Naannoo Tigraay keessa lolli yoo ka'a ta'e kan duraanii ni caala - MM Abiy

MM Abiy Ahimad

Madda suuraa, Office of the Prime Minister-Ethiopia

Ministirri Mummee Abiy Ahimad raawwii karoora hojii mootummaa bara 2017 A.L.I Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataaf dhiyeessuun gaaffilee miseensota irraa isaaniif dhiyaateef deebii kennaniiru.

Yaa'ii idilee 42ffaa kana irratti dhimmoota diinagdeefi siyaasaa garagaraa kaasuun ibsa kennaniiru.

Abiy Kamisa har'aa paarlaamaa irratti taasisan kanaan, himannaa dhiheenya kana Eertiraa irraa biyyasaanii Itoophiyaan "waraana kaasuuf shira xaxaa jirti" jechuun himannaa dhiyeessiteef deebii kannaniiru.

Abiy haasaa taasisan keessatti Itoophiyaan furmaata karaa nagaa akka barbaaddu cimsuun dubbatan.

''Nuti rasaasa tokkollee hin dhukaasnu, waraanas hin barbaannu,'' jedhaniiru. "Haata'u malee, haala birmadummaa keenya balaadhaaf saaxilu keessatti yoo of arganne garuu ofirraa ittisna."

Hariiroon Itoophiyaa fi Eertiraa jidduu yeroo waraana kaaba Itoophiyaa, naannoo Tigiraay keessatti ture hordofee ture booda keessa laaffataa erga dhufee bubbuleera.

Muddamni kunis erga MM Abiy Galaana Diimaa argachuun Itoophiyaa biyya ulaa galaanaa hin qabneef dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuuti jechuun ifatti dubbataniin booda yoo ta'u, haasaan kunis waldhibdeen guutuu Gaanfa Afrikaatti deebi'ee akka hin kaaneef yaaddoo uumeera.

Akkasumas walitti mufannaan dabalataa waliigaltee ulaa galaanaa falmisiisaa Itoophiyaan Somaalilaandii waliin Amajjii 1, 2024 mallatteesiteen uumamee ture .

Somaaliyaan Somaalilaandii akka qaama biyyasheetti waan ilaaltuuf waliigaltee kana balaaleffattee turte.

Waliigaltee Somaalilaand waliin taasifame haqamuusaa ilaalchisee ibsi ofiiseelaa jiraachu baatus, adeemsi waliigaltee kanaa akka dhaabbate himama.

Abiy furmaanni hawwii ulaa galaanaa Itoophiyaa kamuu mariidhaan raawatamu akka qabu cimsanii dubbataniiru.

Ministirri Mummee Abiy, ''fedhii ulaa galaanaa argachuu karaa marii nagaatiin raawwatamuu qaba jennee amanna," jechuun garuu sochiin dippiloomaasii eegalame jiraachuusaa irratti bal'inaan ibsa hin kennine.

Waa'ee diinagdee irratti...

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

MM Abiy waggaa kana bara Itoophiyaan bayyanattu yaada jedhuun karoora hojii jalqabameen biyyattiin bu'aa baay'ee gonfatteetti jedhan.

''Barri kuni kan bu'aan gurguddaa itti galmaa'eefi injifannoo seenaa Itoophiyaa keessatti mul'atee hin beekne kan itti gonfannedha,'' jechuun miseensota mana maree bakka bu'ootauummataafi ummata Itoophiyaaf galata galchaniiru.

MM Abiy mootummaan isaanii fooyya'insa maakiroo ikoonoomii eegale ilaalchisee miseensota paarlaamaaf ibsa kennaniin fooyya'insi kuni bifa warraaqsaan otoo hin taane, ''inni ture otoo hin jigiin isa hir'ate irratti guutuun karoora jedhuun hojjetamaa jira,'' jedhan.

Fooyya'insi kuni dameewwan siyaasaa, diinagdeefi hawaasaa kan hammatedhas jedhaniiru.

Mootummaan isaanii biyyattiin gara fooyya'insa maakiroo ikoonomii akka galtuuf kan godhe caba dinagdee suphuuf tahuu himaniiru.

Cabni kuni hojii dhabdummaa, qaala'insa gatii akkasumas daldalli madaallisaa wal-caaluun ibsamuu danda'a jedhan.

Dhimmooti biroo fooyya'insi kuni akka taasifamuuf sababa tahan, daldalli dhuunfaa dammaquu dhabuu fi mijuu dhabuu, qonnaafi indaastiriin oomishtummaa gabaa irratti dorgomaa tahuu dhabuun eeraniiru.

Sirni daldalaa addunyaa jeeqamuun akka isa mudateef guddinni addunyaa gad bu'aa jiraachuu kan himan MM Itoophiyaa guddina waliigalaa 8.1 galmeessiteetti jedhaniiru.

Dhaabbanni maallaqaa IMF biyyoota Sahaaraan gadi jiran keessatti ''guddinni 4.8% galmaa'a jedhee tilmaamus, biyyooti kunneen guddina 3.8 kan galmeessan yoo tahu, Itoophiyaan biyyoota Sahaaraan gaditti guddina olaanaa galmeessite,'' jedhan.

Bara kanas mootummaan isaanii guddina 8.4% galmeessuuf hojjechaa akka jiru himan.

Kanaanis qonna, indaastirii, faayinaansiifi tajaajilaan guddinni guddaan akka galmaa'e hubachiisaniiru.

MM Abiy dhimmi milkaa'ina itti arganne jedhanii dubbatan biraan lammiileen Itoophiyaa miiliyoona 23 tahan deeggarsa seeftiineetiirraa bahaniiru jedhan.

Bara darbe lammiileen Itoophiyaa miiliyoona 27 tahan sagantaa seeftiineetiin qabamanii akka turan himanii hojii hojjetameen namni baay'ee maxxantummaarraa baheera jechuun ibsaniiru.

Kanneen hafan miiliyoonni afur ammoo gargaarsa irraa bahanii ''nyaataan of danda'aniiru'' jechuun ibsan.

MM Abiy dhimma albuudaafi boba'aa baasuu irrattis ibsa kennaniin biyyattiin Naannoo Somaaleetti Fulbaana irraa qabee yeroo jalqabaaf boba'aa oomishuun gabaaf dhiyeessiti jedhan.

Boba'aa baasudhaaf yeroo garagaraa kubbaaniyyaawwan eeyyama fudhatanii qarshii ittiin barbaadaa waan turaniif adeemsa kana geeddaruun kubbaaniyyaawwan haaraan gara hojii seenaniiru jedhan.

Warshaan boba'aa baasuu Diis naannoo Somaaleetti ijaarsi isaa dhumee ji'oota muraasaan booda gara oomishaa akka galu himuun ''hojjetee bultoota malee odeessee bultoota akka hin taane agarsiisuu keenya itti fufna,'' jedhaniiru.

Abiy Itoophiyaan daldala alaa irraa doolaara biiliyoona 5.1 funaanuuf karoorfattee doolaara biiliyoona 8.1 ol walitti qabameeraa jedhan.

Biyyattiin galii waliigalaa doolaara biiliyoona 32 argachuu himan.

Galii reemitaansii irraa doolaara biiliyoona torba, invastimantii kallattiin doolaara biiliyoona afur akkasumas damee tajaajilaa irraa doolaara biiliyoona 8.3 argachuu himaniiru.

Bara baranaa biyyattiin biyya keessaas tahe biyya alaatii birrii biiliyoona 900 kan galchite yoo tahu baasiin waliigalaa ammoo birrii tiriiliyoona 1.2 akka tahe himuun garaagarummaan birrii miiliyoona 300 mul'ateera jedhan.

Abiy namoonni gibira kaffaluuf galmaa'an kuma 46 kaffala akka hin jirree himuun eeyyama daldalaa warra fudhatan keessaa dhibbeentaa 37 qofatu kaffalaa jira jedhan.

Adeemsa kaffaltii gibiraa irratti fooyya'insa taasisuun gara dijitaalaatti waan geeddaramaa jiruuf bu'aa argamsiisaa jira jedhan.

Dhimma liqaa biyyattiirra jiru ilaachisee bara baranaa birrii biiliyoona 92 kaffaluu eeraniiru.

Dhimma qaala'insa gatii irratti mootummaan waggaa guutuu baankii biyyaalessaa irraa liqaa otoo hin fudhataniin goolabuu himuun qaala'insa to'achuu irratti jijjiirama olaanaa fideera jedhan.

Dabalataan dhiibbaa qaala'insi jireenyaa kuni lammiilee galii gadaanaa qaban irratti qaqqabsiisuuf mootummaan isaanii deeggarsa doolaara biiliyoona 350 gochuu himan.

Tahus, qaala'insi jireenyaa kuni ammallee abbaa dijiitii lamaa tahuu paarlaamaa kanarratti ibsameera.

Dhimma nageenyaafi tasgabbii

Rakkoo nageenyaa biyyattii keessa jiruuf sababiin guddaa ilaalcha siyaasaa dogoggoraati jedhaniiru. Isaan keessaa tokko siyaasa ''dhibaawummaan'' dhaledha jedhan.

Siyaasni dhibaawummaa biyya keenyatti waan tamsa'ee jiruuf walitti bu'insaaf wal faallessuun baayyatee jedhan.

''Biyya keenya qonnaan bulaa, horsiisee bulaa, dafqaan bulaa amma immoo odeessee bulaan dabalameera jedhan. Warri odeessee bulu yoo walitti naqan malee galii hin argatan.

''Namooti siyaasaa dhibaahaa tahan kunneen tajaajila otoo hin kenniin nyaachuu barbaaduu,'' jedhan.

Sababiin inni lammataa kanneen siyaasa ''humnaa gaggeessanidha'' jedhan.

Kilaashiidhaan fedhiin koo milkaa'a jedhanii kan amananiifi mootummaa filame humnaafi oduudhaan kuffisna jedhanii warri amanan, ''ajjeesuun mo'amuu malee mo'achuun akka hin jirre hin amanan,'' jedhan.

''Iddoowwan gariitti mana barumsaa hin deemiinaa, xaa'oo hin fudhatiinaa jechuun kan nama ajjeesan jiru taanaan kuni kaayyoo hamaadha, '' jedhan.

Sababiin biraa ammoo hiyyuummaadha jedhan. ''Hiyyummaa yoo hin hir'isne, yoo hojii hin uumne rakkoo nageenyaa furuun rakkisaadha jedhan. Sanyummaanis rakkoo biraadha,'' jedhan.

Haala Naannoo Tigraay

Dhimma Naannoo Tigraayi irrattis gaaffii isaaniif dhiyaateef deebii kennaniiru.

Waliigalteen Piriitooriyaa ummata Tigraayiif boqonnaa fideera jedhan. Uummanni Tigraay guyyaa, guyyaan ijoolleesaa dhabuurraa of ''hafeeraa.''

Naannoo Tigraayi keessa tajaajilli telekoomii, baankii fi daandii qilleensaa guutummaa guutuutti hojii jalqabeera jedhan.

Namoonni buqqa'an Raayyaatti dhibbaa, dhibbatti deebi'aniiru. Walqaayitiitti ammoo akka gara qe'eesaaniitti deebi'aniif hojjetamaa jiraachuu himan.

Hidhattoota duraanii ijaaruufi gara hawaasaa makuun ariitii hojiirra ooluu qaba jedhan.

Naannoo Tigraay keessatti lolli akka hin uumamne abbootii amantaa, embaasiiwwaniifi qaamoleen dhimmi isaan ilaallatu hundi ''ammuma hojii haa jalaban,'' jedhan.

''Naannicha keessatti lolli hin uumama yoo taheef isa kanaan duraa waan caaluuf dursanii dhaabsisuun barbaachisa,'' jedhaniiru.

''Naannoo Tigraayi keessatti qawween tokkollee akka dhuka'uu fedhii hin qabnu,'' jechuun himan.

Ummanni Tigraayi waraanaan bu'aan kamiyyuu akka hin argamne baruun lola hin fedhu, kuni fedhii mootummaas miti jedhaniiru.

Mootummaan ''Shaneefi Faannoo'' gidduuttii muddamee jira. Raayyaanis bittinnaa'ee waan jiruuf ''carraa kanatti fayyadamuudha'' warri jedhan seenaa beekuu dhabuurraani jedhaniiru.