Hindii: Balalisaan xiyyaaraashee akka gadhiifamuuf Paaksitaaniin gaafate

Loltoota Paakistaan iddoo xiyyaarri isaanii gubatetti

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Loltoota Paakistaan iddoo xiyyaarri isaanii gubatetti

Biyyoota meeshaa waraanaa nikuulaaraa qaban Hindiifi Paaksitaan jidduutti walabden Kaashimiirii irratti eegalame guyyaa guyyaan cimaa deemaa jira.

Kaleessa Paaksitaan balaliisa xiyyaara waraanaa Hindii boji'uushee ibsiite jirti.

Hindiin ammoo balaliisaa xiyyaara waraanaa naannoo Kaashimiritti booji'ame gadhiisiisuu irratti Baakstaan waliin waldhabdeen cimaa keessa galan.

Viidiiyoon balaliisaa xiyyaaraa Hindii ijisaa hidhamee fi fuula isaarra dhiigni mulatu ministita odeeffannoo Paakistaaniin qoodamee ture.

Hindiin gama isheetiin viidiyichaan nama miidhaan irra gahe agarsiisuun gocha ta'u hinqabne jechuun balaaleffatte jirti.

Fayadamtoonni midiyaalee hawaasaa Hindii keessatti argamanis balaliisaa sana akka gootaattii leellisaa olaniiru. Kanneen biro ammoo biyyoonni lamaanuu waraana irra ofi akka qusataniif hashtag #SayNoToWarakka dhaan gaafachaa olan.

Wal waraansi dhiheenya kana karaa sarara jidduu Hindii fi Paaksitaan kan taate Kaashimiitti gaggeeffame kunis erga bara 1971 tiin kan jalqabaati.

Taatee kanaanis Paaksitaan jettiiwwan waraanaa Hindii lama kuffiseera jechuunshee caalaa haalicha biyyoota lamaa jidduutti akka cimu taasiseera. Biyyoonni lamaanu Kaashimir gutummaatti to'achuuf barbaadu.

Kunis boromtaa Hindin ajjeechaa Hindoota halleellaa boombiii namoota 40 Kaashimirii keesatti ajjeesseef haaloo bahuuf jecha Kaampiin loltootaa Paakistaan keessaa reebdeen booda kan umameedha.

Gareewwan Paakistaan keessatti bu'ureeffatanis aleellicha raawwachuu himaniiru.

Guyyaa Roobii ammoo, Ameerikaan Hindiifi Paaksitaaniin akka halleellaa waraanaa kan biraa dhaabaniif gaaffattee turte, kunis akka walabiddee biyyoota lamaan jidduu jiru cimsu himuun.

Paakistaan balaliisan Hindii maqaansaa Ajajaa Abhinandan, jedhamu haalaan keessumeefamaa jira jete

Madda suuraa, Pakistan Information Ministry (ISPR)

Ibsa waa'ee suuraa, Paakistaan balaliisan Hindii maqaansaa Ajajaa Abhinandan, jedhamu haalaan keessumeefamaa jira jete

Balaliisaa maaltu mudate?

Balaliisaan Humna qilleensa Hindii, ajajaa Garee Abhinandan jedhamu osoo lolara jiruu baduunsaa qondaaltoota Hindiitiin gabaafame.

Achumaanis suuran akka qabame mul'isan naannawu eegale. Suraalee kunnneenis balalisichaan erga harka motummaa Paakistaan galen booda miidhaawwan qaamaa jiraattoota Kaashimiiri Paakistaaniin to'atamtuutiin irratti raawwatamuu fi gocha motummaa Paakistaan raawwateef yoo galateefatan mul'isan turan.

Miniteerri Odeeffannoo Paakistaanis viidiyoo bilalisaa kanaa fuulisaa hidhamee osoo bishaan dhugaatiif kadhatuu mul'isuu maxxansuun booda garuu haqe.

Image purportedly showing captured Indian pilot

Madda suuraa, Pakistan Information Ministry

Ibsa waa'ee suuraa, Balaliisaa Hidnii viidiyicharratti mulifamee kana fakkaata ture

Viidiiyoo booda keessa mul'ifameen ammoo Ajajaan kun wayita shaayii dhuguufi erga qaamnsii qulqullaa'ee mul'isa.

Innis maqaa saa, aangoo waraanaasaa fi eessa irraa akka ta'e (Kibba Hindii) dabalatee gaaffiiwwan hedduu deebiise. Waa'ee ergamaa ilaalchisee gaafatamnaan ammoo deebiisuu dide akkas jechuu: ''Kana isinitti himu hinqabu.''

Dubbii himaan waraana Paakistaan Meejar Jeneraal Asif Ghafoor ammoo ''balalisichi haaluma naamusa loltummaatiin keessumeefamaa jira,'' kanaafu nagaadha jedheera.