Hamaas waggaa har'aa attamiin daangaa cabsuun sa'aatiiwwaniif buufata izzii to'achuu danda'e?

Hamaas waggaa har'aa maal raawwate?

Guyyaan Hamaas kara kibba Israa'eliin dangaa cabsuun haleellaa raawwateen namoota 1,200 ta'an itti ajjeesse waggaa tokko guuteera.

Tarkaanfii deebii Israa'el fudhatteen Filisxeemoota kuma 41 ol ajjeefteeti. Kanneen keessaayis kan kuma 16 ta'an daa'imman.

Guyyaan Hamaas haleellaa itti raawwate kunis guyyaa Sambataa Onkololeessa 7, 2024 ture.

Hamaas attamiin daangaa Israa'el eeggannoo cimaan taasifamuuf cabsee seenuun haleellaa hin egamne akkasii raawwachu danda'e? Gaaffii hanga harraatuu deebii hin arganneedha.

BBCn guyyaa sanatti qaxanaa Israa'el Gaazaan ittiin wal daangeessan keessatti maal akka ta'e ilaalchisuun namoota argan udubbiseera.

Buufanni izzii daangaa 'Naahil Oz'' jedhama.

Guyyaa sana ganamaan loltoonni Hamaas buufata waraanaa kana to'atan. Loltoota Israa'el 60 ajjeessan. Kaan ammoo ukkamsanii fudhatanii deeman.

Waraanni Israa'el hanga ammaatti waan guyyaa sana ta'erratti qorannoo gadi fagoo taasisuudhaan ibsa bal'aa hin baafne.

BBC odeeffannoo kana kan argate ibsa maatii firoonnisaanii jalaa ajjeeffamaniif kennameerraa ka'uniidha.

Guyyicha achi kan turan, garuu ammoo namoota du'arraas butamurraas haala ajaa'ibsiisaan oolan dubbise.

Hidhattoonni guyyaa haleellaatiin dura haalaan qophaa'aa turan
Ibsa waa'ee suuraa, Hidhaatoonni Hamaa dallaa eegumsa Israa'el cabsuun seena

Kanaan alattis wayita haleellaa raawwatamee osoo hin ajjeefamaniin dura lammiilee fi loltoota ergaa sagalee kaa'anii turan itti dabaluuf yaalameera.

Odeeffannoo kanneen waliitti qabuudhaan BBCn haala itti aanuun qindeesseera.

  • Onkoleessa 7 dura loltoonni buufata sanarra turan sochiilee shakkisiisoo arguudhaan gabaasa taasisanilleen xiyyeeffannaan hin kennamiinif hafe.
  • Loltuun dubartii sochii kaameera hordoftu qofaa osoo hin taane loltoonni biraa kaaniis sochiilee shakkisiisoo ta'an dursanii argusaanii BBC'f mirkanneessaniiru.
  • Guyyoota muraasa guyyaa haleellachaatiin dura turan keessatti Hamaas sochiilee shakkisisoo ta'an akkuamtasaatti dhaabuu ragaa bahan. Kunis bitaa itti galee akka ture himu.
  • Loltoonni Israa'el naannoo daangaa turan hedduun hidhannoo hin qaban ture.
  • Meeshaalee to'annoo hedduunis hin hojjatan ykn Hamaasiin akka hin hojjannee taasifamanii ture.
  • Gaaffiin ka'u tokko, loltoonni buufataalee waraanaa naannoo daangaa hidhannoo akka hin qabaannee taasifame? kan jedhuudha. Haala shakkiisiisaa turae gabaasa taaisan illeen, maaliif xiyyeeffannoon kennamuufi didee? Hanga hunmi gargaaru dhufutti maalii sa'aatii dheeraa fudhate?
Naannawa loltoonni hamaas itti haleellaa raawwatan
Ibsa waa'ee suuraa, Naannawa loltoonni hamaas itti haleellaa raawwatan

Halkan sa'aatii 10:00 irratti

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Shaaroon guyyaa sana buufata ajaja waraanaa Naahal Oz keessatti dabareeshee ture. Buufatichi daangaa Gaazaa irraa kiiloo meetira tokko fagaata.

Shaaroon miseensa garaa loltoota qaxanichaa kan guutummaan dubartoonni qofti keessa jiraniiti. Hojii dubartoota kanneenii kallatiidhaan sochiilee naannawa daangaa jiru hordoofuu fi xinxalauudha.

Hojii dubartoota kanneenis dabareedhaan yoo ta'u, sa'aatii 24'f hordoffii kaameeraa gochu qabu. Guyyaa sanas tokkoon isaanituu meeshaa waraanaa hin hidhanne ture.

Jeneraal Iziraa'iil Ziil miseensa Raayyaa Ittisa Israa'el duraaniti. BBCtti akka dubbataniitti, naanawa daangaatti loltuun meeshaa waraanaa malee dhagahamees argamees hin beekamu.

Yeroo hundumaa loltoonni Hamaas daangaan gamatti ni socha'u. Guyyoota Onkololeessa 7 dura turan muraasaaf garuu hundi kan callise ture.

''Haalli callisuu ture baayyee sodaachisaa ture. Sochii kamuu arguu dhaabne'' jedha loltuun yeroo ture tokko. ''Wanti sirrii hin taanee tokko akka jiru fakkaata ture. Daangichi haala akkasiitiin calliseefi tasgabbaa'ee hin beekamu ture.''

Qondaalli waraana Israa'el duraanii tokko garuu mallattoolleen bitaa namatti galan kunneen kan xiyyeeffannaan hin kennamiiniif waraanni Israa'el sababii Hamaasiin garmalee tuffatuufiidha jedhan.

''Tuffiituu gudii isaan godhe. 'Hamaas haleellaa raawwachuuf hin danda'u, yoo raawwachu barbaadees dandeettii hin qabu' jechuun tuffii olaanaatu ture natti fakkaata'' jedhan.

Dhimmicha gabaabsuun yoo ibsanis, ''Onkolooleessa 6, (borumtaasaa haleellichi raawwatamuuf jechuudha) gama sana adurreen jirti jennee rafne. Garuu yoo bari'u Onkololeessa 7 qeerransa taatee nu eegde'' jedhan.

Buufata waraanaa saaxilamaa

Miseensonni garee waraana Israa'eel Golaanii jedhaman konkolaaataadhan naannoo daangaatti sakatta'iinsa gaggeessuuf qophaa'aniiru.

Kun lafti bari'uun dura hojii guyyaa guyyaa eegdota daangaa eeganiin raawwatamuuti. Guyyaa sanas kanuma godhan.

Akka tasaa misaa'elli farra taankii akka jiru himame. Kanaaf sakatta'iinsi sun akka hafu jedhame.

Shimon Malka loltuu ganna 21 fi miseensa garee waraanaa daangaa eegu kanaati. nannawa daangaa deddemanii hordoffii gochuun waanuma baramedha. Garuu yeroo sodaan balaa jiru darbee darbee dhiisaa yeroon jedhamus ni jira jetti.

Jeneraal Ziifis kanarratti walii gala. "sodaan misaa'ela farra taankii yoo jiraate, loltoonni akka hin sochoone gochuun waanuma jiruudha" jechuun BBC'tti himan

"Garuu Hamaas kana hubatee carraa kanatti fayyadame."

Miseensonni garichaa bakka jiranirraa akka hin sochoone erga itti himamee booda Shaaron kaameeraadhaan sochii Hamaas ilaalte.

Garuu waanuma yeroo hunda godhaan waan ta'eef baay'ee xiyyeeffannoo guddaa itti hin kennine.

"Isaanis Siftii shiftaan waan jijjiiramaniif, jijjiirraa shiftaa natti fakkaate ture'' jette.

Haleellaan rookkeettii yeroo itti raawwate

Tasa Hamaas rookkeettii dhukaasuu eegale. Akka Shaaron jettutti garuu

kun baay’ee waan hin baratamne miti. Hamaas yeroo hunda rookkeettii dhukaasa.

Buufanni ajaja waraana sunis haleellaa rookkeettii jala bakka daheeffannaa qaba.

“Akka baratametti yeroo baay'ee daqiiqaa 5f erga dhukaafamee booda ni dhaabata. Guyyaa sana garuu, maaliif akka ta'e hin beeku ittuma fufee roobe" jette.

Yeroo Hamaas dhukaasa eegale

Yeroo kanatti Shaaron yeroo loltoonni Hamaas gara daangaatti dhiyaatan kaameeraadhaan argite. Ergaa kanas raadiyoodhaan dabarsite.

“Eegdota buufataa daangaa hundaaf, loltoonni Hamaas afur gara naannawa dallaa daangatti dhiyaachaa jiru; hordoffii” jettee raadiyoo ishee cufte.

Miseensa garee dubartootaa kan biraa kan taate Rooni Ishel, isheenis sagalee ciccituun, "Namoonni hidhatan lama gara daangaatti fiigaa jiru - irra deebi'een jedha, namoota hidhannoo qaban lama" jette. . . "

Ganama sa'aatii 12: 30 irraatti

Rookeetiin tokko buufata ajaja Nahaloz irratti dhoohe.

Loltuun Israa'el tokko buufata Hamaal irraa Isnaayipariidhan loltuu Hamaas ajjeesuuf yaale.

Loltoonni Israa'el uffata hirribaalle utuu hin jijjiratiin buufata Hamaal gahan turaniiru. Garuu barfataniiru.

Loltuun Hamaas tokko kaameeraa hordoffii irratti walirrati walirratti dhukaase.

Yeroo kanatti sirni hordoffii kaameraa Hamaal keessa jiru hundi cufamee, dukkanaa'e.

Kana jechuun, Loltoonni Israa'el waan ta'aa jiru arguu hin danda'an jechuudha.

Buufata Nahal oozi jedhamu meeshaan sakatta'oo kan biraa affuuffee fakkaatu jira. Hojjachuu dide. Garuu namuu xiyyeeffannoo itti hin kennine ture. Dilbata baruu tolfama jedhamee dhiifame.

Kun tuffii Hamaas irraa maddeeen kan ta'eedha jedhan Jeneraalichi

Shaaron buufata sakatta'iinsa daangaa irraa iyyiti. Sagaleen ishee akka waan boossuufaatti dhagahama.

Yeroo kanatti hidhattoonni Hamaas waliin dhukaasni jalqabe

Buufata Israa'el ittiin daangaa to'attu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Meeshaa Israa'el ittiin daangaa to'attu

Guyyaa sa'aatii 6:30

Kutaa dhokannaa Hamaal keessa kan turan Shaarooniifi waahillen ishee torba karaa foddaa mana fincaanitiin bahuun miliqan.

Yeroo sanattis sagalee saanii balleessuun hanga waahillansaanii kaan bahaniitti eegan. Garuu eenyumtu osoo as hin bahiin hafan.

Shaaroon dubartii garee to'annoo sana keessa turan keessaa namamlubbuun hafte tokkittiidha.

Isheedhaan alattis kan lubbuun olan guyyasi dabareesaanii ta'e kan olan dubartootamu.

Guyyaa keessaa sa'aatii 7

Loltoonni Israa'el naannicha to'atan. Kanneen ajjeeffamaniifi miidhaan irra gahee lakkaa'amuun eegalame.

Hamaas namoota 1,20 ajjeesse. Isaan keessaa 300 kan ta'an loltoota turan.

Namoonni 251 ta'an ammoo hidhattootaan butamanii gara Gaazaaatti geeffaman.

Israa’el haleellaan haalooshee har’a illeen hin qabanoofne. Baatiiwwan 12 darban keessatti Filisxeemoota kuma 41 lubbuusaanii dhabaniiru. Kanneen keessaayis loltoonni Hamaas meeqa akka ta’an eenyumtu odeeffannoo qabatamaa hin qabu.

Gaaffiin hanga har’aatti deebii hin argatiin kan biraas jira. Loltoonni Hamaas attamiin daangaa Israa’el hin danda’amne cabsanii seenuu danda’an? Erga seenaniin boodas sa’aatiiwwan kanneen hundaaf haleellaa yoo raawwatan Raayyaan Ittisaa israa’el eessa ture?

Kana hundaaf itti gaafatamaan eenyyudha?

Badii kana hundaaf dhumni argamaa laata? Ykn taateen guyyaa Onkololeessa 7 sun warana Addunyaa sadaffaadhaaf ka’umsa taatii laala?