Lammiilee Indiyaa - Paakistaan karaa intarneetiin wal jaalatanii hidhaa bu'an

Yadaav fi Igra Jeewanii bara 2020 karaa intarneetii wal baran

Madda suuraa, BANGALORE POLICE

Ji’a Amajjii darbe keessa dargaggoon lammii Indiyaa tokko dubartiin lammii Paakistaan seeran ala Indiyaa akka seentu fi waraqaa eenyummaa sobaa akka argattu gargaare jedhame mana hidhaa buufame.

Dubartii namtichi kun akka Indiyaa seentu gargaare haadha warraasaati.

Dargaggoon Indiyaa umri ganna 21 Mulayam Singi Yadaav fi shamarreen ganna 19 lammii Paakistaan Igra Jeewanii jedhamtu, karaa toora intarneetii walbaranii tapha Ludo waliin taphataa erga turanii booda, waggaa sadan kana wal jaalatan.

Haata’u malee, isaan lachuu bakka tokkotti waliin jiraachuun akka isaan rakkisu sirritti beeku.

Hariiroon warra Indiyaa fi Paakistaan muddamaan kan guutamedha.

Sababni isaammoo biyyoonni ollaa lameen kun erga bara 1947 asitti si’a sadii wal waraanan.

Bara 1947 yeroo Paakistaan uumamtee fi walabummaa Indiyaan wayita gonfattu addaan qoodamte ture.

Kanarraa kan ka’e namoonni biyyoota lamaniirraa imalaaf viizaa argachuuf ni rakkatu.

Rakkoo kana injifachuuf Mulayaam fi Igiraan Fulbaanaa 2023 biyya Neeppaal dhaqanii, achitti wal fuudhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Jaalalleewwan lamaan erga wal fuudhanii booda gara magaalaa Indiyaa Baangaalooritti imalanii waliin jiraachuu eegalan.

Haata’u malee, gammachuunsaanii otoo hin turiin Amajjii darbe gara gaddaatti geeddarame.

Lammiin Paakistaan Igra Jeewanii seeraan ala Indiyaa seente jedhamtee hidhamte.

Abbaan warraa ishee Mulayam Singi akkasuma hidhamee, ragaa sobaa hojjachuu fi ragaa sirrii malee lammii biyya biraa of bira tursiisuun himatame.

Taatee kana booda Igra Jeewanii torban darbe kana Indiyaarraa gara Paakistaanitti deebifamte.

Mulayam Singi ammoo mana hidhaa Baangaaloor keessatti hafe.

Maatiin daargaggoo kanaa Kaaba Indiyaa bulchiinsa Uttar Pradesh keessa jiraatan hidhamuusaatti garmalee rifatan.

Isaan seenaan jaalleewwan kanaa akkuma salphaatti yoo ilaalame jaalala agarsiisa jedhan.

''Mana isaaniitti akka deebi’an barbaanna,’’ jedhe obboleessi Mulayam Singi kan ta’e Jeetlal.

''Haala Indiyaa fi Paakistaan keessa jiran ni hubanna. Garuu waanti isaan balleessan kan biraa hin jiru, wal jaalatan malee,’’ jedhe.

Poolisoonnillee kana ni amanu.

''Seeraan ala biyya seenuu fi ragaa sobaa dalaguurra kan darbe seenaa jaalalaa fakkaata,’’ jedhe qondaalli Poolisii Baangiloor maqaan isaa hin eeramne tokko.

Jaalalli Singi Yadaav fi Jeewanii bara 2020, wayita uggurri Covd-19 hammaate keessa eegalame.

Dargaggoo Yadaav dhaabbata ICT Baangaaloor tokko keessa waardiyyaa ta’ee hojjata.

Jeewaniin ammoo magaalaa Paakistaan Haayidirabaad keessatti baratti turte.

Jarri lamaan karaa toora intarneetii erga wal baranii booda jalaala halaalaa eegalan.

Haata’u malee, Jeewanii maatiin ishee akka heerumtu dhibbaa irratti jabeessaa turan.

Yadaav karaa Dubaayi gara Neeppaalitti akka imaltu Jeewaniif yaada erga dhiyeessefii booda Jeewaniin Paakistaanii baate.

Jaalallewwn lamaan bara darbe Neeppalitti wal fuudhan

Madda suuraa, JEET LAL YADAV

Poolisiin akka himetti, akkaataa sirna Hinduutiin wal fuudhanii gara Indiyaa deeman.

Haata’u malee, Jeewaniin eeyyama Indiyaa keessa ishee tursiisu hin qabdu turte.

Kanaaf jecha Yadaav waraqaa eenyummaa sobaa lammummaa Indiyaa qabaachuu ishee mirkaneessu qopheessef jedhe poolisiin Indiyaa.

Poolisiin akka jedhetti, Yadaav guyyaa hunda wayita hojii deemu, Jeewanii manums oolti ture.

Jeewaniin yeroo hunda karaa WhatsApp haadha ishee Paakistanitti argamanitti waan bilbiltuuf poolisiin ishee qabe.

Poolisonni Baangaaloor ji’a darbe agarsiisni xiyyaaraa ‘Aero India air show’ fi yaa’iin ministiroota faayinaansii garee biyyoota 20 Guraandhala keessa waan gaggeeffamuuf ofeeggannoo cimaa taasisaa turan.

Qorannoo gaggeeffame booda Jeewaniin seeran ala biyya seente jedhamtee hidhamte.

Jeewaniin ji’a Guraandhalaa darbe gara Paakistaanitti deebifamte.

BBC’n maatii Jeewanii Paakistaanitti argaman dhimma kanarratti yaada kennan argachuu hin dandeenye.

Jalqaba torbee darbee ejensiin oduu PTI, abbaan intalaa nagaan biyyatti deebiyuushee mirkaneessuun gabaaseera.

Haati Yaadaav, Shanti Devi jedhaman, mootummoonni biyyoota lamaanii jaalaleewwan kana walitti fidu jedhanii akka abdatan himan.

Dabalaniis: "Ishee Musliima yookaan Paakistaanii taate dhimma irraa hinqabnu. Intala keenyadha. Sirnaan kunuunsina."