Kibba Tigraayitti humnooti nagaa 'jijjirama bulchiinsaa' hojiirra oolchuuf hojjechaa jiru-Jan.Taaddasaa Warradaa

Pirezidantii bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Janaraal Taaddasa Warada

Madda suuraa, Tigrai TV

Pirezidantii bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Janaraal Taaddasa Warada Godina Kibba Tigraay keessatti jijjirama hooggansaa taasifamaa jiraachuu beeksiisan.

Pirezidantichi ibsa Kibxata har'aa Adooleessaa 22, 2025 waajjira saaniitti kennaniin, jijjiramni hoggansaa naannichatti taasifame nagaan kan raawwatame ta'ulleen ''kana hojiirra oolchuudhaaf humni nagaa ergameera'' jedhan.

Jijjirama hoggansaa kan qindeessaan Obbo Nigusee Abajja ta'usaanii kan himan Janaraal Taaddasaan, Iittigaafatamaan nageenya godinichaa Obbo Asimallaash Raddaa akkasumas Obbo Kaalaayuu Giday fi Aaddee Alam itti gaafatamummaa akka kennameef ibsichaan dabaluun dubbataniiru.

Haata'u malee, hoggantoota kanneen keessaa muraasni isaanii dhimmicha akka hin beeknee fi hirmaannaa omaatuu akka hin qabne toora miidiyaa hawaasaa isaanii irratti ibsaniiru.

Hoggantoonni godina Kibba Tigraay hoggansa duraanii akka deeggaranii fi jijjiramicha akka morman dbbataniiru.

Obbo Geetaachoo Raddaa aangoosaanii dabarsanii kennuu hordofee aanga'oonni godina Kibba Tigraay mormiisaanii ibsaa akka turan ni yaadatama.

Obbo Geetaachoo Raaddaa gamasaanitiin barreeffama toora Facebook isaanii irratti kaleessa barreessaniin, aanga'oonni TPLF fi Ertiraan waliin ta'un hojjataa jiraachuu tarreessuun bulchiinsichi godinaalee kibbaa fi kibba baha Tigraayi keessatti ''duula waraanaa gaggeessuun humnaan aangoo qabachuuf yaalii taasiseera'' jechuun himateera.

Obbo Geetaachoo Raddaa waqtii roobaa kanatti yaaliiwwna hundi gara nagaatti ta'u osoo qabaatuu, ''ummata keenyarratti waraanaa filataniiru'' jechuun bulchiinsa yeroo himateera.

Obbo Geetaachoon walitti dhufeenya Ertiraa fi hunootii Tigraay jidduu kanaan ''qindoomiina hin qulqulloofne'' jechuun kan waaman yoo ta'u, ''irra deebiin ummata keenyaarratti waraana labsuudha'' jechuun himataniiru.

Bulchaan Godina Kibba Tigraay Obbo Haaftuu Kiiroos kanaan dura BBC Tigriffaatti akka dubbataniitti, akkuma naannoolee Tigraay biraatti taasifameetti tarkaanfii humnaan chaappaa saamuu hin fudhannu jedhanii ture.

Tarkaanfiin amma bulchiinsa yeroo naannichaatiin fudhatamaa jiru kunis kan naannicha gara walitti bu'iinsaatti akka hin galchiineef yaaddoo uumeera.

Bitooteessa 11, 2025 Obbo Geetaachoo Raddaa yeroo Pirezidantii bulchiinsa yeroo Tigraay turaniitti, ajajoonni humna Tigraa olaanoon naannichatti eddoowwan garaa garaatti humnaan jijjirama hoggansaa taasisuun isaanii ni yaadatama.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Isaan boodas waggoota lamaaf pirezidaantii yeroofi bulchiinsa naannoo Tigiraay tahuun kan tajaajilaa turan Obbo Geetaachoo Raddaa kaasuun bakka isaanii Letenaal Janeraal Taaddasa Warrada muudaniiru.

Ji'oota sadiif naannoo Tigiraay bulchaa kan jiran Janeraal Taaddasa Warrada ibsa har'a ganama kennaniin, ''waan mootummaan gochuu qabu hojjechaa jirra, Haatahu malee, tarkaanfiin kun naannicha jeequuf kan yaadame akka hin taane hubatamuu qaba,'' jedhan.

Kana dura dursaan TPLF, Dr Dabratsiyoon G/Mikaa'el gara Kibba Tigiraay galuuf akka murteessan himaniiru.

''...Godina Kibbaa bakki rakkoo qabu jira.... bulchiinsi garicha [Geetaachoo fa'aa] cina goruun naannoo hin sirranneefi jijjiiramni kan itti hin dhufnedha,'' jedhaniiru.

Ji'a Caamsaa darbe Godina Kibba Tigiraay magaalota akka Maacew fi Allaamaaxaa fi maagaalota kaan keessatti jijjiirama bulchiinsa godhamee mormuun kumaatamaan hiriira mormii bahanii ture.

Hiriira mormii kana kan bahan garee Dr Dabretsiyoon G/Mikaa'eliin durfamu mormuun yoo tahu, humna qawween aangoo qabachuuf kans ocho'edha jechuun akka morman ibsaniiru.

Wal qoodinsa gaggeessitoota TPLF gidduutti mudate hanga humnoota Tigiraayitti galeen booda ajajoonni olaanoo humnichaa garee Dabratsiyoon cina dhaabbachuun isaanii ni beekama.

Akkasumas ajajoonnii fi hidhattoonni humnoota Tigiraay irraa adda of baasan naannoo kana [Kibba Tigiraay] keessatti sochii jalqabaniiru. Torban darbes humnoota kanneen waliin walitti bu'insi akka ture himameera.