Tiraamp marsaa sadaffaaf pirezidantii US ta'uuf yaaduu akeekuun 'qosaa miti' jedhan

Madda suuraa, EPA
Doonaald Tiraamp pirezidantii Ameerikaa ta'uun marsaa sadaffaaf tajaajiluu barbaaduu isaanii ''qoosaa miti'' jedhan.
Heerri mootummaa Ameerikaa "namni kamiyyuu... yeroo lamaa ol hin filatamu" jedha, haata'u malee deeggartoonni Tiraamp tokko tokko karaan kana jalaa ittiin miliquu jiraachuu akka danda'u yaada dhiyeessan.
Tiraamp marsaa sadaffaa barbaadaa?
Tiraamp gaaffii fi deebii NBC waliin taasisaniin, Waayit Haawus keessatti marsaa sadaffaa barbaaduu akka danda'an gaafatamanii, ''maloonni ati gochuu dandeessu jiru'' jedhan.
"Ani qoosaa hin jiruu ... namoonni baay'een akkan hojjedhu barbaadu," jedhan itti dabalanii. "Garuu, bu'uuraan karaa dheeraa deemuu akka qabnu itti himeeraa, beektaa, bulchiinsa keessatti baay'ee ganaadha."
Tiraamp xumura aangoo marsaa lammaffaa isaatti umuriin isaa waggaa 82 kan ta'u yoo ta'u, ''hojii biyyattii keessatti isa cimaa ta'e'' keessatti tajaajiluu itti fufuu barbaaduu fi dhiisuu isaanii gaafatamaniiru.
"Eeyyee, hojjechuun nan danda'a" jedhee deebiseef.
Dhimma kanarratti yaadni inni kenne kun kan jalqabaa miti. Ji'a Amajjii keessa deeggartootaaf ''al tokko osoo hin taane, yeroo lama ykn sadii ykn yeroo afur tajaajiluun kabaja jireenya koo keessatti isa guddaa ta'adha'' jedheera. Haata'u malee, isaan booda ammoo sun "qoosaa miidiyaalee oduu sobaa" ta'uu dubbataniiru.
Heerri Ameerikaa maal jedha?
Duuchaadhumatti yoo ilaalle Heerri mootummaa Ameerikaa namni marsaa sadaffaa akka hin qabne waan dhorku fakkaata. Fooyya'iinsi 22ffaan akkas jedha:
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Namni kamiyyuu yeroo lamaa ol waajira pirezidantii ta'ee hin filatamu, akkasumas namni kamiyyuu aangoo pirezidantii qabate ykn pirezidantii ta'ee waggoota lamaa ol kan ture, yeroo namni biraa tokko pirezidantii ta'ee filame keessatti yeroo tokkoo ol waajjira pirezidantiif hin filatamu."
"Namni kamiyyuu yeroo lamaa ol waajjira pirezidantiitiif hin filatamu akkasumas namni kamiyyuu aangoo pirezidantii qabate ykn pirezidantii ta'ee waggoota lamaa ol kan ture, yeroo namni biraa tokko pirezidantii ta'ee filame keessatti yeroo tokkoo ol pirezidantuummaaf hin filatamu."
Heera mootummaa jijjiiruun harka sadii keessaa lama Seenetii fi Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa irraa, akkasumas mootummoota sadarkaa naannoo biyyattii harka nuusa keessaa harka sadii raggaasifamuu barbaachisa.
Paartiin Rippabilikaan Tiraamp gola Kongireesii lamaan to'ata malee sagalee caalmaa barbaachisu hin qabu. Dabalataanis, Paartiin Dimookiraatawaa seera baaftoota mana maree kutaalee biyyattii 50 keessaa 18 to'ata.
Tiraamp akkamiin marsaa 3ffaaf pirezidantii ta'uu danda'u?
Deeggartoonni Tiraamp heera mootummaa keessatti qaawwi mana murtiitiin hin qoratamne jira jedhu.
Fooyya'iinsi 22ffaan namni tokko marsaa pirezidantummaa lamaa ol "filamuu" qofa ifatti dhorka jechuun falmu, haata'u malee waa'ee "walitti aansee" homaa hin dubbatu.
Tiyoorii kana jalatti, Tiraamp filannoo bara 2028 irratti kaadhimamaa biraa, tarii itti aanaa pirezidaantiisaanii JD Vaans waliin dorgomaa ittiaanaa pirezidantii ta'uu danda'a.
maan saanii yoo injifatan ammoo, kaadhimamaa kun Waayit Haawusitti waadaa seenuudhaan battalumatti aangoo gadhiisee, Tiraamp itt darbuudhaan aangoo akka fudhatan gochuu danda'a.
Podkaastar fi gorsaan beekamaan duraanii Tiraamp Isteevan Baanoon, Tiraamp ''dorgomuudhaan deebi'ee injifachuu danda'a'' jedhee akka amanu ibsuun, akkamitti akka ta'e murteessuu keessatti ''filannoowwan hedduun'' akka jiru dubbatan.
Andii Ogles, Rippabilikaan Teeneesii Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa keessatti, baatii Amajjii keessa murtee dhiyeessan, fooyya'iinsi heera mootummaa pirezidantiin tokko hanga marsaa sadii akka tajaajilu gaafatu, hanga isaan walitti aansuun hin jirretti.
Kana jechuun pirezidantota duraanii lubbuun hafan hunda keessaa Tiraamp qofatu ulaagaa guuta jechuudha. Baaraak Obaamaa, Biil Kilinton fi Joorji W Buush hundi isaanii marsaa walitti aansuun kan tajaajilan yoo ta'u, Tiraamp bara 2016 injifataniiru, bara 2020 mo'aman, bara 2024'tti ammoo irra deebi'anii injifatan.
Haata'u malee, namoonni akka dubbatan taasisulleen, fooyya'iinsa heera mootummaaf ulaagaan ol'aanaa ta'uun isaa yaada Ogles kana karaa abjuu taasisa.
Marsaa sadaffaa Tiraamp eenyutu morma?
Dimookiraatonni mormii cimaa qabu.
Bakka bu'aan Niiw Yoork kan yeroo jalqabaaf Tiraamp aangoo irraa kaasuuf gorsaa olaanaa ta'uun tajaajilan, Daani'eel Gooldmaan, "Kun carraaqqii ifa mootummaa fudhachuu fi dimokiraasii keenya diiguuf godhe cimaa gara biraati," jedhan.
''Rippabilikaanonni Kongireesii Heera Mootummaatti yoo amanan, hawwii Tiraamp marsaa sadaffaa kana mormuun hanga dhumaatti deemuu danda'u."
Paartii Tiraamp keessas namoonni tokko tokko yaada badaadha jedhnii yaadu.
Senetar paartii Rippabilikaan Markwayne Mullin, Oklahomaa irraa, ji'a Guraandhalaa keessa, yaaliin Tiraamp Waayit Haawusitti deebisuuf godhamu akka hin deggerre dubbataniiru.
''Hunda dura, ani heera mootummaa hin jijjiiru, yoo ummanni Ameerikaa akkas gochuu filate malee,'' jechuun Mullin NBC'tti himeera.
Ogeeyyiin seeraa maal jedhu?
Yunivarsiitii 'Notre Dame' keessatti pirofeesara seera filannoo kan ta'an Deriik Mular akka jedhanitti, Fooyya'iinsi Heera Mootummaa 12ffaan ''namni heera mootummaatiin pirezidantii ta'uuf ulaagaa hin guunne kamiyyuu kan itti aanaa pirezidaantii Ameerikaa argachuuf ulaagaa guutuu hin qabu'' jedha.
Kana jechuun yeroo lama aangoo irra jiraachuun nama kamiyyuu kaadhimamaa itti aanaa pirezidantii ta'uun akka hin dorgomne taasisa jechuudha akka ilaalcha isaatti.
''Yeroo daangaa pirezidantummaa bira darbuuf 'toftaa ajaa'ibaa tokko' waan jiru natti hin fakkaatu,'' jedhan.
Yunivarsiitii Kaaba Bahaa Booston keessatti pirofeesara seera heera mootummaa kan ta'an Jaramii Pool 'CBS New'tti akka himanitti, marsaa sadaffaaf, ''falmiin seeraa amanamaa ta'e hin jiru''.
Seenaa Ameerikaatti kan marsaa lamaa ol tajaajile jiraa?

Madda suuraa, Getty Images
Firaankiliin Deelaano Roozvelt yeroo afur filatamaniiru. Turtii isaa afraffaa irratti ji'a sadii booda, Ebla 1945tti du'an.
Kufaatiin Guddaa fi Waraanni Addunyaa Lammaffaa yeroo Roozvelt aangoo irra itti turaniif halluu kennan. Yeroo baayyees pirezidantii bara dheeraaf aangorra tureef isaaniitu caqafama.
Yeroo sanatti, daangeffamni marsaa lamaa pirezidantota Ameerikaa irratti murtaa'e seeraan haala barreeffamaatiin hin kaa'amne ture. Innis erga Joorji Waashingitan bara 1796tti marsaa sadaffaa didee as akka aadaatti hordofame ture.
Barri aangoo dheeraan Roozvelt kunis duudhaan kun jalqaba bara 1950moota keessa Fooyya'iinsa 22ffaa keessatti akka seeraatti akka barreeffamu taasise.












