'Isin bosonatti maallaqa hin erginaa, nuti ammoo kan karaa nagaan dhufu ni simanna'- MM Abiy

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad nageenya biyyattii booressuu keessatti dureeyyiin harka 60 caalaa qooddatu jedhan

Madda suuraa, Office of the Prime Minister-Ethiopia

Ibsa waa'ee suuraa, Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad nageenya biyyattii booressuu keessatti dureeyyiin harka 60 caalaa qooddatu jedhan

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad abbootiin qabeenyaa biyyattii nageenya booressuu keessatti dhibbeentaa 60 ol gumaachu jechuun komii irratti kaasan.

Marii hawaasa daldaltootaa (abbootii qabeenyaa) waliin magaalaa Finfineetti taasisaniin abbootiin qabeenyaa hidhattoota tumsuu akka dhaaban gaafatan MM Abiy.

Marii Waxabajjii 10, 2025 galgala keessa gaggeeffamerratti miseensonni abbootii qabeenyaa rakkoon nageenyaa akka hojiisaaniitti gufuu ta'e kaasaniiru.

''Rakkoon nageenyaa kisaaraa guddaadha,'' kan jedhan MM Abiy, mormitoonnis abbootiin qabeenyaas nageenya mirkaneessuun akka dirqama mootummaa qofa ta'eetti fudhachuun ''itti gaafatamummaa jalaa dheessuun sirrii miti,'' jedhan.

''As kan jirtan keessaa meeqan keessan akkas akka taatan himuuf ragaa of harkaa dhabus garuu nageenya Itoophiyaa kan booressan dhibbeentaa 60 kan ta'an dureeyyota ta'uu jala mureen isinitti hima.''

MM Abiy ''hidhattoota kan sooru abbaa qabeenya as jirudha,'' jechuun rakkoo nageenyaa biyyattiif dureeyyotatti quba qaban.

''Nyaachisaa, maallaqaan deeggaraa waa'ee nageenyaa na gaafachuun hin ta'u. Nagaa yoo barbaaddan maallaqa hin erginaa.''

MM Abiy kanaan duras, Bitootessa gara dhumaa, 2024 ''kaffaltoota gibiraa amanamoo'' waliin taasisaniin ''abbootiin qabeenyaa Itoophiyaa hidhattoota bakkeewwan biyyattii garagaraatti argaman maallaqaan deeggaraa jiru,'' jechuun himatanii turan.

''Gammoojjii keessatti qabsaa'aa kan jedhaman baay'een abbootii qabeenyaadha. Yoo achi ta'anii daldaluu danda'an gara nagaa maaliif dhufu? Yoo nagaan jiraate daldalli hin jiru jechuudha,'' jechuun dubbataniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dureen Itoophiyaa kun marii alanaa kanarratti abbootiin qabeenyaa sochii hidhattootaa deeggaruu dhiisanii gorsuun gara nagaatti akka fidan dhaamaniiru.

''Nuti kan feenu akkuma argitan badhaadhina. Badhaadhinaaf ammoo nagaan bu'uura. Yoo ciminaa fi kutannoo qabaatan yoo waliin hojjenne rakkoo tokko hin qbau. Nama hojii beeku, barachuuf qophii ta'e taanaan waliin hojjenna.''

Yeroo ammaa maqaa nageenya jedhu golgatee kan adeemaa jiru dantaa diinagdee ofii mirkaneeffachuudha kan jedhan MM Abiy, ''kontiraabaandii worqee, boba'aan akka hin geejjibsiifamne ugguruudha. Nama ugguranii maallaqaa gaafachuudha. Kan nageenyi gaafatamu. Hunduu daldala ta'eera,'' jedhan.

''Akkuma isin daldaltanii maallaqa argattan isaan ammoo [hidhattoonni] daldala malee, hojii malee maallaqa argatu. Gibira hin qaban, nama ugguranii maallaqa fidi jedhu. Daldala jechuudha.''

Qaamni nagaa barbaadu yoo jiraate mootummaansaanii waliin hojjechuuf qophii ta'uu kan ibsan MM Abiy, ''isin bosonatti maallaq hin erginaa, nuti ammoo kan karaa nagaan dhufu ni simanna,'' jedhan.

''Kan mari'atu yoo jiraate ni mari'anna. Kan adabamuu qabu yoo jiraates ni adabna. Seera kabachiisuu waan qabnuuf.''

''Osoo keellaan hin jiraannee guyyaatti fanjii fi boombii danuutu Finfinnee gala''

Gaaffilee miseensonni daldaltootaa MM Abiy waliin mari'atan irratti xiyyeeffachuun kaasan keessaa inni ijoon dhimma keellaa ture.

Keellaa heddummeessuun hojiisaaniirratti gufuu hamaa akka ta'etti kaasan.

MM Abiy wayita deebii kennan ''osoo keellaan tokkolee dhibee guyyaatti fanjii fi boombii hedduutu magaalaa Finfinnee gala,'' jechuun yaaddoo qaban ibsan.

''Mooyalee irraa hanga Finfinneetti meeshaalee fe'aman jalatti worqee, kilaashii, rasaasaa fi meeshaalee waraanaa kaantu kontirobaandiidhaan fe'amu. Konkolaataan saamsamee fe'amee Finfinnee dhufa,'' jedhan.

Utuu keellaan hin jiraanne garuu balaan kun hundi giddugala biyyaa seena jedhan.

''Yoo keellaan dhibe isiniif ni salphata, garuu jireenyna namaatu bada.''

MM Abiy akka jedhanitti rakkoon keellaan walqabatee jiru kan biraan nama keellaa sana eeguun walqabata.

''Rakkoon kun akka hin uumamneef jennee yoo keellaa hundeessinu ammoo namni akka eeguuf keenye maallaqa gaafata. Keellaa hin kaffalchiine, garuu sakatta'iinsa qofa hojjetu akkamiin akka uumnurratti waliin hojjenna,'' jedhan.

''Ministirri hannaan isin rakkisu yoo jiraate ragaa dhiheessaa, torban hin tursiisu''

Yeroo ammaa biyyattii keessatti bakki hanni hin jirre hin jiru kan jedhan MM Abiy hunduu karaa qaxxaamuraa waa buufachuu, fedhii dhuunfaa isaa bakkaan ga'achuuf tattaafata jedhan.

Haata'u malee ''hanni sadarkaa mootummaatti akka hin jirre isiniif mirkaneessuun barbaada,'' jedhan.

Bulchiinsi MM Abiy maallaqa biyyattiin liqiidhaan biyyoota alaarraa argattu dantaa hawaasa bal'aaf oolchaa hin jiru, pirojektiiwwan qananiif oolan irratti dhangalaasa jedhamuun qeeqama.

MM Abiy maallaqi liqaan argamu hafee maallaqa dhuunfaasaaniillee misooma biyyaaf akka oolchan himan.

''Jijjiiramni as daandii Awwaaree irratti mul'ate bar agarsiistuu guddaadha. Maallaqa dhuunfaa kootiinan hojjedhe. Maallaqa kitaaba kiyyarraa argamedha. Akkuma nama kamiiyyuu-akkuma keessan, hojjedheen maallaqa argadhe. Gibirri kaffalamu yoo jiraate akkuma keessan mootummaaf nan kaffala, kan hafe ammoo ijoollee kiyyaafin ol kaa'a.''

Hunduu miira kanaan uummata tajaajiluu yoo filate wanti hedduun jijjiiramuu danda'a jechuun hojiisaaniirraa namni akka baratu dhaaman.

MM Abiy namoonni isaanitti dhihoo jiran ykn isaan waliin hojjetan hedduun miira akkasii qabaachuu fi hanni yoo xiqqaate dhibbeentaa 50 ta'u abbootii qabeenyaatiin akka raawwatamu dubbatan.

''Dargaggoota ol adeemoo isintu hanna shaakalchiiisa. Hojiin keessan akka hin gufanneef maallaqaan deemtu waan ta'eef.''

Galii waliin qabatee Waajjira Galiiwwanii qofaan osoo hin taane koreen to'annoo waajjirasaaniin hoogganamu akka jiru kan himan MM Abiy, ''bilbilli jira, mee yoo dhuguma kutannoo qabaattan wayita maallaqa malaammaltummaa gaafatamtan bilbilaa himaa. Nama kurna tokko harkaa fi harkatti haa qabnuutii isa booda yoo namoonni sun hojii itti fufan ni argitu,'' jedhan.

''Ministirri isin rakkisu yoo jiraate mee namni tokko ragaa naag haa dhiheessu, torban tokko hin tursiisu. Garuu ragaa dhiheessaa. Bakka ragaan hin jirretti amantiin, gosaan, gandaan maqaa walballeessuuf hojiin hojjetamu ammoo murteedhaaf hin fayyadu.''