Iraan miidhaa dhugaa geessisuu barbaadde, deebiin Israa’el ofirraa ittisuu qofa ta'uu dhiisuu mala

Madda suuraa, Reuters
Ji’a Eblaa darbee keessa wayita Iraan Israa’el irratti haleellaa raawwattee turteetti, waan qabxii tokko galmeessaa jirtu fakkaata ture.
Haata'u malee, miisaa'elaafi dirooniiwwan Iraan Israa'el irratti dhukaafte 300 irra hundinuu ittisa Israa’elii fi Ameerikaatiin qilleensa irraa fashaleeffaman.
Yeroo kana garuu adda. Iraanoonni waan miidhaa guddaa geessisuu fi dubbii barbaacha cimaa ta'e kaa'uu kan barbaadan fakkaatu.
Eegdonni Warraaqsa Islaamaa Iraan, ajjeechaa hoggantoota olaanoo Hamaas fi Hezbollaa irratti raawwatameef haaloo ba’aa akka jirru beeksisuun, Israa’el yoo deebiifte haaloo baate ammoo tarkaaniif cimaa akka fudhatu akeekkachiise.
Yeroo darbe Joo Baayiden Ministira Mummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun “Injifannoo fudhadhu”, deebii guddaa hin raawwatinaa jedhanii ture. Isaanis hin raawwanne ture. Yeroo kana Israa'el keessa miirrii jiru baayyee addadha.
Tiwiitara ministira mummee duraanii Naaftaali Bennet kaleessa galgala maxxansa yoo ilaaltan jechoota baayyee cimaa ta'etti fayyadamanii ture.
“Kun carraa guddaa waggoota 50 keessatti fuula Baha Giddugaleessaa jijjiiruuf jiruudha” jedhan. Israa’el “sirna shororkeessummaa kana laamshessuuf”, dhaabbilee niwukilaraa Iraan duukaa buu'uu akka qabdu falmaa turan.
Amma inni ministira mummee miti, (gara fuulduraatti MM ta’uunsaa bal’inaan kan himamu ta’us, kanaaf cimaa ta’uusaa agarsiisuuf qabxii tokko kaa’aa ture) garuu miira murtaa’e biyyattii keessatti calaqqisiisa.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yeroo ammaa kana Israa’el waan kamiyyuu kan akka iddoowwan niwukilaraa, dhaabbilee petro keemikaalaa, kan dinagdee Iraan irratti miidhaa geessisuu danda’u kamiyyuu irratti haleellaa raawwachuu hin dhiiftu.
Yeroo hunda seenaan ture, Iraan akka yaadaatti yoo dhaabbileen nikulaaraashee haleelaman, Hezbollaa Libaanos keessaa, meeshaa waraanaa baayyee hammayyaa'aa ta'an kan itti fayyadamtu qabdi.
Haata'u malee, akka aanga’oonni Ameerikaa fi Israa’el jedhanitti, torban muraasa darban keessa Israa’el dhaabbata Hezbollaa mataarraa murtee, meeshaa waraanaa isaa walakkaa barbadeesseetti, booda ammoo Libaanos weerarte.
Tarii falmu dandeessu ta'a Iraan akka bakka kumaatti cacabdee akka hin banneef of ittisu qabdu jechuun. Kanaafuu Israa'eloonni tarkaanfii fudhachuuf caalaa bilisa ta'ee itti dhaga'amaa jira jedheen yaada.
Akkasumas Joo Baayiden garee doonii waraanaa gara biraa gara galaana Meditiraaniyaaniitti sochoosaa jira. Kunis yoo Israa’el haleellan US akka rukuttan yaaduu qabdu kan jedhu fakkaata.
Sababii kanaatiif baayyeen waa’ee sodaa waraanni babal’achuu kan dubbatan: tasgabbii dhabuu, dhiibbaa isaa hunda irraa dhufu, amma haala jiru irraa kaanee yoo ilaalle, yeroo kanatti dippilomaasiidhaaf bakka baay’ee xiqqaa qofti kan jiru fakkaata.












