Obbo Getaachoon 'tokkummaa TPLF, Ertiraafi murna humnoota Tigraay' maal jedhan?

Madda suuraa, AFP
Gartuuwwan mootummaa Ertiraa waliin dalagan jedhan Tigraay dirree waraanaatti jijjiiruu malee galma biraa hin qaban jechuun Obbo Getaachaw Raddaa dubbatan.
Gorsaa Ministira Muummee Abiy Ahimad kan ta'an Pirezidantiin duraanii Bulchiinsa Yeroo Tigraay, michuuwwan isaaniii duraanii akeekkachiisaniiru.
''Tokkummaan mootummaa Ertiraafi gartuun hooggansa TPLF keessa jiru akkasumas murni Humna Ittisaa Tigraay keessa jiru galma qabatamaa hin qaban,'' jedhan.
Galmi isaanii ''Tigraay dirree waraanaa gochuun abbaa irree Ertiraa bulchaa jiruuf boqonnaa sammuu kennuudha,'' jechuun X gubbaa katabani.
Dubbiin isaanii kuni yeroo Kaaba Itoophiyaatti walitti bu'iinsi ka'uu mala jedhamee sodaatamaa jirutti dhagahame.
Aangawoonni Itoophiyaa yeroo dheeraaf gartuun TPLF Dr Dabratsiyoon G/Mikaa'eliin durfamu Ertiraa waliin hariiroo tolfachuu himataa turan.
Dhaabi TPLF kana ni waakkata. Himannaan kuni yeroo hariiroon Finfinneefi Asmaraa laafaa adeeme dhagahame.
Wal himannaafi wal dura dhaabbannaan waraanatti ce'uu mala jechuun kanneen yaadda'an danuudha.
Hooggansa TPLF keessas qoqqoodinsi dhalatee Dura Taa'aa I/Aanaa dhaabichaa kan turan Obbo Getaachoon dhaaba siyaasaa biraa hundeessaniiru.
Obbo Getaachoon gartuun Dr Dabratsiyoon aangoof bololuu malee jijjiirama hin fedhu, Tigraay walitti bu'iinsatti harkisaa jira jechuun himatu.
Barreeffama miidiyaa hawaasummaa gubbaa qoodaniinis ''gartuun jijjiirama hin feene'' jedhan ''michuuwwan isaa Ertiraarraa'' qophaa'e raawwachuuf humnaafi yeroo isaa irratti xiyyeeffateera jedhu.
''Lixa Tigraay akka hin qabanne [Faannoo akka hin jeeqnef], egeree abbaa biyyummaa Tigraay irratti akka hin mari'atamne, waliigaltee Aljeers guututti fudhachuufi kan umriin isaanii gahe Ertiraatiin akka leenji'an,'' waliigalamu himan.
BBC'n dhimma kana waan adda baafate hin qabu.

Madda suuraa, Anadolu Agency
Obbo Getaachoon barreeffama isaanii keessatti ''Jaal'' Isaayyaas ''hogganoota Wayyaaneef'' aarsaa gochuuf fedha akka hin qabne dippilomaatotatti himaniiru jedhan.
Kunis, michuuwwan isaanii Tigraay keessa jiru jedhaniif ''bakka akka hin qabne'' agarsiisa jechuun himani.
''Dhugaa himuuf, aangoo isaanii itichuuf muuxannoo dheeraa kan qaban Isaayyaas filannoo sirrii taasisan. Fedhii isaanii sirriitti beeku,'' jedhan.
''Murnii jijjiirama hin feene'' jedhan kuni ''rakkoo ofii uuman keessa of xaxaniiru'' jechuun ammammoo kana keessaa bahuuf waan biraa yaadaa jiru jedhan.
Kunis, godinoota kibbaafi kibba bahaa Tigraay jiranitti ''oppireeshinii waraanaa banuun aangoo humnaan qabachuuf'' yaadaniiru jechuun himatani.
Keessumaa, erga hooggansa TPLF keessatti garaagarteen dhalate booda jiraattonni gama kibba Tigraay argaman Obbo Getaachoo deeggaruun mul'ataniiru.
Kanattimmoo gartuun Dr Dabratsiyooniin hoogganamu gammachuu dhabuu mul'isaa ture.












