Uffata rakasaa Chaayinaarraa dhufu uffataa jirtan duuba dhugaa jiru

Madda suuraa, Xiqing Wang/BBC
Magaala Chaayinaa Guwaanshii keessatti sagaleen maashina uffata hodhuu dhagahuun kan barameedha. Ganamaa hanga galgalaatti sagaleen kunis karaa foddaatiin warshaalee keessaa ni dhagahama.
Warshaalee kanneen keessatti uffata keessaa, shuraabii, wandabootu hodhama. Oomishni kunis kan biyyoota 150 olitti ergamuudha.
Kun sagalee Paanyuu, ollaa "ganda Sheen" jedhamuun beekamu, kan warshaalee daldalaa faashinii saffisaa guddicha addunyaa kanaaf humna kennaniidha.
"Ji'a tokko keessatti guyyoonni 31 yoo jiraatan guyyaa 31 hundaa nan hojjedha" jechuun hojjetaan tokko BBC'tti hime. Baayyeen isaanii ji'atti yoo baayyate guyyaa tokko qofa boqonnaa akka qaban himan.
Waarshaalee BBC dowwate 10, bulchiitoota afuriin ol fi hojjattoota 20 ol dubbiseera. Gabaa uccuufi ufataatiis BBCn ilaaleera.
Uffanni bashannanaa ka'umsiisaa warshaa torbaniitti sa'aatii 75f itti hojjatamuudha. Gochaan kunis seera Chaayinaatiin dhorkameera.
Haata'u malee warshaalee namoota hojii argachuu socha'an qaccaruudhaan sa'aatiiwwaniif hojjachiisuu hin dhaabne.
Ollaan Sheen duraan baayyee hin beekamu ture. Waggoota shanan darbaniitti garuu ollaa hammeenyaan guutamuun maqaansaa ka'uudha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ollaan qabeenyaa ummataa ture doolaara biiliyoona 66 akka baasuu tilmaamama. Hojjattoota seeraan ala humna hojjataa saamuufi dirqamaan hojjachiisuun himannaan irratti dhiyaata.
Bara darbe hojjattoonni daa'immanii warshicha keessatti argamu dhaabbatichi amaneera.
''Dhaabbata keenya keessatti namni sadarkaa kamurra hojjatu haala haqa qabeessaa fi kabajnisaa eegameen hojjataa jira'' ibsa jedhu kennuun alatti gaaffilee BBC'f deebii kennuu hin barbaadne.
Dhaabbatichi oggansa cimsuudhaaf ''invastimantii doolaara miiliyoona 10tti tilmaamamu'' akka baasuu fi ''haqa-qabeessummaa dhaabbilee waliin hojjachuu'' mirkanneessuuf fi itti gaafatamummaa mirkanneessuuf'' akka hojjatu dabaluun ibseera.
Wandaboowwan ollaa Sheen keessatti oomishaman Paawundii 10, shuraabiin paawundii 6tti kan gurguraman yoo ta'u, gatiin gurgurtaa jiddugalaasaa paawundii 8.
Bu'aan argatu haalaan dabaleera. Bu'aansaas dhaabbilee bebbekamoo uffata oomishan kan akka HNM, Zara fi Primax caaleera.

Madda suuraa, Xiqing Wang/ BBC
Ollaan Sheen kan warshaalee 5,000 qabu yoo ta'u, galteewwan barbaachisoonis ollaadhuma sanatti argama.
Ollaa fi kutaaleen achi keessatti argamanis kan haftee uccuutiin guutamaniidha. Halka walleessa gahuus hojjattoonni maashina wayyaan ittiin hodhamurraa hin ka'an.
Dubartiin umuriin waggaa 49 fi hojjattuun warshichaa ''sa'aatii 10 hanga 12 hojjanna. Guyyaa Dilabataa irratti garuu sa'aatiin sadii nu kennama'' jetti.
Warshaaleen kunneenis ajaja uffataa fudhachuun hodhu. Yoo uffanni duraan hodhamanii jaalataman jiraatan ammoo, warshichi baayyiinaan oomisha. Hojiichii dandeettii hojjattoota dhaabbataatiin kan hin xumuramne yoo ta'e ammo hojjattoonni yeroo ni qaccaramu.
Kanneen magaaloota naannichaa irraa godaanuun warshicha keessa hojjatanis baayyeedha.
''Baayyee mindaa gadaanaatu kanfalama. Jireenyi qaaliidha. Maallaqa gahaa ijoollee koo lamaaf ergu argachuun barbaada'' jetti hojjattuun tokko.
Hojjattuun tun akka jettuutti, kan kanfalamuf amma uccuu hodhaniitiin.
''Uffata haala salphaadhaan hin hodhamne yoo ta'e Yuwaanii lama kanfalama. Sa'aatii tokkoo keessatti kudhan hojjachuun danda'a'' jetti. Kanfaltiinsaa garii doolaara lamaa gadiidha.
Uffata meeqa baqaqsanii meeqa hodhuun akka danda'amu hojjattoonni ni tilmaamu. Sa'aatiinis meeqa akka kanfalamufis ni beeku.
Naannawa Poonuuyu jedhamuutti gabaan ni baayyata. Hojjattoonni killee, indaaqqoo fi aannan bitatu.
Ganama sa'aatii 2 kaasee hanga halkan sa'aatii shaniitti akka hojjatan BBC mirkanneeffateera.

Madda suuraa, Xiqing Wang/ BBC
Siiwizarlaandiitti dhaabbanni mirga namoomaaf falmu, hojjattoota dhaabbatichaa 13 dubbiisuudhaan gabaasa baaseen, tilmaamni kaa'ees kanumaan kan wal fakkaatuudha.
Ollaa Sheen keessatti hojjattoonni sa'aatii hojii dabalataa hojjatan baayyeedha.
Mindaan kanfaltii sa'aatii dabalataa malee kanfalamu Yuwaan 2,400 (doolaara 327) irraa kan jalqabu yoo ta'u, Eshiyaatti kanfaltiin gadaanaan kaa'ame irra Yuwaanii 6,512n gadaanaadha.
Hojjattoonni BBC'n dubbise ji'aan Yuwaanii 4,000 hanga 10,000 argatu. Dhaabbanni Siwiizarlaand mirga namoomaaf falmutti oggeessa kan ta'an, Deeviid Haachfiild, ''saamicha humnaa baayyee olaanaa ta'un baramuu qabaata'' jedhan.
Seerri hojjattoota Chaayinaa torbaniitti sa'aatii 44 caala hojjachuu hin hayyamu. Hojjattoonni yoo xinnaate torbaniitti guyyaa boqannaa tokko akka qabaatan ni taasisfama.

Madda suuraa, Xiqing Wang/ BBC
Mindeessaan yeroo boqonnaa kana dabaluun yoo barbaachisee haala addaatiin keessumeeffama.
Teessoo mummeen warshaa Sheen Singaapoor ta'ulleen, oomishi irra caalaan kan oomishamu Chaayinaatti.
Dhaabbilee Chaayinaa yeroo hunda ija shakkiitiin kan ilaaltu Ameerikaan dhimmicha itti dhiheenyaan hordofaa jirti.
Doonaald Tiraamp Ministira Dhimma Alaa taasisuun kan muudan Maarkoo Ruubiiyoon waa'ee Sheen ''gaaffii naamuusaa olaanaan qaba'' jedhaniiru.
''Namoonni garbummaadhaan qabamanii saamichi humnaa irratti raawwatamaa jira. Icciitiin Sheen duuba jiru kanadha'' jedhan itti dabaluun.
Dhaabbileen mirga namoomaaf falman akka jedhaniitti, Sheen keessatti hojjattoonni sa'aatii dheeraaf hojjachuunsaanii sarbama mirgaati.
Hojjattoonni laaqanaa fi irbaataaf qofa kan boqonnaa xiqqoo argatan. Bakki taa'umsaa sababii hin jirreefu daandiirratti nyaatu.
''Waggaa 40 oliif warshaa kana keessa hojjadheera'' jetti dubartiin daqiiqaa 20 keessatti laaqana nyaachuuf sardamaa jirtu tokko.
Ibsaan warshaalee keessa jiru guddaadha. Akeekkachiisa keessa isaatti maxxanfameen, hojjattoota umuriin xiqqaa ta'e irratti eeruun akka kennamu gaafata.

Madda suuraa, Xiqing Wang/ BBC
Bara darbe hojjattoonni umuriinsaanii hin geenye lama argamuu hordoofeeti beeksiifni kun kan maxxanfame.
Yunivarsitii Ameerikaa Deelaaweetti oggeessi qorataa faashinii, Shangi Luu, ''maqaasaanii eeggachuuf yaalaa jiru'' jedha.
''Sheen milkaa'aa yoo ta'e gabaasaa bal'ifachuu ni danda'a. Invastaroonni amanuufi itti gaafatamummaa fudhachuu danda'u'' jedha.
Warshichi Landaniitti gabaa istookii keessatti hirmaachuuf eeggataa jiraachuu BBCn hubateera.
Bulchiinsa Chaayinaa Shiinshiig irraa jirbii fichiisuuf himannaan jedhus warshicha irratti dhiyaateera. Chaayinaan haaltulleen, bulchiinsi kun bakka Musliimonni Ughur dirqamaan hojiidhaaf itti geeffaman akka ta'e ibsameera.
''Odeeffannoon warshaa keessa jiru bal'inaan ifa ta'uu qabaata. Sarara geejjibaa dabalatee odeeffannoon hundi ifa yoo hin taane, Sheeniif rakkoo ta'a'' jedhu oggeessi qorannoo faashinii Shang Luu.

Madda suuraa, Xiqing Wang/ BBC
Dhaabbilee dorgomtoota warshichaa ta'an Veetinaam fi Baangilaadishiitti argamu. Chaayinaarraa galtee bituudhaan uffata oomishu.
Uffanni Chaayinaa keessatti oomishaman hundi garuu kan oomishaman galtee Chaayinaatiin. Uffata gosa garaa garaa ariitiidhaan argachuun ni danda'ama.
Warshaaleen akka Sheen fakkaatan kan fayyadaman mala akkasiiti.
Namoonni bitan yeroo karaa intarneetiin yoo uffata bitan, ykn uffata ta'e ilaallaa yeroo dheeraa yoo dabarsan, odeeffannichi gara warshichaatti akka darbuuf sirni dirirfameera.
Warshichis gosa uffata kamii baayyinaan ajaajuu fi oomishuu akka qabaatu kan hubatu karaa kanaatiin.
Abbaan qabeenyaa warshaa tokko ''oomishaaleen ollaa Sheen keessa jiran gaariin ajajaman jiraachusaaniti. Bu'aan argamu garuu murtaa'aadha'' jedhu.
Uffata warshichi qabatee gabaatti bahu gatii warshaalee kaanitiin gadiitti gurguruun dorgomaa ta'uuf sababii yaaluuf kanfaltiin hojjattootaaf kanfalamu ni xiqqaata.
Itti gaafatamaan warshaa sadii ''Sheen ollaa osoo hin taane duraan dhuunfaa keenyaan uccuu oomishinee gurguraa turre. Gatiisaas murteessuu daneenya turre. Baasii hir'isuudhaaf haala barbaadna'' jedhan.
Warshichi guyyaatti jidduugalaan oomisha miiliyoona tokko ni erga.

Madda suuraa, Xiqing Wang/ BBC
Dhaabbanni Shiippimeetiriiksi jedhamu akka jedheetti, Sheen uffata faashiniitiin beekamaa ta'eera.
Sheeniif oomisha kan dhiyeessuu Guuwoo Kuuwiing M kanaan walii hin galu.
''Hangam akka guddate argu danda'eera. Chaayinaatti dhaabbata gaariidha jedhamuudha. Dafee sababii kanfaluuf cimaa akka adeemuu nan amana'' jedhu.
Warshiichi maallaqni akka kanfaluuf irraa eegamu miiliyoonaan kan lakka'aamu ta'ulleen, osoo hin turre akka kanfalu dubbatama.
Hojjattoonni kanfaltiin gadaanaan kanfaluuf balaaleeffatan, hedduu ta'an illeen, kanneen warshichatti gammadan hin dhabamne.
Hojjattuu tokko, ''Chaayinoottii gumaacha addunyaaf gumaachu dandenyuudha. Kan hojjannuu sa'aatii dheeraadha. Garuu akka maatiiti, waliigalla'' jettee jirti.
Hojjattoonni hundi erga gara manasaanii deemanii booda hafanii kan hojjatan maallaqa dabalataa hojjachuuf kan yaalan ta'u abbaan warshaa tokkoo dubbataniiru.
Hanga ammaattis Landaniitti haa ta'u Chiikaagoo, Singaapoor ykn Dubaayiitti, biyyoota hundattuu kanneen bitatan maallaqa gadaanaadhaan uffata argachuu yaaluu itti fufu.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












