Kibba Tigraay keessatti mormii fi waldhibdeen uumame maali?

Hiriira godina Kibba Tigraay

Madda suuraa, HB

Pirezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Letenaal Jeneraal Taaddasee Warradee Godina Kibbaa naannichaa keessatti hooggansa duraan jiru kaasuun haaraa muuduu isaanii hordofuun, hiriirri ummataa hoggansi duraanii kaafamuufi adeemsa ittiin kaafame mormu itti fufee jira.

Mormiin ummataa magaalaa Mekhoni keessatti dhuma torban darbee fi kaleessa, Wiixata, Adoolessa 28/2025, magaalaa Ambaalaagee keessatti geggeeffameera.

Mormiin ummataa kun godina Kibba Bahaatti babal'atee Wiixata darbe aanaalee Wojirat Isra Adi Adii fi Adi Gudem keessatti dhohuusaatiin namootni baayyeen hidhamanii lubbuun namaas darbeera.

Mormitoonni magaalaa Mehoniitti daandii irratti bahan, jijjiirraa hoggansa meeshaa waraanaan deeggarama jedhan balaaleffachuun, dhaadannoowwan akka "TPLF'n hin hoogganamnu, qawween hin bullu" fi "cunqursaan haa dhaabbatu" jedhu dhageessisaa turan.

Pirezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay, Bulchiinsa godina Kibbaa amma jiru kaasuun muudamtoota haaraatiin bakka buusuuf murtee isaanii torban lama dura yoo beeksisan, yeroo sanatti kaayyoonsaa ''balaa gara fuula duraa irraa fagaachuuf'' akka ta'uu ibsanii turan.

Jijjiiramni hooggansaa godina Kibbaa Tigraay keessatti taasifamaa jiru sadarkaa godinaatti akka ta'e yeroo sanatti kan beeksisan Pireezidaantichi, bulchiinsi kun diigamee haaraan akka ijaarame, bulchiinsi amma jirus aangoo irraa akka bu'u beeksisaniiru.

Akkasumas namoonni dhuunfaa bakka hoggansa godinichaa turan bulchiinsa naannichaa keessatti iddoowwan itti gaafatamummaa biroo irratti akka ramadaman yeroo sanatt himanii turan.

Aanaa Wejrat Israa Adii keessatti mormii ummataa waliin wal qabatee qonnaan bulaan tokko ajjeefamuu fi gaazexeessitoonni miidiyaa lama to'annoo jala ooluun gabaafameera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Miidiyaaleen dhuunfaa Tigraay TBS Television fi TPM gaazexeessitoonni isaanii mormii kana gabaasuuf deeman to'annoo jala ooluu fi boodarra gad lakkifamuu himan.

Namoonni qawwee qaban viidiyoo kana akka hin waraabne ogeessa kaameeraa doorsisaniiru.

Miidiyaaleen ibsa waloo baasaniin, gaazexessitootni mormitoota gidduu seenuuf yeroo yaalanitti poolisiin dhukaasa banuun nama tokko ajjeesuu ibsaniiru.

Gulaalaa Olaanaan TPM Adhanom Sertse BBC Tigrinyaaf akka himanitti, "Gaazexeessitoonni keenya qabsoo dheeraa fi doorsisa du'aa booda nagaan argamaniiru. Erga Mekele ga'anii booda rifaatuufi shororkaan hubanne jal'ina ummata irratti raawwatamaa jiru ifatti agarsiisa."

Gaazexeessitoonni kunneen waltajjii ummataa bakka Adi Gudem Bekaar Tsaba jedhamutti karoorfame gabaasuuf gara magaalatti qajeelaa akka turan dubbataniiru.

Adhanom BBC'tti akka himanitti, yeroo Adii Gudem ga'an ''naannoo Hadmoo jedhamutti humna waraanaatiin qabamaniiru''.

Gaazexeessitoonni kunneen sa'aatii sadii booda yoo hiikamanis gara Mekeletti deebi'uu akka hin dandeenye itti himamee ture jedhan.

Walitti bu'iinsa hidhattootaa fi gaazexeessitoota booji'amanii turan, kanneen viidiyoo waraabuun hin hayyamamne gidduutti uumameen qonnaan bulaan tokko lubbuu isaa akka dhabe namoonni ijaan argan himaniiru. Sirni awwaalcha qonnaan bulaa kanaa kaleessa raawwatameera.

Bulchaan godina Kibbaa maal jedha?

Bulchiinsi godina Kibbaa kan Bulchiinsa Yeroo naannichaan gaafatamummaarraa kaafamee ture hooggansatti akka deebi'u Janaraal Taaddasee waliin waliigalteerra gahamuu bulchaan godinichaa Obbo Haftuu Kiroos BBC'tti himaniiru.

Waliigaltee Obbo Haftuun jedhan kana ilaalchisee garuu waajira Pireezidaantii Naannoo Tigraay irraa ammatti ibsi kenname hin jiru. Miidiyaaleen naannichaas dhimmicha irratti gabaasa hin dhiheessine.

"Wiixata, Adoolessa 28, 2025 ganama sa'aatii 2:00 hanga 8:00tti marii taasifneerra; gaaffiin guddaan kaabinee itti fufuu qaba moo hin qabu osoo hin taane; gaaffiin ummataa ni deebi'a moo hin deebi'u ture."

"Marii kanaan ummanni Kibba Tigraay haala of bulchuu isa dandeessisu diriirsuu danda'eera. Godinniifi bulchiinsi yeroo walii galtee akkasii irra gahuun injifannoo guddaadha," jedhan miseensi Koree Giddugaleessaa TPLF duraanii Obbo Haftuun.

Obbo Haftuun kaabinee isaanii fi hoggansa hafe waliin Wiixata torban darbee halkan yeroo poolisiin admaa battaanyi jedhamuufi fi waraanni magaalaa Maacew fi Meehoni keessatti bobbaafaman magaalota gadhiisanii akka bahan gabaafameera.

Muddama godincha keessatti uumame salphisuuf maanguddoonnii fi abbootiin amantaa aanaalee godina kibbaa Tigraay irraa gara Mekele imaluun preezdaantii Tigraay Jeneraal Taaddasee Werredee waliin marii taasisaniiru.

Marii isaanii hordofuun Jeneraal Taaddasaa Werede gara waajjira muummee godina Kibba Tigraay, Maaceew qajeeluun jaarsolii fi bakka bu'oota ummataa waliin marii taasisaniiru.

Obbo Haftuunis mmarii kana booda qaamoleen nageenyaa godinichatti bobbaafamanii turan bahuu eegaluu himaniiru.

''Raayyaan ittisa biyyaa godina Kibbaatti bobbaasuun seeraan ala waan ta'eef hin fudhanne," jedhan.

Obbo Haftuun gaaffii itti gaafatamummaan keessan eenyuufi? jedhamee BBC irraa dhiyaateef yoo deebisan:

"Hundi keenya qaama ummata Tigraayi. Sirna Tigraay hordofna. TPLF hordofnus hordofuu baannus bulchiinsa yeroof itti gaafatamummaa qabna. Tigraay kan TPLF qofa ta'uu hin qabdu" jedhan.