Gama Tigraayiin fedhiinis ta'e qophiin waraanaa homaatu hin jiru - TPLF

Madda suuraa, Anadolu Agency
Yeroo ammaa ummanni Tigraayis ta'e TPLF fedhii waraanaa hin qabu jechuun Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) beeksise.
Dhaabi Naannoo Tigraay keessa buufate kuni ibsa qabxii afur baaseen dhihoo Ministirri Muummee Abiy Ahimad paarlaamaatti dhihaatanii dubbachuu isaanii bu'uura gochuun ibsa baasuu hime.
MM Itoophiyaa torban kana paarlaamaatti dhihaachuun dubbii taasisaniin ummanni Tigraay tasa waraana hin fedhu jechuun dubbatani.
Naannoo Tigraay keessatti lolli akka hin uumamne abbootii amantaa, embaasiiwwaniifi qaamoleen dhimmi isaan ilaallatu hundi ''ammuma hojii haa jalaban,'' jedhan.
''Naannicha keessatti lolli hin uumama yoo taheef isa kanaan duraa waan caaluuf dursanii dhaabsisuun barbaachisa,'' jedhaniiru.
''Naannoo Tigraayi keessatti qawween tokkollee akka dhuka'uu fedhii hin qabnu,'' jechuunis ejjennoo mootummaa himan.
Ummanni Tigraayi waraanaan bu'aan kamiyyuu akka hin argamne baruun lola hin fedhu, kuni fedhii mootummaas miti jedhaniiru.
TPLF ibsa bahe keessatti MM Abiy gama Tigraayiin 'tilmaama dogongoraan biyyoota biraa abdatanii fedhiin waraanatti deebi'u jira' jedhaniiru jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hojiirra oolmaan waliigaltee Piritooriyaa ''baay'ee harkifatuufi rakkinoonniifi qormaatni waliigalticha ifatti cabsan baay'atanis ammallee gama Tigraay qophiinis ta'e fedhiin waraanaa hin jiru,'' jedheera.
Gaaffiin keenya kanneen qe'eerraa buqqa'aan akkaataa waliigalteen akka qe'eetti deebi'anidha, kunimmoo fedhii waraanaa hin agarsiisu jedhe.
Pirezidantiin duraanii Bulchiinsa Yeroo Tigraay Obbo Getaachaw Raddaa kanneen buqqa'an qe'eetti akka hin deebine kan danqe gartuu TPLF Dr Dabratsiyooniin hoogganamu jechuun kana dura himatanii turan.
TPLF ''Fedhiin ummatas ta'e hooggansa Tigraayis rakkinoonni haaraafi kanneen bulan mootummaa federaalaa waliin mariin furamuu kan danda'anidha kan jedhudha,'' jedheera.
Waamicha MM Abiy taasisan deeggaruun qaamoleen waamicha taasifameef ''waan barbaachisu hunda akka godhan ni gaafanna'' jedheera ibsi bahe.
Ummanni, bulchiinsi Tigraay, TPLF akkasumas humnoonni Tigraay ''daandii nagaan ala fedhiis ta'e qophii waraanaa akka hin qabne'' qaamoleen hojiirra oolmaa waliigaltichaa hordofan, fi hawaasi idil-addunyaa fi kaan ''dhugaa lafa jiru'' akka taajjaban gaafateera.
'Mootummaan hidhattoota leenjisaa jira'
Waliigalteen Piriitooriyaa waraana Kaaba Itoophiyaatti xumura tolche ummata Tigraayiif boqonnaa fideera jechuun MM Abiy dubbataniiru.
Uummanni Tigraay guyyaa, guyyaan ijoolleesaa dhabuurraa ''hafeera'' jechuun kanaanis naannicha keessa tajaajilli telekoomii, baankii fi daandii qilleensaa guutummaa guutuutti hojii jalqabuu yaadachiisan.
Namoonni buqqa'an Raayyaatti dhibbaa, dhibbatti deebi'aniiru. Walqaayitiitti ammoo akka gara qe'eesaaniitti deebi'aniif hojjetamaa jiraachuu himan.
Hidhattoota duraanii ijaaruufi gara hawaasaa makuun ariitiin hojiirra ooluu qaba jechuunis himani.

Madda suuraa, SHEWIT
TPLF gama isaan waliigalteen Piritooriyaa dhumaatii hambisuufi bu'uraalee misoomaa kan eegalsiise akkasumas sochiin dinagdeefi hawaasummaa naannichaa akka eegalu gumaateera jedhe.
Haa ta'u malee, ''dhimoota bu'uuraa nageenya waaraa fiduurratti bu'aan buuse hin jiru'' jedheera TPLF.
Kanaafis, dhimmi heeraa, mirgi namoomaa, haqaafi naannicha deebisanii ijaaruu waliigaltee keessa eeramus mootummaan federaalaa ''itti gaafatama isaa bahaa hin jiru'' jechuun himate.
Kana dura mootummaan federaalaa dhimmoota kanneen irratti TPLF himataa ture.
''Ummanni Tigraay beenyaafi deebisanii ijaaruu malee doorsisni waraanaa hin maluuf,'' jedheera.
Gama kaaniin mootummaan federaalaa marii siyaasaa gaggeessuun rakkoowwan jiran furuurra ''Affaariifi gama Lixa Tigraay hidhattoota leenjisuufi deeggaruun,'' himateera.
Humnoota Tigraay keessaa bahanii waraana ofii ijaaraa kan jiran Birgaader Janaraal G/Igzaaber Bayyanaa (Waddi Anxiruu) ''waan haaraa uumuuf'' gara gammoojjii seenuu BBC'tti himanii turan.
Janaraalichi BBC Afaan Tigriffaa waliin turtii taasisaniin waan haaraa jedhan yeroo ibsan ''humna paartiirraa adda ta'e uumuuf,'' socho'aa akka jiran dubbatani.
TPLF kuffisuuf yaada akka qaban kan dubbatan janaraalichi ''Paartiis ta'e mootummaa waraanaa hundeessinu hin qabnu,'' jedhaniiru.
Naannolee Affaariifi Tigraay keessatti waraana kutaa waraanaa afur qabu hundeessuu isaaniis himan.
Mootummaa federaalaa waliin hariiroo qabuu?
Dhaabi TPLF hidhattooti kuni mootummaa federaalaan akka tumsa argatan himatus, janaraalli hidhattoota kana hoogganan garuu ni waakkatu.
Teessoon isaanii Affaar fi Tigraay ta'uu kan ibsan Jeneraal G/Igzaaber ''gara Affaar gadi buunee akka ijaaramnuuf sababi ijoon Affaar fi Tigraay maatii tokko waan ta'aniif,'' jedhan.
''Nu dhibee ture. Qaamoleen naannawa kana jirru haa gurmoofnu moo bakka tokkotti wal haa geenyu jennee wal gaafanne. Wal haa geenyu jedhan. Kun bar waan guddaa miti. Qarqara Tigraay jirra. Eeyyama gaafachuun nurra hin jiru.''
Adda waraanaa afur irraa loltoota qabaachuu kan ibsan Jeneraal G/Igzaaber ''humni keenya guddaan Tigraay keessatti argama,'' jedhan.
Hariiroo mootummaa federaalaa waliin qaban gaafatamanii ''akka as jirru ni beeku,'' jechuun deebisan. Deeggarsi argatan tokkollee akka hin jirre garuu cimsanii dubbatan.

Madda suuraa, AWRA
Bulchaan Bulchiinsa Yeroo Tigraay Jeneraal Taaddase Warrade wayita muudaman gaaffii isaanii dhiyeeffachuu fi raayyaa walaba ta'e ijaaruu baannaan ''isin nu deeggartanis nu deeggaruu baattanis qabsoo keenya itti fufna,'' jechuun hubachiisanii akka turan dubbatan.
Torban kana humnootii Tigraayiifi milishoota TPLF mormuun qabsoo hidhannoo eegalan ['Lafa Bilisaa'] jidduutti walitti bu'iinsi taasifameera.
Walitti bu'iinsi kuni Waajaraat kan Godina Kibba naannichaa keessatti uumamee akka ture BBC maddeen irraa mirkanneeffateera.
Walitti bu'insi kunis guyyaa Kibxataa waaree booda sa'aatii 10-11 jidduutti ture jedhameera.
Taatee kanaan jiraattonni rifachuufi maanguddoonni gareewwan kanneen jidduu galuudhaan walitti bu'iinsicha dhaabsiisuuf yaaluusaanii BBC maddeen irraa mirkanneeffateera.
Milishoonni TPLF mormuun qabsoo hidhannoo eegalan kunneenis ''Qabsa'oota Lafa Bilisaa'' jedhamuun of moggaasan.
Muddama Ertiraa waliin jiru
Baatiiwwan muraasa darban mootummaa Itoophiyaafi Ertiraa gidduu muddamaafi wal dura dhaabbannaatu jira.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad torban kana yeroo Paarlaamaatti dhihaatanitti, Ertiraa waliin lola seenuu akka hin feene dubbataniiru.
Dubbii isaanii dura Ertiraan mootummaan Itoophiyaa ''ajandaa waraanaasaatiif deeggarsa argachuuf duula dippilomaasii eegale cimseera,'' jechuun himattee turte.

Madda suuraa, Getty Images
Torban dura Ertiraan mootummaan Itoophiyaa ''guyyoota darban'' keessaa xalayaawwan Ertiraa himatan gara ''Baarreessaa Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii fi dureewwan biiyyotaatti ergeera'' jechuun balaaleeffatte.
MM Abiy torban kana paarlaamaatti dhihaachuun dhimma kanarratti deebii kennaniiru.
Abiy haasaa taasisan keessatti Itoophiyaan furmaata karaa nagaa akka barbaaddu cimsuun dubbatan.
''Nuti rasaasa tokkollee hin dhukaasnu, waraanas hin barbaannu,'' jedhaniiru. "Haata'u malee, haala birmadummaa keenya balaadhaaf saaxilu keessatti yoo of arganne garuu ofirraa ittisna."
Yeroo waraana kaaba Itoophiyaa biyyoonni lamaan wal bira dhaabbatanis, booda keessa hariiroon isaanii laaffataa adeeme.
Keessumaa Waliigalteen Piritooriyaa ala ta'un Ertiraafi fedhiin ulaa galaanaa MM Abiy hariiroo Ertiraa waliin ture laaffiseera.
Abiy furmaanni hawwii ulaa galaanaa Itoophiyaa kamuu mariidhaan raawatamu akka qabu cimsanii dubbataniiru.
Ministirri Mummee Abiy, ''fedhii ulaa galaanaa argachuu karaa marii nagaatiin raawwatamuu qaba jennee amanna," jechuun sochiin dippiloomaasii eegalame jiraachuusaa irratti garuu bal'inaan ibsa hin kennine.












