Dubartii nama intalashee gudeede "du'eera" jedhame barbaaddee argite

Madda suuraa, SWASTIK PAL
Hinddiitti haati bulchiinsa Bihaar keessa jiraattu intalashee namichi gudeedee bade "du'eera" oduun jedhu ishee qaqqabe.
Kanarraa kan ka'e himanni gudeeddii irratti banamee tures irraa cufame. Dubartiin intalli ishee jalaa gudeedamte garuu oduu kana hin amanne.
Bara darbe namoonni lama Hindoonni reeffa nama du'ee itti gubanii dhaqan. Kunis nama du'e jedhame kana reeffaa isaa akka waan gubanii fakkeessuufi. Namoonni kunneen lamaan iddoo reeffa itti gubanitti qoraan abidda itti qabsiisan walitti qabanis reeffi gubatu garuu hin turre.
Jara lamaan keessaa tokko bakka reeffa irra ciibsanii guban irra ciisun inni tokko ammoo mataa isaa qofa hambisuun qoraan irra tuula.
Yeroo taateen kun ta'u suurri isaanii kaafamee jira. Eenyu akka kaase garuu hin beekamu.
Nama du'e fakkaatee suura kan ka'e Moodii jedhama. Nama ganna 39 yoo ta'u mana baruumsa mootummaatti barsiisaadha. Namni lammaffaan ammoo abbaa isaa Rajaaram Moodii jedhama, umuriin isaas 60 keessa.

Madda suuraa, SWASTIK PAL
Kuni marti kan ta'e poolisiin nama Niraajim Moodii jedhamu irratti himannaa gudeeddii erga banee guyyaa jaha booda. Niraajim shamarree waggaa 12 barattuu taate bara 2018tti gudeeduun himatame.
Namni kun yeroo ishee gudeedu bilbilaan akka waraabeefi namatti yoo himte miidiyaa hawaasaa irratti akka gadi lakkisu ishee sodaachisuu himte shamarreen kun.
Haati mucayyoo kanaa poolisiitti iyyachuun to'annoo jala oolfame. Garuu ji'a lama qofaaf to'annoo jala ture.
Abbaan isaa ilmi isaa akka du'e waraqaa ragaa du'aa mana murtiitti dhiyeessuun dubbate. Kanarraa ka'uu himanni Niraajim Moodii irratti baname cufame.
Haati intalli jalaa gudeedamte murtee kana hin fudhanne. Dubartii kun kan jiraattu mandara maatin Niaraajim jiraataniidha.
"Niraaj Moodii du'eera gaafa jedhan battaluma sanattin soba ta'uu isaa bare. Lubbuudhaan akka jiru bareera," jechuun BBCtti himte.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Manadara Bihaaritti namni tokko gaafa du'u, lakkoofsa waraqaa eenyummaa dhiyeessutu irraa eegama. Akkasumas du'uu isaa namni beeku shan mallattoodhaan mirkaneessa.
Ragaan kun bulchiinsa naannichaatti dhiyaatee waraqaan ragaa du'aa kennama.
"Mandara keenya keessatti namni walitti dhiyoo jiraachuu irraa kan ka'e tokko tokkoon wal beeka. Namni du'e jiraannaan du'uu nama sanaa sababni hin dhageenyef ykn hin barreef hin jiru," jedha abukaaton miidhamtuu.
Raajaraam Moodii lakkoofsa waraqaa eenyummaafi mallattoo ragaa nama shanii bulchiinsatti galcheera. Ragaan garuu sababa du'a ilma isaatii hin agarsiisu.
Haati intalli jalaa gudeedamte garuu namni kun dhuguma du'eera yoo ta'e maalif namoonni mandaraa waa'ee isaa hin dubbatan? Erga du'ee booda sirni amantii garaa garaa maalif hin gaggeeffamu? jettee namoota gaggaafachuu eegalte.
Namni du'a namichaa beeku waan dhabameef mana murtiitti deebitee dhimmichi irra deebiin akka ilaalamu iyyatte. Manni murtii garuu barsiisaan intala ishee gudeede kun jiraachuu isaa kan agarsiisu ragaa akka dhiyeessitu ishee gaafate.

Madda suuraa, SWASTIK PAL
Waajjiri naannoo ishee ragaa sobaa irratti hundaa'un waraqaa ragaa du'aa akka kenne iyyatte.
Manni maree mandaraa dhimmicha irra deebin akka ilaaluf ajajni darbe. Manni murtee garuu Niraaj Moodii du'uu kan agarsiisu ragaalee dabalataa kanneen akka suura reeffa agarsiisu, abidaa boba'ufi sirni garaa garaa yeroo raawwatamu argate.
Bulchiinsi naannoo mandara isaa gaafachuun namni du'uu isaa itti himu dhabama. Maatii Niraaj Moodii dabalatee namoonni du'uu isaa akka hin beekne himan.
Bulchiinsi naannichaa abbaa gaaffidhaan muddan. Du'a ilma isaatif ragaa dabalataa dhiyeessuu hin dandeenye.
Abbaafi ilmi ragaa sobaa dhiyessuun waraqaa ragaa du'aa akka baasan bira gahame.

Madda suuraa, THE NEWS POST
Barsiisichi-abbaan namicha yakka gudeeddin himatamee sobaan du'eera jedhamee- du'uu ilma isaa ragaa mallattoo nama shanii kan inni dhiyeesse mallattoo barattoota isaatii akka ta'e poolisiin bira gahe.
Mallattoo barattoota kanaas gaafa fuudhu kanaaf akka ta'e barattoota barsiisu hin eeyyamsiifne. Carraa barnoota bilisaan isinii mijeessa jedhee barattoota goyyoomsee mallatteessise.
Boodarra bulchiinsi naannichaa Niraaj Moodii du'eera kan jedhu haqan. Poolisiin abbaa isaa to'annaa jala oolchuun ragaa sobaa dhiyeessun himate. Namichi intala ishee gudeede barbaadamee akka qabamu jechuun haati intalaa iyyatte.
Ergaa du'eera jedhamee galmeen mana murtii cufamee ji'a sagal booda Niraaj Moodii qabame.
Ji'a darbe, bara 2023 manni murtii yakkamaa jechuun hidhaa waggaa 14 itti murteesse. Miidhamtuuf ammoo beenyaa dolaara 3,628 murteesse.
Abbaan namichaa, ragaa sobaa ilma isaatif dhiyeessee nama du'e fakkeessun himatamee waggaan torba itti murtaa'e.












