Marii bilbilaa Netaaniyaahuu fi Baayidan irratti qabxiilee ijoo lama qabatamaa ta’uu malan

Madda suuraa, Israeli Prime Minister's Office
Pirezedaantiin Ameerikaa Joo Baayidanii fi Ministiirri Muummee Israa’eel Benjaamiin Netaaniyaahuu karaa bilbilaan marii daqiiqaa 30 waliin taasisan. Mariin kuni erga Ji’a Hagayya darbe dhimma misaayela Iraan ilaalu irratti dubbatanii asitti kan jalqabaati.
Waayit Haawus marii miilanaa kana ‘bu’a qabeessa’ jechuun kan ibse yoo ta’u, Baayidanii fi Netaaniyaahuun guyyoota itti aananitti ‘Itti dhiheenyan quba walqabaachuuf’ waliigaluus ibse.
Marii bilbilaa kana pirezedaantii Itti aantuun Ameerikaa Kaamalaa Haarisis irratti hirmaataniiru.
Marii kanaan booda yaada kan kennan ministirri Ittisaa Israa’eel Yoov Galant, haleellaan Iraan irratti taasifamu ‘hamaa, qaalii fi ajaa’ibsiisaadha’ jedhan.
Wantoonni lama hojiitti jirama. Tokko harkifannaa Ameerikaan waraana Iraanitti seenuuf agarsiistee fi kan barbaachisaa mitii fi hamaadha jettee yaaddu yoo ya’u, inni biraan ammoo Israa’eel diinashee Iraan unkuteessuuf carraa fayyadamuu barbaaddudha.
Haleellaan Israa’eel Hezboollaa irratti bantee jirtu ammoo warra Israa’eel hedduu kan onnachiise yoo ta’u, daangaa Libaanoos waliin qaban qulqulleessuu barbaadu.
Haleellaa jabaa Israa’eel Gaazaa keessatti raawwatteen namootni kuma 42 ajjeefaman keessaa garri caalaan lammiilee nagaa akka ta’an kan himamu ta’ulleen, Ministirri Muummee Benjaamiin Netaaniyaahuun galmawwan lamaan waraana kanaaf kaa’atan milkeessuu hin dandeenye.
Galmi lamaan kunis Hamaas dhabamsiisuu fi lammiilee Israa’eel butamanii jiran gadhiisisuudha.
Hamaas ammallee lolaa kan jiru yoo ta’u, namoota ukkaamsee qabate 100 ta’anii fi garri caalaan isaanii ajjeefamuu hin oolan jedhamu qabatee jira.
Haleellaan diinota Israa’eel Hezboollaa Libaanos keessattii fi Hamaas ammoo Gaazaa keessatti qaqqabe Israa’eloota biratti daandii gaarii itti fufamee Iraan haleeluutti nama geessu ta’uu qaba jedhanii amanu.

Madda suuraa, EPA
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Isaaniif haaleellaa qilleensaatiin Iraan daaraa dhahuun mul’ata mirqaansisaadha.
Bakkeewwan xiyyeeffannoo ijoon warra Israa’eel ammoo bakkawwan hidhannoo ciccimoon jiru, kaan isaanii gaarreen jala gadi fagoo kan ta’anii fi bakka Iraan nukilara itti qindeeffatti jechuun Israa’elii fi warri kaan shakkani.
Pirezedaantiin Ameerikaa Joo Baayidan Ameerikaan karoora kana akka hin deeggarre ifatti himan.
Ameerikaan akka amantutti, Iraan karoora meeshaa nukilaaraa omishuu hin qabdu. Haleellaan isaanirratti taasisfamu garuu tokkolleen akka omishaniif isaan dammaksa jetti.
Yaadni ijoon tokko kan Neetanaahuun yaada Ameerikaa kana akka hin fudhanne godhu yaada ministira muummee duraanii Naftani Benet kan ‘Israa’eel waan Iraan irratti raawwattuuf shakkii keessa seenuu hin qabdu’ jedhuudha.
Netaaniyaahun ‘amma sa’aatii dhumaati’ jedhanii natti himaniiru jedhu.
Akkuma namoota siyaasa biroo fi jeneraala duraanii Beny Gantiz, Benetis sababa haleellaa Hamaas fi Hezbollaa irratti raawwatameen Iraan amma yeroo kamuu caalaa humna dhabdee jirti jedhanii amanu.
“Bu’uurarraa Iraan irree lamaan of ittisti ture. Hezbollaa fi Hamaasin. Isaan akka dahoo guyyaa rakkinaatti Iraaniif oolaa turan. Amma garuu irreewwan ishee lamaan kuni dadhabsiifamaniiru” jedhan Benet.
Akka yaada Benetitti, haalli amma uumame kuni carraa waggaa hedduu keessatti si’a tokko qofa argamuu fi Sirna Islaamaa Iraan itti barbadeeffamuudha jedhu.
“Carraan sun ammadha. Carraan ittiin Iraan balleessan kun amma darbee jennaan boru deebi’ee hin dhufu. Sirna Iraan keessaa kun amma kan kufuudha kufaatii kana saffisiisuu qabnaa,” jedhu.

Madda suuraa, Oren Rosenfeld
“Iraan meeshaa nukilaraa hidhattee jennaan sirna isaanii kana baraaruuf carraan fayyadamuu isaanii olaanaadha. Kun ta’ee jennaan ammoo baha giddugaleessaa unkura nukilaaraatti akka naquuti” jedhan.
Benet, haleellaa Israa’eel bu’uuraalee nukilaraa irratti baha giddu galeessaa keessa Iraaqitti bara 1981 raawwattee fi siiriyaatti bara 2007 raawwate yaadachuun hangam milka’aa akka ture caqasan.
“Namoonni yeroo hedduu hin jaalatan, garuu nuti addunyaa haleellaa nukilaraa Bashar Alasaad raawachuu malurraa baraarre. Bu’uuraalee nukilaraa barbadeessuu keenyan hojii galata hin qabne hojjenne. Namni hundi qeeqa jaalata. Nuti garuu hojii keenya hojjenne.”
“Yoo jarri boombii nukilaraa sana hidhatan rakkinichi kan hundaa malee kan keenya qofa hin ta’u. Warri London akkamitti osoo nukilarri ardii tokko balleessu jiruu maaltu akka itti dhagahamu baruun bardaada. Nutimmoo wanti akkanaa akka uumamu hin heeyyamnu,” jedhan.
Erga Ebla darbe Israa’eel jeneraala Iraan imbaasii Iraan Siiriyaatti haleellaa xiyyaaratiin ajjeestee asitti biyyoonni lamaan lola ifa ta’e keessa jiru.
Deebiin Iraan ammoo Israa’el irratti haleellaa misaa’elaa raawwachuu ture. Kanumaan haalichi hammaataa adeeme.
Torbee darbe gaafa Kibxataa haleellaa Israa’eel Hezbollaa irratti Libaanositti banteen hogganaa garichaa Hassan Nasrallaa ajjeesuun ni yaadatama.
Eegasii iran misaayeloota balastikii danuu gara Iraanitti dhukaastus Ministiri Muummee Israa’eel garuu ofirraa qolanneerra jedhan.
Pirezedaanti Baayidan Israa’eel haleellaa Libaanos keessatti raawwachaa jirtu kanaan miidhaa lammiilee nagaarra gahu akka xiqqeessitu watwaatan. Kana malees Israa’eel sababa bu’uuraalee nukilaraa Iraanin balleessa jedhuun warra iraan irratti haleellaa akka hin raawwanne gaafatan.
Akka isaan jedhanitti, Israa’eel of ittisuu dandeessi. Garuu bakkawwan nukilaraa Iraan yookan wiirtuuwwan boba’aa isaanii haleeluun ta’uu hin qabu jedhan.
Ameerikaan waraana seenuu hin barbaannetti harkifamaa jiraachuu yaaddoo qabdi. Egereen waraana kanaa itti aanu kan murtaa’u ammoo haleellaa haaloo bahiinsaa Israa’eel guyyaa guyyaan raawwachaa jirturratti.












