Muddamni Kibba Tigraay keessaa naannichaaf hangam yaaddeessaadha?

Madda suuraa, SM
Bulchiinsi Yeroo Naannoo Tigraay jalqaba torban kanaarra ture Godina Kibba Tigraay keessatti jijjirama hoggansaa taasisuu kan labse.
Pirezidantiin bulchiinsichaa Leetanaant Janaraal Taaddasa Warradaa Adooleessa 22, 2025 akka jedhaniitti, jijjiramni hoggansaa 'Tigraay keessatti balaa biraa maqsuuf' jecha haala nagaa ta'ee gaggeefameera.
Dhimma kana ilaalchisuunis BBC jiraattootaafi maangoddootatti dubbateera.
'Akka diinaatti humnaan weeraramne'
Gaafa Wiixataa halkan naannoo sa'aatii 9:30 irraa kaasee poolsiifi waraanni walitti dhukaasa banan.
Jiraattoonni BBCtti akka himaniitti bulchiinsi duraanii, dhaabbilee fi milishoonni naannichaa wayita humni magaalicha to'atuutti magaalaa keessaa gadi dhiisuudhaan gara gammoojjiitti qajeelan jechuun BBC Tigriffatti himan
Biirooleen mootummaa magaalicha keessaa cufamuun tajaajila kennuu dhaabaniitu jedha jiraataan tokko.
Akka jiraattoonni Maachoo jedhaniitti, taatee kana hordofee jiraattoonni Mekonii fi eddoowwan biraa keesstti ummanni yaaddoo cimaa keessa galaniiru.
Bulchiinsicha aangoorraa kaafamusaanii ummata naannichaa aarii keessa galcheera.
Kibxata waaree booda maanguddoonni magaalaa Mayicoo gara hoggantoota Humnoota Tigraay dhaquudhaan aariisaanii ibsatan.
Almaaz Barihe kan umuriin waggaa 60 fi jiraattuun magaalaa Mayicoo maanguddoota guyyaa Kibxataa hoggantoota humnoota Tigraatti dubbatan keessatti argamu.
''Akka shiftaatti sa'aatii 5:00 lolaa fi ummata ajjeessuuf dhufuun maaliif barbaachise? Loltoonni chaappaa fudhachuu, karra cabsanii seenuudhaan biiroolee hunda to'atanii, kaan cunfan'' jechuun haala ture dubbatan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yeroo humnootiin Tigraay biirolee zoonii kibbaa to'ataniitti, miseensoonni bulchiinsa godinichaa duraanii Haaftuu Kiroosiin durfaman dhaabbileefi milishoonni naannichaa akka magaalicha keessaa bahan taasisan jedhan maanguddoon kun.
Aaddee Almaaz akka jedhaniitti ''jaarsoliin biyyaa naannichaa akka walitti dhukaafamuun namootarra miidhaan hin geenyeefi rakkoon biraa hin umamne hoggantoota Raayaatti himan. Akkuma kana dura tibba waraanaa raawwataniitti ammas magaalaa keessaa bahuun garreenitti baqataniiru'' jedhan.
Jiraattoon BBCn dubbise akka jedhaniitti, ummanni akka waan humnaan weerarameetti itti dhagahamaa jira.
Aweet Gabruu daldalaa magaalaa Maayicoo yoo ta'u, ''Ummanni Zoonii Kibba Tigraay eenyummaa saatiif aarsaa baasuudhaan ijollee isaa kumaatama osoo gabbaraa jiruu maaliif akka diinaatti halkaniin dhufanii haala akkasiitiin ummata marsan? Ummanni naannichaa baayyee gaddeera.
''Abdii kutanneera. Nama keenya gannee baqachuun batasakana keessa jirra. Amma kadhannaa taasisaa jirra. Ummanni Egizoo' jedhee kadhataa jira bataskaan keessaa.
Maanguddoonni taatee mudateetti gaddan guyyaa Kibxataa ajajoota humnoota Tigraay dubbisuun gadda saanii ibsachuuf Maayicoo dhaqanii ture.
Haajii Mohaammad maanguddoota 180 pirezdantii bulchiinsa yeroo Tigraayiitti dubbachuuf Maqaleetti ergaman keessaa tokko.
Maanguddoon kun BBCtti akka himaniitti, Pirezidanti Taaddasaa Warraddaan ummataafi hoggansa duraanii amma aangoorraa kaafaman waliin akka mari'atan itti himaniiru.
''Mariiin gaarii ture. Gara naannichaa (Makonii fi Maayicoo) dhaquun isin waliin mari'adha jedheera.
"Wanti ijoon nuti barbaadnu nagaa qofaadha. Gochaan waraanni bulchiinsicha keessatti raawwate sirrii miti'' jedhan.
Bakka bu'aan walgahicha kana irratti hirmaatan kan biraa, Aaddee Fotiyeen Marrassaa magaalaa Mekoonii irraa dhufan.
''Kaayyoon keenya ijoon waraanni akka hin eegalleef dhorkuudha. Ijoolleen keenya dhumaniiiru, nutis maatii wareegamtootaati,'' jedhan.
Bakka bu'oonni hawaasaa fi jiraattoonni BBC dubbise lamaanuu, bulchiinsi humna waraanaatiin halkaniin jijjiramuutti aaruusaanii himuudhaan, kunis sirreefamu qabaata jedhaniiru.

Madda suuraa, Dimtsi Weyane
Ummanni naannichaa maal barbaadaa jira?
Namoota jijjirama hoggansaa kanneen qindeessan akka ta'an maqaansaanii kaafame afur keessaa lamaan isaanii; Asmalaash Raddaa fi Kaalaay Giday, dhimmicha keessa harka akka hin qabne dubbatan.
Gaafa Roobii Adooleessa 23, 2025, Janaraal Taaddassaan karaa xalayaatiin akka labsaniitti Haaftuu Kiiroos ittaanaa Itti gaafatamaa biiroo dhimmoota hawaasummaa naannichaa gochuun muudan.
''Garuu maal jechuusaaniti? Bulchiinsi jiru rakkoo qaba jennee hin himanne. Yoo filataman ni hojjatu.
"Ummata humnaan dorsiisuudhaa wanti jijjiramu hin jiraatu. TPLF yeroo Itoophiyaa bulchaa tureetti humnaan gara manaatti deebiifaman. Ammas yoo humna fayyadaman, humni isaan balleessuu danda'a'' jedhan.

Madda suuraa, SM
'TPLF irratti aarii yeroo dheeraa'
Ajajaan Humnoota Tigraay Jeneraal Taaddasaa Woredaan itti aanaa pirezidaantii bulchiinsa yeroo yeroo Obbo Geetaachoo Reedaatiin durfamu ta'uun gara waggaa lamaaf tajaajilaniiru.
Geetaachoon ta'e jedhameen bulchiinsi isaa akka Tigraay keessa miilaan akka hin dhaabbannee dhorkamaa akka ture ifatti beeksisanii turan. Burjaajiin hoggansa TPLF keessa jirus cimeera.
Obbo Geetachoo Raddaa, dameen TPLF kan Dr Dabratsiyoonii durfamu fi kan bulchiinsi Geetachoo irra deddeebiin gantummaa himachaa ture.
TPLF humna waraanaatiin gargaaramuun magaalaa guddoo naannichaa Maqalee dabalatee kutaalee Tigraay hedduu keessatti waajjiraalee to'achuun hoggansa mataa isaa hundeesse jechuun himate.
Obbo Geechaachoonis dhumarratti Bitootessa 2 aangoo gadi dhiisuun gara Finfinneetti baqatan.
Obbo Geetachoo Raddaan Raayaa irraa waan ta'eef humnaan aangoorraa kaafame jechuunis miira miidiyaa hawaasaa irratti ibsaniiru.
Tarkaanfiin amma fudhatame kunis ummanni Godina Kibba Tigraay aarii yeroo dheeraa gara waggoota 30'f TPLF irratti qabu akka ibsu taasiseera jechuun jiraattonni BBC'tti himan.
Kana hordofuunis Tigraay Kibbaa bakka tokkicha hoggansi duraanii itti hin diigamne keessatti irra deddeebiin mormiin ummataa geggeeffamaa tureera.
''Ummata biroo kamiinuu waliin rakkoo hin qabnu. Waggaa soddomaaf ijoollee keenya aarsaa gochuun dandeenyeerra. Amma garuu Geetaachoon sababii Raayyaa irraa ta'ef TPLF Maqaleedhaa arii'ate'' jedhan.
Jiraattonni Godiina Tigraay Kibbaa akka jedhanitti, bulchiinsi Haaftuu Kiroosiin hoogganamu waan zoonicha keessatti dhalatee kan guddate ta'ef, fedhii ummataa hubatee rakkina isaanii kan hiiku ta'uu kan danda'udha.
Pirezidaanti Taaddasaan muudama kennuudhaaf aangoo akka qaban beekanis, "gochaan isaanii garuu ummata biratti miira weeraraa uumeera," jedhan.
Naannoon kun yeroo hunda dhimmoota bulchiinsa gaarii fi ofiin of bulchuu waliin walqabatan gaaffii kaasaa tureera.

Madda suuraa, SM
Haalichi garamiitti deemuu mala?
Jeneraal Taaddasaan jijjiiramni kun sadarkaa zoonii qofatti kan raawwatamudha jedhanis, godina Alamaataa fi Mekonii keessattis itti fufuusaa maddeen BBCtti himaniiru.
Caasaan Zoonii Kibbaa kan kilaastara afuriin bulfamaa ture jijjiirama kana hin fudhanne.
Itti gaafatamaan hariiroo hawaasaa bulchiinsa duraanii akka diigamee, Yemaana Nigusee BBCtti akka himanitti, mormiin kunis karaa nagaatiin deemaa jiru.
Hunda caalaa ammoo, daandiin dirqiiidhaan deemamu dhaabbatee gara marii karaa nagaa seenuuf yaalii taasifamaa akka jiru himaniiru.
''Amma aariin ummataa gara hin taaneetti akka hin geedaramneef haala sirrii fi qindaa'een qabamaa jira.
"Jaarsoliin jidduu galuudhaan hojjetaa jiru" kan jedhan Obbo Yemaanan, itti dabaluudhaan, deebii maanguddoonni naannichaa irraa kennamuufin haalli kun garamitti akka geessuuf murteessaadha jedhan.
''Gaaffiin dhumaa ergaa maanguddoonni fidaniidha. Dargaggoonni eegaa jiru, kanaaf ummanni mataansaa haalicha hoogganaa jira.
Akkasumas aanaaleen 14 gaaffiin kun karaa nagaatiin deebii yoo hin arganne ta'ef qophii mataa isaanii taasisaa akka jiran himan.
Akka Yemaneen jedhutti, dhimmi bulchiinsicha humnaan diiguu kun dhimma lammiilee Tigraay hundaati. "Yoo akkas ta'e gaaffiin keenya gara marsaa biraatti ce'uu danda'a."
Gaaffiin gara biraa jechuun maal jechuu akka ta'e gaafatamanii, "cimsee dubbachuun barbaada, humnaan hin bulfamnu. Tigiraay haala ummata kibbaafi ummata lixaaf fayyadduutti hin uumamne ta'e kun ummataaf balaadha" jedhan.

Madda suuraa, SHEWIT
Maaliif hangas barbaachisaa ta'e?
Ji'a sadii oliif aangoo irra kan turan Lt. Janaraaal Taaddasaan ibsa kennaniin, "waan mootummaan gochuu qabu hojjechaa jirra, haata'u malee kun [jeequuf] kan yaadame akka hin taane hubatamuu qaba," jedhanii ture.
"Jijjiiramni hoggansaa balaa itti fufee jiru hambisuufi rakkoo Tigraay furuuf barbaachisaadha" jedhanii ture.
Akkas jechuun isaanii kunis maal jechuu akka barbaade ifa miti, haata'u malee, mootummaan naannichaa, naannawi kun naannoo Affaar kan hidhattoota keessaa tokko keessa socho'anitti dhihoo ta'uunsaatti yaaddoo qabaachuu mala jedhamee amanama.
Geetachoo Raddaa dabalatee, hooggansi humnaan 'kaafame' kibba Tigraayitti buufata hundeessuuf fedhii guddaa akka qabu himamaa jira.












