Sheskoo kan adamsaa jiru Yunaayitid, Hoyiluund gabaatti baase

Raasmas Hoyiluund

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Raasmas Hoyiluund waggaa lama dura Atilaantaarraa Yunaayitid seene

Waggoota muraasa darbaniif rakkoo keessa kan jiru Maanchistar Yunaayitid jifataa isaa abdatee fidate, Raasmas Hoyilund gurguruuf qophaa'e.

Yunaayitid Hoyilundiin waggaa lama dura paawundii miiliyoona 72'n kilabii Xaaliyaanii Atilaantaa irraa waggaa shaniif mallatteessisee fidate.

Haa ta'u malee, waggaa lama booda paawundii miiliyoona 30'n gurguruuf akka jiru beeksiseera.

Jifataan lammii Denmaark gaafa Roobii tapha dorgommii duraan Bornimaaz irratti lama galcheera.

Jifataan kuni Yunaayitid keessa turuuf fedha qabaatus, jifataan biraa kilabichi barbaadu rakkoo keessa isa galchuu hin oolle.

Maanchistar Yunaayitid RB Leepzhiig irraa jifataa lammii Isloveeniyaa Benjaamin Sheskoo mallatteessifachuuf muddamatti jira.

Haalichi garuu salphaa hin taane.

Sababni isaas jifataa isaa cimaa Aleeksaandar Isaak kan dhabuu malu Niw Kaasiliis Sheskoo adamsuutti jira.

Gabaasonni akka agarsiisanitti, Sheskoon gara Yunaayitid dhufee taphachuu barbaada.

Maddeen Maanchistar Yunaayitid keessaa akka jedhanitti taphattoota kaan osoo hin gurguriin Sheskoo fidachuu danda'u.

Haa ta'u malee, qajeelfama Pirimeer Liigii akka hin cabsinetti taphattoonni gaggeeffamuu akka qaban waliigalameera.

Kana jechuun yoo Sheskoon gara Yunaayitid dhufe, Hoyiluun akka durii hin ta'u yookiin gad qabamuu mala jechuudha.

Ta'us, Hoyiluund paawundii miiliyoona 30'n yoo gurgurame Yunaayitidiif kasaaraaa ta'a.

Sababni isaa gatiin amma itti madaalame paawundii miiliyoona 43'dha. Kontiraata mallatteesse keessaas waggaa sadii qaba.

Maanchistar Yunaayitid ganna kana paawundii miiliyoonaa 130 baasuun Biriyaan Imbuumoo fi Maatiyaas Kuunaa mallatteessifachuun ni yaadatama.

Sheskoon taphataa akkamiiti?

Arsenaal Viiktar Yookereshiin osoo hin mallatteessisiin dura cimsee taphataa kana barbaadaa ture. Cheelsiinis akkasuma.

Niwkaastil Yuunaayitidis akkasuma yoo Aleeksaander Isaak kan bahu tahe taphataa kana bakka isaa buusuuf barbaadaa jira.

Seeskoon taphataa jabaa sarara duraa galchii hedduu lakkoofsisudha. Waggoota lamaan darban keessa taphataan umurii isaarra jiru haga isaa galchii lakkoofsise hin jiru.

Yunaayitid immoo galchii galchuu dhabuun guddoo rakkata.

Bara darbe garuu sochiin Sheskoo bakka hunda keessa tahe.

Dirree garee morkattootaa keessatti kubbi tuqe %9.7 ture. Waggaa lamaan kana garuu garee morkattootaa keessatti kubbi tuqe %17 taha.

Benjaamin Sheskoo

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Benjaamin Sheskoo kilaboota garagaraatu barbaada

Sarara gidduutii ka'ee gara sarara cinaa lamaaniittis bahuun taphataa ture.

Bundasliigaa keessaa taphattoota saffisa guddaa qaban keessaa tokko.

Sarara taphataan sarara duraa keessatti argamuu qabu keessattis bifa milkaa'een hojjeteera.

Namni kilebootaaf taphattoota filuun beekamu tokko dhiyeenya BBCtti akka himetti, taphatichi ''guddaa, qaamaan jabaa fi saffisa qaba'' jedhe.

Sheeskoon yeroo dargaggummaa isaa Zilaataan Ibiraahimovich dinqisiifataa guddate.

Sheeskoon waggoota lamaan darban RB Leepzhiig keessa taphate. Bara 2023 ture Saalzibargi irraa kan RB Leepzhig seene.

Waggoota lamaan darban kana keessa taphoota 87 irratti galchii 39 lakkoofsiseera.

Akkasuma immoo sarara rukuttaa peenaaliitiin alarraa kubba dhahee lakkoofsisuun Bundasliigaa keessaa dorgomaa hin qabu.

Galchii lakkoofsise keessaa %36.8 kan tahu sarara rukuttaa peenaaliitii alaa dhahuunidha.