Hidhattoonni TPLFn falman humnoota Tigiraay irratti haleellaa raawwachuun dhagahame

Hidhattoota ''Humna Nagaa Tigiraay'' jechuun of waamanii fi teessoo isaanii naannoo Affaar keessa godhatan.

Madda suuraa, SM

Biiroon Dhimma Nageenyaa Tigraay hidhattoonni TPLFn falamiifi hidhattoota Lafa Bilisaa jedhaman, humnoota TPLF irratti haleellaa raawwachuusaanii beeksiise.

Waajirichi ibsa Kamisa kaleessaa baaseen, haleellaa bakka Milaazat jedhamutti humnoota Tigiraay irratti banameen namni tokko ajjeeffameera jedhe.

Walitti bu'insa gaafa Roobii ALI'tti Adoolessa 23 bara 2017 mudateen miseensi humnoota TPLF ajjeefame Andaay Kindiyaa nama jedhamu akka tahe himeera.

Naannoo daangaa Tigiraayii fi Affaar keessa akka socho'an kan himamu hidhattoonni Lafa Bilisaa jechuun of waaman kanneen humnoota TPLF irraa foxxoquun bahanidha.

Hidhattoonni kunneen garee TPLF Dr dabretsiyoon G/Mikaa'eliin durfamuu fi ajajoota waraanaa TPLF aangoo irraa buusuuf jecha gara naannoo Affaar galuun hidhachuun socho'aa jiru.

Humnoonni kunneen dhiyeenya ''Humna Nagaa Tigiraay' jechuun of waamaa jiru. Gareen kun karaa Kibba Baha Tigiraay humnoota nageenyaa naannoo Tigiraay wlaiin wlaitti bu'aniiru.

Ibsi kaleessa bahe maqaa 'Lafa Bilisaa' jedhuun uummata dogogorsaa kan jiran ''deeggarsa maallaqaa qaama alaa irraa argatu'' jedhe.

''Gareen kun Paartii Simiret jedhamuun kan gaggeeffamuu fi dhalattoota Tigiraay walitti buusuuf hojjetamudha'' jedhe.

Paartiin Simret jedhamu pirezidaantii yeroofii naannoo Tigiraay kan turanii fi amma dhimmoota Baha Afrikaa irratti gorsaa MM Abiy kan tahan Obbo Geetaachoo Raddaan durfama.

Kana irraa ka'uun Obbo Geetaachoo Raddaa fuula Feesbuukii isaanii irratti Biiroon kun ''jiraachuu Tigiraay balaa irra kan buusudha'' jedhanii maallaqa balleessuun biiricha himataniiru.

Obbo Geetaachoon himata biiroon Nageenyaa Tigiraay garee hidhate kana kan gaggeessu Paartii Simiretidha jedhaniif deebii yoo kennan ''Simiret maallaqaa fi humna hidhate hin qabu'' jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Biiroon Nageenyaafi Tasgabbii Tigraay ibsa baaseen, ajjeechaa sukkaneessaa torban darbe keessaa Allaamaaxaatti maatii tokko irratti raawwatameen humnoonni nageenyaa motummaa federaalaa itti gaafatamo ta'u himeera.

Biiriichi naannichatti humnootiin nageenyaa garaa garaa jiraatan illeen Magaalli Alaamaaxaa Komaad Poostii waan jirtuufi ''raayyaan ittisa federaalaafi poolisiin federaalaa naannicha bulchuuf itti gaafatamummaa'' akka fudhatan ibseera.

Magaala Allaamaaxaatti ALI Adooleessa 12, 2017 abbaa qabeenyaa Salamoon Ayaaleew jedhaman irratti haleellaa raawwatameen lubbuun ijoolleesaa lama yoo darbu miseensoota maatii kaan irra ammoo miidhaan qaamaa cimaan qaqqabeera.

Kantiibaan Magaalaa Allaamaaxaa Obbo Zinaabuu Dastaa taatee kana ilaalchiisee BBCtti akka himaniitti, taateen kun kan jalqabaa akka hin taanee kaasuun, namoonni hidhatan magaalichatti irra dedebiin namoota ukkaamsaa fi ajjeechaa raawwataa jiru jedhan.

Guyyaa sanattis hidhattoonni dallaa mana jireenyaa Obbo Salamoon Ayaalewu halkan keessaa sa'aatii 7tti cabsanii seenuudhaan ''rasaasaafi boombiidhaan haellaa tasaa raawwataniiru'' jechuun kantiibiichi dubbataniiru.

Haata'u malee, humnootin nageenyaa magaalichaa waan humna isaanitiin ol ta'eef daqiiqaa 30 kan ta'uuf walitti dhukaasaa turuu dubbataniiru.

Biiroon Nageenyaafi Tasgabbii naannichaa ibsa toora Facebook isaa irratta baaseen, Godinaalee Kibba Tigraayii fi Bahaatti jeequumsaa fi mormiin ummataa ka'u kaasuudhaan qorataa jiraachu beeksiiseera.

Pirezidantiin Bulchiinsa Yeroo Tigraay Leetanaal Janraal Taadasa Warad torban dabe keessa erga naannichatti jijjiramni hoggantaa taasifamu labsaniin booda, eddoowwan naannichaa garaagaraa keessatti mormiin ummataa taasifameera.

Mormiin kun gara eddoowwan biraattis babalataa kan jiru yoo ta'u, hiriirtoonnis jijjirama bulchiinsaa hidhannoon gaggeeffame balaaleeffachuun, dhaadannoo ''TPLF'f hin bitamnu''jedhu dhageessisaniiru.