Iraan hogganaan michuushee kan jalaa ajjeeffame, Israa'el haleellaa yoo itti fuftee callifteetuma ilaaltii laata?

Madda suuraa, EPA
Israa’el garee hidhatee Libaanos keessa socha'u Hezbollaa, michuu Iraan isa dhiyoo fi kan bara dheeraa ta’e irratti xiyyeeffattee gaggeessaa jirtuu itti fufuun hogganaa olaanaa garichaa Hasan Nasrallaa ajjeefte.
Gochaan Israa'el kanaanis Iraan keessatti gareewwan konsarvaatiiviin ciccimoo hedduun, biyyisaanii tarkaanfii fudhachuu dhabuutti gamadaa hin jiran.
Erga ajjeeffamuun Narsallaa dhagahameen booda Hogganaa Olaanaan amantaa, Ayaatoolaa Kaameeniin, osoo maqaa Narsallaa hin dha'iin, garuu toora miidiyaasaanii irratti haaloo akka bahan barreessan.
Isaan dura garuu prezidaantin Iraan, Maasuud Pezeshkiyaan Kibxata darbe Yaa’ii Waliigalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii irratti haasawa wayita taasisaniitti, waraana Israa’el Gaazaa keessatti geggeessitu qeequun, haleellaasheen amma Libaanos irratti raawwattu deebii malee hafuu akka hin dandeenye akeekkachiisan.
Haata'u malee, Pezeshkiyaan, kan baatii Adooleessaa keessa filataman, haasaa isaanii keessatti hoggaantoota duraanii Iraan caala yaada araaraa dhiyeessan.
''Hundaaf nagaa barbaanna malee biyya kamiyyuu waliin waldhabuuf yaada hin qabnu,'' jechuun ibsaniiru.
Akkasumas mootummaan isaa humnoota dhihaa waliin marii niwukilaraa deebisee jalqabuudhaaf qophii ta’uu ibsuun, “hirmaattota waliigaltee niwukilaraa bara 2015 waliin mari’achuuf qophiidha,” jedhan.
Qondaaltonni Iraan olaanoon biroo fi ajajoonni Eegdota Warraaqsa Islaamaa (IRGC), akkasumas tarkaanfii Israa’el biyya isaanii fi michootasaanii ijoo kan ta'an Hamaas fi Hezbollaa irratti raawwatte irraa haaloo ba’uuf yaada qaban yeroo ibsan haala hin baratamneen of qusachuutuu mul’ate.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Iraan gareewwan hidhatan lama; Hamaas fi Hezboollaa hidhachiiftee, maallaqaan deeggartee fi kan leenjiftuu qabdi, garuu hoggantoonni Teehraan haleellaan kallattii Israa'eliin biyya saanii irratti akka hin raawwatamneef dhorkuudhaaf caalaa Hezbollaa irratti hirkatti.
Erga bara 1980moota keessa IRGCn garee kana hundeessuuf gargaaree as, Hezbollaan gara humna waraanaa waraanaa cimaa fi siyaasaa Libaanos keessatti gahee olaanaa akka qabaatutti akka jijjiiramuuf deeggarsi Iraanoota baayyee murteessaa ture.
Meeshaa waraanaa Hebollaan Israa’el irratti dhukaasuu danda’u, keessattuu misaa’ela ammayyaa'aa fi dirooniiwwan dhiyeessudhaan ijoo dha. US kanaan dura Iraan waggaatti maallaqa hanga doolaara miiliyoona 700 akka kennitu himattee turte.
Libaanositti ambaasaaddarri Iraan kan ta'an, Mojtaabaa Amaan, torban darbe imbaasiisaanii Beerut keessatti argamutti meeshaan qunnamtii (peejirri) isaanii dhoo’uun akka malee miidhamaniiru.
Peejaroonni fi walkie-talkies kumaatamaan lakkaa’aman kanneen miseensonni Hezbollaa itti fayyadaman dabalataan haleellaa lamaan dhohuun walumaagalatti namoota 39 galaafateer.
Iraan taatee kanaaf Israa'el komatte, garuu ammoo battalatti ifatti haaloo ba’uuf hin dhaadanne.
Faallaa kanaatiin, Israa’el baatii Eblaa keessa qoonsilaa Iraan Damaasqootti argamu rukutee ajajoota humna Quds Force IRGC sadarkaa olaanaa qaban saddeet yeroo ajjeesteetti, Iraan saffisaan diroonii fi misaa’eloota dhibbaan lakkaa’aman Israa’el irratti furguggisuun deebii kennite turte.
Akkasumas Iraan ajjeechaa hogganaa siyaasaa Hamaas Ismaa’eel Haaniyeeh dhuma ji’a Adooleessaa keessa Teehraanitti raawwatameef Israa’el himachuudhaan, hanga ammaatti tarkaanfii kamuu fudhachuu beeksisuu baattuulleen, haaloo ba’uuf dhaadattee turte.

Madda suuraa, Reuters
Ajajaan IRGC duraanii tokko BBC’tti akka himanitti, osoo hojiirra hin oolchiine irra deeddeebiidhaan Israa’el irra dhaadachuun, deeggartoota humna waraanaa Iraan keessaa fi bakka bu’oota isaa biyya alaa jiran biratti amanamummaasaa daran miidhaa jira jedhan.
Guyyaa Wiixataa, prezidaant Pezeshkiyaan miseensota miidiyaa Ameerikaa Niiw Yoorkitti akka himanitti, Israa’el Iraan gara waraanaatti harkisuu barbaadaa jirti jedhan.
''Iraan Israa'el waliin waldhabdee jiru qabanneessuuf, Israa'elis akkasuma yoo goote meeshaa waraanaa lafa kaa'uuf qophiidha,'' jechuun cimsanii dubbatan.
Konsarvaatiiwwan ciccimoon kanneen Hogganaa Ol’aanaa Iraan, Ayaatollaa Alii Khaamenetti dhiyaatan tokko tokkoos, pirezidaantichi waa’ee waldhabdee Israa’el waliin jiru qabanneessuu dubbachuusaa qeequun, ejjennoosaanii hubachuu fi gaaffii fi deebii kallattii gochuurraa of qusachuu qaba ture jedhan.
Pirezidantiichi Niiw Yoork keessatti gaafa Roobii darbe silaa gaazexessitootatti dubbachuuf turan, garuu ni haqan. Sababii yaada duraan kennanii wal qabatee akka af-gaaffii kana haqaniif dirqiisifamaniifi dhiisaniin ifa miti.
Iraan keessatti aangoo olaanaan hsrka Ayaatoollaa Khaameemee fi Humnoote Eegdoota Riippablika Iraan (IRGC) jira. Murteewwan tarsimowaa ijoos kan murteessan isaan malee pirezidanticha miti.
Ayaatollaa Khaamenetiis akkasumas wayita Roobii darbe loltoota duraaniitti wayita dubbataniitti karoora haaloo ba’uu ykn Israa’el irratti dhaadachuu kamiyyuu akka hin kaafne hubatameera. Kunis hogganaa kanaaf baay’ee kan hin baratamnedha.

Madda suuraa, EPA
Masariitii oduu US- Axios, irratti gaazexeessaan Israa’el, Baraak Raavid guyyaa Kibxataa akka gabaaseetti, qondaaltonni Israa’el lamaa fi dippilomaatonni biyyoota Lixaa, Hezbollaan Iraan dhaquudhaan Israa'el haleeluuf akka birmattuuf gaafachaa akka jiru akeekkan.
Qondaaltonni Israa’el kunneenis Iraan “yeroonsaa amma sirrii miti” jechuun Hezbollaatti himteetti jechuun hima Raavid.
Torban darbe qopheessaan sagantaa TV intarneetii Iraan kan IRGC waliin hidhata qabaachuun beekamu Maydan, maddoota basaasaa Iraan wabeeffachuudhaan Israa’el “ji’a darbe oppareeshinii addaa raawwachuun miseensota IRGC ajjeesuun, sanadoota hatteetti” jechusaanii gabaase.
Gaazexxoonni Iraan taatee, Iraan keessatti raawwatamuun himame kanarratti akka hin gabaasne dhorkamuu fi aanga'oonni odeeffannoosaa to'achuuf yaalaa akka jiran mirkaneesse.
Deebii kanaaf Ejensiin Oduu Tasnim kan IRGC waliinis hidhata qabu, himannaa kana haaleera. Rippabilikni Islaamaa haala hin eegamne keessa of argate.
Iraan yoo Israa’el irratti haleellaa raawwattee, waraana Ameerikaa dubbii barbaachuudhaan deebii waan kennuuf, tarii biyyattii gara waraana bal’aatti galchuu akka danda'u yaaddoofti.
Diinagdee biyyattii sababa qoqqobbii Ameerikaa fi jeequmsa biyya keessaa gaggeeffamaa jiruutti miidhame irratti, yoo haleellaan Ameerikaa IRGC irratti fudhatu dabalame ammoo, bulchiinsa Iraan laaffisuudhaan mormitoonni Iraan deebii'anii akka jajjabaatan taasisu danda’a jedhame yaadama.
Haata’u malee, Iraan waldhabdee Hezbollaan Israa’el waliin qabu keessatti kallattiin seenuu irraa yoo of qusatte, Rippabilikni Islaamaa yeroo rakkootti lubbuun jiraachuu fi dantaa ofiiisaaniif dursa kennuun, milishoota michuu biroo riijinicha keessatti argamaniif mallattoo balaa erguuf qabaata.
Kunis dhiibbaa siyaasaa fi walitti dhufeenya Iraan guutuu rijinichaa keessatti qabduu laaffisuu danda’a.












