US Baha Jiddugaleessaatti yaaliin dhukaasa dhaabuuf taasisaa turte maaliif milkaa'uu dadhabe?

- Barreessaa, Toom Baatemaan
- Gahee, Gabaasaa BBC
Waggaa tokko baranaa haleellaa Onkoloolessa 7 booda, Israa’el haleellaa Gaazaa osoo hin eegalin dura Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan Israa’el daawwatanii ture.
Pirezidaantii Ameerikaa waqtii waraanaatti Israa’el daawwatan isa jalqabaas turan.
Pirezidaantichi Mummee Ministiraa Israa’el Beniyaamin Netaaniyaahuu fi kaabinee waraanaa biyyattii waliin Tel Aviivitti erga mari’atanii booda “qofaa keessan miti” jechuun lammiilee Israa’el jajjabeessan.
Kana malees biyyattiin dogongora Ameerikaan aariidhaan haleellaa Fulbaana 9/11 booda raawwatte akka irra hin deebine gorsan.
Ji’a Fulbaanaa darbe kana yaa’ii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Magaalaa Niiw Yoork keessatti taa’amerratti Baayidan, Hezboolaa fi Israa’el waraanarraa akka of qusatan dursitoota biyyoota addunyaa bakka bu’uun waamicha dhiyeessan.
Haata’u malee Netaaniyaahuun harki dheeraan Israa’el kutaa baha giddugaleessaa kamiyyuu qaqqabuu akka danda’u himan.
Daqiiqaa 90 booda balaliistonni xayyaara waraanaa Israa’el gamoowwan kutaa kibbaa magaalaa Beerut irratti boombiiwwan Ameerikaan haleeluu eegalan.
Haleellichaanis hogganaan Hezboolaa, Hasan Nasrallaa ajjeefame. Kunis taateewwan ijoo guyyaa Hamaas Israa’el irratti haleellaa bane Onkololeessa 7 as uumaman keessaa tokko ta’eera.
Yaaliin diplomaasii Baayidanis haleellaa qilleensarraa Israa’el boombiiwwan Ameerikaatti fayyadamuun raawwatteen bilaasha ta'e.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bulchiinsa Baayidaniif galmi dipilomaasii ijoon dhukaasni baha giddugaleessaa akka dhaabbatufi namoonni Hamaasiin butamanii Gaazaa keessatti danqaman akka gadhiifaman taasisuudha.
Haata’u malee waggaa tokko dura Hamaas daangaa gara Kibbaa Israa’el cabsee seenuun namoota 1,200 ol ajjeesseera, lammiilee Ameerikaa torba dabalatee namoota 250 buteera.
Haleellaa haloo Israa’el, Gaazaa keessatti raawwatteen immoo Filisxeemonni 42,000 ajjeefamuu ragaan Ministeera Fayyaa Hamaasiin hogganamu agarsiisa. Iddichis iddoo mancaatii, buqqa’iinsaafii beelaa ta’eera.
Filisxeemonni kumaan lakka’aman ammallee eessa buuteen isaanii hinbeekamu. Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii UN akka jedhutti hojjettoonni dhaabbilee gargaarsa namoomaa haala kanaan dura hinturreen haleellaa Israa’eliin ajjeefamaniiru.
Kana malees dhaabbileen gargaarsaa ‘Israa’el gargaarsi akka hin geejibsifamne danqaa jirti’ jechuun irra deddeebiin komachaa turan. Mootummaan Israa’el garuu komii kana ni haala.
Yeroo ammaa waraanichi gara West Baank fi Libaanonitti babal’ateera. Israa’el hogganaa Hezboolaa ajjeesuusheetti kan aarte Iraan, torbee darbe keessa misaa’iloota 180 gara Israa’elitti dhukaasterti. Walitti bu’iinsichi ammallee akka hin babal’anne yaadootu jira.
Mo’achuufi mo’atamuu
Galaalchaa Ministira Dhimma Alaa US ta’ee wayitan hojjechaa jiru kanatti bulchiinsi Baayidan Mummee Ministiraa Israa’en Netaaniyaahuu deeggaruuf yemmuu yaalu irra deddeebiin argeera.
Haa ta’u malee bulchiinsichi walitti bu’iinsicha tasgabbeessuufii waliigaltee dhukaasa dhaabuu dhugoomsuu hindandeenye.
Angawoonni Baayidan dhiibbaan US “kallattii opireeshinii waraanaa” jijjiiruusaa himu. Israa’el magaalaa Raafaa weeraruusheen dura Baayidan fe’umsa tokko kan boombiiwwan abbaa kilogiraama 907 fi 226 ofkeessaa qabu Israa’eliif akka hinkennamne dhorke, kunis haleellaa Israa’el magaalicharratti taasiftu tasgabbeessuuf ture.
Haa ta’u malee Pirezidaantichi battalumatti miseensota paartii Ripablikaanii Waashingitan keessa jiranfii Netaaniyaahuun qeeqaman. Ergasii Baayidan hanga tokko dhorkaa isaanii kana kaasaniiru, dhorkichas lammata itti hindeebine.
Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa dhiibbaan inni taasise gargaarsi namoomaa baay’inaan akka imalu taasisuus hima.
Dippilomaasii irra dibaa?
Angawoota muraasa dabalatee qeeqtonni US waggaa waggaan meeshaa waraanaa doolaara biliyoona 3.8 baasu Israa’eliif osoo dhiyeessituu waraanichi akka dhaabbatu gaafatti. Dabalataan deeggarsi biyyattiin haleellaa Onkololeessa 7 booda Israa’eliif taasisaa jirtus waraanichi akka dhaabbatu barbaaduu waliin kan wal faallessu ta’uu kaasu.
Kanaafis babal’achuun waraanichaa amma mul’achaa jiru kufaatii dipilomaasii US osoo hintaanee kallattii diplomaasii biyyattiin dhimmicharratti hordofaa jirtu kan agarsiisu akka ta’e qeeqtonni himu.
Miseensa Raayyaa US kan turefii Baha Giddugaleessaa fi Afrikaa keessatti ofiisara basaasaa ta’uun kan hojjete Hariissan J.Mann, “bulchiinsi Baayidan irra dibaan hojii dipilomaasii hojjeteera, walgahiiwwan baay’ee taa’era. Haa ta’u malee waraanicha keessatti adda durummaan qooda kan qabdu amala Israa’el jijjiiruuf garuu tattaaffii tokkoyyuu hingoone” jedha.
Hariissan J.Mann Gaazaa keessatti namoonni nagaa meeshaalee waraanaa US’n ajjeefamuu isaaniifii US Israa’el cinaa dhaabbachuushee mormuun hojiisaa gadhiise.
Haa ta’u malee michuuwwan US qeeqa kana ni haalu. Fakkeenyaaf dipilomaasiin US, Gibxii fi Qaataar waliin ta’uun garee Hamaasitti jaarsummaa bahuun waliigaltee Sadaasa darbe taasifamefii namoonni Gaazaa keessatti butamanii danqaman 100 akka gadhiifaman fi Filisxeemonni Israa’eliin hidhamanii turan 300 akka gadhiifaman taasisuu kaasu.
Kana malees angawoonni US, tibba walitti bu’iinsi Gaazaa eegaletti Hezboolaafii Israa’el rokkeettiiwwan walitti dhukaasanillee Israa’el Libaanoon akka hin weerarreef angawoota Israa’el amansiisuu himu.
Gama biraatiin Mummeen Ministiraa Israa’el duraanii Ehud Olmart, dipilomaasiin Baayidan Israa’eliif deeggarsa guddaa kan argamsiise ta’uu himu. Haleellaa Onkololeessa 7 hordofee US waraana guddaa gara naannichaatti bobbaasuushee akka agarsiistuutti kaasu.
Haa ta’u malee Baayidan, mormii Netaaniyaahuu biraa ka’u injifachuu akka hindandeenyes Ehud Olmart himu.
“Yeroo mara Netaaniyaahuun yaada Baayidan biraa dhufu fudhachuu dhiisuuf sababa ni kaa’a. Kanaafuu sababni ijoon kufaatii dipilomaasii mormii itti fufiinsa qabufii Netaaniyaahuu biraa ka’udha” jedhu.
Haa ta’u malee Mumeen Ministiraa Israa’el Netaaniyaahuun, komii jaarsummaa US irraa dhufu ofirraa dhorkaa jira jedhu ni haalu.

Gaaffii kennanii fudhachuu
Walbeekumsi Baayidaniifii Netaaniyaahuu waggoota heddu kan lakkoofsise ta’ullee walitti dhufeenyi gidduu isaanii jiru garuu hagas mara miidhagaa miti.
Israa’eliif jaalala akka qaban kan himan Jo Baayidan, yeroo dargaggummaa isaaniitti ALA 1970’moota keessa senaatara wayita turanitti Israa’el daawwachuusaanii dubbatu. Deeggarsa pirezidaantichi biyyattiif qabanis kaaniin akka idaatti kaaniin immoo akka waan fulduraaf bu’aa argamsiisutti ilaalu.
Haa ta’u malee qeeqtotaaf kufaatiin Baayidan inni guddaan imaammata kennanii fudhachuutti fayyadamuun miidhaa Gaazaa keessatti qaqqabe hambisuu dhabuusaanii akka ta’e kaasu. Bara bulchiinsaanii isa dhumaarratti argaman Jo Baayidan mormitoonni kumaatamaan lakka’aman, harki caalmaan Dimokiraatota kan ta’an daandiiwwan Ameerikaarratti bahuun imaammata Baayidan balaaleeffataniiru.
Niwu Yoorkitti kan argamu Yunivarsiitii Kolombiyaatti Pirofeesara kan ta’an Raashid Kaalid, ilaalchi bulchiinsi Baayidan Israa’eliif qabu yeroo Israa’el reefu hundeeffamtee yaaddoon badiisaa itti aggaamametti kan bocamedha jedhu.
“Dipilomaasiin Ameerikaa ‘fedhiin waraanaa Israa’el waan fedheyyuu yoo ta’e ni laannaaf yaa lolan’ kan jedhudha” jedhu.
“Fedhiin mootummaa Israa’el waraana dhuma hinqabne dha. Sababnisaas Hamaas barbadeessuu dabalatee galmoota waraanaa milkaa’uu hindandeenye qabu. Kanaafis US gaarii farda Israa’el irratti hidhame taaterti” jechuunis himu.
Gama biraatiin dhaloonni oladeemaan Ameerikaa taatee Gaazaa keessaa miidiyaa hawaasaarratti ilaaluun ilaalchi isaanii faallaa ilaalcha Baayidanfaa akka ta’e Pirofeesarichi himu.
Paartii Dimokiraatotaa bakka bu’uun filannoo pirezidaantummaa ji’a tokko booda taasifamurratti maanguddoo waggaa 78 Tiraamp kan morkatanfii ga’eettii waggaa 59 kan ta’an Kaamala Haaris ilaalcha dhalootarraa dhalootatti darbufii kan Baayidaniin walfakkaatu hinqabdu.
Haa ta’u malee gareeleen Baha Giddugaleessaatti waldhabdeerra jiran akkamiin waliigalteerra gahuu akka danda’an Kaamala Haarisis ta’e Tiraamp karoora ammatti lafa kaa’an hinqaban. Filannoon itti aanus qabxii kallattii gaaga’ama Baha Giddugaleessaa jijjiiru fiduu danda’a. Haa ta’u malee ‘akkamiin?’ kan jedhu ammatti waan beekamuu miti.















