Michoonnishee kan jalaa unkutaa'an Iran, Israa'el waliin lola guutuutti seentii?

TV Iraan irraa kan fudhatame

Madda suuraa, Iranian state television

Ibsa waa'ee suuraa, Maj-Jen Hosseen Salaami (mirga 2ffaa) kutaa waraanaa keessaa Iraan Israa'el irratti haleellaa misaa'elaa akka raawwattu ajaja yoo taasisan kan kaafaman

Ajajaan olaanaa Garee Eegdota Warraaqsa Islaamaa Iraan (IRGC), Meejar Jeneraal Hoseen Salaamii, halkan Kibxataa kutaa waraanaa keessatti jaalleewwan isaanii waliin dhaabbatanii ajaja kennan.

Ajajichis karaa bilbilaatiin waraanni isaanii balaastik misaa’eloota gara 200 ta’an Israa’el irratti akka dhukaafamu kan hayyame ture. Kana ilaalchisuun waraabbiin viidiyoo miidiyaa Iraaniin maxxanfame ni mul'isa.

Karaa dugda duubaatiin ammoo baaneriin suuraa namoota sadii kan Iraan waa'ee ajjeechaa isaanitiif Israa'el irratti haaloo bahuun barbaada jettuuti mul'ata.

Isaanis dursaa siyaasa Hamaas Ismaa'el Haaniyyaa kan Adooleessa darbe keessa haleellaa Iraan Israa'elitti raawwatte jetteen Teehraan keessatti ajjeeffaman; hogganaa Hezboollaa Haasan Nasrallaa fi Ajajaa Humna Garee IRGC, Birgaadar Janaraal Abbaas Niilfouushaan, kan haleellaa qilleensaa Israa'eliin dhiheenya Beerut keessatti ajjeeffamaniiti.

IRGCn halleellaa tibbana Israa'el irratti raawwatame keessatti misaa’ela Fattah Hayipparsoniikii kan Israa’el ga’uuf daqiiqaa 12 qofa fudhate kan dabalate yoo ta’u, buufata xiyyaaraa Israa’el sadiifi waajjira muummee dhaabbata basaasaa- Mossad dabalatee, galmawwan milkaa’inaan haleellaara jedhe.

Haata’u malee, Humni Ittisaa Israa’el (IDF) misaa’eloonni itti dhukaafaman irra caalaansaanii “Israa’eliifi gamtaa ittisaa Ameerikaan durfamuun qolatamuu” ibsuun, giddugalaafi kibba Israa’elitti “haleellaa xiqqaan” raawwatmuu ibse.

Haleellichaan booda battalumatti, addabaabayii Filisxeem kan Tehraan keessatti baanarii guddaan misaa’eloonni gara gamoo boca Urjii Daawit fakkeefamuun bocamanitti yoo balali’aniifi jechoota “Jalqaba dhumaatii Tsiyonootaa” jedhu kan agarsiisu kaa’ame.

Iraan ajjeechaa Ismaa'el Hanniyyaa booda of akka qabuu barbaaddutti mul’attee turte. Haaata'u malee, tarkaanfii fudhachuu dhabuun kunis wayita Israa’el michuu Iraan dhihoo ta'e Hezboollaa irratti haleellaa walitti fufaa raawwachuun, Jimaata darbe ammoo Nasrallaa fi Nilforuushaan ajjeeseetti madda salphina itti ta'e.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Erga IRGC bara 1980moota keessa Hezboollaa hundeessuuf gargaaree as, meeshaaleen waraanaa, leenjiifi maallaqni Iraan gariicha gara humna waraanaa hidhataa cimaafi Libaanos keessatti kan gahee siyaasaa qabaatuutti akka jijjiiramuuf murteessaa ture.

Ji’a kana dura, hoggantoonni Iraan waraanni Hezboollaa waliin gaggeeffamu waraana Israa’el kan ammalleen Gaazaa keessatti Hamaas waliin lola geggeessaa jiru dadhabsiisuuf gargaara jedhanii abdachaa turan.

Akkasumas, Hezboolaa fi meeshaa waraanaa cimaa kana akka rokkeettiifi misaa’ellisaa, haleellaa kallattiin Israa’el dhaabbilee niwukilaraa fi misaa’ela biyyasaaniirratti raawwatamurraa oolchuu akka danda'u itti hirkatu turan.

Adooleessa keessa kan filataman pirezidaant Maasuud Pezeshkiyaan, Israa’el Iraan gara waraana naannoo kan US hirmaachisuutti harkiisaa jirti jechuun himatan.

"Nageenyaa fi tasgabbii barbaanna. Teehiraan keessatti Haniyyaa kan ajjeeste Israa'eeldha," Roobii darbe daawwannaa Kaataar taasisan irratti dubbachu miidiyaa Iraan wabeeffachuun dubbatan.

"Awurooppaa fi Ameerikaan yoo nuti tarkaanfii hin fudhanne, torban tokko booda Gaazaatti nagaan ni dhufa jedhan. Nagaa akka argatan eegnee turre garuu ajjeechaa isaanii dabalaniiru."

Haleellichaan yeroo muraasa booda baanariin “Jalqaba xumura Ziyoonizimii” jedhu gamoo Tehraan tokko irratti fannifamee ture

Madda suuraa, Wana/Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Haleellichaan yeroo muraasa booda baanariin “Jalqaba xumura Ziyoonizimii” jedhu gamoo Tehraan tokko irratti fannifamee ture

Leellistoota amantaa

Iraan keessatti leellistoonni amanaa (konsarvaatiiwwan ciccimoon) hedduun biyyattiin Israa'el irratti tarkaanfii fudhachuu dhiisuusheetti aarii guddaa keessa turan.

Xinxaltoonni hedduun TV mootummaa, kan Hogganaa Olaanaa, Ayatollah Alii Komaaniifi IRGCn to'atame, irratti yaada kennan hedduun, ajjeechaa Haaniyyyaaf haaloo bahuu dhiisuun, MM Israa'el Beenjaamiin Netaaniyaahuun aangeessuun alatti, dantaa fi michoota Iraan Libaanos keessa jiran irratti akka haleelu jajjabeesseera jechuun falmu.

Ajajaa Olaanaan waraana Iraan, Meejar Jenaraal Mahaammad Baakeeriin haleellaa misaa'eelaa Kibxataatiin booda yeroon ''obsaa'' dhumachuu dubbatan.

''Ta'e jennee dhaabbilee waraanaa fi basaasaa Israa'elitti argaman irratti xiyyeeffachuun naannoolee indastiriifi diinagdee haleeluurraa of qussanneera. Israa'eel yoo haleellaa deebii kan raawwattuu ta'e garuu deebiin keenyaa caalaa cimaa ta'a'' jedhan.

Haleellaa misaa'elii Iraan Israa'el irratti raawwatteen booda Israa'el cal jechuunshee michuu Iraan kan ta'an Hezboollaa fi Hamaas qofaa osoo hin taane addunyaa kaan biratti akka dadhabaa fi saaxilamaatti akka hin lakkoofsiifne yaaddoon jiraachuu agarsiisa jedhameera.

'Waraana bakka bu'iinsaa

Iraaniifi Israa'el baroota dheeraadhaaf waraanaa bakka bu'insaa filataniiru. Imaammata ''waraanas, nagaas hinqabne'' hordofaa turan. Adeemsi kun amma kan dhaabbatu fakkaata.

Israa'eel deebii cimaa kennuuf dhaadatteeti. ''Iraan dogongora cimaa raawwatteetti, isaafiis gatii guddaa baafti'' jedhan Beenjaamiin Netaaniyaahuun dhadataniiru.

Gama Ameerikaatiinis mallattoowwan jijjirraa tarsimoofi haasaa mullataa jiru.

Israa'el halellaa qilleensaa waajira qontsilaa Iraan Sooriyaatti argamurratti raawwatteen ajajoonni waraanaa Iraan hedduun ajjeeffamuu hordofee, Iraan deebii haaloo bahumsaa raawwattee turte.

Kanaanis miisaa'elootaafi diroonniiwwan gara 300 Israa'el irratti dhukaafamanii turan keessaa irra caalaan isaanii Israa'eliifi humna gamtaa Ameerikaadhaan durfamuun qolatamuu hordofee, Pirezidant Baayidan qaamoleen lamaanuu dubbii hammeessuurraa akka of qusatan gaafatanii ture.

Israa'el waamicha Ameerikaa fudhattullee deebii haaloo bahumsaa raawwatteen jidduugala ramaddii ittisa qilleensaa wallakkaa Iraan keessaa misaa'elaan haleeltee turte.

Amma garuu gorsaan nageenya Biyyaaleessa Baayidan, Jeek Suliivaan haleellaan Iraan ''balaa cimaa'' akka qabaatu kaasuudhaan, Ameerikaan Israa'el waliin akka hojjettu akeekkachiisaniiru.

Miidiyaaleen Israa'el qondaaltoota biyyattii waabeeffachuun Roobii akka gabaasanitti, Israa'eel Iraanirratti ''guyyoota dhufan keessa'' tarkaanfii fudhachuuf qophaa'aa jirti.

Kanaanis eddoowwan boba'aan biyyattii baafaman dabalatee ''bakkawwan tarsimowaa'' irratti xiyyeeffatti jedhan.

Dhaabbileen nikulaara Iraan Israa'eeliin irratti xiyyeeffatamuu akka danda'an aanga'oonni akeekkachiisaniiru.

Aanga'oonni olaanoon Iraan gamasaanitiin, Israa'el hanga tarkaanfiin haaloo hin fudhanneetti tarkaanfiin ajjeechaa Narsallaa, Haaniyyaafi Niilfoshaaniif fudhatame xumuramuu dubbataniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Abbaas Araagchii gamasaanitiin, karaa imbaasii Siwiizarlaand Tehraanitti argamuutiin, Ameerikaan akka jidduu hin seeneef ergaa dabarsaniiru.

''Biyyi sadaffaan Israa'el deeggaruu ykn kan haleellaa Iraaniif naannoo qilleensaa hayyamu akka xiyyeeffannaa seera qabeessatti ilaalama'' jechuun akeekkachiisan.

Ameerikaan biyyoota Baha Jidduugalaa keessaa loltoota gara kuma 40tti siqan qabdi.

Irra jiraan isaanis Sooriyaafi Iraaq keessatti bobba'aniiru. Loltoonni biyyoota lamaan keessa jiranis milishoota Shiyaa Iraaniin deeggaramaniin irratti xiyyeeffatamuu danda'u.

Iraanis ammatti tarkaanfii mataashee xumuruun deebii Israa'eel eeggataa kan jirtu yoo taatu, qumaarrii yaalaa jirtus bu'a qabeessa akka ta'uuf abdii gooti.