Taarifni haaraan Tiraamp al-ergii Itoophiyaa ni miidhaa?

Madda suuraa, Getty Images
Pirezedaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Roobii darbe meeshaalee biyyoota addunyaa adda addaa irraa gara Ameerikaa seenan irratti taarifa haaraa ifoomsaniiru.
Biyyoota omishaaleesheerra taarifni haaraan kaa'ame keessaa tokko ammoo Itoophiyaadha.
Tiraamp meeshaaleen Itoophiyaarraa gara Ameerikaa seenan irratti qaraxa haaraa parsatantaa 10 akka ta'u labsaniiru.
Kun ka'umsa xiqqaa biyyoota addunyaarratti bulchiinsi isaanii kaa'edha. Dhimma kanarratti ammatti gama Itoophiyaan deebiin kenname hin jiru.
Murteen kun garuu dinagdee Itoophiyaa hangam miidha?
Dr. Guutuu Teessoo hayyuu dinagdee yoo ta'an taarifni haaraan Tiraamp meeshaalee Itoophiyaarraa gara Ameerikaa seenan irratti labsan kuni dinagdee Itoophiyaa irratti dhiibbaa qabaatus kan nama yaaddessu miti jedhu.
"Miidhama qaba. Miidhamni inni qabu garuu muraasa. Sababni isaas Itoophiyaan omishaaleen Ameerikaatti ergitu wantoota akka qonnaan walqabatan, kan akka buunaa fi bu'aalee gogaa, waan akka galteewwan uffataa faa'idha," jedhu.
"Kaayyoon daballii Taarifa kanaa hammeentaa omisha Ameerikaatti ergamuu akka gadi bu'uufi kan biyya biraatii Ameerikaa seenu gatiin akka qaala'uuf.
''Gaafa qaala'u ammoo lammiileen oomishaalee Ameerikaa fayyadamuuf akka dirqaman kaayyeffateeti," jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Oomishaaleen Itoophiyaan gara Ameerikaatti ergitu galteewwan 'pirooses' hin taane waan ta'eef kana Ameerikaan hagas mara biyya keessatti oomishtee bakka buusuuf kan dhimmamtu waan hin taaneef daballii kanaan kan miidhamu fayyadamaa Amerikaa jirudha kan jedhus qabu.
"Itoophiyaan hagas mara oomishnishee gabaa Ameerikaa keessatti itti qaala'ee bakka dhabuudhaan rakkatti kan jedhu dhiibbaa hagasii hin qabaatu.
''Biyyoonni akka Awurooppaa, kaanaadaa fi raashiyaa oomisha kan Ameerikaatiin walfakkaatu oomishu."
"Oomishaaleen biyyoota kanarraa gara Ameerikaa seenu gatiin gaafa qaala'u Ameerikaan biyya keessatti warra oomishuun bakka buustee fayyadamti," jedhan.
Oomishaalee Itoophiyaan gabaa Ameerikaatiif ergitu keessaa tokko buna kan jedhan Dr. Guutuun, isarratti taarifni harka 10 yoo dabalamu kan duraarraa gatiin Ameerikaa keessatti ittiin gurguramu ni dabala garuu warra kaan waliin gaafa madaalamu ammas hamaa hin ta'u jedhu.
"Bunni Itoophiyaa silayyuu Ameerikaa kessatti kaan waliin yoo madaalamu hanga tokko rakasa. Kanarratti taarifni harka 10 yoo dabalamu gatiin hamma ta'e ni dabala.
''Warra buna dhiheessan akka Biraaziil irratti ammoo harka 25tu dabalame," jedhan.
Qotee bulaan Godina Jimmaa buna hanga konteenara lamaa waggaatti gabaa Ameerikaaf dhiyeessan tokko , kamisa bilbilaan wayita dubbifnu daballii taarifaa Itoophiyaarratti godhame quba hin qaban ture.
Amma dura gurgurtaa bunaa wayita kaampanii Ameerikaa buna irraa bitu waliin raawwatan, qaraxa tokko malee ''gatiidhuma ittiin gurgurretu akkaawuntiirra nuu gala ture'' jedhan.
''Dhibbeentaan 10 guddaadha. Qonnee waan dhiyeessinuuf baayyee nu miidha jedheen yaada'' jedhan.
''Hanga amma takkaa nurraa kutamee hin jiru. Callisneedhuma gurgurra. Qaraxaa hin gaafatan turan. Deeggarsa gochuuf jedhanii (qaraxa malee bitu). Amma dhibbeentaa 10 kaahan taanaan guddoo nu miidha.''

Madda suuraa, Getty Images
Dr. Guutuun daballiin miilana taasifame kun dhiibbaan oomishaalee gara Ameerikaa ergaman irratti fidu harka 10 hanga 25 kan hin caalle ta'a jedhaniis tilmaamu.
"Daballiin amma bulchiinsi Tiraamp taasise kun alergii Itoophiyaa guutumatti kisaaraa keessa kan galchu, yaaddoo guddaa kan uumu jedhee hin amanu.
''Gosaa fi hammeentaa alergii nuti gara Ameerikaa erginurraa yoo madaallu dhiibbaa ni qabaata. Garuu dhiibbaa xiqqaadha," jedhan.
Daballiin taarifaa amma taasifame kun yeroo Itoophiyaan carraa AGOA'tti fayyadamaa turte keessa osoo ta'ee garuu dhiibbaan isaa guddaa ta'a tures jedhan.
"Yeroo AGOA fayyadamaa turre meeshaaleen gara Ameerikaa ergaman hedduun warra oomishamanii xumuraman.
''Warra akka Kophee, uffataa faa'a. Yeroo sana osoo taarifni kun dhufee dhiibbaan inni fidu guddaa ta'a ture," jedhan.












