Tiraamp dinagdeefi akkaataa daldala addunyaa jijjiiruu danda'aa?

Doonaald Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images

Doonaald Tiraamp karoorri isaa yeroo hundaa meeshaalee gara Ameerikaa galanitti qaraxa dabaluun laaffisuudha. Kaan garuu hojiirra oolmaa isaa shakku.

Tiraamp garuu karoora isaa kanarraa akka duubatti hin jenneefi waggoota kurnan dhufan keessatti sirna daldalaa addunyaa jijjiruuf akka jiru beeksiseera.

Karoora kana milkeessuuf ammoo tarkaanfiiwwan sirna daldalaa addunyaa jijjiruu danda'an keessaa meeshaalee gara Ameerikaatti galfaman hunda irratti taarifa dabaluun isa tokko

Tarifa waliigalaa 20 % hojiirra oolchuun galii guddaa doolaara tiriliyoonaan lakkaa'amu argachuuf mala kaa'amu akka ta'e gorsitoonni isaa tokko tokko kan himaa jiran.

Guyyoota darban keessa Pirezidaanti Tiraamp taarifni kaa'amu haala wal fakkaatun akka hin taane fi Ameerikaan michoota daldalaa isheef mala mijataa akka fudhattu cimsanii ibsaa turan.

Haa ta'u malee, kun keessumaa biyyattiin qaraxa gatii dabalataa akka bifa taarifaatti argattu %10 ykn %20 hojiirra ooluu danda'u kan hin hambisu ta'a.

Biyyoonni baay'eenis sadarkaa adda addaatti taarifni bu'ura kun kan irra kaawwamu ta'uun ibsameera. Kun ammoo murtee Pirezidaantii Tiraampin kan taasifamuudha.

Sirni dinagdee haala kanaan ta'ummoo dinagdee biyyootaa adda adda irratti dhiibbaa fiduun guddina isaanii danquu ykn baasii mootummaa hir'isuuf akka dirqaman isaan taasisa.

Fakkeenyaf dinagdeen UK dhibbentaa tokkon akka gadi xiqqaatutaasisuu danda'a.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akka qorannoon Yunivarsiitii Aston damee dinagdee irraa ba'e mul'isutti , sababa kanaan baasii waliigalaa addunyaa irratti doolaara tiriliyoona 1.4 (£1.1tn) ta'uu jijjirama fiduu da'anda'a, ykn daballiin gatii waliigalaa taasifamuu danda'a.

Gamtaan Awurooppaa dhaabbilee teeknooloojii Ameerikaa irratti xiyyeeffachuun tarkaanfii qaraxa dabaluu haaloo ba'uu fudhachuu akka danda'u tilmaamni jira.

Garuu biyyootni michuu US ta'an akka UK tarkaanfii sana haaloo ba'uu osoo hin taane, dhabbilee teknolojii Ameerikaaf gibira guddaa hir'isuu yoo filatte faallaan guddaan jiraachuu danda'a.

Wldhabbii daldalaa injifachuun rakkisaadha, akkasumas biyyoota hundaatti kisaaraa geessisu danda'a.

Taarifa waliigalaa 20% ykn kan kanaan wal gitu, sirna daldala idil-addunyaatiif bu'aa seena qabeessa ta'a, taarifa Smoot-Hawley gara jaarraa tokko ta'uu waliin wal qixa.

Asitti garuu wanti kana caalu jira. Itti aanaan pirezidaantii J. D. Vaans haasaa ji'a darbe taasisaniin bulchiinsi isaanin giloobaalayizeeshinii akka kufaatiitti akka ilaalu ibsan.

Yaadni bu'uuraa dhiyeessan "biyyoota dureeyyii ta'anitti gatii daran ol ka'u, fi, biyyoonni hiyyeeyyiin ammoo wantoota salphaa oomishu waan ta'eef gatiin akka hir'atuuf jedhu akka hin hojjanne eeran.

Haa ta'uu alee biyyootni kaaniif biyyootni akka Chaayinaa gabaa waliin dorgomuuf akka rakkatan kan ibsamaa jiru.

Ameerikaan har'a michoota ishee irraa garmalee yoo fagaatte Chaayinaan itti fayyadamuuf qophii ta'a.

Fakkeenyaaf, daldalli Ameerikaa Awurooppaa keessatti hir'achuun isaa, meeshaaleen elektirooniksii, uffataafi meeshaalee taphaa gatii madaalawaa ta'an Baha irraa gara UKtti dhufuu isaaniitiin madaalamuu danda'a, kunis meeshaaleen kun gabaa Ameerikaa irraa waan deemaniif gatii gadi bu'uu danda'a.

Wanti kana booda jalqabu Ameerikaa f gocha daldalaa ishee jijjiiruu qofa osoo hin taane sirna addunyaa mataa isaa jijjiiruuf kan akeekedha.

Konkolaattota heddu

Madda suuraa, Getty Images