Hezbollaa fi Israel waraana keessa galuu maluu?

Madda suuraa, Reuters
Haleellaa rokkeettii Hezbollaatu raawwate jedhameen kaaba Israa'el Gaarren Goolanitti daa'imman tapharra turan 12 du'uu hordofee Israa'elifi Hezbollaan waraana guddaatti cehu kan jedhu sodaa guddaa uumera.
Garichi haalulleen, Israa’el haleellaa kana duuba gareen hidhattoota Hezbollaa kan teessoo isaa Libaanos keessa godhate akka jiru dubbatti.

Madda suuraa, Reuters
Haleellaa Gaarreen Goolaaniin maaltu mudate?
Gaafa Sambataa Adooleessa 27 galgala keessa, magaalaa Majdal Shams keessatti dirree kubbaa miilaa keessatti dhohiinsi mudatee daa’immanii fi dargaggoonni hawaasa Druze lakkoofsaan bicuu ta'anii 12 ajjeese.
Onkololeessa irraa kaasee erga diinummaan Israa’elii fi Hezboollaa gidduutti hammaateen booda naannawa daangaa Israa’el- Libaanos'tti ykn naannoo Israa'el keessatti taatee lubbuu namaa galaafate ta'eera.
Haleellaan kunis Israa’elii fi addunyaa guutuutti aarii fi rifachuu uumeera.
Israa’el Hezboollaan haleellaa kana kan raawwate rookkeettii Iraaniin hojjetameefi fageenya gabaabaa Libaanos keessaa dhukaafameen jette. Ameerikaanis Hezboollaa balaaleeffamuu akka qabu dubbatti.
Hezboollaan garuu harka keessaa akka hin qabne cimsee waakkate.
Hezboollaan eenyuu?
Hezboollaan milishoota hidhannoo cimaa qabaniif fi sochii siyaasaa Libaanos biyya ollaa Israa'el taate keessatti buu'urreeffataniidha.
Dameen waraanaa garee kanaatis naannicha keessatti humna garmalee cimaa, misaa'elaafi rookkeettii hanga kuma 200 kan qabuu, akkasumas dirooniin haleellaa raawwatudha. Waraana Libaanos irraa addaafi baayyee cimaadha.
Akkasumas Hezboollaan mootummaa Libaanos keessattis dhiibbaa siyaasaa qaba.

Madda suuraa, EPA
Sochiin kunis damee Islaamummaa Shi’aa kan hordofu yoo ta'u, Iraan irraa deeggarsa maallaqaa, hidhannoo fi leenjii argata. Iraan ammoo Baha Giddugaleessaa keessatti biyya Shi'aa olaantummaa qabdudha.
Hezboollaa fi deeggartoonni isaa sochii diddaa Israa’el irratti fudhachu akka seera qabeessatti kan ilaalan yoo ta’u, garichis Israa’el ammallee gartokkee lafa Libaanos qabattee jirti jedha. Hezboollaan deeggaraa cimaa Hamaas fi Filisxeemootaa yoo ta'u, mirga Israa'el jiraachuu hin fudhatu.
Sochiin kunis biyyoota dhihaa, Israa’el, biyyoota Arabaa Galoo Galaanaa fi Liigii Arabaatiin akka jaarmiyaa shororkeessummaatti farajameera.
Gaarreen Goolaan maali? Israa'el maal achi gooti?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gaarreen Goolaan lafa daangaa kibba dhiha Sooriyaa keessatti argamu yoo ta’u, kan gara kaaba baha Israa’elitti babal’atudha.
Waraana Baha Giddu Galeessaa bara 1967tti tureen Israa’el Gaarreen Goolaan gara iskuweer km 1,200 (gara iskuweer maayilii 460) kan to'attee yoo ta’u, Sooriyaan achirratti duulte turte.
Israa’el bara 1981 naannoo kana kan of jala galchite yoo ta’u, tarkaanfiin kanas hawaasa addunyaa harki guddaan beekamtii hin argannedha. Bulchiinsi Tiraamp imaammata Ameerikaa waggoota kurnaniif ture cabsuun bara 2019tti Gaarreen Goolaan to'atame irratti abbummaa Israa'eliif beekamtii kenniin ture.
Sooriyaan ammoo lafti yoomiyyuu kan ishaa ta'u himuun, daangaashee akka kabachiistu dhaadatti.
Qubattoonni Jewuush gara 20,000 ta'anis Gaarreen Goolaan kan buufata waraana fi buufataalee dhaggeeffannaa Israa'eliif mana ta'e, keessa jiraatu.
Qubattoonni kunneenis haala seera idil-addunyaatti seeraan ala akka ta'anitti kan ilaalaman yoo ta'u, Israa'el garuu kana hin fudhattu.

Hawaasni Druze eenyudha?
Ummanni Druze sabaa fi garee amantaa afaan Arabaa dubbatan yoo ta’an, irra caalaan isaanii Libaanos, Israa’el, Joordaan fi Sooriyaa keessa jiraatu. Gareen hawaasa kanaatiis jaarraawwan hedduuf Gaarreen Goolaan irra jiraachaa ture.
Kanneen Gaarreen Goolaan irra jiranis, ji'a Waxabajjii 1967tti yeroo Israa'el harka caalubakkichaa qabattetti, bulchiinsa Sooriyaa irraa gara bulchiinsa Israa'elitti darban. Majdal Shams magaalota afur hawaasni Druze baay'inaan keessa jiraatan keessaa isa guddittiidha.
Israa'el jiraattota Gaarreen Goolaan hundaaf lammummaa kan kennite yoo ta'u, baay'een isaanii amanamummaa Sooriyaaf qaban eeguu filatan.
Har’a garuu hawaasni Druze tilmaamaan 21,000 achi jiraatan keessaa kan gara %20 lammummaa Israa’el fudhataniiru ykn dhaalaniiru. Kanneen lammummaa Sooriyaa qabatanii turanis sadarkaa jireenyaa Israa’el kan qaban yoo ta’u, mirga sagalee kennuu irraa kan hafe irra caalaan isaanii mirga lammiilee Israa’el waliin walfakkaatu qabu.
Gaarreen Goolaan to'atameen alattis, Druze'n 110,000 ta'an kan lammiilee Israa'el guutuu ta'an achi jiru. Isaanis hawaasa Yihudoota hin taane hedduun, haaluma qaama dirqaman tajaajila biyyoolessaa biyyattiitti, Raayyaa Ittisa Israa'el (IDF) keessatti tajaajilaa jiru.
Tilmaamichi garaa gara ta'ulleen, addunyaa kana irratti Druze gara miliyoona tokkoo ta'anitu jira. Amantiin isaanii damee damee Islaamummaa Shi’aa yoo ta’u, kan isaanii garuu amantii adda ta’ee fi kan shaakalaa fi amantaa mataa isaa qabudha.
Hezboollaan maaliif Gaarreen Goolaanitti dhokaase laata?
Hezboollaa Israa’el Onkoloolessa 7tti karaa Kibbaatiin Hamaasiin haleellaan irratti raawwatamee guyya tokkoon booda qiyyeeffannaawwan Israa’el irratti dhukaase ture. Hezboollaan Filisxeemota waliin dhaabbachuuf socho'aa jira hime.
Ergasiin boodas gamoonni lamaan yeroo hunda kan walitti dhukaasan yoo ta'u, Libaanos fi Israa’el keessatti namoota kumaatamaan lakkaa’aman qe’eesaanii irraa buqqa'uuf dirqisiifamaniiru.
Qondaaltonni nageenyaa Israa’el akka jedhanitti, rookkeettiin dargaggoota ajjeese kun qaama lolaa bakka hedduu Gaarreen Goolaan to'atame irra qubatedha. Sunis haleellaa Israa’el kibba Libaanos keessatti loltoota Hezboollaa afur ajjeese hordofeeti.
Haleellaan Hezboollaa Onkoloolessa 8 kaasee dhukaasee irra caalaan isaa kaaba Israa’el kan rukute yoo ta’u, haleellaan Gaarreen Goolaan irratti raawwatame xiqqaadha. Haata'u malee, irra deddeebiin buufataalee waraanaa Israa'el kan Gaarreen Goolaan Shebaa Farms/Mount Dov jedhamu, Majdal Shams irraa maayilii muraasa qofa fagaatu irratti xiyyeeffatte.

Madda suuraa, Reuters
Hezboollaan tarii deebii idil-addunyaa hamma tokko callise shallaguun, naannoo to'annoo Israa'el jala jira jedhamee irratti haleelaa kan raawwate ta’uu danda’a. Kunis mootummaa fi waraanaa Israa'el ammaan tana Gaazaa keessatti waraana gaggeessaa jiru irratti dhuubbaa uumuuf ta'a.
Hamaasiifi waraana Gaazaatiin wal qabataa?
Hezboollaan Hamas kan Onkoloolessa 7, yeroo hidhattoonni Hamaas haleellaa kanaan dura ta'e hin beekne Israa'el irratti raawwachuun namoonni gara 1,2oo ajjeeffamuun kaan 251 ammoo butamuun gara Gaazaatti fudhatama sana irraa eegalee Israa’el waliin waraana keessatti argamu deeggara.
Hezboollaan guyyaa itti aanutti kaaba Israa’el keessatti kallattii lammaffaa daangeffame kan bane yoo ta’u, ergasii as gama lamaaniinu wal jijjiiraan dhukaasaa jiru.
Hamaas gara Musliimaa amantii Sunnii fi Hezboollaan ammo Shiyaa ta'aniyyu, gareen lamaanuu Iraaniin deeggaram.
Lamaanuu qaama diddaa kan Iraan "axis of resistance" jettee waamtuu yoo ta'u, gamtaa laaftuu gareewwan yaada walfakkaataa qaban, kan Iraaniin deeggaramuun guutuu Baha Giddugaleessaa keessatti, farra Israa'elii fi michuu ijoo Israa'el, US, naannicha ta'uun socho'u.
Hezboollan kallattiidhaan waraana Gaazaa keessatti hirmaannaa kan hin qabne yoo ta’u, yoo Israa’elii fi Hamaas gidduutti dhukaasni dhaabbate, innis Israa’el irratti dhukaasu akka dhaabu dubbate.












