Jaalala cimaa monokseewwan Waaqaaf buluuf bahan mo'atee gaa’ela dhaabsise

Lisaa fi Roobart

Monokseen tokko waggaa 24 booda, erga bataskaana Pireston Lankasha keessatti tasa monoksee tokko waliin harki isaanii erga walitti bu’ee booda Sisteer Meerii Elizaabeetiif wanti hundi ni geeddarame.

Gareen monoksootaa ishee waliin waldaa Oksifoord irraa daawwannaadhaaf kan dhufe Robertiin wal baruuf deemte. Achumaan nyaata argachu kan barbaadu yoo ta’e gafataniin. Sana gidduutti garuu hoggantuun Sistar Meerii bilbila haasa’uuf jecha gadi yoo baatu, lamaan isaanii qofti kutaa tokko keessatti hafan.

“Kutaa tokko keessatti lamaan keenya qofaa yoo taanu, kun kan jalqabaa ture. Teenyees erga nyaata isaa nyaate booda, hoggantuunkoo waan hin deebineef, isa gaggeessuun narra ture,” jetti.

Karra bantee baasuuf wayita jettuutti akka tasaa harkisaanii walitti bu'a. Isaan boodas miira yeroo sana itti dhaga’ame akkasiin himti.

“Yeroo sana wanti ta'e natti dhaga’amnaan baay'een qaana’e. Innis itti dhaga’ameeraa laata jedheen yaade.”

Torban tokko booda, monoksummaa dhiistee natti heerumtaa jechuun Roobart ergaa itti ergu dubbatti.

Siistar Meerii Elizabeet,

Monokseen tunis umurii ganna 19’tti monokosuuf Waldaa Kaatolikii Romaanii seenuu isheetiin dura, Sisteer Meerii Elizabeet maqaan dhaloota ishee Liisaa Tinkilar jedhama ture.

Siistar Meerii Elizabeet gaaffii Roobeti akka itti herumtuuf dhiyeesseef deebii hin kennine, garuu maal akka gootu wallaaltee turte.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Roobart waa’ee Meerii Elizaabeet omaa beekuu batus, isheen garuu waa’ee isaa odeeffannoo muraasa beekti turte.

Roobart Oksiford wiirtuu Karmelaayit Pirestan keessa wayita jiru, yoo naannawwee daawwatu, takka takka mana amantaa naannicha jirutti yoo lallabu Lisaan (Siistar Meerii Elizabeet) agarteenii beekti ture.

Lallaba isaa malees akka inni Sileesiyaa Pooland keessatti guddatee fi gaarreen dowwachu akka jaallatu bartee turte. Yeroo sanatti odeeffanoon kun isheerratti dhiibbaa omaatu uumee akka hin turre himti. Amma garuu haalli hundi akka tasaa geeddarame.

“Jaallalli yeroo nama qabatu maal akka namatti dhaga’amu hin beekun ture. Akkasumas, monokseewwan biroon fuulakoo irratti ni baru jedheen yaade tures. Kanaaf nan rifadhe. Jijjiirama na keessatti uumamaa ture natti dhaga’ama ture, sun immoo na sodaachise ture,” jetti.

Siistar Meerii Elizabeet boodarra of jajjabiseettee, Roobart irraa jaalalli ishee qabachuu akka hin oolle hoggantuu isheetti himtee. Isaan boodas, deebiin isheen argatte garuu amanuf rakkisa.

“Utuun sa'aatii 24'f to’annoo ishee jala jiru kun akkamiin akka uumame hubachuu hin dandeenye. Yeroo muraasaan booda akkamiin akka jaalalli na qabate na gaaffatte,” jetti yoo haalaa itti jaalalli qabu nama jalqabaatti himte ibsitu.

Siister Meerii Elizabeet yoo monoksummaa ishee dhiifte baate, deebiin maatiishee, ykn luba ishee maal akka ta’u akka danda'u yaadu eegalte. Dabalataanis sababa kanaan hariiroon isheen Waaqaa waliin qabdu kan jijjiiramu ta’e fa'i yaaduu eegalte.

Wayita walitti dhufeenyi kun jidduu isaaniitti eegalu kanattis Roobart waggaa 13’f monoksee ta’un jiraate ture.

Roobart

“Yeroo Lisaan harkakootti buute sanarraa kaasee jijjiiramni eegale. Garuu sammuukoo keessatti wanti adda ta'e guddaatu natti dhaga’amus, ani akkasitti jaalalla cimaadhaan qabamu keessa nan seena jedhee gonkumaa yaadee hin beeku.

''Sababiin isaa ammoo yeroo monoksee taatuu akkamiin akka miira akka jaalalaa to’achuu dandeessu si barsiisu,” jedhu Roobart. Haata'u malee jaallalli isaan mudate barnooticha sana hunda kan mo'ate ta'e.

Inni erga Lisaadhaan natti herumtaa? jechuun ergaa itti ergeen booda, yeroo hedduu waa'ee ishee yaadduu akka eegale dubbata.

Isaan boodas Lisaan monoksummaa ishee dhiisuun bakka Roobarti itti wal aggarra jedheen, gara mana nyaata tokkotti qajeelte.

“Yeroo isheen mana nyaataa sana ol seente, keessikootti sodaatu natti dhaga’ame. Sodaankoo garuu kan amantii ykn hafuuraa miti, soda akkamiin umurii waggaa 53’tti jireenyaa haaraa eegala kan jedhu ture,” jedha Roobart.

Isaanis jijjiramni jireenya isaaniirratti taasisan baay'ee cimaa ture, keessumaa jalqaba irratti.

“Baayyee cimaa ture sababiin isaa, qofummaafi adda ba’uun ittii dhaga’amee gara fulduraatti akkamiin akka deemu walaallee ture. Ta’us garuu harka wal qabannee keessa dabarreerra,” jetti.

Cidha Liisaa fi Roobart

Wanti nagaa isaaniif fide, wanta jalqaba irratti gara monoksummaatti isaan geessedha – amantaa dhunfaa isaanii waliin hariiroo uummachu. 

“Jireenya amantiikee guutuu keessatti, akka onneekee utuu hin hiriin guutummaatti Waaqaaf kennuu akka qabdu sitti himama. Tasa onneenkoo Roobartiin qabachuuf akka bala’aachaa dhufe natti dhaga’ame, ta’us garuu wanta jalqaba qabatee tures akka hin gadhisnen hubadhe. Waa’ee Waaqayyoo irratti wanti natti jijjirame hin jiru, sunimmoo waan ana tasgabbeessedha,” jetti Liisaan.

Lisaan jalqaba irratti mana awwaalchaa keessatti hojii argattee, boodarra hospitaala keessatti luba ta’uun tajaajilu eegalte. Roobart xalayaan Roomaa irraa kana booda miseensa Karmelite (monoksummaa) akka ta’uu hin dandeenye ibsu yemmuu isa ga’ee aaree kan ture ta’us, boodarra mana amantaa Church of England’tti simatameera.

Lisaafi Roobart gaa’ela dhaabbatanii, amma ganda Hatan Rudbii, Yoorkshaayer Kaabaa jiru keessa jiraatu. Roobart mana amantaa achi jiru keessatti luba ta’ee tajaajila

Lamaan isaaniyyu ammallee jireenya monoksummaan ala jiru of baarsiisutti jiru.