Baha Jidduugalaatti waraanni biyyoota hedduu hirmaachisu eegalamu malaa?

Madda suuraa, Reuters
Waraanni Gaazaa itti fufee jira. Weerarri lafoo Israa’el, kibba Libaanos keessatti taasftuus kan itti fufee jiru yoo ta’u, Iraan Kibxata darbe misaa’ela 200tti siqu gara Israa’elitti furguggifteetti. Israa'el finciltoota Huutii Yaman keessaa irrattis haleellaa raawwatte.
Namoonni siyaasaa fi xiinxaltoonni muddamni amma baha jidduugalaa keessatti itti fufee kun naannichi gara waraana guutuutti seenuu danda'a jechuun sodaa akka qaban ibsu.
Nutis gaazexeessitoota BBC naannocha irraa gabaasan, carraan taateen kun mudachuu jiraachuufi gara waldhabdee addunyaa maraatti jijjiiramuu danda'uu ilaalchisuun gaafanneerra.
Naawal Al-Maaghaafii, gabaasa qorannoo olaanaa idil-addunyaa
Ibsi "badiitti kan dhiyaate" ("on the brink") jedhu yeroo baayyee haala yeroo ammaa Baha Giddugalaa keessaa ibsuuf kan jedhamudha.
Gaazaa keessatti namoonni kuma 40 ol kan lubbuusaanii dhaban yoo ta'u, Libaanos keessatti ammoo torban tokkootti namoota 1,000 ol ajjeeffaamaniiru. Fedhiin gargaarsa namoomaa baayyee dabalaa jira.
Namoonni miliyoonaan lakkaa’aman kan buqqaafaman yoo ta’u, naannoowwan guutuun diigamaniiru. Abdiin haalichii baayyee sukkanneessatti 'jijjiramuu' qarqara jira.
Naannicha keessatti rakkoolee isa cimaa waggoota dheeraa as mudatee argaa jirra. Torban darbe, Israa'el keessatti du'a hogganaa Hezbollaa Hassan Nasrallaa hordofuun gammachuu ho'aatuu ta'aa ture.
Ajjeechaan Nasrallaa fi Ismaa’eel Haaniyeh, akkasumas kan hogganaa Hamaas kun qaama diigamuu kan Iraan Axis of Resistance jedhamtu arguuf fedhii qabaniif gammachuu yeroof fiduu danda’a, ta’us garuu haala akkasiitiin itti gammaduudhaaf yeroo malee akka ta’e shakkii hin qabu.
Waan hin haalamne tokko, Israa’el haleellaa qilleensaa irratti qiyyaafatame raawwatteen hoggantoota ijoo dhabamsiisuun Hezboollaa irratti rukuttaa cimaa qaqqabsiifteti.
Duulli waggaa tokkoof Hamaas irratti geggeeffamaa jiruun dhiibbaa hamaa lubbuu miliyoonota Gaazaa keessatti irraan geessisee jira.
Dandeettii Hamaas haalaan gadi buuseera, haata'u malee ammas gareen kun humna siyaasaa fi waraanaa guddaa ta’unsaa xumuramuu kan agarsiisu ta’uu hin oolu.

Madda suuraa, AFP
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kanneen akkasiitti yaadan yoo jiraatan tarii, gareen kun attamiin akka of ijaaree wal ciimsuudhaan dhiibbaa taasiisuurra akka qaqabee hubachuu kan hin dandeenyeedha.
Isaanis sochii baayyee ijaaramaniifi kan hawaasa keessa socha'an keessatti kallattii hawaasaa fi siyaasaatiin hundee gadi fageeffataniidha.
Ajjeechaan Narsallaa fi deebiin Iraan kennite naannicha gara waraana bal'aatti dhiyeessaa jira.
Holollii haleellaa Iraan Israa'el irratti erga raawwatteen booda aanga'oota Israa'el irraa dhagahamaa jirus, walitti bu'insiichi cimuunsa akka hin oollee kan akeekkuudha.
Kunis Israa'eeliifi Iraan kallattiidhaan walitti bu'uu qofaa osoo hin taanee humnoota Iraaniin deeggaraman kan Libaanos, Sooriyaa, Yaman fi Iraaqi keessaa fi michoota Israa'ee lixaa kanneen US fi UK kan hirmaachu ta'u danda'a.
Gaaffii guddaan Israa'eel attamiin haaloo baatii ta'a kan jedhuudha.
''Kun waggaa 50 keessatti haala Baha Jidduugala keessa jijjiruudhaaf carraa olaanaadha'' Ministirri mummee Israa'el duraanii Naaftaalii Beenet toora tiwitara isaaniirratti. Kanaanis Israa'el dhaabbiilee nikulaaraa Iraan haleelluudhaan ''bulchiinsa shororkeessaa kana garmalee naaffeessuu'' qabdi jedhan.
Dubbiin kunis yaada dhunfaa qondaala kanaa kan agarsiisu yoo ta’e, qarqara waan hamaa kanaan dura ta'ee hinbeeknee fi gaaga’ama olaanaa naannicharraa gahuu irra jiraachuu dandeenya.
Erga waraanni Gaazaa eegalee kaasee, waldhabdicha furuudhaaf yaaliiwwan dippilomaasii irra dedebiin taasifaman akka hin hojjannee akkasumas biyyoonni humna qabanis lolicha dhaabsiisuus ta'e dhiibbaa taasisuu akka hin dandeenye mirkanneessaniiru.
Kufaatiin itti fufee jiru kunis sirna addunyaa baayyee caccabaa jiraachu ykn seera addunyaa hojiirra oolchuufis kan walitti dhufuu hin dandeenyee ta'u kan agarsiisuudha.
Niisriine Haatuum, gabaaftuu BBC News Arabic naannoo Beruut

Madda suuraa, Reuters
Waraanaa guutuu kan lammiileen Libaanos dandamachuuf qophaa'an miti.
Dhugaatti, biyyoota ollaa kan akka Sooriyaa, Iraan, Iraaq, Yaman, tarii Joordaan dabalatee, lola guutuu fi akka ta’u sodaan uumamuu isaa beekamaadha.
Erga Kibxata darbe haleellaa misaa’ela Iraan Israa’el irratti raawwatte booda, haleellaan Iraan dabalataa raawwachuu dandeessi jechuun sodaan yoo xiqqaate dachaa lama dabaleera.
Iraan ammas Israa’el yoo haleelte, US fi biyyoonni dhihaa Israa’el deeggaran biroo gidduu seenuun jijjiirama waraana guutuu ta’uun daran dabaluu danda’a.
Israa'el Libaanos keessatti waraana biyyattii osoo hin taane garee hidhattoota Hezbollaa Libaanos keessa jiran irratti xiyyeeffatte.
Ejjennoo ifaan Libaanos waraana bal’aan akka hin umamnee ittisuuf yaaluudha.
Qondaaltonni as jiran, tattaaffii dippilomaasii Faransaayiin durfamuun, waliigaltee dhukaasa dhaabuu irra ga’uuf boqonnaa malee hojjechaa jiru. Tattaaffiin taasifamu hundi murtii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii 1701 hojiirra oolchuu, waraana Libaanos humneessuu fi deggeruu fi kibba Libaanos keessatti bobbaasuu irratti kan xiyyeeffatedha.
Keessoodhaan ammoo gara pirezidaantii filachuu fi dhaabbilee heera mootummaa hojiirra oolchuutti dhiibuuf tattaaffiin itti fufiinsaan taasifamaa jira.
As Libaanos keessatti fedhiin waraanaa gaggeessuu hin beeku. Namoonni keessumaa, erga balaa Onkoloolessa bara 2019 irraa eegalee, rakkoo dinagdee itti fufee jiru waliin wal'aansoo qabachuu waan jiraniif, walitti bu'iinsaan nuffaniiru.
Namoonni baay’een nagaadhaan jiraachuu fi waraana irraa fagaachuu barbaadu. Lammiileen Libaanos tokko tokkos gara waraana kanaatti harkifamuu fi waraannichi kan isaanii akka hin taane amanu.
Hedduun isaanii yeroon itti waldhabdee Arabaa fi Israa’el dhaabsisuun nagaa dhaabbataa ta’een jiraachuu itti danda’an ga’eera jedhanii amanu.
Waraanni guutuu ta’e hambisuun Libaanos akka hin kufneef gochuun kan danda'amu tattaaffii dippilomaasii taasisuu qofaadhaan.
Waraanniwwan kanaan duraas, oppareeshiniin waraanaa furmaata waaraa akka hin argamsiifne fi marii fi mala dippilomaasii fayyadamuun waldhabdee dhaabuuf caalaatti bu’a qabeessa ta’uu akka danda’u mirkaneessaniiru.
Yoo of duuba deebiinee ilaalle, bara 2006 waraanni Israa'el waliin godhame guyyoota 34 qofa kan fudhate yoo ta'u, sun immoo haala adda keessatti ture. Gaazaatti waraanni hin turre, Sooriyaa, Iraaq, Iraanii fi Yamanis keessatti hin hirmaannee turre.
Kan bara 2006 sanarraa adda haala ta'een, amma qaamoolee naannoo adda addaa hedduun akka hirmaatan hin dagannu. Akkasumas Libaanos sadarkaa mootummaa dadhabaa, kan waraanni haalicha to’achuu hin dandeenye qabdudha.
Muhaanaad Tutunji, gabaasaa BBC News Arabic, Yarusaalam
Bahi Giddugaleessaa taateewwan kanaan dura mulatanii hin beekneefi kanneen gara waldhabdee naannoo guddaa ykn addunyaatti guddachuu danda’an mudateera.
Waldhabdeen Israa’elii fi Hezbollaa ykn Iraangidduutti hammaatee deemaa jiru, yeroo ta'erratti waraanni guutuun mudachuu akka danda’u agarsiisa.
Taateewwan gurguddoon dhiheenya kana raawwatamanis (kan akka ajjeechaa hogganaa siyaasaa Hamaas Ismaa’il Haaniyeh fi ajjeechaa barreessaa olaanaa Hezbollaa Hassan Nasrallaa, akkasumas ajjeechaa hoggantoota siyaasaa fi waraanaa olaanoo Hamaas fi Hezbollaa irratti raawwatame) malee, Baha Giddu Galeessaa taateewwan kunnen gara waraanaa naannootti hin geessuu ture.
Akka gaazexeessitoota dhimma Israa’elii fi waraana isheen Hezbollaa waliin taasifte kanaan duraa hordofaa jirrutti, ajjeechaan Israa’el Hasan Nasrallaa irratti raawwatae battalumatti gara waraana bal’aa Iraan hirmaachisuu malu kakaasuu akka danda’u shakkine.
Haata'u malee, sun hin taane.
Kanneen naannicha keessaa gahee qaba yeroo hunda taateewwan akkasii waraana naannoo akka hin kaasneef carraaqu, Ameerikaanis gama kanaan gahee guddaa qabdi.
Tattaaffiin kun yeroo gabaabaa keessatti milkaa’aa fakkaatu ta'u danda’ulleen, gaaffiin jiru garuu: gaaffii guddaan, haleellaan walitti dedebiisuu Israa’elii fi Iraan gidduutti deemaa jiru kun waraana bal’aa duubatti hin deebine fiduu danda’aa? kan jedhuudha.
Waraana naannoo, kan gara waldhabdee addunyaatti guddachuu danda’uuf, Israa’elii fi Iraan gidduutti kan turedha.
Dhiheenya kana ji’a Eblaa keessa yeroo Israa’el qoonsilaa Iraan Sooriyaa jiru irratti xiyyeeffatte haleellaa raawwate, Iraan daangaashee keessaa haleellaa qilleensaa dhibbaan lakkaa’aman Israa’el irratti akka raawwattu taasiseera.

Madda suuraa, EPA-EFE/REX/Shutterstock
Emaan Eriqaat, bulchiinsa Filisxeem irraa gabaastuu BBC News Arabic

Madda suuraa, AFP
Gammachuun sodaa waliin makame: kunis miira waliigalaa Filisxeemoonni Kibxata halkan yeroo Iraan misaa’ela gara 200 gara Israa’elitti furguggifte ibsuu danda’adhu.
Hedduun isaaniis erga waraanni Gaazaa keessatti ka’ee kaasee waan akkasii eegaa turan. Gaazaa fi daangaa Filisxeem deeggaruudhaaf gidduu galummaan qaama alaa barbaachisaa ta’uu ni amanu turan.
Daangaa Filisxeem keessatti bakkeewwan misaa’eloonni Iraan itti kufan gara bakka Filisxeemoonni yaaddannoof suuraa itti ka’aniitti jijjiiramaniiru. Kun gara waraana guutuutti jijjiiramuu akka danda’u amanu.
Ajjeechaa hogganaa Hezbollaa Hassan Nasrallah, ajjeechaa hogganaa Hamaas Ismaa’il Haaniyeh baatii Addoleessaa keessa raawwatame hordofee, waraana bal’aa ta’eef haala uumeera.
Filisxeemoota hedduu biratti miirri as lafa irratti mul’atu yaadannoo Intifadaa jalqabaa fi lammaffaa kan deebiseedha. Warri bara 1948 "Nakba" keessa jiraatan illee seenaan irra deddeebi'aa jira jechaa jiru.
Nakbaan guyyaa Caamsaa 14 bara 1948 Israa’el walabummaa labsite yoo ta’u, waraana guyyaa itti aanutti jalqabe keessatti Falasxiinoonni hanga 750,000 ta’an kanneen lafa sanarra jiraatan baqatan ykn qe’ee isaanii irraa ari’aman.
Har’a naannoo Falasxiin keessatti lammiileen Falasxiin hedduun haalli amma jiru haleellaan Israa’el sadarkaa haaraa kana caalaa hamaa ta’uu danda’u irra ga’uu isaa agarsiisa jedhanii amanu.
Nakbaan guyyaa Caamsaa 14, 1948 kan Israa’el walabummaashee itti labsite yoo ta’u, waraana guyyaa ittiaanutti jalqabe keessatti Filisxeemoonni hanga 750,000 ta’an kanneen lafa sanarra jiraatan baqatan ykn qe’ee isaanii irraa itti ari’amaniidha.
Har’a naannoo Filisxeem keessatti lammiileen Filisxeem hedduun haalli amma jiru haleellaan Israa’el sadarkaa haaraa kana caalaa hamaa ta’uu danda’u irra ga’uu isaa agarsiisa jedhanii amanu.
Waggoota dheeraaf Abbaan Taayitaa Filisxeem kanneen armaan gadii cimsee ibsaa ture:
- Barbaachisummaa gara furmaata siyaasaa oppareshinii waraanaa dhaabutti ce’uu.
- Walitti bu’iinsa irraa garagaluun gara furmaata siyaasaa mul’ata furmaata mootummoota lamaa eegsiisuu fi hojiirra oolmaa mirkaneessutti deebi’uu.
Kunis Filisxeemotaaf Israa’el cinatti daangaa bara 1967 irratti mootummaa akka argattu ni taasisa jedhanii amanu.
Erga Onkololeessa 7, 2023, waraanni yeroo dhiyoo Gaazaatti jalqabame irraa eegalee, Pirezidaantiin Filisxeem Mahmuud Abbaas hawaasni addunyaa gidduu seenuun hatattamaan dhukaasa dhaabuu akka labsu waamicha dhiyeessaniiru.
Waamichisaa sadarkaa idil-addunyaatti deeggarasa kan argate ture yoo ta’u, lafarratti garuu duulli waraanaa itti fufee jira. Kunis Filisxeemota hedduudhaaf carraan waraanni guutuun naannichatti gaggeeffamuu danda’uu, carraa adeemsa nagaa deebisuu caalaa baay’ee cimaa ta’uusaa cimseera.
Kaasraa Naaji, Gabaasaa BBC Parshiyaa
Murteen Hogganaa Ol’aanaa Iraan Alii Khaameeniin Israa’el kallattiidhaan Iraan irraa misaa’ela balistikii gara 200 ta’uun haleeluuf murteessan salphaa hin turre.
Yeroo baayʼee murtoo ariifataa hin ilaalamneef hin kennu. Waan "tarsiimoo obsaa" jedhee waamu filata.
Haata'u malee, inniifi mootummaansaa, Israa’el kan hoggansa Hezbollaa mataa irraa muruuf, deebii waraanaa akka kennaniif warra amantaa cimsaniifi fi miseensota milishoota bakka bu’ootasaanii naannicha keessa jiran irraa dhiibbaa cimaatu irra ga’ee.
Warri amantaa cimsa akkasumas ajjeefamuu jeneraal eegduu warraaqsaa olaanaa kan haleellaa cimaa bakka dhokatasaanii kibba Beerut irratti raawwatameen irrattis deebii akka kennan dhiibbaa godhaniiru.
Iraan ajjeechaa hogganaa Hamaas Ismaa’eel Haaniyeh kan baatii Adooleessaa keessa Tehraan keessatti raawwatameef deebii kennuu dhabuun ishee fuula hedduu dhabsiisee ture.
Dhohinsi isa ajjeessees hojii tika Israa'el kanneen Iraan keessa socha'anii akka ta'e bal'inaan amanama.
Haata'u malee, hogganaa olaanaan Iraan biyyisaanii waraanaa guddaa loluu akka hin dandeenye ni beeku.
Waraanaan Iraan Israa'el waliin wal hin guttu. Israa'el humna qilleensaatii kan Iraan harka baayyeedhaan caalti.
Daangaan qilleensaa Iraan akka waliigalaatti xiyyaarota Israa’eliif banaadha. Dinagdeedhaan Iraan qoqqobbii Ameerikaa fi idil-addunyaa waggoota dheeraa booda jilbeenfattee jirti.
Akkasumas gama siyaasaatiin mootummichi namoota Iraan keessa jiraatan biratti baay'ee hin jaallatamu.
Lammiileen Iraan muraasni waraana Israa'el waliin godhamu ni deeggaru, kaan baayyeen isaanii ammoo rakkoo caalaa biyyuma keessatti dhiibbaa uumuu jiru.
Waraanichi qoqqobbii dabalataa fi rakkoo dinagdee dabalataa fiduu akka danda’u yaadu. Baay’een Israa’el akka diinaatti hin ilaalan.
Haata'u malee, hogganaan olaanaa kun balaa fudhachuu qaba ture. Haleellaan madaalame bakka waraanaa fi basaasaarratti raawwatamu deebii walfakkaatu qofa argachuu danda'a, kunis akka shallaggiisaatti Iraan dandamachuu dandeessi jedheeti abdate.












