Iccitii meeshaa waraanaa dhoksaa Raashiyaa Yukireen keessatti kuffifame

Meeshaa waraanaa Raashiyaan waraana Yukireenif itti fayyadamtuu

Madda suuraa, Reuters

Dhiheenya adda waraanaa baha Yukireen keessa yoo xiyyaarroonni aara adii yaasan lama samuu qaxxaaamuraniiru jechuun, kana jechuunis waan himu qaba. Jeettiiwwan Raashiyaa haleellaa raawwachuuf akka ta'etti fudhatamee ture.

Haata'u malee, wanti naannoo magaalaa Kostyantynivkaatti taʼe, kanaan dura kan ta'ee hinbeekne ture. Xiyyaarrii gadii lamatti bahuun wanti haaraan tokko saffiisaan gara isa kaaniitti erga qaxxaamureen booda balaqqeessi burtukaana fakkaatu samii ibse.

Akkuma namoonni baay'een amanan, xiyyaara waraanaa Raashiyaa tokkotuu sarara adda waraanaa kan km20 (maayilii 12) fagaatuu irratti dhukaasa michuu jedhamuun kan biraa kuffisuu moo, ykn jeettii Yukireenitu xiyyaara Raashiyaa kuffisee turee?

Lammiileen Yukireen yeroo muraasa booda caccabaa kufees kan meeshaan waraanaa haaraan Raashiyaa - diroonii lolaa dhoksaa S-70 akka ta'e argan.

Kun diroonii idilee miti. Maqaansaa Okhotnik (Hunter) jedhamuun kan moggaafame xiyyaarri ulfaataa fi nama maleessi kun akka xiyyaara waraanaa guddaa ta'us kutaa balaliisaa hin qabu. Adda baasuun baayyee rakkisaa waan ta’eef hojjettoonni isaa addunyaa irratti “kan qixxaatuun hin qabu jechuun ni danda’ama” jedhu.

Sun hundi dhugaa ta'uu danda'a, garuu ifatti karaa irraa maquudhaan, karaa xiyyaara lammaffaa kan viidiyoo irratti mul'ate, jeettii Raashiyaa Su-57 irraa kan dhufeen kan haleellame fakkaata.

Suuraan ministeera ittisaa Raashiyaa durii kun jeettiin Su-57 gosa diroonii lolaa Okhotnik duraan ture waliin balali'u agarsiisa

Madda suuraa, Russian defence ministry

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraan ministeera ittisaa Raashiyaa durii kun jeettiin Su-57 gosa diroonii lolaa Okhotnik duraan ture waliin balali'u agarsiisa

Xiyyaarri Raashiyaa kunis diroonii dogoggoraa kana waliin deebi’ee qunnamtii uumuuf yaalaa ture ta’a, garuu lamaansaaniitu naannoo ittisa qilleensaa Yukireen keessa balali’aa waan turaniif, Okhotnik harka diinaatti akka hin seenneef jecha murtoon barbadeessuun akka raawwatame tilmaamama .

Taatee samii dhiheenya naannoo Kostyantynivkaatti mudate kanarrattis Moskoos ta’e Kiiv yaada ifatti hin kennine. Haata'u malee xiinxaltoonni, Raashiyaan diroonii ishee to’achuu dhabuun isaanii hin oolu jedhanii amanu. Kunis sababii sirni waraana elektirooniksii Yukireen qunnamsiisaanii jalaa butuurraa kan ka’e ta’uu mala.

Waraanni kun diroonota hedduun irratti hirimaataniiru garuu kan akka S-70 Raashiyaa fakkaatu hin turre.

Innis ulfaatina toonii 20 ol kan qabu yoo ta'u, dandeettii fageenya km 6,000 (3,700 miles) imaluu akka qabu himama.

Qorattoonni Yukireen saffiisaan bakka balaan kun itti dhaqqabe ga'uun caccabaa sana sakatta'uu jalqaban

Madda suuraa, Pierre Crom/Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Qorattoonni Yukireen saffiisaan bakka balaan kun itti dhaqqabe ga'uun caccabaa sana sakatta'uu jalqaban
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Boca xiyyaa kan qabu yoo ta'u, diroonii lolaa dhoksaa kan biraa waggoota kurnan dura Ameerikaan oomishame X-47B waliin baayyee wal fakkaata.

Okhotnik boombii fi rookkeettii baachuun lafaa fi qilleensa irraa dhukaasuu akkasumas sakatta'iinsa gaggeessuu ni danda'a jedhamee yaadame.

Akkasumas, wanti guddaan, xiyyaarota waraanaa dhaloota shanaffaa (5th generation) Raashiyaa Su-57 waliin ta’uun akka hojjetutti kan qophaa’edha.

Bara 2012 irraa eegalee tolfamaa kan jiru yoo ta'u, balaliin jalqabaa bara 2019 raawwatame.

Hata'u malee, hanga dhuma torbee darbeetti waraana Raashiyaan waggaa lamaa fi walakkaadhaaf Yukireen keessatti geggeessite keessatti akka itti fayyadamuuf ragaan hin argamne.

Jalqaba bara kanaatti buufata xiyyaaraa Akhtubinsk kibba Raashiyaa keessatti kan mulachuunsaa kan himame yoo ta’u, innis iddoowwan irraa gara Yukireen haleellaan dhukaafamu keessaa tokkodha.

Kanaafuu balaliin osoo hin milkaa'iin Kostyantynivka irratti taasifamee tures, yaaliiwwan jalqabaa Moskoo meeshaa waraanaa haaraashee kana lolaa keessatti fayyadamuuf yaaluuf goote jalqabaa ta’uu danda’a.

Caccabni xiyyaara fageenya dheeraa D-30 Raashiyaa keessaa tokko bakka itti kufe gidduuttiis boombiiwwan glide jedhamuun beekamu argameera jedhameera.

Boombiin Glide akka kanaatu Kharkiv keessatti du'aa fi badiisa guddaa geessiseera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Boombiin Glide akkasii Kharkiv keessatti du'aa fi badiisa guddaa geessise

Meeshaaleen waraanaa lubbuu namaa galaafatan kunneenis daran balaa geessisuudhaaf qajeelfama saatalaayitiitti fayyadamu.

Kanaafuu, jeettiin Okhotnik Su-57 waliin balali'uu maal hojjechaa ture? Akka ogeessi aviyeeshinii magaalaa Kiiv keessa jiraatu, Anatoliy Khrapchynskyi jedhutti, xiyyaarri waraanaa sun hanga oppareshinii dirooniittii dabaluudhaaf buufata lafa irraa gara dirooniitti mallattoo (signal) dabarsee ta’uu mala.

Kufaatiin dirooniin dhoksaa kunis waraana Raashiyaadhaaf naasuu guddaa ta’uun isaa waan hin olleedha. Bara kana gara oomishaatti galuu qaba tureef garuu ammoo xiyyaarri nama maleessa kun qophii akka hin taane ifaadha.

Protype S-70 afur akka hojjetaman kan yaadamu yoo ta'u, kan amma samii irraa Yukireen irratti dhoohee kunis afran keessaa isa guddaa ta'uu hin oolu jedhama.