Hezbollaa, Israa'elii fi Iraan taatee kanatti aansee tarkaanfii akkamii fudhatu?

Madda suuraa, Reuters
Israa’el hogganaa Hezbollaa yeroo dheeraaf kan turan Hasan Nasrallaa ajjeesuunshee, kunis waraana garee hidhattoota Libaanos waliin qabdu keessatti taatee isa hamaadha.
Kunis, tarii, taatee riijinicha gara walitti bu'iinsa baayyee bal’aa fi miidhaa olaanaa qaqabsiisuu danda'uufi kan Iraanii fi US akka hirmaataniif harkisutti geessuu danda'a.
Kanaaf, bakka amma jiramu irraa garamitti deemuu danda'a? Kunis qabxiilee gurguddaa sadii irratti hundaa’a.
Hezboollaan maal raawwata laata?
Hezboollaan haleellaa irraa gara haleellaa gara biraatiin raafamaa jira. Ajajoota olaanoo kudhan ol ajjeefamudhaan, caasaan ajaja isaa mataan irraa murameera.
Qunnamtiin isaas dhohinsa rifachiisaa peejirii fi walkie-talkies isaarratti kiyyeeffachuun raawwatameen kan jalaa manca'e yoo ta'u, meeshaaleen waraanaa isaa hedduunis haleellaa qilleensaatiin barbadaa'aniiru.
Xiinxalaan nageenyaa Baha Giddu Galeessaa Ameerikaa keessa jiraatu, Mohaammad Al-Bashaa akka jedhanitti: “Hasan Nasrallaa dhabuun Hezbollaaf dhiibbaa guddaa kan qabu yoo ta’u, yeroo gabaabaa keessatti garee kana tasgabbii dhabsiisuu, tarsiimoo siyaasaa fi waraanaasaa jijjiiruu danda’a” jedha.
Haata'u malee, dhaabbati farra Israa’el cimaa ta’e kun akka tasaatti harka kennachuun, haala Israa’el barbaadduun nagaatti gala jedhamee eegamu akka hin qabaanne dubbatan.
Hezbullaan lola kana itti fufuuf dursee dhaadateera. Ammallee qabsaa’ota kumaatamaan lakkaa’aman kan qabdu yoo ta’u, baay’ee isaaniis kanlola Sooriyaa dhiheenyaa keessatti hirmaataniifi haaloo ba’uu barbaadaa jiraniidha.
Ammallee meeshaa waraanaa misaa'ela guddaa kan qabdu yoo ta'u, baay'een isaanii meeshaa waraanaa fageenya dheeraa, kan sirritti qajeelfamanii fi Teel Aviiv fi magaalota biroo gahuu danda'aniidha.
Isaanis osoo miidhaan baayyeen irra hin gahiin dura meeshaalee akkasiitti akka fayyadamaniif gulantaalee sadarkaa saanii keessaa dhiibbaan ni jiraata.
Haata'u malee, yoo akkas godhan ammoo, haleellaa jumlaa kan ittisa qilleensaa Israa’el mudduun guutee fi namoota nagaa ajjeese danda'a. Kanaaf ammoo, deebiin Israa’el kennitu gaaga’ama guddaa, kan bu’uuraalee misoomaa Libaanos irratti badiisa geessisuu, ykn gara Iranitti illee kan babal’achuu danda'u ta'u hin oolu.
Iraan maal gochuu dandeessi?

Madda suuraa, EPA
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ajjeechaan kun Iraaniif akkuma waan Hezboollaa rukuttuu sanadha. Gadda guyyoota shan akka ta'u duraanuu labsaniiru.
Akkasumas of eeggannoo hatattamaa fudhachuudhaan, hogganaa isaanii Ayaatollaa Alii Khaamaanee yoo ajjeessuuf kan barbaadamu ta'eef dhoksiteetti.
Iraan ajjeechaa salphinaa baatii Adooleessaa keessa hogganaa siyaasaa Hamaas kan turan Ismaa’eel Haaniyeh, mana keessummootaa Teehraan keessatti raawwatameef hanga ammaatti haaloo ba’uu hin dandeenye.
Wanti amma ta’e ammoo, gareewwan warra harbeessitoota sirnicha keessa jiranii deebii ta'e kennuuf akka yaadan taasisu danda'a.
Iraan galaaksii guutuudhaa michuuwwan milishoota hidhannoo cimaa qaban naannawa Baha Giddugaleessaa keessaa qabdi, fakkeenyaaf kan "Axis of Resistance" jedhamu fa'i.
Akkasumas Hezbollaan Yeman keessaa Huutii akkasumas gareewwan hedduu Sooriyaa fi Iraaq keessatti qaba. Iraan gareewwan kunneen buufataalee Israa’elii fi Ameerikaa naannicha keessa jiran irratti haleellaa isaanii akka cimsan gaafachuu dandeessi.
Haata'u malee, Iraan deebii kamiyyuu kennuuf yoo kan filattuu ta'e, waraana injifachuuf abdachuu hin dandeenye kakaasuun akka waan salphaa ta’etti madaaluun ishee hin oolu.
Israa'el maal gochuu dandeessi laata?
Ajjeechaa kanaan dura namni shakkii keessa ture kamuu yoo jiraate, amma kun hin ta’u.
Israa’el michuu ishee dhiyoo kan taatee Ameerikaa dabalatee, yaada guyyooa 21'f dhukaasa dhaabuuf biyyoonni 12n dhiyeessan kanaatiif duula waraanaa ishee dhaabuuf akka hin yaadne ifaadha.
Waraanni ishee amma miila Hezbollaa duubaa irratti akka qaban tilmaama. Kanaafuu, hanga yaaddoon misaa'eloota sanaa kaafamutti haleellaa ishee itti fufuu barbaaddi.
Hezbollaan harka kennachuu hin qaqabne, waan hin fakkaannedhas. Israa'el waraana lafoo osoo hin ergin kaayyoo waraanaa ishee balaa haleellaa Hezbollaa maqsuuf akkamitti galmaan gahuu akka dandeessu ilaaluun rakkisaadha.
Raayyaan Ittisaa Israa’el addatti kaayyoo kanaaf jecha leenjii loltoota lafoo, daangaatti dhihoo jiru suuraa gadhiisee jira.
Garuu Hezbollaan waggoota 18n darban, erga waraanni darbe xumuramee booda, isa ittaanu loluuf leenjii'aa ture. Nasrallaan ajjeeffamuun dura haasaa ummataa isa dhumaa taasisaniin, weerarri Israa'el gara kibba Libaanositti gootu, ''carraa seena qabeessa'' akka ta'u hordoftoota isaatti himaniiru.
Waraana Israa'el (IDF)f gara Libaanos seenuun salphaa ta'a. Garuu ammoo deebii'anii bahuun - akkuma kan Gaazaa sana - ji'oota itti fudhachuu danda'a.












