Hoggantoonni biyyoota addunyaa taarifa Tiraamp baase morman

MM Kaanaadaa Maark Kaarnii, kan Xaaliyaanii Joorjiyaa Meloonii )fi kan Awustiraaliyaa Antoonii Albaanees taarifa Tiraamp meeshaalee gara Ameerikaa galan irratti kaa’an irratti deebii kennaa turaniiru

Madda suuraa, Getty Images

Hoggantoonni biyyoota addunyaa taarifni Tiraamp 'dogongora' fi kan 'haqa hin qabne' jedhan

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp oomishaalee biyyota addunyaa irraa gara Ameerikaa galan iratti taarifa cimaa kaa'uu erga labsanii booda, hoggantoota biyyoota addunyaa qeeqa jabaa dhiyeessaa jiran keessa MM Xaaliyaan Giyoorjiiyaa Meeloni fi kan Awustiraaliyaa Antoonii Albaaneesii tokko.

Meloniin taarifni 20% Gamtaa Awurooppaa irra kaa'ame ''dogongora'' jechuun, Albanese ammoo gibirri meeshalee galtee meeshaalee Awustiraaliyaa irratti kaffalamu 10% ''sirrii miti'' jedhan.

Pirezidantichi Ebla 5 irraa eegalee meeshaaleen gara Ameerikaatti galfaman hunda irratti yoo xiqqate taarifa bu'uuraa 10 % kaa'era.

Gamtaa Awurooppaa fi Chaayinaa dabalatee biyyoota 60 tti siqanis Ebla 9 irraa eegalee taarifni ol'aanaa ta'e akka isaan eeggatu ibsameera.

Tarkaanfiin kun Ameerikaa deebisanii duroomsadhaa kan jedhan Tiraampi murtee isaanii irratti inumaa "baay'ee kan jabeessan " akka hin taane dubbataniiru.

Michuu Tiraamp kan taate Melooniin taarifni Gamtaa Awurooppaa irra kaa'amu ''qaama kamiif iyyuu hin mijatu'' jettee,Gamtaa Awurooppaa fi US eeruun.

Kanaafis ''waraana daldalaa ittisuuf'' Ameerikaa waliin waliigaltee uumuuf akka hojjettu dubbatte.

Gitni ishee Ispeen Peedroo Saancheez Ispeen dhaabbilee fi hojjettoota ishee akka eegdu fi ''addunyaan daldalaa banaa ta'eef kutannoo akka qabaattu'' akkasumas MM Ayerlaandi Taho'iseach Misheel Maartiin ammoo murteen Tiraamp ''baay'ee kan nama gaddisiisu'' fi ''eenyuyyyuu hin fayyadneedha'' jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gamtaa Awurooppaatiin alattis Chaayinaan biyyoota pirezidaantiin Ameerikaa ''baay'ee hamoo'' jechuun moggaasan keessaa tokko yoo taatu meeshaalee ishee irratti taarifni dhibbeentaa 54'n dabaleera.

Ministeerri Daldalaa biyyattii, Ameerikaan taarifa kana "hatattamaan akka haqxu" kan gaafate yoo ta'u, Chaayinaan "mirgaa fi dantaa mataa ishee eeguuf tarkaanfii faallaa murteessaa akka fudhattu" ibsan.

Ministeerichi dhaabbata oduu mootummaa Chaayinaa Xinhua irratti yaada akka kennanitti Ameerikan tapha hin taane eegalte jedhan.

Qondaaltonni dinagdee Israa'el kanneen labsiin kana dura taarifni Ameerikaa akka irraa haqa,mu taasisan amma taarifni dhibbeentaa 17 itti ba'uu isaan "guutumaan guututti akka rifatan" miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.

Qondaaltonni dinagdee Israa'el kan beeksisa kanaan dura taarifa galtee Ameerikaa irratti kaa'amu hunda kan haqte yoo ta'u, taarifa %17 isheetiin ''guutumaan guututti rifachuu'' keessa akka jiran miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan.

Qondaalli biyyattii tokko miidiyaa biyya keessaatti akka himanitti, ''murtoon taarifa US irraa galfamu guutummaatti haquuf murtaa'e tarkaanfii kana akka dhorku mirkanaa'aa ture,'' jedhan.

Itti aanaan prezidaantiin Kooriyaa Kibbaa Haan Daak-soo waraanni daldalaa addunyaa ''dhugaa ta'eera'' jechuun mootummaan isaanii erga biyyi Baha Eeshiyaa %25n rukutamtee booda ''rakkina daldalaa irra aanuuf'' mala biraa akka barbaaddatan dubbataniiru.

Jaappaan 24 % isheen kaffaltu ''baay'ee kan nama gaddisiisu'' ta'uu fi waliigaltee Dhaabbata Daldala Addunyaa fi Ameerikaa fi Jaappaan cabsuu akka dandeessu kan ibsite yoo ta'u, Taayilaandi ammoo taarifa 36% irratti akka mari'attu ibsiteetti.

Veetnaam fi Kaamboodiyaa dabalatee dinagdeen Eeshiyaa biroo tarkaanfii haaraa Tiraamp kanaan dhiibbaan guddaa irra gahe keessaa tokko.

Qondaaltonni Waayit Haawus akka jedhanitti taarifa kanaan biyyoota akka Chaayinaa oomisha Ameerikaa irratti taarifa olaanaa kaa'an, daldala Ameerikaa irratti gufuu "taarifa hin taane" kaa'an ykn karaa mootummaan galma dinagdee Ameerikaa akka miidhu itti dhaga'amuun socho'aniif deebii ta'uu ibsaniiru

Tiraamp

Madda suuraa, White House

Hoggantoonni biyyoota sadarkaa bu'uuraa %10 qabanis gocha Tiraamp kanaaf deebii kan kennan yoo ta'u,MM Awustiraaliyaa Antoonii Albanese, Ameerikanonni taarifa Doonaald Tiraamp "haqa hin qabne" jedhee waameef gatii guddaa akka kaffalan dubbataniiru.

Hoggantoonni biyyoota sadarkaa bu'uuraa %10 jala jiran irraas tarkaanfii Tiraamp fudhatan kanaaf deebii kennaniiru, lammiileen Awustiraaliyaa Albaaneesii Ameerikaanoonni dhumarratti gatii guddaa waan inni "taarifa hin malle" jedhee waamu kaffalu jedhan.

Mootummaan isaanii tarkaanfii haaloo bahuu hin fudhatu jechuun, dorgommii gatii olaanaa fi guddina gadi aanaa fidutti hin makamnu jedhan.

Maddi Daawuning Istiriit BBC'tti akka himanitti, UKn taarifa gadi aanaa ta'uun ishee mootummaan Ameerikaa waliin waliigaltee daldalaa raawwachuuf dhiheenya kana tattaaffii godheef akka ta'e himan.

Barreessaan daldalaa UK Jonathan Reynolds mootummaan ''waliigaltee dinagdee US waliin hariiroo daldalaa haqa qabeessaa fi madaalawaa ta'e amma jiru cimsu irratti mari'achuuf kutannoo guutuu qaba'' jedhan.

Biyyi Laatiin Ameerikaa kan taate Biraazil, taarifa Tiraamp dhibbeentaa 10 kaffalu mormuuf, Kibxata darbe Kongireesii keessatti labsii deeggarsa dinagdee raggaasifteetti.

Ministeerri Dhimma Alaa "karaa Dhaabbata Daldala Addunyaa dabalatee daldala biyyoota lamaanii keessatti karaa wal hin miinen tarkaanfiiwwan fudhataman hunda akka ilaalu" ibseera.

Tiraamp taarifa kana erga ifoomsanii booda, Ministirri Maallaqaa Ameerikaa Iskoott Beesant biyyoonni tarkaanfii ''haloo bahuu akka hin fudhannee '' fi xiiqii keessa galuu akka dhiisan akeekkachiisaniiru.

"Sababni isaas haalicha daran kan hammeessu ta'uu himan. Biyyootni hedduungaruu taariffiin Ameerikaa kun ''sirna daldala addunyaa bu'uuraan jijjiira'' jechuun fuuldura akka dhaabbatan beeksiaa jiru.