni imaltootaa hedduun gara Libaanos akkasumas Libaanos keessaa gara biyyoota biroos imaluu dhaabaniiru

Imalli xiyyaaraa hedduun yeroo biraatti dabarfamuu, kaan haqamuu fi kaan ammoo gurguramuu kan eere ibsi Imbasii US kun ''garuu ammallee carraan xiyyaara fe'umsaa fayyadamuun Libaanos keessaa ba'uu ni jira,'' jedhe.

Ameerikaan dooniiwwan waraanaa fi xiyyaarota waraanaa hedduu garas bobbaasuun, yoo haleellaan Iraan irraa Israa'el mudate Israa'el bira akka dhaabbattu ibsiteetti.

UKnis humna waraanaa, ajajootaa fi qondaaltota daangaarraa eegan garas erguun lammiileeshee Libaanos keessaa baasuuf akka jirtu ibsite.

Garuu tibba ''xiyyaarri fe'umsaa imalaa jiru kana carraa jirutti fayyadamuun,'' lammiileenshee akka ba'an akeekkachiisteetti.

Gama kaaniin Gaazaa keessatti haleellaa Israa'el mana barnootaa baqattoonni keessa qubatan irratti raawwatteen yoo xiqqaate namoonni 17 ajjeefamuu aanga'oonni Hamaas ibsaniiru.

Humni waraanaa Israa'el manni barumsaa Hamama kan magaalaa Gaazaa, ollaa Sheek Redwaan jedhamuun beekamu keessatti argamu iddoo teessoo ajajoota waraanaa Hamaas ta'uun tajaajilaa jiraachuu ibse.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Daawwadhaa: Wayita humni qilleensaa Israa'el rookeetiiwwan Hezboollaa rukutu

Hamaas garuu iddoo kana bu'uura godhachuun asirraa ka'ee haleellaa gaggeessu tokkollee akka hin qabne ibse.

Ebla darbe keessa Iraan dirooniiwwan 170, misaa'elota 30 fi misaa'eloota fageenyaa dheeraa furguggifaman 110 fayyadamuun Israa'el irratti haleellaa bante.

Iraan haleellaa boombii Israa'el qonsilaa Iraan Siiriyaa, Damaskas jiru irratti raawwatteef deebii kennuuf tarkaanfii sana fudhatte.

Taatee tibbana mudaterratti Iraan haaloo ba'uuf kan dhaadattus bifuma sana qabaachuu danda'a sodaan jedhu jira.

Ministirri Muummee Israa'el Benjaamin Neetaniyaahuu ''qormaanni caalu as deemaa jira,'' jechuun lammiileesaanii akeekkachiisan.

''Doorsisaa fi sodaachisa diinota keenya hedduurraa dhagahaa jirra. Garuu hundasaaniif deebii kennuuf qophiidha,'' jedhan.