Israa'el humna lafootiin Libaanos yoo weerarte maaltu ta'uu mala?

Kibba Libaanos

Madda suuraa, STR/EPA-EFE/REX/Shutterstock

Haleellaa Israa’el tibbana Libaanoos irratti raawwatteen qophii loltuu lafoon garas galuuf ta'uusaa waraanni Isra’el beeksiseera.

''Jeettiin mataa olirraa dhagahama, guyyaa guutuu haleelaa turre. Kunis lafoodhaan seenuuf qophii taasifamuu fi Hezboollaa laaffisuudhaaf haleellaa itti fufnedha,'' jedhan Herzii Haleevii yeroo loltootasaaniitti dubbatan.

Muddamni Libaanosiifi Israa’el gidduutti tibbana hammaatee jiru namoota baayyee waraana bara 2006 yaadachiisa. Yeroos Israa’el haleellaa qilleensarraa raawwachuun booda oppireeshinii lafoo daangaa Libaanoositti raawwatte.

Hamaas gaafa Onkololeessa 7, 2023 Israa'elitti haleellaa raawwachuun booda gareen hidhataa Hezboollaa haleellaa kibba Libaanos irraa raawwatu jabeesse.

Waggaa tokkoo kana keessatti muddamni biyyoota lameenii hammaachaa dhufe.

Israa’el Libaanosiin weeraruuf yoo murteessite, weerarri kun maal fakkaachuu danda’a? Israa’el daangaarra turuudhaan to’achuu barbaaddii?

Israa’el Libaanos keessatti haleellaa lafoo raawwachuuf qophaa’aa jirti

Ministirri Mummee Israa’el Beenjaamiin Netaaniyaahuu jiraattoota 60,000 sababa lola Hezboollaa waliin taasifameen qe’eesaanii akka gadhiisan kanneen taasifaman akka mana isaaniitti deebisu irra deddeebiin kakateera.

Roobii gaafa 25 Israa’el yaaddoo Hezboollaan jiraattota irratti agga'amu qolachuuf Libaanos akka galtu ifatti beeksifte.

Herzii Haaleevii: ''Har'a itti fufna, homaa hin dhaabnu. Iddoo arganne hundumaatti isaan haleella. Kaayyoon keenyi ifaa dha jiraattota gara kaabaa jiran deebisuudha,’’ jedhan.

Kana fiixaan baasuudhaaf, waraanni ''adeemsa oppireshinii qopheessaa jira. Kanaanis kophee waraanaan daangaa diinaa, ganda Hezboollaan waraanaaf qopheesse,'' seenna jedhan.

Kanaan dura, Fulbaana 23, gaafa Wiixataa muddamni kun qabxii murteessaa gahe, namoonni 550 tahan haleellaa qilleensaa Israa’el raawwatteen ajjeefaman, Israa’el garuu Hezboollaa irratti qiyyaafachuu himte.

Abbaan taayitaa fayyaa biyyattii kanneen ajjeefaman dubartoota afi ijoollee dabalatee namoota nagaadha jedhe.

Haleellaan qilleensaa itti fufee yeroo jirutti xiinxaltoonni Israa’el humna lafoo dhihootti gara Libaanos ergitti jechaa jiru.

Tarkaanfiin Israa’el Libaanos keessatti fudhattu akkam tahuu mala?

Waraana kanaan dura taasifameen Israa’el oppireeshinii lafoof mala garagaraa fayyadamteetti..

Haala jiru hubachuuf weerara Israa’el bara 1982 fi 2006tti Libaanositti taasifte ilaaluun murteessaadha.

Haleellaa Israa'el bara 2006 Libaanositti raawwatteen manca'insa uumame

Madda suuraa, AFP

Waraana 1982: weerara guutuu humna lafoon taasifame

Bara 1982 humni Israa’el guutummaatti Libaanos weeraruun dhukaasaafi haleellaa Filisxeem daangaa qaxxaamuru dhaabsisuuf yaalte. Dhiibbaa Sooriyaan Libaanos keessatti qabdu dhaabsisuun ''mootummaan michoomaa waliigaltee nagaa Israa’el waliin mallatteessu uumte,’’ jedha marsariitiin dippiloomaasii Israa’el.

Yeroo sana warra Filisxeem kan hogganu Yaaser Arafaat paartiinsaa Palestine Liberation Organisation (PLO) Israa’eliif beekamti kan hin kennine yoo tahu, Israa’elis biyya tahuu Filisxeem hin deeggartu.

Weerarri yeroos taasifame jabaa yoo tahu loltoota lafoo kumaatama, taankii dhibbaan lakkaa’amu akkasumas konkolaattota waraanaan kan dabaalame ture.

Israa’el torbee tokko keessatti dirree waraanaa baayyee seenuun, iddoowwan qararqara magaalaa guddoo Libaanos Beerut irraa magalatti to’atte.

Weerara bara 1982 addunyaan attamiin ilaala?

Hogganaan paartii Filisxeem PLO Yaaseer Arafaat fi loltoonni Sooriyaa isa deeggaran Libaanosii akka bahan Israa’el dirqamsiifte.

Gabaasaan BBC yeroosii, ''Arafaat dooniidhaan gara Giriik waan deemuu danda’u miti; Libaanos keessa turuun badii qaqqabsiiseen booda biyyi Arabaa isa simatu waan jirus miti,’’ jechuun barreessee ture.

Haatahu malee Beerut keessatti lammiileen Filisxeem dhibbaan lakkaa’aman milishoota Kiristiyaanaan ajjeefaman loltoonni Israa’el homaa hin goone jedhamuun akka addunyaatti Israa’el akkaan qeeqamte.

Boodarra taateen kunis ajjeechaa jumalaa Saabraa fi Sahaatilaa jedhame.

Waraana 2006: Israa’el haleellaa lafoo murtaa’aa Libaanos keessatti raawwatte

Oppireeshinii bara 1982 Israa'el Libaanositti geggeesite

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haleellaan lafoo bara 2006tti raawwate isa bara 1982 biratti murtaa’aa fi suuta kan taasifame ture. Bayyeensaa magaalotatti qofa kan rawwate ture.

Xiinxalaan siyaasaa Israa’el Yo’aav Isteern weerarri ittaanu kuni kan bara 1982 hin fakkaatu. Haleellaa suutaafi of eeggannoon taasifamu taha jedha.

Israa’el weerara humna guutuu gochuu irra magaalawwan Libaanos gara kibbaa tokko, tokkoon to’atti.

Kan bara 2006 wajjin wal-fakkaataa tahuu mala, garuu daangaa Libaanos irratti haala jabaa taheefi laga Litaanii qaqqabuun raawwatamuuf jira. Lagni Litaanii gama lameeniif iddoo murteessa tahedha.

Isteern tilmaama kana kan kaa’uu magaalawwan kibba Israa’el jiran qubsuma Hezboollaa yeroo dheeraa waan tahaniif Israa’el to’achuurraa kan dhorkuu fi loltuun dafanii akka bahan taasisu dha jechuudhaan.

Xinxalaa siyaasaa fi jeneraalli duraanii Hishaam Jaabiir magaalawwan kibba Libaanon weeraruun loltoota Israa’el yeroo dheeraaf kan tursu miti jedha.

''Israa’el weerara 2006tti rawwatte irraa haleellaa lafoo taasisuun gatii akkamii akka baasisu muuxannoo qabdi,’’ kanaaf weerarri miilanaa kuni haala adda tahe hordofuu mala.

Jaabar oppireshiniin lafoo Libaanos keessatti adeemsifamu daangaa irratti kan taasifamuufi murtaa’aa taha jedha. Kunis Israa’el oppireeshinii guyyaa tokko hin caalle adeemsisuu malti jedha.

Jaabir inumaayyuu Israa’el filannoo weerara lafoo laaffisteetu haleellaa qilleensaa, ajjeechaa bal’aa akkasumas haleellaa saayibarii adeemsifti jedha.

Weerarri kun eessatti taha?

Jaabiir haleellaan lafoo Israa’el akkaan kan daangeffame taha. Magaalawwan daangaa irra jiran irratti akka xiyyeeffattus himee, haa tahu malee Israa’el oppireeshinii marsanii haleeluu iddoowwan Libaanos birootti raawwatti waan jedhu jala muree hin dubbanne.

Isteern gamasaan haleellaan lafoo kuni kibba Israa’el dabalachuu danda’a kunis, ''naannoo daangaa Libaanosiifi Israa’el hanga laga Litaaniitti,’’ jedha.

Dhimma taaktikaaf jecha Israa’el naannoo Kaaba Litaanii to’achuun keessaa baatee daangaan duuba qubachuu malti jedha. Israa’el keessoo Libaanos yoo seente fuulduraaf humna ittiin mariif dhiyaattu jabeeffachuuf jedha.

Weerarri bara 1982 kallattiiwan ijoo sadii irratti kan xiyyeefate ture. Kanneen keessaa lama naannoo Galiilaa Fiingar jedhamurraa kan eegale yoo tahu gara sulula Bekaa baha Libaanos iddoo gaarreen baay’atan gahe. Inni sadaffaa, kibba Beerutitti kan xiyyeefate ture.

Kaayyoon weerara kanaa maal tahi danda’a?

Herzi Haleevii daangaa Libaanositti loltootatti yoo dubbatan.

Madda suuraa, Israel Defense Forces

Kaayyoon weerara bara 1982 ifatti himame magaalawwan Israa’el kaabarra jiran haleellaa rokeetiifi meeshaa waraanaa kaan loltoota Filisxeem Libaanosirraa raawwatamiif saaxilaman baasuu yoo tahu kunis loltoota Filisxeem km 45 daangaa Libaanos-Israa’el irraa dhiibuu ture.

Kaayyoon Israa’el yeroosii bu’uuraalee misoomaa paartii warra Filisxeem PLO barbadeessuu yoo tahu kunis waajira mummee Beerut jiru mancaasuu akkasumas humnoota Sooriyaa Libaanos keessaa baasuu dabalata.

Haleellaan Israa’el bara 1982tti raawwatte kibba Libaanositti kan daangeffame miti, Sulula Bekaa, gaarreen Shoof akkasumas Beerut dabalata.

Hishaam Jaabir haleellaan lafoo daangeeffamaa tahe yeroo dheeraatti dhibbaan waraanaa qabaatu gad-aanaadha jedha.

Isteern gama biraan, Israa’el weerara kamiinuu yoo tahe, kibba Libaanos galuun Hezboollaa Kaaba laga Litaanii gama ceesisuu dha. Kunis sababa lamaafi:

''Tokko misaayelii fageenya dhihoo gara magaalawwan Israa’el darbataman dhaabsisuu, akkasumas haleellaan Onkololeessa 7’n wal-faakkaatu Kaaba Israa’elitti akka irra deebiin hin mudanneefi.’’