US Giriinlaand humnaan akka fudhattu Tiraamp beeksisuu hordofee biyyoonni Awurooppaa loltoota bobbaasuu eegalan

Madda suuraa, Reuters
Giriinlaand qaama Deenmaark taatus Tiraamp nageenya biyyaaleessaa US' f murteessituudha jechuun ega ija irra kaa'atee bubbuleera.
US karaa nagaa Giriinlaand bituu akka barbaaddu ibsuun, dinnaan humnaan qama US akka ishee godhu Tiraamp akeekkachiisee ture.
Biyyoonni Awurooppaa garuu deemsa Tiraamp kana hin deeggarre ibsuun Deenmaark cinaa akka dhabbattan akeekan.
Kanumaaf jecha ergama hojii hordoffiif biyyoonni kunneen loltoota bobbaasaa jiru.
Faransaayi loltoota muraasa Giriinlaanditti kan ergite yoo ta'u, Jarman, Siwiidiin, Noorweey, Nezarlaandis fi UK'n biyyoota loltoota bobbaa'uuf jedhaniidha.
Pirezidaantiin Faransaayi Imaanu'eel Maakroon loltoota amma magaalaa guddoo Giriinlaand Nuukitti bobba'aniin alatti loltoonni lafoo, humna galanaafi qilleensaa akka bobba'an ibsan.
Biyyoonni Awurrooppaa kunneen Giriinlaanditti loltoota kan bobbaasaniif, ministiironni dhimma alaa Deenmaark fi Neezarlaandis gara US deemuun pirezidaantii ittaanaa JD Vaansi waliin wal-arganii waliigaltee malee adda bahanii boodadha.





